Yaadota qoqqoodoo faccisaa gara fuulduraatti

Itoophiyaan ijoolleeshii goototaan ni kabajamti. Itoophiyaatti qormaata ta’uun ni yaalama ta’a; moa’chuun garuu kaleessas hindanda’amne; har’as hinta’u; borus hindanda’amu.

Guyyoota 15f adda waraanaatti duulanii Roobii darbe akkuma gara waajjirasaaniitti deebi’aniin ergaa seenaqabeessa ittaanu ummata Itoophiyaatiif dabarsanii turan.

“Akka biyyi keenya kabajamtee jiraattu gochuuf aarsaan adda waraanaatti kanfalamaa jiru mo’attummaa Itoophiyaa kan deebisu ta’uu ibsaa; waamichan dhiyeesse fudhattanii kanneen lubbuu, qabeenya, beekumsa, yeroofi ogummaa keessan kennitan hunda maqaa Itoophiyaatiinin isin galateeffadha.

Fuchuma kanaan boqonnaa duraa duulichaa xumuree yeroo murtaa’eef gara waajjiraatti deebi’uu koo ibsaa; har’as ta’e egere humni diinota keenyaa bututee; karaa lolaafi jibbaa gatanii hanga daandii nagaa filattanitti qabsoon keenya ittifufa. ” jechuun ibsan.

“Duula tokkummaa gamtoomina biyyaalessaa” boqonnaa jalqabaa torbee lama keessatti milkeessineerra. Aarsaa raayyaan ittisaa, humnoonni naannolee, miseensonni poolisii federaalaafi milishoonni naannawaa kanfaltaniin seenaa ajaa’ibaa hojjettaniittu.

Qabsichi adda waraanaa qofatti waan hintaaneef dameewwan hundaan falmachuu qabna. Midhaan qonnaan bulaa otoo ijji tokkollee akka hinofoloofne goonee sassaabuu qabna.

Hojiilee gama dippilomaasiifi siyaasaatiin hojjennu tooftaalee haaraadhaan raawwachaa ittifufuu qaba. baasii qusannee; yeroofi humna daballee biyya keenyaa haala ta’ee hinbeekneen hojjechuun nurraa eegama.

Keessumaa tokkummaa Itoophiyummaa wayita duula walabummaa biyyaa agarsiisne bara baraaf qabeenya keenya godhannee ittifufuu qabna. Kanneen baadiyyaafi magaalaa; biyya keessaafi ala; addaafi gargaaraa jirru; akeeka tokkoof hiriirree manii tokko milkeessuurratti argamna.

Nutis, “Tokkummaan kun akka fulla’uuf yaadota qoqqoodoo haa faccisnu; kanneen injifannoo argame salphisanii ilaaluu barbaadan fuula haa dhoowwannu; kanneen injifannoo wajjumaan arganne akka qircaatti ramaduu barbaadan haa qaanessinu; kan mo’atte Itoophiyaa waan taateef” jenna.

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You