Fayyaa: Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti fayyaa jechuun dhukkuba dhabuu qofa osoo hintaane; guutumaatti qaamaan, hafuuraan, sammuun fayyaa ta’uufi hawaasa waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu jechuudha. Jechi fayyaa jedhu, fayyaa sammuutiin alatti hiika hinqabu. Fayyaan keenya fayyaa sammuu keenyaa irratti hundaa’a. Fayyaan sammuu fayyaa qaama keenyaatiif bu’uura.
Fayyaa sammuu: Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti namni tokko sammuun isaa fayyaadha jedhamuuf; dadhabinaafi cimina ofii addaan baasee yoo beeke, rakkoowwan jireenya keessatti nama mudatan irraa kan dandamatu yoo ta’e, dalagaa isaa karaa sirriifi bu’a qabeessa ta’een kan hojjatuufi hawaasa isaatiif waa gumaachuu yoo danda’edha.
Dhukkuba sammuu: Dhukkuba akkaataa itti yaadan, itti hubatan, sirna dhaga’uu, sirna arguufi haala jireenya namaa kanneen sammuun hogganaman kan jeequufi jijjiirama amalaa kan namatti fiduudha. Jijjiirama amalaa jechuun; hariiroon namoota waliin qabnu jeeqamuu, hojii idilee ofii raawwachuu dadhabuu, baay’ee yaadda’uufi dhiphachuu, amala addaa, ilaalchaafi duudhaa hawasaatiin wal hinqabanneefi wal dhiitu yookaan wal dhabu akkasumas gocha sadarkaa barnoota isaaniitiin wal hinmadaalle agarsiisuudha.
Akaakuuwwan dhukkuba sammuu
- Mukuu cimaa (major depressive disorder)
- Yaaddoo, dhiphuufi sodaa sababaan alaa (Anxiety disorder)
- Gaggabdoo /dhibee nama kuffisu (Epilepsy)
- Sodaa hawaasaa (social phobia)
- Dhugaa addunyaatiin ala bahuu (psychosis)
- Dhiphina sammuu da’umsaan boodaa (post-partum depression)
- Rakkoo araada garagaraa fayyadamuun dhufu
(substance related disorders)
- Rakkoolee saalqunnamtiin wal qabatan (sexual disorders)
- Rakkoolee hirriiba waliin wal qabatan (sleep disorders)
- Rakkoolee nyaata waliin wal qabatan (eating disorders)
- Rakkoolee fayyaa sammuu daa’immanii waliin wal qabatan (child psychiatry)
- Mallattoolee dhukkuba sammuu
- Mukuu cimaa,
- Dalagaa dalaguuf fedhii dhabuu,
- Ulfaatinni qaamaa hir’achuu ykn dabaluu,
- Hirriiba dhabuu ykn yeroo baay’ee rafuu,
- Yaada yookiin yaalii ofiifi nama biroo ajjeesuu taasisuu,
- Olka’iinsa rukkuttaa onnee,
- Yoo iddoo namoonni itti heddummaatanitti argaman sodaan humnaa olii namatti dhaga’amuu,
- Jijjiirama amalaa mul’isuu,
- Ummata fuuldura dubbachuu baay’ee sodaachuu,
- Araada garagaraa irratti bobba’uu,
- Namoota hinbeekne dubbisuu sodaachuu,
- Namoota fuulduratti nyaachuu ykn dhuguu sodaachuu,
- Kuffisuu, hollachuufi hoomachi afaanii jiguu,
- Ilaalcha gaarii hintaanee ofiif qabaachuu,
- Wanta kamuu irratti xiyyeffannaa dhabuu,
- Gammachuu guddaa sababni isaa hinbeekamne qabaachuu,
- Sababa malee dallanuu(aaruu),
- Yaada dhugaa hintaane kan waan hawaasa keessa jiran waliin walhin fakkaanne, kan sadarkaa barnoota isaatiin wal hinmadaalle, kan aadaa hawaasa keessa hinjirre qabachuufi itti cichuu (delusion)
- Wantoota namoonni biraa hinargine arguufi dhagahuu. Foolii namoota biraatti hindhagahamne itti dhagahamuu (hallucination).
Dhukkuba sammuufi dhukkuboota biroo
Dhukkubni sammuu dhukkuboota biroo hedduuf nama saaxila.
1. Dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi onnee: Namoonni dhukkuba sammuu qaban tokko tokko sababa sochii qaamaa madaalawaa hinhojjanneefi soorata isaanii humnaa ol nyaachuu / binge eating/ waan danda’aniif salphaatti furdina garmaleef saaxilamuu danda’u. Furdina irraa kan ka’e dhukkuboota akka; suukkaaraa, dhiibbaa dhiigaatiifi dhukkuba onneetiin qabamuu danda’u.
2. Dhukkuba sombaafi tiruu: Namoonni dhukkuba sammuu qaban yeroo hedduu araadota akka sigaaraafi alkoolii baay’inaan fayyadamu. Sabaaba kana irraa kan ka’e carraan dhukkuba sombaa, tiruufi onneetiin qabamuu isaanii olka’aadha.
3. Hanqina nyaataa: Sababa dhukkuba sammuutiin nyaata isaanii karaa sirrii ta’een nyaachuu dhiisuu malu. Akkasumas sodaa nan furdadha jedhuuf nyaata dhiisuu /Anorexia nervosa/ irraa kan ka’e hanqina nyaataaf saaxilamu. Nyaata nyaachuufis fedhii dhabuu ykn diduu malu, kana malees kunuunsaafi xiyyeeffannoo dhabuudhaanis beelaan waan dararamaniif.
4. Dhukkuboota daddarboo: namoonni dhukkuba sammuu qaban sababa qulqullina dhuunfaa /poor self-care/fi naannoo isaanii hineegganneef salphaatti dhukkuboota daddarboon qabamu.
5. HIV/AIDS: Namoonni dhukkuba sammuu qaban carraan dhukkuba HIV/ AIDStiin qabamuu guddaadha; sababni isaa dubartoota/dhiirota hedduu waliin walquunnamtii saalaa rawwachuu danda’u /multiple sexual partiner/, saala walfakkaataa waliin walqunnamtii raawwachuu /homosexual/fi qorichoota adda addaa lilmoo qulqullina hinqabneen fayyadamuun dhukkubichaaf isaan saaxila. Akkasumas turtii karaarra jiraatanitti gudeedamuu danda’u.
6. Rakkoo saalqunnamtii: dhukkuba sammuutiin walqabatee saalqunnamtii irratti dhiibbaan uumamuu danda’a. Fakkeenyaaf walqunnamtii saalaaf fedhii dhabuu, ka’uu dhabuu qaama saalaa, walqunnamtii saalaa keessa turuu dadhabuu, fedhiin saalqunnamtiif qaban ol ka’uufi kkfn.
Dhukkuba sammuu irraa fayyuun ni danda’ama. Dhukkubni sammuu akkuma dhukkuba biroo dawaa kan qabuufi irraa fayyuun kan danda’amuudha. Namni tokko yeroo jalqaba dhukkubni irratti argame ykn akkuma mallattoo dhukkubichaa of irratti argeen yoo dafee wal’aansa argate, carraan dafanii fayyuu olaanaadha. Garuu dafanii kan hin yaalamne yoo ta’e namatti cimuun gara dhukkuba sammuu cimaa isa olitti jijjiiramuu danda’a.
Kanaaf namni mana wal’aansaa deemee gorsaafi dawaa barbaachisu ogeessa fayyaa biraa fudhate ni fayya. Yoo guutuummaatti fayyuu baates dawaa fudhataa jireenya isaa karaa sirrii ta’een gaggeeffachuu danda’a.
Icciitiin koo naa hineeggamu jedhanii mana yaalaa deemuu dhabuu.
Yeroo ogeessa fayyaa sammuutiin ilaalamtu, odeeffannoon dhukkuba kee eeyyama keetiin ala nama biraatti darbee hinhimamu. Tari yoo ogeessi fayyaa afaan ati beektu kan hinbeekne ta’e, namni afaan hiikus odeeffannoo kee icciitiin qaba. Icciitii dhukkubsataa baasuun ogeessa fayyaa seeraan gaafachiisuu kan danda’uudha. Kanaafuu sodaa icciitiin koo na jalaa baha jedhuun yaala dhabuu hinqabdu. Icciitiin kee ni eegama. Koottuu yaalamii fayyi.
Walumaagalatti namni dhibee sammuu qabu tokko akka fayyuuf wal’aansa argachuun barbaachisaadha. Yoo dhukkubni kuni otoo wal’aansa hinargatiin ture, deebi’anii fayyuun isaas yeroo dheera fudhachuu danda’a waan ta’eef yeroodhaan yaala argachuu isaan barbaachisa.
Fayyaa hindhabinaa!
Fayyaan Faaya!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014