Barri keessa jirru kun bara kamuu caalaa rakkoon geggeessitoota jijjiirama dhaloota irrattis ta’e biyya irratti fiduu dandaa’anii bakka hundumaatti nimul’ata. Tarii namoonni baay’een biyya Afrikaa qofatu rakkoo kana qaba jedhanii yaaduu nidanda’u.
Haa ta’u malee akka addunyaa keenyaatti biyyoonni dinagdeefi beekumsaan fagaatan jedhaman rakkoo kana akka qaban haalota jiran irraa arguun nidandaa’ama. Sababiinsaa dhaabbileen jiran sababa addaa addaan namoota ga’umsa hinqabne, bakka jiraniif ga’umsa akka horatan kan isaan taasisu leenjii utuu hinargatin bakka geggeessummaa yookaan bulchiinsa garaa garaa qabachuu danda’u.
Keessumaa akka biyya keenyaatti gama kanaan yeroo hedduu kan mul’atu yoo jiraate namoonni sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa ittaanuutti yeroo guddatan leenjii bakka sanaaf ga’eessa isaan taasisu hinfudhanne taanaan balaa hamaadhaaf dhaabbata isaan keessa hojjetanis ta’e geggeessummaa isaanii saaxiluu nidanda’a.
Inni kun biyyoottan guddatan dabalatee rakkoo walxaxaa akka tasaa gama bulchiinsaan mul’atu isa guddaa ta’ee adda baafama. Sababiinsaa namni tokko raawwii hojiisaarratti hundaa’uun guddisuun miidhaa akka qabu qorannoowwan gara garaa keessumaa yeroo dhiyoo asitti qorannoon Ingilizitti taasifame ni addeessa.
Ingilizitti namoonni raawwii hojiisaaniirratti hundaa’uun sababa guddina keessaa argataniif bakka itti guddatan sanaaf leenjiifi barnoota barbaachisaa sirrii hinqaban taanaan kufaatii dhaabbatichaaf sababa guddaa ta’u. Kanaaf Ingiliz keessatti waggaa tokko qofatti yoo xiqqaate Paawondii biiliyoona 84 ol kan argachuun irra ture sababa kanarraa kan ka’e utuu hinargatin akka haftu qorannoon ni addeessa.
Kanaaf yoo xiqqaate yeroo ammaa Ingilizi keessaa bulchitoonni miiliyoona 2.4 ta’an raawwii hojiisaanii kanaan duraarratti hundaa’uun waan sadarkaalee adda addaatti guddataniif dinagdee biyyaarratti qisaasa’ina cimaa akka qaqqabsiisan dubbata.
Inni kun biyya hunda keessatti nimul’ata. Addumaan biyyoonni malaammaltummaan keessatti dagaage akka ardii Afrikaa ammoo namoonni sababa bakka horiin bitataniif dandeettii ittiin dhaabbata keessa hojjetanis ta’e biyyasaanii jijjiiruufi dinagdee biyyaa guddisu hinqaban.
Biyyas ta’e dhaabbata keessa hojjetaniif kasaaraa cimaa ta’u. Sababa kufaatii ta’u. Haa ta’u malee namni tokko raawwii irratti yookaan muuxannoo qabanirratti hundaa’uun guddisuun yoo barbaachise duraan dursanii leenjiifi barnoota ga’aa bakka sanaaaf ga’eessa isaan taasisu, akka jijjiirama fidaniif isaan gargaaru argachuun barbaachisaadha.
Raawwiin hojii kanaan duraa qofti ga’aa miti; ga’aas nama hintaasisu. Muuxannoon qofti ga’aa miti. Bakka tokkoof ga’eessa kan nama taasisu dandeettiin barbaachisaadha, Inni kun ammoo raawwii kanaan duraa yookaan muuxannoo qofa utuu hinta’in leenjiin barbaachisaan murteessaadha. Geggeessaa tokkoof yookaan nama bulchiinsa irra jiruuf guddina qofa utuu hinta’in bakka jiraniif ga’eessa kan taasisu beekumsa akka qabaatan gochuun gaariidha.
Sababiinsaa yeroo ammaa namoota jijjiirama fidan, gama bulchiinsaatiin namoonni fakkeenya gaarii ta’uu dandaa’an, kan namoota kakaasuun hojii gartuuf qopheessaniifi hojii gartuutti amanan, namoota mul’ata fagoo qaban, rakkoo jiru adda baasanii kan beekan gartuu waliin hojjetan kakaasuu kan danda’aniifi rakkoo adda baafatan kanaaf mala sirrii kan dhahan horachuun murteessaadha.
Sababiinsaa namoonni baroota keessatti dhaabbilee garaa garaa irratti jijjiirama hunde qabeessa fidan namoota akkasiiti. Fakkeenyaaf namni kompiitara appilii kalaqe ‘Steve Jobs’ geggeessaa jijjiirama fidu nama addunyaa kana fiixee tokko hanga kan biraatti dhiibbaa gaarii irraan ga’edha.
Namoota akka Nelson Maandeellaa rakkoo dandamatanii dimokraasiin akka babal’atu, ijaa ba’umsa irra dhiifama, faayidaa dhuunfaa irra guddina waloof nama of kenne, namootni akka ‘William Edwards Deming’ nama warraaqsa to’annoo qulqullinaa waliigalaa (Total Quality Management) yeroo jalqabaaf kalaqe, lola addunyaa isa lammaffaa booda biyya Jaappaaniin waggaa shan keessatti biyya industirii gochuuf karoorsee waggaa afur keessatti nama milkaa’eefi biyyasaa Ameerikaatti deebi’uun gama omisha industirii guddisuu keessatti akka biyyisaa milkooftu nama taasise, kanneen akkasii akka urjiitii hedduudha; har’as biyyaaf nibarbaachisu. Ofirra darbanii dhalootaaf kan yaadan, bakka jiran kan jijjiiran, egeree dhaloota keessatti kan uuman namoonni akkasii daran dhaloota kanaaf nibarbaachisu.
Rakkoon har’aa egaa namoonni akkasii hanqachaa deemuudha. Rakkoon kun hiikamnaan rakkoon har’a jiru furmaata argata. Sababiin isaa geggeessaan cimaan namoota aangessee akka isaan cimanii dhaabatan kan taasisuudha.
Hojiin geggeessummaa namoonni akka isaan fedhasaaniitiin waan hojjechuu qaban hojjechuu dandaa’an taasisu malee geggeessummaan maqaa qofa ykn taayitaa qofa miti. Isa kana gochuu kan dandaa’an geggeessitoota miiraan geggeessan utuu hinta’in gadi fageenyaan yaaduun, beekumsa irratti hundaa’uun hubannaafi bilchinaan kan geggeessaniidha. Namoota mul’ataati. Namoota jijjiiramaati. Namoota boriiti. Namoota abdiin guutuudha.
Geggeessitoonni jijjiirama dhalootaa irrattis ta’e dhaabbata tokko irratti fiduu danda’u namoota of kennoofi hojjettoonni akka jijjiiramaaf of qopheessaniifi akka geggeessitootasaanii wajjin hojjechuu danda’an namoota gochuu dandaa’aniidha.
Geggeessitoonni akkasii fedha hojjettoota isaanii namoota gadi fageessanii qoratan, fedha isaanii kana ammoo hanga haalli heeyyameefitti namoota guutuuf yaalan, hojjettootaaf ilaalcha sirrii namoota qaban akka ta’e qorannoowwan garaa garaa ni agarsiisu. Sababiinsaa namni kamuu bakka jirutti jijjiirama fiduu, ilaalcha gaarii argachuu, waan gaarii hojjeteef beekamtii argachuufi kkf nibarbaada.
Rakkoo guddaan bara keessa jirru kanatti mul’atu garuu namootni hanqina gama kanaan qaban hubachuu dadhabuudha. Utuu sirriitti bakka jiran hubatanii dhiibbaa gaarii gessisuuf jalqaba waan hundumaati.
Sababiinsaa namni tokko namoota kan biraarratti dhiibbaa gaarii geessisuuf duraan dursee of hubachuu, of baruu qaba. Utuu nama kan biraas hubachuuf hinyaalin dura of hubachuu barbaachisaadha. Maaliif akka jiraatu, maaliif akka dhaabatee jiru beekuutu irra jira. Namni tokko akka gadi fageessee of ilaalu, dadhabina isaafi jabinasaa akka hubatu isa taasisa.
Kana qofa utuu hinta’in geggeessaan tokko gartuusaa sirriitti hubachuu qaba. Addunyaa kana akkaataa isaan itti ilaalan, kennaa geggeessummaa isaan qabaniifi kkf sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Namoonni hedduun yeroo dheeraa kan dabarsan dadhabinasaaniirratti xiyyeeffachuun milkaa’ina isaanii dagatu.
Yeroo hedduu rakkoon keenya eenyu akka taaneefi maal ta’uun akka nurra jiraatu adda baafachuu dadhabuudha. Inni kun akka hanqina qabnu adda baafannu nugargaara. Hanqina qabnu ammoo adda baafachuu qofa utuu hinta’in akka irratti hojjennuuf nugargaara. Rakkoo jiruuf akka mala dhoofnu, yoo barbaachisaa ta’e daandii addaa hordofuun akka furruuf nugargaara.
Egaa geggeessaan tokko sadarkaa kam irra iyyuu haa jiraatu inni guddaan hubachuu qabu yoo jiraate geggeessummaan bakka qofa utuu hinta’in seenaatti bifa gochuu danda’uudha. Geggeessitoonni namoota bakka jiran jijjiiraniidha. Bakka tokko taa’anii qabeenya hawaasa kan qisaasessan utuu hinta’in kan ida’an, dhaloota irratti dhiibbaa gaarii fiduu kan dandaa’an ta’uu qabu. Namoota dhaabbata keessa jiranitti bifa taasisan ta’uu qabu.
Namoonni akkasii wal’aansoo cimaafi abdii kutachiisaa kan injifatan, warra geggeessaniif mul’ata kan burqisiisan, dhaloonni ijasaa waan darbe irraa kaasee egereesaa arguu akka danda’u kan taasisan, duuka buutonnisaanii fagootti ilaaluu akka danda’an kan jajjabeessan, duuka buutota isaaniif jabina kan ta’an, kallattii kan argisiisan jireenya fakkeenyummaa hordofamuufi irraa baratamu kan qabaniidha.
Namoota hojiif malee bakkaaf aarsaa of gochuuf qophaa’an utuu hinta’in xiyyeeffannoon isaanii gadijedhanii nama tajaajiluu kan ta’e, ofittummaafi ijaa ba’uuf kan harka hinlaatne, isa darbe qofa leellisuun isa har’aafi isa borii kan hindaganne, obsa qabeessa, ilaalcha gaarii, of kennannii hojjechuu, mul’ata dhaloota irra darbu kan qaban, waan guddaa yaaduufi isa yaadanis hojiitti kan hiikan, kaayyoofi ergamasaanii irratti kan xiyyeeffatan, amala geggeessaa cimaan qabu tokko namoota qaban, lafa dhaqanitti burqaa rakkoo utuu hinta’in sababa furmaataa kan ta’an argachuun bara itti nama danqu keessa jirra.
Kanaaf hanqinni har’a gama geggeessitootaan mul’atu danuudha. Namoota bu’aa dhuunfaaf hin tattaafanne, hadhaa’inni kan isaan keessa hinjirre, dadhabina isaanii dhoksuuf kan hinyaalle, galma irratti kan xiyyeeffatan, abdiin kan guutaman, obsa kan qabaniifi kan namoota hirmaachisan, namoonni isaan wajjin hojjechuuf kan hindanqamne, haala ulfaataa kan dandammataniifi keessa darban, of xiqqeessanii waan guddaa kan hojjetaniidha.
Yeroo mara barattoota kan ta’aniifi of jijjiiruuf kan yaalan, fageessanii kan ilaalaniifi miiraan kan hingulufne, addunyaan keenya dhabaa jirtii laata? Geggeessitoota yaada namoota addaa addaa hanga dandaa’ametti keessumsiisan, kankootu caalaan kan hinliqimsamne, nama kan hirmaachisan, geggeessitoota biroof fakkeenya gaariifi haala gaarii qopheessuun kan guddisan, aangoosaanii kan argisiisan utuu hinta’in kan karaa agarsiisan, kan haala mijeessan, warra geggeessaniidha.
Akkasumas namoota tajaajiluuf kan qophaa’an, jijjiirama dhaabbata isaaniis ta’e addunyaa kana keessatti arguu kan barbaadaniifi daandii kan ta’an, namoota geggeessan waliin kan jiraatan, uummata keessa jiraachuun kan isaan hindanqine, jireenya bashannanaan guute irraa kan of qoqqobbatan, hawaasni salphaatti kan isaan argatu ta’uu qabu. Isaan kun egaa har’as akka biyyaattis ta’e akka addunyaa keenyaatti nibarbaachisu.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014