Intarneetii sirnaan fayyadamuu baannaan miidhaa qaba

Yeroo hedduu wanta riphee nama miidhu beekanii of irraa ittisuun salphaa miti. Sababiinsaas waan biraa jala miliqee yookaan walfakkaatee jiraata waan ta’eef. Bofti marga keessaa kan nama miidhuu dandeessu akka hinargamnetti marga fakkaachuuni. Injiraan mataallee kan nama nyaattu rifeensa mataa fakkaachuuni. Wantoonni namoota miidhuu danda’an intarneetii irra faca’uun, gaarii jala dhokatanii miidhaa guddaa qaqqabsiisu. Yoo of eeggannaan ittifayyadamuu dhiifne, carraa gaarii qabnutti fayyadamnee hojii gaarii irra oolchuu yoo dadhabne miidhaasaatiif nisaxilamna.

Sababiinsaas intarneetiin ergaawwan gara garaa namoota adda addaatiin, amantii, siyaasa, dinagdeefi jireenya garagaraa keessa jiraniin nimaxxanfama. Inni kun ammoo namoota biiliyoonaan lakkaa’aman bira ga’a.

Namoota kanneen keessaa kaan faayidaafi miidhaa intarneetii kan beekaniifi faayidaasaarratti xiyyeeffachuun miidhaasaarraa kan of qoqqobbatan yommuu ta’an, warri kaan immoo otoo isa kana gargar hinbaafatin wantoonni intarneetiirra jiran marti sirrii itti fakkaatee bishaan booruu dhudha’uun kanneen miidhaman danuudha.

Keessumaa dargaggoota intarneetii fayyadaman keessaa dhibbantaan 80 ol waan yeroo dheeraa intarneetiirratti dabarsaniif araadasaatiif nisaaxilamu. Qaamolee hawaasaa kaanirra dargaggoonni intarneetii dhimmoota adda addaatiif fayyadamu.

Tokko tokko odeeffannoo barumsasaanii wajjin walqabatu irraa argachuuf kan fayyadamu yommuu ta’u, kaan immoo namoota wajjin walqunnamuufi haasa’uuf muraasnis bashanannaaf (tapha addaa addaatiif), fiilmii, sirbaafi faarfannaa irraa ilaaluuf itti fayyadamu. Kanaaf xiinsammuusaanii, amalasaaniifi, kkf irratti miidhaa guddaa akka geessisu dagachuu hinqaban.

Namoonni of hineeggatan taanaan kan isaan akka xiqqootti ilaalan jireenyasaanii irratti miidhaa cimaa qaqqabsiisa. Keessumaa hojii hamaa bakka tokkotti dalagamu teknolojiiwwan gara warra kaaniitti geessee shaakalsiisuun miidhaa dhalootarraan ga’uu danda’a.

Kanaaf faayidaa intarneetii qofarratti xiyyeeffachuun miidhaasaa arguu dadhabuun rakkoo cimaaf nama saaxiluu danda’a. Isa kana ammoo keessumaa bara amma keessa jirru kanatti argaa jirra. Dhalootni keenya odeeffannoo sirrii qofaaf utuu hinta’in olola dharaaf saaxilameera. Hedduusaanii hojii hamminaatiif kakaaseera. Isaan kanarraa of eeggachuun ga’ee keenya. Hamaafi gaarii gargar baafnee miidhaa jiru of irraa qolachuun barbaachisaadha.

Miidhaa intarneetiin dhalootatti fiduu malu keessaa tokko araada. Sababiinsaas intarneetii akkuma dhugaatii, sagaagalummaafi tamboo namoota araadaaf saaxila. Namoota hiriyootarraa adda baasee qopha galeeyyii godha. Firaafi hiriyaarraa adda baasuun namoota wal hinbeekneefi walitti dhufeenya hinqabne wajjin akka yeroo dabarsan gochuurratti shoora guddaa taphata.

Akkasumas yeroo sochii qaamaa itti hojjetan dhabsiisuun akka yeroosaanii heedduun mana keessatti dhumu taasisa. Dargaggoota yakkoota gara garaatiif kakaasuun meeshaa jeequmsaa yeroo itti ta’u qaba. Altokko qorannoo dargaggootarratti taasifameen akkuma wantoonni adda addaa araada namatti ta’an intarneetiinis akka araada ta’uu danda’u mirkaneeffame.

Dargaggoonni qorannoo kanarratti hirmaatan intarneetiin jireenyasaanii keessatti iddoo guddaa akka qabu; intarneetii waantota hundurra akka caalchifatan; intarneetii fayyadamuuf jecha waan biraa kamuu dhiisuu akka danda’an; intarneetiitti fayyadamuu dhiisuu akka hindandeenye yoo dhiisuu yaalan ammoo amalasaaniirratti jijjiirama addaa akka fidu; haallisaanii hundi akka yeroo intarneetii fayyadamanii akka itti hintolle; gaddi, aariifi kkf akka ittidhagaa’amu ibsan.

Kanarraa wanti hubatamu intarneetiin akkuma dhugaatiifi tamboo araada namatti ta’uu akka danda’uudha. Kun ammoo intarneetii yeroo dheeraaf fayyadamuun rakkoo akka namatti fiduufi dhaabuunsaa salphaa akka hintaane agarsiisa. Namoonni tokko tokkos sa’aatii tokkoof intarneetii fayyadamuuf jedhanii utuu hinbeekin hanga sa’aatii 14:00 kanneen fayyadaman jiru. Isaan kun intarneetii hanga barbaadamuu olitti waan fayyadamaniif yaadnisaanii marti kompitaricha wajjin walitti hidhamuun wantoota hedduu nihirraanfatu. Inni kun miidhaa intarneetiin dhaloota kana irraan ga’aa jiru keessaa muraasa.

Tarii namoonni qorannoo gama kanaan taasifame dubbisne yookaan ofuma keenyaa geggeessine jiraachuu dandeenya. Keessumaa waggoota muraasa dura namni maqaanshee Yaangi jedhamtu qorannoo namoota 496 irratti geggeessiteen intarneetiin akka araada namatti ta’u dhugoomsiteetti.

Namoonni araada intarneetii qaban amallisaanii warra kaanirraa adda. Fakkeenyaaf rakkoo maatii keessatti, hawaasaafi bakka hojiisaaniitti uumamuuf kan itti hindhaga’amne akka ta’an ibsite. Jireenya adda ta’e akka isaan hawaasa keessatti qabaataniifi namoota araada intarneetii hinqabnerraa adda ta’anii mul’atu.

Namoonni araada intarneetiitiin qabaman namoota kaan irra interneetii dachaa sadii ol fayyadamuu akka danda’an nitilmaamama. Kanaaf araadni intarneetii araada namni teknolojii waliin qabuudha. Araadni kun dhagilaal (tv) irraa yookiin tapha kompitararra jiran irraa (computer games) ta’uu mala. Sababiinsaa hunduu teknolojii wajjin kan walqabatan waan ta’eef.

Akkasumas namni utuu hinbeekamin araada intarneetiin kallattiiwwan gara garaatiin qabama. Fakkeenyaaf sagaagalummaafi xuraa’ummaa intarneetiirraa ilaaluun namoota gara garaa intarneetiirra jiran wajjin haasa’uun, odeeffannoowwan adda addaa intarneetiirra barbaaduun xabawwan gara garaa xabachuun, kanarraammoo cituu dadhabuun kiyyoo araada intarneetii keessatti kufuun nidanda’ama.

Egaa intarneetii yeroo dheeraaf fayyadamuun miidhaa akka qabaatu, araadaaf akka nama saaxilu beekamaadha. Namoonni dhibbantaan 25% ta’an intarneetii fayyadamuu eegalanii ji’a ja’a keessatti amalli araada intarneetii irra mul’achuu eegala. Namoonni Kooriyaa Kibbaa dhibbantaa 30 umuriinsaanii waggaa 18 gadii araada intarneetaatiin kan rakkatan yommuu ta’u, ummanni Chaayinaa miliyoonni dhibba shaniifi kudha sadii yookaan dhibbantaa 55.4 ta’an akka karaarraan (online) walargee qaban qorannoon ni ibsa.

Kanarraa kan ka’e intarneetiin miira namaa (emotion) irratti miidhaa geessisuu akka danda’uufi namoonni ilaalcha ofiif qaban geeddaruun jireenyisaanii akka dhiphatu gochuu danda’a. Kanaaf yeroo hedduu intarneetiirratti dabarsuun hanga araada namatti ta’uufi jireenya namootaarratti dhiibbaa fidutti ga’uun barbaachisaa miti.

Wantoonni hundumtuu hanga barbaachisu olitti yoo ta’e akka miidhaa qabaatu intarneetiinis miidhaa qaba. Wantoota barbaachisaaf malee akkasumaan yeroo hinbarbaachisne intarneetiirratti dabarsuun gaarii miti.

Gama kanaan miidhaa hamaa kanaaf mucoolii dabalatee namootni hunduu nimiidhamu. Sababiinsaas namoonni intarneetii fayyadamuu kan eegalan mucummaasaaniitii ka’ee waan ta’aa jiruuf rakkoolee gama kanaan dhufuufis jalqabatti kan saaxilaman mucoolii ta’u.

Keessumaa biyyoota guddatan keessatti mucooliin umuriinsaanii hingeenye danuun gama kanaan miidhamaniiru. Gudeedamuufis saaxilamaniiru. Kanaaf namni Morton jedhamuufi qaama nageenyaa Ameerikaa waggaa muraasa dura haala yakkaa yeroo dubbatu akkas jedhe, “Intarneetiin mucooliirratti miidhaa geggeessifamu ilaalchisee xiyyeeffannaa kan barbaaduudha. Sababiinsaa kan mucoolii balaaf saaxilan wantoonni hedduun intarneetiirra faca’ee jira”.

Miidhaa mucoolii intarneetii wajjin walqabate hambisuuf jabaatanii irratti hojjechuun, maatiin ijoolleesaanii eeggachuufi hordoffii barbaachisaa taasisuun murteessaadha. Sababiinsaas intarneetiin mucooliin akka rakkoof saaxilaman, akka miidhamaniifi dirqisiifamanii gudeedamaniif bara kana keessatti daandii cimaa ta’aa jira.

Kana qofa utuu hinta’in intarneetiin bu’aa qabaatus xiin-sammuu (psychology) namootaa keessumaa mucooliifi dargaggootarratti miidhaa guddaa qabaata. Yeroo tokko tokko intarneetiin miidhaa xiinsammuu irratti akka hinqabnetti kan fudhatan jiru. Haa ta’u malee wantoonni intaneetiirratti gadi dhiifamanii namoonni ilaalan dhugaarraa kan fagaate ta’uu mala.

Yeroo intarneetiitti fayyadamnu of eeggachuu baannaan gatii kanfallus qabna. Intarneetiin jireenya hawaasummaarraa nama fageessuun hariiroo maatii wajjin qabanirraa citaa akka deemaniif sababa nita’a. Sababiinsaas yeroosaanii keessaa guddaa intarneetiirratti waan dabarsaniif maatiisaaniif yeroo kennanii wajjin dabarsuu waan hindandeenyeef maatii gidduutti hariiroon jiru hir’achaa deema.

Intarneeta baay’inaan fayyadamuun miidhaa xiinsammuu irratti fidu keessaa muraasni jireenya qophumaaf saaxiluu, fiilmii sagaagalummaa kan do’atan ammoo gaabbii, qaanii, namoota irraa fagaachaa deemuu, fedha yeroo baay’ee intarneetiirratti dabarsuu, barattoonni immoo barnootaafis ta’ee hojii manaa hojjechuuf intarneetii amanachuufi kkf rakkoo xiinsammuu sababa intarneetii garmalee fayyadamuun namatti dhufu keessaa muraasa.

 Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You