
Biyya keenyatti dhukkuba sammuu ilaalchisee odeessawwaniifi ilaalchawwan dogoggoraa hedduutu jiru. Kunis sababa hubannoon saayinsaawaafi dhugaa ta’e hawaasaaf hinkennamneef, akkasumas akkuma addunyaatti yoo ilaalle iyyuu saayinsiin waa’ee fayyaa sammuu waggaa 100n dura hedduu hinbeekamu ture, kanaaf qorannoon fayyaa sammuu walxaxaafi dhoksaa gad fagoo, xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadu ta’uurraa kan ka’e karaa saayinsiitiin ifa ta’e dhabuun hanga ammaatti mataduree ho’aa addunyaa kanaa ta’ee jira.
Odeessawwaniifi ilaalchawwan kunniin immoo maddisaanii kan hinbeekamneefi saayinsiin fudhatama kan hinqabnedha. Sababa ilaalchawwaan dogoggoraa kanneeniitiin namoonni dhukkuba sammuu qaban nama keessaa baafamanii jiru, haleellaan qaamaafi xiinsammuu irra ga’ee jira, manatti dhorkamanii jiru akkasumas yaala argatanii osoo fayyuu danda’anii sababa ilaalchawwan kunniin jiraniif gara mana yaalaa deemanii yaalamuu hindandeenye.
Ilaalchawwan boodatti hafoo keessaa muraasa
1. Rakkooleen sammuu wajjin walqabatan muraasa jedhanii yaaduu
Rakkooleen sammuu wajjiin walqabatan muraasa, kan jirus gosuma tokkicha innis isa uffata gatee karaa gubbaa jiraatu qofa maraataadha jedhanii yaaduutu jira. Haa ta’u malee dhukkubni sammuu akaakuuwwan 300 ol kan qabuufi baay’inaan kan argamuudha.
Dabalataan immoo namoota rakkina sammuu qaban keessaa warreen uffata buusanii daandii gubbaa jiraatan muraasa yoo ta’an baay’een isaanii kanneen nama keessa oolaniifi akkuma namoota kaawwanii huccuu uffatanii kan deemaniidha!
Bara 2001 akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti namoota addunyaa kanarra jiraatan keessaa harki 25 (nama afur keessa namni tokko) jireenya isaanii keessatti rakkoo sammuu ni godhatu. Yeroo ammaa kana immoo namoonni miiliyoona 450 ta’an rakkoo sammuu hammaataa qabu. Rakkoo fayyaa addunyaa keessaa sadarkaa sadaffaa irra kan jiru mukuu cimaan (severe depression) namoota miiliyoona 264 rakkisaa jira.
Qorannoon dhiyoo kana (erga koronaan dhufee as) godhame akka agarsiisutti immoo rakkoon mukuu cimaa (depression) kun dachaa sadiin dabalee jira jedha. Kuni kan agarsiisu rakkooleen sammuu dabalaa jiraachuu isaati. Ilaalcha amma hawaasa keessa jiruun immoo rakkooleen kunniin namoota hedduu miidhuuf jiru jechuudha.
2. Rakkooleen sammuu mallattoo dadhabinaati jedhanii yaaduu
Akkuma namni tokko yoo miilli isaa cabe ykn miidhame akka yeroo dura miilli isaa fayyaa ta’eetti dalaguu hindandeenye, akkasuma namni tokko dhibee sammuutiin yoo qabame akka yeroo dura sammuun isaa fayyaa ta’e sanatti jiruu isaa guyyaa guyyaa haalan geggeeffachuu hindanda’u. Dhibee sammuutiin qabamuun sababa namni sun cubbuu hojjateef ykn sammuun isaa kan nama biroo irra dadhabaa ta’eef miti. Dabalataanis akkuma namni tokko dhibee qaamaa (medical illness) irraa erga fayyee booda hojii idileesaa itti fufu, namni dhukkuba sammuutiin qabames yaalamee, fayyee jiruuf jireenya isaa itti fufsiisuu ni danda’a.
3. Dhukkubni sammuu al tokko si qabnaan umurii guutuu si waliin jiraata jedhanii yaaduu.
Dhukkubni sammuu erga nama tokko qabee booda jireenya isaa guutuu waliin jiraachuu dhiisuu danda’a. Sababni isaas namoota garagaraa irratti haala adda adda ta’een mul’ata. Namoonni tokko tokko erga yaalamanii booda guutuummaan guutuutti yoo fayyan, gariinsaanii immoo gidduudhaan erga fayyaanii booda dhibichi itti deebi’uu danda’a. Kaawwan isaanii immoo xiqqoo irraa fooyya’uu danda’u. Walumagalatti guutuummaa guutuutti dhibee sammuu irraa fayyuuf yeroo gaafatullee namoonni rakkina kanaan qabaman baay’een isaanii ni bayyanatu.
4. Namni dhukkuba sammuu qabu hundi nama rukuta jedhanii yaaduu (Violent and aggressive)
Ilaalchi dhugaa irraa fagaate kun hanga tokko erga namoonni waa’ee dhibee sammuu dhaga’aanii hir’achaa jira, haa ta’u malee ammas ilaalchi kun bal’inaan jira. Namoonni gosa dhukkuba sammuu tokko tokko qaban nama dha’uu, qabeenya barbadeessuufi namallee ajjeesuu danda’u. Garuu isaan kunniin warreen rakkoo sammuu qaban keessaa muraasa. Isaan kunniin baay’eensaanii dhukkuba sammuu ‘schizophrenia’fi ‘bipolar disorder’ jedhamu qabu, haa ta’u malee isaaniyyuu erga yaala eegalanii booda amaloota akkasii agarsiisuu dhiisuu nidanda’u.
5. Namoonni dhukkuba sammuu qaban mindeeffamuufi maatii isaanii hogganuu hindanda’an jedhanii yaaduu.
Ilaalchi dogoggoraa kun baay’inaan kan jiru yoo ta’u namoonni dhukkuba sammuu qaban hojii irratti mindeeffamuufi hawaasa keessatti warreen bu’aa tokko buusuu hindandeenye jedhanii yaadu. Haa ta’u malee namoonni kunniin garri caalaan isaanii hojii hojjatan irratti milkaa’oofi bu’a qabeeyyii, akkasumas akkuma nama fayyaa maatii horachuufi hirmaannaa hawaasaa keessatti cimoo yoo ta’an muraasnisaanii warreen dhukkuba sammuu hammaataa qaban irratti ilaalchi kun dhugaa ta’uu danda’a, ta’us erga yaalamanii fayyanii akkuma nama kamiiyyuu jireenya isaanii geggeffachuu danda’u.
6. Dhukkubni sammuu sanyiidhaan qofa dhufa jedhanii yaaduu.
Dhukkubni sammuu sababa sanyiin nama tokkoo dhibee sammuu qabuuf qofa dhufa osoo hintaane karaawwan hedduun dhufuu danda’a isaaniis dhiibbaa naannoo (environmental factors), sanyiidhaan (genetics) fi walmadaaluu dhiisuu keemikaaloota sammuu keessatti argamaniin.
Haa ta’u malee dhukkuboonni sammuu gosti tokko tokko carraan sanyiidhaan daddarbuusaanii guddaa yoo ta’u, gariinsaanii immoo baay’ee xiqqaadha. Dhukkubni sammuu sanyii, sadarkaa barnootaa, hiyyeessa, sooressa, xiqqaa, guddaa hinfilatu nama kamiyyuu qabuu danda’a! Kanaaf kunuunsaafi eegumsa sammuu keenyaaf haa goonu!
7. Ilaalchawwan duubatti hafoofi sirrii waa’ee of ajjeesuu irratti ( myths and facts about suicide)
Namoonni of ajjeesan akeekkachiisa (warning signs) hinagarsiisan jedhamee yaadama, haa ta’u malee dhugaan jiru namoonni baay’een osoo of hinajjeesiin dura maatiifi hiriyoota isaaniif kallaattiifi alkallattiidhaan akka of ajjeesuuf jedhan beeksisuu ni danda’u.
Namoonni of ajjeesan guutuumaan guutuutti du’uuf murteessaniiti jedhamee amanama. Haa ta’u malee haqni jiru namoonni of ajjeesuuf karoorsan murtii jiraachuufi du’uu murteessuun isaan rakkisa (suicidal ambivalence). Kana jechuun yeroo of ajjeesuuf jedhanitti yaada jiraachuus, du’uus ni qabu jechuudha. Kanaaf yeroo sanatti gorsiifi jajjabinni yoo godhameef carraan lubbuun isaanii ooluu guddaadha!
Namni duraan of ajjeesuuf yaalee, du’a irraa oole waan sodaatuufi qaana’uuf gara fuulduraatti of hinajjeesu jedhama, garuu akka saayinsiin fayyaa sammuu mirkaneessutti immoo namoonni kana dura of ajjeesuuf shaakalaan carraan gara fuulduraatti lubbuu isaanii balleessuu warreen duraan hin yaalle irra guddaadha jedha.
Baay’inaan kan of ajjeesu dubartoota jedhama. Garuu dubartoonni dhiirota caala of ajjeesuuf ni shaakalu malee dhiironni dubartoota caala of ajjeesu (complete suicide). “Namoonni kan of ajjeesan seexanaan ajajamaniiti” jedhamus namoonni of ajjeesan baay’eensaanii dhukkuba sammuu (mental illness) kanneen akka mukuu cimaa qabaniidha.
Sammuun keenya waa mara keenya! Kanaaf dursinee haa eeggannu!
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014