Akkuma beekamu biyyi keenya Itoophiyaan waraana birmadummaa ishee eegsisuuf jecha dirqamtee itti seente keessa jirti. Waraanni nurratti baname garee tokkoon qofa akka hintaane taateewwan waraanicha keessatti mul’atan ragaadha.
Duula baandota keessaafi humnoota alaatiin nurratti duulamaa jiru tokkummaa ummataatiin injifannoon boonsaan argamaa jira. Milkaa’inooota adda waraanaatti gootota keenyaan argamaa jiru kallattiilee hundaan dabaaluun dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaadu ta’uun ifa.
Biyya keenyatti yeeroo ammaa waraana gaggeeffamaa jiruun wal qabatee gama dinagdeefi hawaasummaan kufaatii keessa akka galtu cichamee hojjetamaa jira. Qoqqobbii dinagdeerraa kaasee hanga olola sobaatti Itoophiyaa diiguuf shirri biyyoota lixaatiin xaxamaa jiru eenyuufuu ifaadha.
Duula kallattii hedduun baname kana hanga ammaatti kan qolatamuu danda’ame ejjennoo cimaa mootummaan taasisaa jiru akkasumas tokkummaafi kutannoo Itoophiyaanota biyya keessaafi alaatiin akka ta’e sochiin taasifamaa jiru ragaadha.
Milkaa’inoota hanga ammaa argaman galaa godhachuun hunduu kallatti itti bobba’een eeggattummaa tokko malee hojiisaa milkeessuuf of kennuun dhimma Itoophiyaa ittifufsiisuufi ittifufsiisuu dhabuu akka ta’e hubatamuu qaba.
Kan baratu baruumsa isaa Itoophiyaa badhaateefi kabajamtuu uumuuf kaayyeffatee milkeessuuf barachuu qaba. Barsiisaanis biyya abbootii keenyarraa dhaalle dhaloota haaraa beekumsaafi ogummaan badhaadhe horachuuf xiiqiin hojjechuu qaba.
Qonnaan bulaanis midhaan nyaataan maatii isaa of danda’uurraa kaasee hanga dinagdee biyyaa utubuu danda’utti cimee akka hojjetuuf deggarsi barbaachisu taasifamuufii qaba.
Daldalaanis karaa haqa qabeessaan daldaluun ofiifis fayyadamee diinagdee biyyaa ceessisuuf qulqullummaan daldalachuun barbaachisaa ta’a.
Hojiileen biyya keessatti kallattiilee hundaan kan guduunfaman ammoo gaggeessaafi hojjetaa mootummaa sadarkaan jiru biratti waan ta’eef ittigaafatamummaa olaanaan hojjechuun barbaachisaadha. Kanaaf, gaggeessaafi hojjetaan mootummaa sadarkaa hundarra jiru tajaajila haqaqabeessaafi qulqulluu ta’e si’aayina barbaadamuun ummataaf kennuun dhimma ijoodha.
Gama kanaan sirna ittigaafatamummaa ifa ta’e diriirsanii hojiirra oolchuun dhimma boriif bulu ta’uu hinqabu.
Bu’ura kanaan hunduu kallattii itti duuleen injifannoon kan xumurraan Itoophiyaan rakkoo amma itti aggaamame keessaa baatee gara badhaadhina hawwinuutti ceetu dhiyoo ta’a.
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014