Bara baraaf biyya ofii faarsuu: Afuura dhalotaa dhalootatti darbe

Kaleessi ayyaana waggaati. Akka aadaa itti guddannetti Ayyaana Qilleeti jedhamee beekama. Daandii amantaatiinmmoo guyyaa dhalootaati; guyyaa dhaloota Gooftaa Yasuus Kiristoos. Guyyaa kanatti baadiyyaatti Qillee taphatanii, sirbanii farsoo dhuganii weedduufi weelluu dhangalaasu. Magaalatti amantaan walqabatee sirna hoodhaan kabajama, kennaatu waliif kennama. Hordoftoota amantii kiristaanaa hundaan baga guyyaa dhaloota Gooftaa Iyyasuus baga geessan.

Taaddalaa Gammachuu, artiistii beekamaan Oromoofi Afaan Oromoo, jala bultii ayyaana Qillee kanaatti sirba “bara bara” jedhu ummata Oromootiif kennaan dhiheesseera. Torbee kana keessa sirbi Taaddalaa Gammacuu ‘Bara Bara” jedhu marsariitii hawaasaarratti bal’inaan naannawaafi dhagahamaa tureera. Yeroo dhimmi Oromoofi Oromummaa akka laafuu ta’e kanatti, sirbi kun bahuunsaa gurra ummataaf xiyyeeffannaa akka argatu kan taasiseedha jechuun ni danda’ama.

Si yaa ifa mootii dukkanaa

Sona jireenya gammachuu

Kan kee si’achii si’anaa

Yeroon ulfina kee galchuu (x2)

Si yaa Oromiyaa (X2)

Si yaa biyya tiyya

Xiinxala qabiyyee walaloo beektotaafan dhiisa. Isaantu sokoofi sorgosaa baasuu beeka. Taaddalaattis nan deebi’a. Isa dura sirboota Oromiyaa faarsan ilaalchisee xiqoon afuura baafadha; waan keessoo kooti.

Weellistooti hedduun Oromiyaa akka faarsan nan beeke. Hundasaanii maqadhan hin yaaddadhu ykn beekuu dhiisuun danda. Akkuma Taaddalaan gootota Oromoo hunda maqaa dhahuu dadhabe sana anis artistoota gootota kanneen keessaa kana fakkeenyaaf kaasu isaan muraasa. Kanaaf, na oofkalchaa.

Sirbooti Oromiyaa faarsan jalqabarratti weellistoota biyyaa baqatanii biyya ambaa jiraataniin weellifamaa ture. Alii Birraa, artistii keenya kabajamaa bara baraa, Oromiyaa faarsuurratti kan ittiin morku waan jiru natti hinfakkaatu. Sirbooti Alii Birraa Oromiyaa! Oromiyaa! Aaddee Oromiyaa! jedhan umrii dheeraa qabu. Nuuhoo Goobanaa, Zarhun Wadaajoo, Qamar Yusuuf, Oromiyaaf weellistoota jalqabarratti weelluu dhangalaasaniidha.

Waggoota 30 asimmoo sirbooti Oromiyaa faarsan heddummatanii dhagahamaa turaniiru. Dhalooti seenaafi gootummaa walirraa dhaalee Oromiyaa! Oromiyaa! jedhee sagalee olqabatee lallabeera. Kanneen sirboota kanaan gammadanii sirban, kanneen xiiqiin itti dhagahamee waan biraa yaadaan, kan gaddanii imimmaan itti dhangalaasan danuudha. Sirboota kanneen walitti dikkananii qabiyyeesaanirratti qo’annoo guddaa adeemsisuun ni danda’ama.

Sirbooti biyya faarsan qalbii namaa harkisuu, sammuu namaa keessatti dhaamsa hinbadne olkaa’u. Sirbooti biyya faarsan hedduunsaanii dhama aartii qofa miti kan qaban. Walaloo bareedaan kanneen tolchamaniidha; yedaloonsaanii qalbii namaa gonfatu. Sagaleen ittiin sirbaman kiiloleedha. Kanaaf onnee namatti horu, tokkummaa uumu, jaalala biyyaa dagaagsu. Sirbooti Oromiyaa faarsanis hedduunsaanii amala akkanaa qabu.

Ani sirba Oromiyaa wajjin walqabate kan jalqaba sirriitti dhageeffadhe kan Artisti Alii Birraati. Yeroonsaa bara 1984. Yeroo Ayyaanni Makkoo Billii Dambidoollootti kabajame gabaasnee deebinun Naqamteetti bitadhe. Kaasseta halluu keelloo qabu kan suurri Artisti Alii Birraafi Majii Haruun irra jiruudha. Hanga yeroo dhihootti na harka ture. Booda Ijoollee koottin dabarse.

Sirbi Oromiyaa! Oromiyaa! jedhu kun yeroo sana ajaa’ibaaf dhageeffatame. Artisti Alii Birraa biyya ambaa, biyya itti baqatee keessa jiraatuu sirba kana gurra Oromootiin gahe. Qabsaa’aa qaalii ummata Oromoo ta’e kun bakkawwan deeme hundatti dhimma Oromiyaa, Afaan Oromoo, aadaa Oromoo, seenaa Oromoo sagalee olkaasee lallabeera. Dhaloota Oromoo biratti kabaja bara baraa qaba.

Artisti Qamar Yusuuf bara 1998 kan weellise “Teessoo na gaafannaan jedhe Oromiyaa” yeroo sanatti gurra miliyoonotaa booji’eera. Innis akkuma Alii biyya ambaatti weellise. Wanti kun seenaa barreessitoota Afrikaa bara sochii Paan Afrikaa nama yaadachiisa. Sochii kana keessatti Afrikaanoti Afrikaa ala sababa barumsaafi haaloota adda addaatiin bahan walaloodhaan, asoosamaafi tiyaatiraan akkasumas artiiwwan adda addaatiin Afrikaa faarsuudhaan sochiin Paan Afrikaa akka cimu taasisuusaanii seenaan ragaa baha. Sochii kana keessatti sochiin Neegriituud jedhamu seenaa bal’aa qaba.

Weelluun Oromiyaa faarsu Oromoota sababa siyaasa biyya kanaatiin Oromiyaadhaa baqataniin jalqabe booda biyyatti gale. Keessattuu dhalooti qubee angafootasaaniirraa dhaalanii dirree bal’aatti baasan. Haacaaluu Hundeessaa, Izqaa’el Mazammir, Kekiyyaa, …lakaawamee kan dhumuu miti. Anallee na ofkalchaa.

Oromiyaa tana artistooti hedduun faarfataniiru. Artistii xiqqaa hanga guddaatti, beekamaa hanga jalqabaatti. Hunduu Oromiyaan badhaatuu ta’uu ibsaniiru. Dhuguma Oromiyaan qabeenya uumamaatiin kan badhateedha. Oromiyaan aadaa babbareedaadhaan faayeffamteedha. Oromiyaa sirna siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa kan ofiishii tolchachuudhan beekamti. Kobbortaa ergisaa baay’ee hinqabdu.

Weellistoota kanneen hunda duubatti deebi’ee kan na yaadachiise weelluu haaraa Taaddalaa Gammachuu jidduu kana gadi lakkiseedha. Taaddalaa Gammachuu seenaa weellistoota Oromoo keessatti bakka gaarii qaba.

Artistii sirboota aadaafi ammayyaa walmaddiiti weellisuufi kan sagalee addaa, kansaa qofa ta’e, qabuudha. Artistii jaalatamaadha. Artistiin kun sirbi torbee kana gadi lakkiseen yeroo kana keessa sagalee olfuudhatee Oromiyaa faarseera. Kunimmoo waan hedduu kan nama yaadachiisuudha. Gaariif yaraa, tokkummaafi qoodinsa, ciminaafi laafinsa, milkiifi milkii dhabuu…

Kan darbe yaadachiisuuf qofa osoo hintaane kan gara fuulduraas raaguuf ni gargaara jedheen amana. Sirba kana keessatti abdiitu mul’ata; tokkummaatu calaqqisa; dukkanatu ifaan jijjiirama., jaalalatu anga’a; gootummaatu abbaa godhata.

Weelluun Taaddalaa Gammachuu kun waan hedduu of keessatti kan hammateedha. Hayyoonni, qabasaa’otiifi beektoti Oromoo sirba kana keessatti maqaansaanii dhahameera. Itti yaadamee kan maqaansaanii dhahameedha. Sirba ittiin barreeffachuufi yeroo ittiin guttachuufii miti. Goototi kunniin ummata Oromootiif fakkii gaariidha. Kanneen faranjiiti ‘Role model’ jedhaniin sana. Namoota akkasumatti jiraatanii taran osoo hin taane namoota seenaa dalaganii, dhalootaaf raacitii seenaa ummata Oromoo kaa’anii darbaniidha.

Jarreen kunniin nama tokko qofa miti. Uumamaan nama tokko ta’anillee isaan mataasaanitiin ummata. Ummata seenaa hojjate; ummata aadaa dagaagse. Ummata walqixxummaaf lubbuusaanii kenneedha. kanaaf Tokkon tokkoonsaanii kitaaba fuula danuu qabuudha.

Seenaa dhaloota Oromoo warra baataniidha. Tokko tokkoonsaanii ni dubbifamu. Gaafa Taaddasaa maqaan dhahamu namni seenaa qabsoo ummata Oromoo dubbisuu jalqaba. Kanneen kaanitis haaluma kanaan hubatamuu qaba.

Maqaa jagnoota sirba Taaddalaa Gammachuu keessatti maqaan dhahame ilaalchisee qeeqa tokko tokko miidiyaa hawaasaarratti mil’achaan ture. Qeeqichi sirrii natti hinfakkaatu. Garaan harmee Oromiyaa bal’aadha. Gootota kumaan lakkaawaman qabdi.

Kanneen hunda maqaa dha’uun rakkisaadha. Warri ganda gandaan maaliif yaamuu dide jedhan gendeewwaniidha. Warra tokkummaa ummata Oromoo diiguuf hojjataniidha. Namni gaafa sirbicha dhaggeeffatu gootata kaanis akka yaadatan shakkii hinqabu.

Akkuma Taaddalaan amane Jeneraal Waaqoo Guutuu itti dabaluun gaariidha. Anaafi, garuu dabalamuu baatanis Waaqoo Guutuu ija-banaa qabsoo ummata Oromooti. Yoomiyyuu hindagatamu. Weelluu kana keessatti jagna kanaafi kanneen biroo itti dabaladhee weellisaan jira. Isinis kan hafe itti dabaladhaa. Taaddalaan garuu waan jechuu qabu jechuudhaan gaheesaa baheera. Oromoo gara yaada tokkootti deebiseera.

Tokko ta’uudhaan waan arganne, tokkummaa dhabuudhaan waan waliin dhabnes hundi keenyaa beekna. Amma tokkummaa Oromoo burjaajessuuf diinni alkanii guyyaa hojjetan jiru. Oromoon ammoo saba akka laayyootti tokkummaasaa dhabuu miti.

Osoo Oromoon kan tokkummaa dhabu ta’ee qoqqooddiin sirnoota darbanii kan jaarraa tokkoo olii sanatu balleessa. Osoo akka karoora ifaafi dhoksaa qabatanii irratti hojjechaa turaniitii ummati Oromoo jedhamu yeroo kana hinjiraatu. Afaan Oromoo akkuma afaan Gaafaat dachii kanarraa badee seenaa ta’eera.

Dhalooti kaleessaa gaheesaa baheera. Oromiyaa akka yaadaatti qofa osoo hintaane akka dachii kaartaa qabduutti uumaniiru. Dhalooti qubee raaceta kaleessaa bu’uura godhatee hanga tokko Oromoofi Oromummaa maayila dheeraa fuulduratti fideera.

Ammaaf gufuuwwan xixiqqoon mul’achaa jiraatanillee, waan adeemsa Oromoofi Oromummaa dhaabu kan ta’uu miti. Kan Oromoofi Oromiyaa fuulduratti malee duubatti wanta deebi’u miti. Kana kan mirkaneessu dhaloota. Dhaloota yeroo yeroon baallii walirraa fudhatu. Weelluun Taaddalaa Gammachuu kanuma hima. Kennaa Oromoof yeroo cimaa kanatti kennameedha. Galatoomi artiistii keenya.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You