Qe’ee abbaan hineegganne ulfina hinqabu…

Oromoon Waaqatti dhihoo jira, saba yoo kadhate Waaqni dhagahuuf, biyya Waaqni battalatti rakkinasaa furuufiidha. Namoonni Oromoo jaalanna jettan, kanneen dallantanii biyya alaa jirtan, kan dallantanii bosona jirtan, kanneen dallantanii biyya jirtan gara nagaatti dhuftanii nageenyaan jiraachuu qabdu.

Yaa ilmaan Oromoo baroota saddeettamoota keessa bakkawwan shan dhaabannee kufuu keenya yaadadhaatii warra kaleessa qe’ee teenyatti nu fixaa ture maddii dhaabachuu dhiisaatii gara hawaasa keessaniitti deebi’aa.

Ummanni keenya har’a bakka kaleessa ittimiidhame, eenyummaansaa ittidhiitame hinjiru. Qabsoo guddaa godhameen morma keenya ol kaasnee addababa’iitti baanee murteessuu jalqabneerra. Mirga aarsaa guddaadhaan arganne kana cimsinee eeggachuu qabna.

Yaa ijoollee Oromoo warreen diinatti makamuun dogoggoraan biyya diiguuf deemtan dhaabadhaa of ilaalaa. Yoo mufattan akka seera abbaa Gadaatti isin araarsinaa dacha’aa galaa.

Oromoon, “Qe’ee abbaan hineegganne ulfina hinqabu” jedhee kan mammaaku dhugaa waan argeefi. Eeyyee Itoophiyaanis biyya lafee gootota Oromoon ijaaramteedha.

Oromoon itti dadhabee, ittidafqee biyya ijaarrate kana walabummaashee eegee har’aan ga’eera. Qeerroofi qarreen kaleessa Wayyaanee taankiifi baankii harkaa qabdu dhagaadhaan ari’e har’a leenji’ee meeshaa waraanaa ammayyaa hidhatee qoricha qotaafii jira.

Faallaa kanaatiin miseensonni ergamaa Juuntaa, shororkeessaa Shaneen Afaan Oromoo dubbatu, ganda keessa deemanii ummata nagaa dararaa akkuma gitasaa, TPLFtti dhabamsiisuuf hunduu duula eegalame utubuu qaba.

Qaamni kun akkuma hantuunni gumbii uruu haadhashii jalaa barti jedhamu san gochuma gitnisaa kun biyya keenya gara kaabaatti raawwataa ture qe’ee Oromootti lubbuu namoota qulqulluu galaafataa, bu’uuraalee misoomaa maseensaa, midhaan haamamee tuulameefi oyiruurra jiru barbadeessuun gocha gara jabeenyaa dhalli namaa namarratti ni raawwata jedhamee hin yaadamne raawwataa jira.

Akka Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa tibbana jedhanitti, miseensonni shororkeessichaa yeroo waraanni ittideemu hidhannoo hiikkatanii ummata fakkaachuun yeroo waraanni irraa fagaatummoo hidhachuun ummata hiraarsaa jiru. Gochi akkanaa gantummaa olaanaa waan ta’eef tarkaanfii cimaa fudhatamaa jiruun dhabamsiifamaa jira.

Murni kun waamicha abbootiin Gadaa kanaan dura taasisaniif waan fudhachuu dideef “Diina Oromoo waan ta’eef ofirraa dhowwuuf waliigalleerra. Ilmi Oromoo, Oromoo ajjeese diina malee Oromoo akka hintaane waliigallee murtee dabarsineerra” jedhan. Kanuma!

BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014

Recommended For You