Baratu bade jennaan malee dur dur kan sirbu, kan geeraru, kan jeekkaru, kan filatu kan dibatu, lootii kan rarraaftu, goota ijji barbadaa qal’oo mudhiin zinnaaraa kan dhukaasee hindhabne, isa adda dhaabatuufi isa adda rukutu ture.
Gaafa ajjeesaan geeraru inni kaan usee taa’ee dhaggeeffata ture. Ajjeesaanuu sadarkaafi kabajawwan gara garaa qaba. San si’anaa kun akkisaa nama dhiba.
Dur dur goonni ajjeesaa Yeeyyii, ajjeesaa Leencaa, ajjeesaa Gafarsaa jedhamuun sadarkeeffamee dabaree walii kennuun geerara, garmaamaa, mataa filata, dadhaa dibata amma sirbituun mana daadhii isa dhukaasee ajjeesu caalaa mataa filatee, dadhaa ajjeesaa dibatee dhiichisaa immiyyee faarsa.
“Onneewoo qabdaa maa kudhan reebamta” jedhe abbiyyoon Oromoon gaafa dirree lolaa gaafa walabummaa biyyaa tiksuuf qabeenyasaa osoo hinmararfatiin lubbusaatiif osoo hinwaakkatiin Itoophiyaa qax godhee dhaabeera.
Ummata Oromoo caalaa Itoophiyaaf qabsaa’eera kan jedhu yoo jiraate nama seenaa hinbeekneedha jechuun danda’ama. Ummanni Oromoo Itoophiyaa ijaaruuf miirr kutannoosaa dran gadi fagoo ta’uu kan beeknu sirna cunqursaa isa hiraarsaa jirurratti qabsaa’aa bilisummaa biyyaa kabachiisuuf wareegama kaffalaa tureen injifannoowwan cululuqaa galmaa’aa turaniiru.
Akka fakkeenyaatti weerara Xaaliyaaniin biyyattiirratti bantee turte qolachuuf hoggantoota waraanaa 11 bobba’an keessa sagal ilmaan Oromoo turan. Fardeen kumaatama gaarreen Adwaa marsaniifi seenaa hojjetanis kanum Oromoo turan.
Warri nutu Itoophiyaaf beeka jedhan garuu gootummaa Oromoo goragalchuun seenaa hatanii nutu Itoophiyaa bilisoomse jechuun jaaraa tokkoo oliif lafa dhiitaa turan.
Biiftuun lixxe bahuu hinooltuutii sirni sirna nyaatee kijibdoota seenaa Oromoo hatanii itti of jajaa turan seenaan saaxilee hunda ifa baaseera.
Oromoon kaleessa gaarreen Adwaarratti dhiigasaa dhangalaase, lafeesaa cabse Itoophiyaa ijaare maqaa kiristinnaa itti mogga’een injifannoosaa cululuqaa saamamee ture.
Har’a sun hundi sakatta’insa seenaa taasifameen Oromoon abbaa faachaa ta’uu kana mirkaneessus warri akkuma akaakileefi habaabileesaanii sirbaan of muuduuf yaalan mul’atu. Azmaarii gaafa farsoo Oromoo gaafa qabsoo kan jedhameefis kanaafii laata nama jechisiisa.
Oromoon walbummaasaa mirkaneffachuuf murna bicuu ABUTiif osoo hinjilbeeffatiin agaazii isnaayparii baatu dura dhagaa qabatee dhaabatee ofis warra kaanis gabrummaa jalaa baaseera.
Murni hannaafi samichaan akkasumamas hiraarsaa ilmaan cunqurfamootiin manasaa ijaarrachaa ture ABUT mul’atni siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee erga irraa mulqamee burjaaja’uun waan fuudhuufi waan kaa’u wallaaleera.
Hiraarsi kaleessa qorqalbii ilmaan Oromoorra gahaa ture daran suukanneessaa ta’uu kan bare qeerroofi qarreen Oromoo murna erga du’ee akka bofaa biyyoo arraabee muuxatee ka’uuf boquu raasu kana boquu cabsee federaalizmiin sabdaneessaa abbaan walqixxeessaa akka lafa qabatu humna guutuun hojjetaa tureera, ammas ittuma jira.
Qabsoofi wareegama gama kanaan ta’aa jiru utubuuf ilmaan sabaafi sablammii Itoophiyaa hedduu aarsaafi wareegama qaalii akkuma ilmaan Oromoo kaffalaa kan jiran yoo ta’u, isaaniifis galanni nimala.
Kabajamuu walabummaa Itoophiyaaf ilmaan sabaafi sablammii biyyattii qooda guddaa kan qaban ta’ee osoo jiruu warri Itoophiyaaf nutu beeka jedhan akkuma baran har’as seenaa hatuuf ni yaalu.
“Kaadhuu nyaadhu jennaan kadheen nyaadha” jette azmaariin jedhan; seenaan hojjetmee qofa kan galmaa’u. Biyyanatti garuu Itoophiyaatti murni seenaa miliqsuu dhagnaan godhate ammas oggaa waan akkasii yaalu ni mul’ata.
Oromoonis ta’e sabaafi sablammiin Itoophiyaa walabummaa biyyasaaf aarsaa kaffalan garuu akkuma qoodaafi hirmaannaasaatti faacha maluu argachuu dirqama.
Mootumman aangoorra jirus seenaa hojjetamaa jiru sinaan galmeessaa Itoophiyaa federaalizmiin sabdaneessaa keessatti mirkanaa’e lafa qabsiisuuf ciminaan hojjechuu qaba.
Walabummaan Itoophiyaa irree ilmaan cunqurfamoo dhugaa sabaafi sablammiilee biyyattii 83 oliifi federaalizmii sabdaneessaan ijaaramaniin utubamee hattootaaf fakkeessitootarraa tikfamee bara baraan ni jiraata.
Oromoo dabalatee gootummaa saboota kaanii kan himu fakkarsa sirbituu osoo hintaane gaarreen Adwaati, xaaliyaanii hurreessuu Juuntaa burjaajessuu keessatti injifannoowwan galmaa’an ilaaluu qofti ga’aadha.
Gama kanaan hojiilee boonsaa dhabamsiisa Juuntaarratti hojjetamaniin Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad gootummaa lolanii lolchiisuu agarsiisaniin Abbootiin Gadaa moggaasa “Abbichuu Abbaa Biyyaa Abbaa Malaa” jedhu moggaasuunsaanii ergaa guddaa waan qabuuf goota ofii faarsuun cimee ittihaafu.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 16/2014