Torbee har’aa, sanbata darbe jechuu kooti, dhimma tokko foddaa televisiyoona OBNn hordofaan ture. Dhimmichi tamsa’aa ture ajandaa cimaadha- akka biyyaattis, akka Afriikaattis, akka addunyaattis. Kanan gurra koo ‘tv’tti qabee, ija koo itti fannisee dhaggeeffachaafi daaw’achaa ture. Achumaanis takka nyaara guuraa, takka seeqaa, takka ofiin haasa’aa caqasaa ture.
Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatii darbaa ture sagantaan kallattii tv kun; sanaayyuu Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknoolojii Adaamaa keessaa. Dhimmichi garuu kallattiidhaan dhimma yunivarsiitichaa miti. Alkallattiidhaan garuu ni ilaallata. Dhimmichi dhimma biyyaati; kan dhaabbilee mootummaas ta’e mitmootummaa, kan anas, sis, isas, ishiis ilaallatuudha. Dhimma qaamni hunduu xiyyeeffannaa itti kennuu qabuudha.
Dhimmi cimaan kun dhimma malaafi maltummaadhaan qabeenya ummataa hatuuti. Maqaasaa diddibanii miidhagsanii ‘malaanmaltummaa’ jedhaniin. Yoo maqaa gocha gadheen walqabate kana waaman wanti keessoo namaa suntuursu waan jiru natti hinfakkaatu. Mala beekaa nama fakkeessa malee nama hate ta’uu hinibsu. Jecha nama qaanessu miti. Kanaaf maqaan kun osoo ilaalamee yaada jedhu kan waltajjiirratti ka’e anillee nan deeggara.
Kan kora duula farra ‘malaan hattummaa’ kana walitti waame Komishinii Naamuusaafi Farra Malaanmaltummaa mootummaa naannoo Oromiyaati. Komishinichi qaama gocha hamaa kana akka ittisuuf ijaarameedha. Qaama aangoo guddaan seeraan kennameefiidha. Hagam aangoo seeraan kennameef kanatti fayyadamee gochoota hannaa maloota adda addaatiin raawwataman kanneen ittise? Kun komishinichaafis, ummataafis gaaffidha. Gaaffii kana banaa godhanii bira taruu wayya.
Kora kanarratti namoota hedduutu argame; manneen hojiifi qaamota gara garaa bakka bu’anii. Qaamolee mootummaa guguddoo keessaa pirezidaantii ittaanaan mootummaa naannoo Oromiyaa, pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, ittigaafatamtoota biroofi sadarkaalee adda addaarra jiraniidha.
Qondaalonni naamusaa manneen hojii hedduu keessatti akka hojii seeraan itti kenname hinraawwanne birokraasiifi maloota adda addaatiin sakaalamanii biiroo keessatti amuummachaa oolanis irratti hirmaataniiru.
Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, baratttoota, … qaamoleen kunniin walga’anii farra hattummaarratti mari’achuunsaanii waan gaariidha. Ammas gaaffii kan ta’u wanti irratti mari’atame gaggaariin sunniin hagam hojiirra oolu? Kan achitti argame hunduu ofgaafachuu qaba.
Hojiirra oolchuufis carraaquun dirqama natti fakkaata. Akkuma namoota naamusa garii agarsiisanii badhaafaman, akkuma hirmaattota gocha hattummaa wajjin kokkee walqabanii beekamtiin kennameef sana gochaadhaan agarsiisuun qabsaa’aa naamusaa, loltuu farra malaan hattummaa nama taasisa.
Korri kun maaliif waamame? Guyyaa farra malaammaltummaa akka Oromiyaatti yaadachuufi isatti qabatanii hubannoo namaa dabaluufi. Gochoota tokko tokkoof guyyaan kan moggaafamuuf kanaafi. Nama yaadachiisuuf, beekumsa cimsuufi.
Guyyaan farra malaanmaltummaa jalqaba addunyaarratti kabajamuu eegale. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniiti kan guyyaa kana moggaase. ALA Mudde 9 ykn Sadaasa 30 guyyaan kun guyyaa farra malaanmaltummaa ta’ee akka kabajamu murtaa’e. Sababiinsaas malaan hattummaan ykn malaanmaltummaan addunyaarratti garmalee waan dagaageefi. Guyyaa kana moggaasuudhaan hagam gocha badaa kana xiqqeessuun akka danda’amu hinbeeku.
Guyyaan farra malaanmaltummaa barana akka addunyaatti yeroo 18faf kabajame. Akka biyya keenyaattimmoo yeroo 17fa jedhameera. Akka Oromiyaattimmoo yeroo 16fafi. Dansa. Waggoota kanneen keessatti malaamaltummaan akka addunyaatti eessa gahe? Akka biyya keenyaatti hoo? Akka naannoo keenyaatti maal fakkaata?
Kora magaalaa Adaamaatti adeemsisame kanarratti waraqaaleen qo’annoo lama dhihaatanii ture. Tokko malaammaltummaa akka addunyaattiif akka biyya keenyaatti kan mil’ateedha. Inni biraa kan ogeessa komishinichaatiin dhihaateedha.
Waraqaawwan lamaanuu marii kakaasuuf gaarii turan. Malaammaltummaan akka addunyaatti maal akka fakkaatu ibsuuf, ibsasaanii dhugaafi lakkoofsaan (facts & figure) deeggaruuf yaalii godhaniiru. Garuu kan biyya keessaa akkasumatti luuccessanii irra taran.
Mana keessaa jechuunis hirmaattota keessaa namni tokko mee haalli (trends) biyya keessa jiru maal fakkaata? Malaammaltummaan dabalaa moo hir’ataa dhufe gaaffii jedhu kaasee ture. Gaaffii sirriifi bu’uuraati. Eddii akka biyyaatti waggaa 17faf akka naannootti waggaa 16faf guyyaan kun kabajamee qo’annoowwan kunniin durumaanuu dhimma kana ragaadhaan deeggaranii qabaachuu malu.
Yoo qo’annoon keessaa dhabamellee gaaffii hirmaattota keessaa ka’eef deebiin kennamuu qabaayyu. Garuu gaafichi akkasumatti gaaffiidhuma ta’e. Dubbiin ifa. Akkuma biyyaattuu qaamni ragaa (data) kana qindeesse jiraa laata nama jechisiisa. Kana bira taramees waan hedduu jechuun ni danda’ama. Sanas ta’e kana gaaffichi gaaffii bu’uuraa ta’uunsaa jala sararamee hubatamuu qaba.
Ani garuu ragaa addunyaa qaba. Malaammaltummaan akka addunyaatti qabeenya hedduu nyaachaa jira. Akka ragaan foramii dinagdee addunyaa ibsutti baasiin malaammaltummaa wajjin walqabatee jiru waggaatti gara doolaara Ameerikaa tiriiliyoona 2.6 akka gaheedha. Kun omisha waliigalaa addunyaa (GDP) keessaa %5 akka ta’eedha. Ragaan Baankii Addunyaa ammoo dhaabbileefi namoonni dhuunfaa waggaatti doolaaraa tiriiliyoona tokko matta’aa akka kaffalan ibsa. Keenyawoo meeqa ta’a laata?
Malaamaltummaan qaamota lama ilaallata. Kan malaammalu isa tajaajila kennu qofaa miti. Inni tajaajila argachuuf jedhus malaanmalaa hamaadha. Malaanmalaan hedduun waan hinmalleef, kan seerri hinkennineef, kan mirga irratti hinqabne argachuuf jecha kan gochaa kana keessa galu.
Tokko tokko haalli isa dirqisiisee matta’aa kennuunsaa hinoolu. Osoo hinjaalatin dhimma kana keessa gala. Otuma mirga qabuu mirgisaa sarbamee maallaqa baasee dhimma ofii ficisiifata. Caalaatti garuu gareewwan lamaanuu faayidaa hinmalle argachuufi, kan hanna keessa galan.
Guyyaan tokko yoo kabajamu dhaamsa ittiin kabajamu qaba. Guyyaan farra malaammaltummaa baranaa akka addunyaatti “Mirga kee, gahee kee, mallaammaltummaa didi” kan jedhuudha. “Your right, your role, say no to corruption” jedha Ingiliffaan.
Dhaadannoon akka biyyaatti filatame “Hoggansa naamusaan ijaarame, Xoobbiyaa malaammaltummaarraa qulqulloofteef!” jedha. Kan Naannoo keenyaa “Hoggansa naamusawaan, Oromiyaa malaammaltummaarraa qulqulleessuu” kan jedhuudha.
Kan biyya keenyaa akka biyyaattis ta’ee akka naannootti yaadamnisaa tokkuma. Dhaamsi kun kan xiyyeeffate hoggantoota barana muudamaniidha.
Guyyaan farra malaanmaltummaa baranaa kan kabajame filannoo marsaa 6fan gaggeeffamee mootummaa haarawaan akka biyyaattis ta’ee naannoleetti eddii hundaa’ee booda. Kana jechuun filannichaan walqabatee aanga’oonni hedduun muudamaniiru. Muudamichi buleeyyiifi haaraa hammata. Dhaamsichis jarreenuma kanneeniif darbaa jira.
Gocha malaanmaltummaa xiqqeessuuf kutannoon hoggansaa barbaachisaadha. Hoggansi malaammaltummaa xireeffatu, hoggansi faallaa malaammaltummaa dhaabbatu, hoggansi haqaafi dhugaaf hojjatu yoo jiraate malaammaltummaan ni xiqqaata. Hoggansa yoo jedhamu ammoo caalaatti warreen gugudddoorratti xiyeeffata. Garuu warreen xixiqqaa hinilaallatu jechuu miti. Kanaaf yoo hoggansi kun naamusa qabaate, naamusa hordofee hojiisaa raawwate kunis fakkeenyummaasaa qabatee haqaan hojjate. Kanaaf warri dhimmi ilaalu dhaamsicha irra deddeebi’ee dubbisuufi hubachuuf tattaafachuu qabu.
Akkuma addunyaattuu malaan maltummaan lafa kanarraa ni bada jedhamee hin yaadamu. Malaafi amaloota adda addaa waan qabuuf biyyootuma guddatanittillee malaan akka raawwatamu beekamaadha. Wanti gochuun danda’amu malaanmaltummaa hir’isuudha ykn xiqqeessuudha.
Yoo sirna gaari, iftoominaafi itti gaafatama qabu diriirsan, yoo kutannoon qaama hoogansa mootummaa jiraate malaanmaltummaan xiqaachuu ni mala. Yoo kana ta’uu baate dabalaa deema. Kanaaf hoggansi murteessaadha. Warri hogganamanis gahee mataasaanii qabu. Yoo qaamni lamaan waliin qindaa’anii malaammaltummaarratti duulan wanti jedhamuufi yaadamu galma gaha. Yoo ta’uu baate garuu oduudhuma ta’ee hafa.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014