Biyyi keenya waraana keessa jirti. Waraanni kun eddii jalqabamee waggaa tokko guuteera. Waraana kanaan jeequmsiwwan adda addaa uumamuun dhugaadha. Dinagdeen biyyattii sarara gaariirra ture jeeqamee amma sadarkaa maaliirra akka jiru beekuuf qo’annoo gadifagoo barbaada. Biyyi tun duraanuu dinagdee waraana ulfaataa bachuu danda’u waan qabdu natti hinfakkaatu.
Jeequmsi biraa haala jireenya hawaasummaa ummataati. Akkuma guyyaa guyyaan miidiyaadhaan agarruufi dhageenyu jireenyi hawaasa lakkoofsaan xiqqaa hintaane marqameera. Namoonni hedduun qe’eesaanii kan waggoota dheeraaf keessa jiraatanirraa buqqa’aniiru.
Jireenya tasgabbaa’aa keessaa gara jireenya qe’ee buqqa’uu, jireenya kooluu galuufi jireenya harka namaa eeguutti ce’aniiru. Namni gabaasa ministeerri barnootaa walitti fufiinsaan baasu qofa hordofe biyya kanatti maaltu akka uumame salphumatti hubata.
Fakkeenyuma kaasuuf, akka ragaan Waldaa Barsiisota Xoobbiyaa ibsutti sababa waraanaatiin barsiisonni kuma 45 ol ta’an hojiin ala ta’aniiru. Manneen barnootaa Naannoo Amaaraa, Affaariifi Tigraayi keessa jiran baay’eensaanii cufamaniiru. Yunivarsiitiiwwan naannolee waraanni itti adeemsisamaa jiru keessa jiran cufamaniiru. Manneen barnootaafi yunivarsiitoota hojiitti deebisuuf yeroo, maallaqaafi humni barbaadu kana kan jedhamuu miti. Kun hubaatii waraanni kun uume keessaa isa bicuudha.
Waraana kanaan walqabatee lammiileen hedduun gara adda waraanaatti socho’uunsaanii beekamaadha. Hojii pirofeshinaalaa loltummaarra warri jiran, raayyaan ittisa biyyaa, waraana kana keessatti humna guutuudhaan hirmaachaa jira. Humni addaa nagaafi tasgabbii naannoo eeguuf hundeeffamellee waraana kana keessaa gahee qaba.
Milishaanis dhiheenya kana naannolee tokko tokkorraa itti dabalame. Fakkeenyaafis, Naannoo Amaaraafi Affaar maqaa dhahuun ni danda’ama. Naannoleedhuma kanneenitti ummanni meeshaa qabu deeggersa naannawa jireenyasaattis ta’e naannolee mootummaan barbaadetti deeggersa gochuuf waamicha dhihaateef fudhatee bakka itti ramadametti hojjechaa jira. Naannolee biyyattii kaanittillee hidhattoonni maqaan adda addaa moggaafameef hojii mootummaan irratti ramadame keessatti qooda fudhataa jiru.
Yeroo ammaa kana qonnaan bultoonni lakkoofsisaanii xiqqaa hintaane kan waamicha mootummaa fudhatanii hojii nagaafi tasgabbiirratti bobba’an hedduudha. Milishoonni, raayyaan ummataa, dargaggeessi qonnaan bulaa keessaa bahanii gara adda waraanaa deeman kunniin maatiifi maasii qabu. Maasiinsaanii qotamuun, faca’uun, aramamuun, midhaan gahe haamamuun akkasumas maatiinsaanii kunuunsamuun dirqama.
Amma midhaan ganna faca’e walitti qabamurra gaheera. Qonnaan bultoonniifi milishoonni qe’ee eegaa turan dirqama adda addaatiif mootummaan waamicha taasiseefi gara dirqama itti kennametti bobb’aniiru. Namoonni kunniin qeyee, maatiifi bultii warra qaban, kan facaasan kan walitti hin qabatin, kan qotamuu qabu osoo hin qotatin gara dirqama itti kennameetti warra deemaniidha. Namoota kanneen kan gargaaruu qabu warra qe’eetti hafeedha; warreen yeroof dirqamni itti hinkennaminiidha.
Kanuma jiddugala godhachuudhaan ganna tare ummanni qonnaan bulaan qe’ee jiru maatii milishootaa deeggaruuf, ooyiruusaanii qotanii facaasuuf, mana jalaa jige ijaaruudhaan, dallaa dabe suphuudhaan deeggarsa hunda gochaa turuunsaanii kan yaadatamuudha. Gama kanaan dargaggoonni, barattoonni, hojjattoonni mootummaa, caalaattimmoo qonnaan bultoonni qe’eetti hafan dirqama irraa eegamu bahaa turaniiru. Akka biyya keenyaatti yeroon ammaa bakka hedduutti yeroo midhaan sassaabamuudha.
Kanaan walqabatee Minsteerri Barnootaa RFDI qajeelfama baasee akka biyyaatti akka hojiirra oolu kallattii kaa’eera. Kallattiin kun akka mootummaatti qabatameera. Kanaafis barsiisonniifi barattoonni naannawa nageenyi jiru keessa jiran midhaan maasii qonnaan bulaa keessumaa kan maatii milishootaafi duultota ummataa akka walitti qabamu kallattii kennameen manneen barnootaa Sadaasa 27 bara 2014 irraa kaasee torban tokkoof cufameera.
Haaluma kanaan Finfinneettis Wiixata darberraa eegalee manneen barnootaa hundi yeroo torban tokko ta’uuf cufamaniiru. Barattoonni, barsiisonniifi hawaasni manneen barnoota gara duula hojii tola oolutummaatti bobba’aniiru.
Yeroo midhaan gahe kana midhaan sassaabuu keessatti har’a yeroo waraanaa kana dhiisiitii yeroo nagayaatuu qaamonni adda addaa qooda keessatti fudhatu. Kana keessatti raayyaan ittisa biyyaa adda durummaan eerama.
Raayyichi hojiilee misoomaa garagaraarratti bobba’uun hawaasa maddii hiriiruun muuxannoo gaarii qaba. Ammas bakka jirutti harka tokkoon kilaashii harka kaaniin haamtuu qabachuu hindhiisu.
Raayyaa ittisa biyyaatiin ala, hojjetoonni mootummaa caasaa qonnaan bulaatti dhihaatan akkasumas barattoonniifi barsiisonni magaalotaafi gandoota qonnaan bultootaa keessa jiraatan hojii midhaan walitti qabuurratti hirmaannaan qaban bal’aadha. Deeggarsa akkanaa biyya hojiin qonnaa duubatti hafaa ta’eefi makaanaayizeeshiniin hindeggaramnetti guddaa barbaachisaadha. Qonnaan bulaan haala kanaan deeggaramuunsaas daran gaariidha. Gama biraatiin qonna keenya gara makaanaayizeeshiniitti jijjiiruuf tattaafachuunis malchiisaadha.
Ragaan marsariitii Ministeera Barnootaa RFDI oduuwwan maxxanseen barattoonniifi barsiisonni hedduun duula kanarratti hirmaachuudhaan gahee irraa eegamu bahataa akka jiran mul’isa. Akkaataa karoora qabameetiin hojiin tola ooltummaa kun naannolee biyyattii mara keessatti haala qindaa’aafi bu’aa qabeessa ta’een adeemsisamuunsaa faayidaa guddaa argamsiisa.
Akka ragaaleen ibsanitti sagantaan tola ooltummaa barattootaafi barsiisotaa kun midhaan walitti qabuu qofa kan of keessatti hammatee miti. Paakeejiiwwan barattoonniifi barsiisonni raawwatan kanneen biroos kan of keessaa qabuudha. Sagantaa kana keessatti kan hammatame keessaa tokko arjooma dhiigaati.
Akkuman torbee lama dura barreesse, yeroo waraanaa keessa arjoominni dhiigaa barbaadamu kan yeroo nagaatiin addadha. Waraana keessa hubaatiin gara lamaan dhufa. Qaamolee walwaraanan lamaan gidduutti kan hubamu dhala namaati.
Arjoominni dhiigaa nama gosaan, sanyiin, bifaan, sabaan, korniyaan, ilaalchaafi kaayyoon adda hinba’u. Kan dhukkubsate, kan waraana keessatti miidhame, kan balaan uumamaafi namtolchee irra gahe, haaluma hubaatiisaaniitiin, hunduu dhiiga lubbuusaanii baraaru barbaadu.
Tajaajila kuusaa dhiigaa qabaachuun dirqama ta’a. Barattoonni amma duularra jiran gama arjooma dhiigaatiinis gahee guddaa ni bahu jedhamee eegama. Kanaaf, gama tokkoon midhaan qonnaan bulaa walitti qabaa gama biraatiin dhiiga yeroo ammaa kana garmalee barbaachisu arjoomuun gaheen bahan kan galateeffamuu qabuudha. Gochi akkanaa madaallii kamiinuu kan jajjabeeffamuu qabuudha.
Duulli barattootaafi barsiisotaa kun kaayyoo biraatis ni qaba. Innis, kaayyoo deeggarsa walitti qabuuti. Akkuma beekamu waraanni kun namoota danuu garmalee miidheera. Qe’een namoota hedduu sababa waraanichaatiin diigameera. Maatiin lammiilee danuu bittinnaa’anii bakka jiran kan hinbeekamne baay’eedha.
Kanneen mooraa ykn dawoo yeroof qophaa’e keessa jiraatan garuu ammoo waan nyaatan, waan uffatan hinqabne baay’innisaanii miliyoonatti akka tilmaamamu beekamaadha. Buqqaatota kanneen keessa daa’ima, dubartii, jaarsaafi jaartiitu jira, miidhamaa qaamaatu keessatti argama.
Buqqaatonni kunniin ittiyaadanii karoorfatanii qe’eesaaniitii hindeemne. Waan abjuudhanuu yaadanii hinbeeknetu ittidhufe. Tasa qe’eesaanii gadilakkisanii gara daandiin isaan geessetti baqatan. Bakka ittibaqatanillee filachuuf yeroo hinarganne.
Buqqaatonni kunniin har’a waan uffatan barbaadu; waan ijoolleesaanitti uwwisan kajeellatu. Waan beela ittiin bahan kadhatu. Rakkoo walxaxaa hedduu keessa jiraatu. Yeroo akkanaa kana kan dura waliif birmatu lammiidha; lammii biyya tokko keessa waliin jiraatan.
Kanaaf barattoonni duularra jiran kunniin midhaan walitti qabuu, dhiiga arjoomuu, maatii milishootaatiif hawaasa humna hinqabne gargaaruu maddiitti hawaasa qe’eesaaniitii buqqa’an kanneeniif deeggarsa walitti qabaa turaniiru.
Tola ooltummaan akkanaa barsiifata ta’ee osoo hawaasa keessatti dagaagee gaariidha. Kan yeroo tokko bifa duulaatiin adeemsisamee dhaabbatus ta’uu hinqabu. Osuma waraanni kun dhaabbateellee hawaasni keenya rakkoo suukanneessaa keessa jiru tokkoofi lama miti. Martuu deeggaarsa barbaada.
Akka lammii tokkooti waraanni biyya keenya keessatti waggaa tokkoo oliif adeemsisamaa jiru kun gama kamiinuu haa ta’uu dafee xumura argachuu qaba. Hammasitti garuu harka maratanii biyyoota idil addunyaa qofa deeggarsaaf eeguun barbaachisaa miti.
Hawaasni keenya marti aadaa waldeeggaruu kana cimsee ittifufuu qaba. Gaafa rakkoo waliin jiraachuu keenya sirriitti ibsuun barbaachisaadha. Kanaaf deeggarsi naannolee biraattis miila diriirfatee itti cimuu qaba. Warra ongeedhaan rukutaman sanas dagachuun hinbarbaachisu.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014