Gahee diyaaspooraan dinagdee biyyaa cimsuu keessatti qabu

duun tokko jidduu kana garmalee midiyaa hawaasaarra tatamsa’aa jirti. Matadureen dhimmichaa diyaaspooraa wajjin kan walqabatuudha. Ministirri Muummeen Doktar Abiyyi Ahmad eddii dirree waraanaatii deebi’aniin booda yaada tokkko ifa taasisaniiruu. Innis diyaaspooraan biyya ambaa ardii gara garaa keessatti faca’anii jiran gara biyyaa dhufanii biyya itti dhalatan ykn irraa dhalatan akka daawataniidha.

Waamichi kun haala yeroo biyyi keenya keessa jirtu wajjin walqabata. Akka biyya daawwatan kan gaafataman tokko ayyaana bara haarawaa warra faranjootaa wajjin walqabsiisuudhaan. Kan biroommoo ayyaana Qilleefi Cuuphaa biyya keenyaatti ummata amantaa kiristaanaa hordofaniin haala ho’aadhaan kabajamu sababa godhachuudhani. Yeroo akkasii kana gara biyyaatti fuulleffachuun gama tokkoon haala biyyaa hubachuuf, gama biraatiin aadaafi duudhaa biyyaa kan yeroo dheeraaf irraa fagaatan ilaaluuf ni gargaara. Yoo achi siqsanii ilaalanimmoo dinagdee biyyattiifillee gumaacha guddaa taasisuudha.

Sagantaa Ministirri Muummeen beellamanirratti lammiileeniifi dhalattooti Xoobbiyaa kanneen ardiiwwan dachii lafaa hunda keessa jiraatan keessaa kanneen lakkoobsisaanii miliyoona tokko ta’u akka gara biyyaa deebi’anii biyyasaanii daawwatan karoorfamuusaati.

Jechi diyaaspooraa jedhu kun kan madde Afaan Giriikirraayi. Jechoota Afaan Ingilizii keessatti jechooti maddisaanii Giriik ykn Laatiinii ta’an hedduudha. Qaroominni dhala namaa akkuma Giriikiifi Laatinii keessatti lalise afaansaaniis aadaa omishaafi qaroominasaanii waliin guddateera. Kanaafi, Afaan Ingiliffaa jechoota hedduu kan irraa waraabbatee ittiin guddate.

Diyaaspooraa jechuun Afaan Giriikiin faffaca’uu ykn bittinnaa’uu (to scatter about) jechuudha. Diyaaspooraawwan namoota sababa adda addaatiin biyya itti dhalatan, biyya abbaasaanii keessaa bahanii biyyoota addunyaarratti bittinnaa’anii jireenyasaanii gaggeessaa jiraniidha. Sababni isaan biyya abbaasaanitii ba’an tarii jireenyaa gaariifi fooyya’aa jiraachuuf ta’uu mala. Kanneen sababa barnootaa biyya ambaa dhaqanii achitti hafanis jiru. Haala siyaasaa biyyasaanii keessa jiru jibbanii kanneen baqatanii biyya ambaa biyyasaanii taasisifatanis lakkoofsaan danuudha. Kanneen carraa hojiitiif jecha gammoojjii qaxxaamuranii, galaana ce’anii biyyoota dhalootasaanii hin taane keessatti jireenyasaanii gaggeessanis baay’eedha. Kanneen jireenya fooyya’aaf jecha osoo hin taane biyya qalbiinsaanii jaalatetti godaananii jiraatanis diyaasporaadhuma keessatti ramadamu. Garuu akkuma waliigalaatti namooti diyaaspooraa jedhaman kunniin namoota biyya dhalootaasaanii irraa fagaatanii jiraataniidha.

Biyyi kamiyyuu dhalataa diyaaspooraa ni qabaatu jedhamee amanama. Diyaaspooraan kan biyyoota hiyyeeyyii qofa osoo hin taane kanneen biyyoota badhaadhaniis jiru.

Akka ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka Lakkoofsa Giriigoriyaanitti bara 2020 bahe tokko ibsutti addunyaarratti biyyi diyaaspooraa danuu qabaachudhaan sadarkaa 1fa irra jirtu Hindiidha. Dhalatooti Hindii toora miliyoona 18 ta’an biyyoota addunyaarratti faffaca’anii jiraatu. Biyyi Imereetii Arabaa biyya Hindoota simachuudhaan sadarkaa jalqabaarra jirtuudha. Ameerikaafi Saa’ud Arabiyaanis akkuma walitti aananii dhalataawwan Hindii warra haammatanii jiraataniidha. Hindoonni Awurooppaa, Isiyaafi Afriikaa keessas bal’inaan jiraatu. Biyya keenya keessas bara dheeraa eegalee keessattuu bara mootummaa Hayila-Silaaseetii eegalee baay’inaan gara biyya keenyaa dhufuudhaan hojii barsiisummaarratti akka bobba’an ni beekama.

Addunyaa kanarratti, akka waliigalaatti, biyyi lammiilee biyya ambaa harka caala simattee keessummeessaa jirtu Ameerikaadha. Dabalataan biyya ishii kan hin taane miliyoona shantama kan ta’an Ameerikaa keessa jiraatu.

Ameerikaatti aansudhaan biyya Jarmani, kan diyaaspooraa hedduu qabdu. Akka ragaan mootummoota walta’anii kun ibsutti dhalattooti biyyoota biroo kan Jarman keessa jiraatan miliyoona 12 ta’u.

Ragaa tokko tokko qotanii yoo ilaalan waan ajaa’ibaa argu. Addunyaa kanarratti namooti miliyoona 244 ta’an biyyoota itti dhalatanii lammummaa duraa itti argataniin ala jiru. Lakkoobsi kun lakkoobsa ummata addunyaa keessaa %3.3 akka ta’uudha. Ragaan kun kan bubbuleedha. Bara 2000tti Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii kan baaseedha. Amma jala bultii bara 2022 irratti bakka dhaqqabu tilmaamuun ni danda’ama.

Dhalattooti Xoobbiyaa lakkoobsisaanii xiqqaa hin taane ardiiwwan addunyaarratti faffaca’anii akka jiraatan ragaaleen ni eeru. Lakkoobsi midiyaadhaan darbu diyaaspoorota Xoobbiyaa ta’an gara miliyoona shanii akka ta’e tilmaamu. Lammiileeniifi dhalatooti Xoobbiyaa biyya ambaa jiraatan caalmaan kan argaman biyya Ameerikaa keessatti.

Dhimmi diyaasporaa kun si’ana waan hedduun walqabatee ka’a. Misooma biyya itti dhalatanii kiphuu (utubuu) keessatti gahee guddaa qabu. Siyaasa biyya irraa dhalatanii ykn keessatti dhalatanii irratti dhiibbaa gochuurratti shoora mataasaanii qabu. Aadaa biyyasaanii beeksisuu, seenaa biyyasaanii barsiisuu, akkasumas haala ummatasaanii ummata addunyaatti beeksisuu keessattis gumaacha guddaa qabu. Daldala babal’isuu, invastimentii cimsuu keessattis qooda ni ba’u.

Kanaaf biyyooti hedduun diyaaspooraa akka carraatti ilaalaa jiru. Sharafni alaa diyaaspooraa irraa argamu omisha walii galaa biyyoota keessatti qoodi isaa dabalaa deemaa jira. Madaala daldalaa (balance of payment) biyyoota hiyyeeyyii kan hir’ina qabu utubuu keessattillee qoodi sharafti alaa karaa maallaqa diyaaspoorarraan darbu qabu ol guddachaa deemaa jira.

Diyaaspooraan guddina biyya keessatti dhalatanii ijaaruu keesatti gahee guddaa qaba. Kunis haala adda addaatiin ibsama. Gama tokkoon maallaqa biyya alaa kan akka doolaara Ameerikaafi Yuuroo biyyoota Awurooppaa biyyatti erguudhaan hanqina karansii cimaa hiikuu keessatti gahee guddaa qaba. Gama diploomaasitinis ajandaa biyya itti dhalatanii galmaan gahuu keessatti shoorrisaanii olaanaadha.

Ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tokko akka ibsutti, bara 2021 keessatti diyaaspooraan doolaara biliyoona 589 ta’u gara biyyoota itti dhalataniitti dabarsaniiru. Maallaqni kun harki caalaa kan darbu gara biyyoota hiyyeeyyiifi dinagdee jiddu-galaa qabanitti. Eddii ‘COVID-19’ mudateen as maallaqni guddaan hagana gahu kun yeroo jalqabaatiif ergamuusaati. Bara kana keessa maallaqni diyaaspooraan biyyoota itti dhalatanitti ergan %7.3n guddachuusaa ragaan kun ni mul’isa. Bara 2020 keessa sababa COVID-19 wajjiniin walqabatee maallaqni diyaaspooraan ergu kun %1.7 gadi bu’ee ture.

Akka ragaan ibsutti doolarri guddaan kan itti yaa’e gara Laatiin Ameerikaafi biyyoota Kaariibiyaanii jedhamanitti. Biyyoota kanneenitti kan duraarra %21.6n ol ka’eera. Sadarkaa itti aanu kan qabatan biyyoota baha jiddu galeessaafi Kaaba Afriikaati. Dabarsaan maallaqaa diyaaspoorotaa biyyoota kanneenitti %9.7n dabale. Biyyoota Eeshiyaa kibbaatti %8n, biyyoota Afriikaa gammoojjii Sahaaraa gadi jiran keessatti %6.2n guddachuusaa ragaan kun ni mul’isa.

Akkuma armaan olitti ibsame maallaqa dabarsaan gama diyaaspooraadhaan taasisame kun jireenya nama dhuunfaa ykn firoottan diyaaspoorotaa fooyyessuu bira taree guddina dinagdee biyyoottan kanneenii keessatti gahee olaanaa qaba. Kanammoo haala biyya keenyaa irraa hubachuun rakkisaa hin ta’u.

Maallaqni diyaaspooraan karaa seera qabeessa ta’een gara biyyaatti ergu (remittance) dinagdee biyyoota Afrikaa fooyyessuu keessatti shoora guddaa qaba. biyyoota gammoojjii Sahaaraa gaditti argaman keessaa Naayijeeriyaan karaa maallaqa dabarsuutiin maallaqa guddaa argachuudhaan sadarkaa tokkoffaarratti argamti. Maallaqni diyaaspooraadhan ergamu kun galii waliigalaa (GDP) biyyoottan tokko tokkoo keesatti bakka guddaa qaba. Fakkeenyaaf Gaaboonitti %33.8, Leesseetoo %23.5, Keep-verditti %15.6, Komoroos %12.3 akka qabu ragaan kun ni mul’isa.

Diyaaspooraan Xoobbiyaa kanneen biyyoota adda addaa keessa jiraatan waggaatti maallaqa guddaa akka ergan beekamaadha. Ragaaleen akka ibsanitti waggaatti doolaarri Ameerikaa biliyoona 5-6 gahu gara biyya keessaa gala. Doolaarri kun Ameerikaa, biyyoota Awurooppaafi Baha jiddugaleesaatii caalmaadhaan gara biyyaatti ergama. Kun hanqina sharafa alaa biyyattii keessa jiru ni hir’isa. Dinagdee biyyattii utubuu keessattis qooda xiqqaa hin taane qaba. Doolaarri ykn karansiin biyyoota biroo diyaaspooraadhan ergamu kun jireenya namoota dhuunfaa deeggaraa jira.

Diyaaspooraan biyya keenyaa aadaa sabaafi sablammii biyyattii addunyaatti beeksisaa jira. Gama kanaan Oromoota yoo fudhanne ummata yeroo dheeraaf addunyaan sirriitti hin hubatin kana beeksisuu keessatti qoodnisaan bahan akka salphaatti hin ilaalamu. Seenaa Oromoo Dagaagsuufi babal’isuu qofa osoo hin taane kan haala dogoggoraan barraa’e akka sirraa’u yaalii guddaa gochaa jiru. Aadaafi aartii ummata kanaa midhagaa ta’e garuu kan bara dheeraaf akka dhokatu ta’e, bakka dhokatee kaasanii addunyaatti mul’isaa jiru. Gumaachi kun gumaacha hawaasni diyaaspooraa maallaqaan ala taasisaniidha.

Akka waliigalaatti yeroo ammaa kana diyaaspooraan biyyoota ambaa keessa jiraatan biyya itti dhalataniifi irraa dhalatan deeggaruu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiran fakkeenya adda addaatiin ilaaluuf yaalameera. Diyaaspooraan biyya keenyaas gumaacha akka qabu hin haalamu. Garuu yoo qindaa’e, yoo walii gale, yoo garaagarummaasaa hiike gumaacha amma jiru kanaa ol taasisuu danda’a. Afeerraan amma gama mootummaatiin isaaniif taasisamaa jiru kunis qoodasaanii akka sirritti bahaniif haala kan mijeessuudha.

Torban Gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014

Recommended For You