Barri keessa jirru kun baroota darban caalaa yeroo itti odeeffannoon kallattii addaa addaan, karaa salphaa ta’een nama hundumaa bira ga’u keessa jirra. Odeeffannoo kana keessaa ammoo kan baay’inaan jireenya namootaa dhuunfatee jiru odeeffannoo miidiyaalee hawaasummaa akka ta’e beekamaadha.
Akka namoonni hedduun miidiyaalee hawaasummaa garaa garaatti harkifaman kan taasise inni guddaan namoonni odeeffannoo ariitiifi salphaatti akka argatan taasisa. Odeeffannoon kun ammoo qabatamaafi amanamaa qofa utuu hinta’in odeeffannoo haala addaa addaa irratti hundaa’uun dhaloota gowwomsaniifi karaarraa kaachisan oduu sobaa hamaa ta’uu danda’a.
Qorattoonni biyya Jarmanii oduu sobaa ilaalchisee qorannoo geggeessaniin hirmaattota qorannoo kana keessatti hirmaatan keessaa namoonni %59 ta’an miidiyaalee hordofan keessaa akka sobni isaan mudatu kan ibsan yoo ta’u, naannolee adda addaa biyyattiitti garuu hanga %80 akka ta’an G.L.R.D… 2019 kan jedhamu yeroo muraasa dura ibsee ture.
Kan nama dhibu yoo jiraate namoonni %80 ta’an ammas qorannoo kana keessatti hirmaatan oduun miidiyaalee gara garaarratti darban miidhaa guddaa geessisuu kan dandaa’an yeroo ta’an 78% (dhibbeentaa torbaatamii saddeet) ta’an ammoo oduun dharaa tamsa’an kun ijaarsa dimokraasiif balaa cimaa akka ta’e mul’isu.
Miidiyaaleen hawaasummaa kun namoota garaa garaaf akka meeshaa lolaatti isaan gargaaru. Wanti baay’ee nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate garuu ji’a tokko keessatti yoo xiqqaate biyya Ameerikaa qofa keessatti namoonni miliyoonni 159 ta’an marsariitii oduu dharaa tamsaasu akka do’atan “Allcott and Gentzkow” kan jedhaman qorannoosaanii keessatti nimirkaneessu.
Oduun saffisaanis marsariitiiwwan gara garaarratti tamsa’an hedduun isaanii bifa nama harkisuun kan dhiyaatan oduu sobaa akka ta’an qorannoon gara garaa ni argarsiisu. Inni kun ammoo diigamuu biyyoota gara garaatiif, babal’achuu jeequmsaaf, barbadaa’uu qabeenyaaf, duguuggaa sanyiif, qisaasa’uu dinagdeef, manca’iinsa amala dargaggootaaf, kufaatii biyyaafi dhalootaaf sababa guddaa ta’eera.
Sobdoonni hedduun miidiyaalee hawaasummaa garaa garaa irratti agarru isa dubbataniifi isa hojjetaniif itti gaafatamummaa fudhachuu namoota hindandeenye fuuncaa faayidaan kan harkifaman, dhaloota jijjiiruufi mul’ata fagoo namoota hinqabne namoota ilaalcha dhiyooti.
Egaa oduun sobaa wantoota hedduutti bu’a. Siyaasa, dinagdee, aadaa, hariiroo hawaasummaa….waa hedduu maqaa dha’uu dandeenya. keessumaa ammoo bara keessa jirru kana yeroo itti dhukkubni akka koronaa, oduun waraanaa ho’u keessatti dhugaa kan fakkaatan yaadaafi hawwii namootaa baay’eensaa dhugaa fakkaatee yeroo itti namoota hedduu bira ga’u arguun keenya hinoolu.
Fakkeenyaaf koronaan meeshaa lolaa bara kanaati, mana yaalaa keessatti vaayirasii hojjetame, namoota akka Bill Gates jedhamaniitu uumee daldala talaalliif fayyadama…kan jedhaniifi kkf hedduudha. Gama siyaasaanis wantoota hedduu agarra.
Wanti guddaan hubachuu qabnu yoo jiraate garuu rakkoon oduu sobaa gama siyaasaafi dinagdee qofaan utuu hinta’in nageenyaafi jireenya namaa irratti miidhaa mataa isaa danda’e miidhaa hamaa geessisa. Inni kun akka gadi fageenyaan itti yaadnuufi irratti hojjennu, dhaloonni keenyas dammaqee akka of eeggatu taasisa.
Rakkooleen gama miidiyaa hawaasummaatiin addunyaa keenya mudate akka gadi fageenyaan oduuwwan gara garaa miidiyaa hawaasaarratti tamsaa’an ilaalluufi itti yaadnu kan nutaasisuudha. Darbees mala ittiin oduu sobaa adda baafnu akka dhahannu, akka of irraa ittisnu, dhaloonni keenyas isa kana cimsee akka ofirraa qolatu gochuun murteessaadha.
Isa kanaaf ammoo qaawwa dandeettii jiru fooyyessuu, qorannoo oduu miidiyaaa hawaasummaa gara garaarratti geggeessuun maal akka fakkaatan hawaasaaf ifa taasisuun burqaa sobaa yeroo ammaa gar malee dhaloota faalaa jiru daangessuun barbaachisaadha.
Oduun yeroo si’anaa miidiyaalee gara garaarratti tamsa’aa jiran baay’inaan namoota itti gaafatamummaan itti hindhagaa’amneen, namoota mindeeffamanii dhara tamsaasuun kanfaltii irraa argataniin jireenyasaanii utubanii jiraachuu yaalaniin kan dhuunfatame sababa ta’eef hedduusaa yoo ilaallu dharaan kan guutame akka ta’ee agarra.
Nama fayyaa ajjeesanii, du’aa jiraachisanii, dhugaa soba fakkeessanii, soba ammoo kuulanii dhugaa fakkeessuun, sirrii akka dogoggoraatti, dogoggora ammoo sirrii fakkeessuun namoota gadi fageenyaan qoratanii bira hingeenye danuu gowwomsuun, kan gadduu male gammadee kan gammaduu male ammo akka gaddu taasisaniiru.
Biyyoota hedduu keessatti namoonni adda baafatanii hinilaalan taanaan, isa kaleessa isaan tamsaasan irra deebi’anii ilaalanii hangam dhugaa akka dubbatan adda baafachuun, isa har’aas gadi fageenyaan xiinxalanii yoo hinilaalle miidiyaalee gara garaarratti oduu faca’aa jiran akka dhugaatti fudhannaan miidhaansaa hamaadha.
Namoonni dhugaa hubachuu irra akka sobaan dhiita’an taasisaa jira. Jibba dhaloota keessatti facaasuun akka namoonni haalota addaa addaa irratti hundaa’ee walirratti ka’uuf daandii cimaa ta’aa jira. Namoonni sababa haalli mijateef miidiyaalee garaa garaatti fayyadamuu dandaa’an qofaaf dubbii dharaa tamsaasuun dhaloota balaa hedduuf saaxilaa jiraachuun beekamaadha.
Addumaan dhaloonni keenya isa kana adda baafachuun barbaachisaadha. Namoonni isa kana hingoone miidhaa hedduuf saaxilamaniiru. Meeshaalee ittiin dhugaa adda baafatanis (fact checking) fayyadamuun ofiifis ta’e hawaasni dharaan akka hinliqimsamne gochuun barbaachisaadha. Oduu sobaa adda baasuun hawaasni akka beeku taasisuun murteessaadha.
Addumaan ammoo yeroo keessa jirru kana hawaasni yeroo dheeraa itti kennuun miidiyaalee hawaasummaarratti oduu tamsaa’an utuu dhugummaasaa adda hinbaafatin akka fayyadamu wantoota hedduu irraa hubachuun nidandaa’ama. Qorannoowwan gara garaa akka addeessanitti biyyoota guddatan dabalatee namoonni miidiyaalee hawaasaa akka fayyadaman agarra.
Keessumaa Ameerikaatti namoonni dhibbantaan 68 ol ta’an miidiyaalee hawaasummaa gara garaa akka burqaa oduutti akka fayyadaman dubbata. Giddugaleessatti hawaasni addunyaa guyyaatti yoo xiqqaate sa’aatii 2:00fi daqiiqaa 23 ol akka miidiyaalee hawaasummaatti fayyadaman qorannoon nimirkaneessa.
Inni kun tarii waggaa sadii fuula dura waan ta’eef yeroo ammaa kana caalaa saffisaan guddachaa jiraachuun isaa beekamaadha. Waggoota darban keessa qulqullinni odeeffannoo isa har’aa irra fooyyee akka qabu hubachuun nama hin dhibu. Har’a garuu wantoonni hedduun hawaasarratti miidhaa guddaa fidaa jira jechuun nidandaa’ama.
Isa kanaaf yeroo kam caalaa of qopheessuun murteessaadha. Waan dhageenyu hunda akka sirriitti fudhachuu qofa utuu hinta’in gadi fageenyaan itti yaaduufi xiinxaluun, yoo kan nu amansiisu ta’e qofa simachuun gaarii ta’a. Inni kun akka ofis ta’e warra kaan oolchinu nugargaara.
Oduun sobaa itti yaadamee dhara irratti odeeffannoo hundaa’ee tamsa’uudha. Inni kun tarii nama gowwomsuuf kan itti yaadamee kalaqame ta’uu danda’a. Nama hamachuu irratti kan bu’uureffame ta’uus nidanda’a. Akkasumas odeeffannoo jiru daandii dogoggoraan fayyadamuu dabalachuu danda’a.
Oduu dharaa kana mata duree namoota hedduu harkisuu danda’u YouTube tokkotti kennuun namoonni akka itti harkifaman gochuus ta’uu danda’a. Haa ta’u malee rakkoonsaa inni guddaan mataduree kanatti harkifamuun yeroo dhaggeeffatan keessisaa habaqiidha. Matadureensaafi qabiyyeensaa walitti hindhufu.
Qabiyyeen jiru matadureesaa wajjin walitti dhufeenya dhaba. Seenaa kan biraa kan odeessu ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokko ammoo odeeffannoon jiru dhugaarratti kan hundaa’e utuu hinta’in loogiirratti yookaan madaalli kan hineegneefi qulqullina kan hinqabne ta’uu danda’a.
Inni kun itti yaadamee namoota daandii yaadaniifi dogoggora irra akka geggeessuu danda’utti kan qophaa’ee dhiyaatu ta’uu danda’a. Dhoksaan kana duuba jiru yeroo hedduu tarii galii guddifachuuf, namoota haala tokko irratti kakaasuuf kan yaadame ta’a. Sababiinsaa mataduree namoota harkisu irra kaa’uun gaarii yoo ta’ellee rakkoo guddaan namoonni mataduree kana arganii yookaan odeeffannoo sirrii keessaa sababa hinarganneef yookaan odeeffannoo loogiin guuteen kan bitaatta’an ta’u. Inni kun addumaan bara keessa jirru kanatti argaa jirra. Miidhaa hamaa inni qabus baay’een keenya agarreerra jedheen yaada.
Hundarra yeroo keessa jirru kanatti oduuwwan hedduu yoo ilaallu olola siyaasaa wajjin kan walqabatan yaada gartokkeen kan dhaloota bitaatessan malee beekumsa gadi fagoo kan qaban hinfakkaatan. Yeroo tokko tokko ammoo oduun dharaa tarii nama bashannansiisuuf jecha kan qophaa’an ta’uu danda’u.
Darbees oduun hindhugoofamne gaazexessitoota tokko tokkoon dubbisaaf dhiyaachuu danda’u. Inni kun oduu amanamaafi kan adda hinbaane hawaasa biraan ga’uun namoota dogoggorsa. Odeeffannoo gar tokkee ragaan hindeeggaramne dhiyeessuun yeroo tokko tokko soba dhugaa fakkeessanii kan dhiyeessan baay’achaa jiraachuunsaanii beekamaadha.
As keessatti guutummaatti soba akka hinjenne foolii dhugaa qaba. Akka dhugaadha hinjennetti immoo ragaa qabatamaa haala jiru ittiin dhugoomsan hinqabu. Haa ta’u iyyuu malee nama gadi fageenyaan itti yaadee qorateef soba ta’uu odeeffannoo tokkoo mirkaneeffachuun nidandaa’ama. Egaa bara keessa jirru kana isa kana adda baafachuun barbaachisaadha.
Akka biyya keenyaa qofaa utuu hinta’in akka addunyaatti odeeffannoon dharaa darana kana namoota hedduu miidhaa jiru akka ta’e beekamaadha. Addumaan bara odeeffannoo kana keessa oduun hedduun miidiyaalee addaa addaan tamsa’an ragaan ittiin adda baafannu rakkisaa yoo ta’ellee utuu odeeffannoo kamuu hinsimatin dhugummaa oduu tamsa’aa jiruu irra deddeebinee gaafachuun dhugummaasaa mirkaneessuuf yaaluun murteessaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014