Dhibeewwan daddarboo ta’an yeroo jennu dhibeewwan karaa garaagaraatiin bineensarraa namatti ykn namarraa namatti daddarban jechuu keenya. Baattuuwwan dhibee kanaa kan ta’an gara namaatti karaa garaagaraatiin daddabarsuu danda’u.
Garaa kaasaan sababa rifachuu mar’imaan qal’aafi furdaa irraa kan ka’e kan namatti dhufuudha. Garaa kaasaan sababoota garaagaraarraa kan namatti dhufuufi yoo hedduummachuun namarra ture miidhaa guddaa namarraan geessisuu danda’a.
Dhibeewwan daddarboo tahan keessaa kan saffisaan namarraa namatti dadarbuuf xiqqoo namarra turraan lubbuu namaa galaafachuu danda’u tokko dhibee garaa kaasaa hamaa koleeraa jedhamudha.
Dhukkubni koleeraa maalirraa nama qaba? Akkamiin daddarba?
Dhukkubni koleeraa baakteriyaa ‘Vibrio cholerae’ jedhamtu kan akaakuuwwan 200 ol qabuun nama qabuudha. Baakteeriyaa kana keessaa kan dhukkuba teessisaatiif sababa ta’an akaakuuwwan lama, isaanis kanneen ‘V. cholera of the O1 and O139 serotypes’ kanneen jedhamaniidha. Baakteeriyaan koleeraa kun erga qaama namaa seenee sa’aatii muraasaa hanga guyyaa shanii gidduutti mallattoo agarsiisuu eegala.
Dhukkubni koleeraa baay’inaan kan daddarbu nyaataafi dhugaatii baakteeriyaa dhukkuba kana qabsiisuun faalame yoo fayyadamaniidha. Yeroo tokko tokko maddi nyaataafi dhugaatii namoota hedduu tajaajilu yoo baakteeriyaa kanaan faalame altakkaatti namoota kumaatama qabsiisee naannoof sodaachisaa ta’uu danda’a.
Fakkeenyaaf maddi bishaan dhugaatii akka boombaafi hoteela keessattillee wanti akkanaa uumamuu mala. Baakteeriyaan kun erga liqimsamee garaa seenee booda hedduunsaanii baakteeriyaa garaachaatiin kan dhuman yoo ta’u, muraasni immoo nyaata keessa dhokachuudhaan dandamatanii mar’umaan qal’aa bira dhaqqabu. Haalonni biroo akka baakteeriyaan kun asiidii garaachaa dandamatee gara mar’umaan qal’aatti darbu taasisu keessaa: altakkaatti baakteeriyaa hedduu liqimsuu, qorichoota baakteeriyaa gaarachaa hir’isan akka (antacids) shirooppii farra asiidii garaachaa kan dhukkubbii garaachaaf fudhataman yoo fudhataa kan jiran ta’eefi nyaanni yoo garaacha keessa kan dafee darbu ta’edha. Erga ittisa kana darbanii mar’umaan qal’aa qaqqabanii booda dhangala’aa qaama keessaa bifa teessisuufi balaqqamsiisuu (haqqeetiin) gadi guuruu eegalu.
Dhukkubni koleeraa mallattoolee akkamii argisiisa?
Baakteeriyaan koleeraa kun qaama namaa keessa seenus namoota hunda irratti dhukkuba koleeraa hinfidu. Namoota hedduu keessatti utuu dhukkuba hinqabsiisiin mallattoo tokko otoo hinargisiisin darba. Namoota muraasarratti garuu mallattoofi dhukkuba koleeraa fida. Mallattoon dhukkuba koleeraa salphaa (Mild cholera) dhukkuboota teessisan mallattoo xiqqaa argisiisan akka ameebaa irraa baay’ee adda hinba’u. mallattoo inni argisiisu keessaa: bobbaa qal’aa akka bishaanii teessisuu (watery diarrhea)fi waan akka furrii kan of keessaa qabudha. Mallattooleen akka bobbaa dhiiga qabu, haqqee (balaqqama) koleeraa salphaarratti hinargaman.
Dhukkubni koleeraa cimaan (Severe Cholera) sa’aatii muraasa keessatti balaqqamaafi teessisaa irraan dhangala’aa qaama keessaa hanga liitira baay’ee baasuudhaan dadhabsiisuufi miidhuudhaan hanga lubbuu dabarsuu ga’a. Dhangala’aan sababa koleeraatiin qaama keessaa ba’u kun elektiroolaaytitoota jireenya lubbuu namaaf murteessoo ta’an akka soodiyeemii, potaasiyeemiifi kanneen biroo fudhatee ba’uudhaan rakkoo lammataa geessisa.
Elektiroolaayitoonni kunniin bakka hinbuufaman taanaan salphaadhumatti lubbuu namaa dabarsuu danda’u. Dhukkubni koleeraa cimaan kun yoo yaala kan hinarganne ta’e namoota qabate keessaa hanga %50 hanga %70 lubbuu galaafachuu mala. Kana jechuun koleeraa cimaan namoota kudhan yoo qabate yoo kan yaala kamuu hinarganne ta’e hanga lubbuu namoota torbaa galaafachuu mala. Keessumaa daa’immaniifi dubartoota ulfaarratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisa.
Dhukkubni koleeraa akkamiin yaalama?
Wal’aansi dhukkuba koleeraa osoo laabiraatoriin hinmirkaneessin dafee jalqabamuu qaba. Sababni isaas dhangala’aan qaama keessaa ba’u lubbuu galaafachuudhaaf yeroo waan hinkennineef akkuma qabameen jalqaba wal’aansi geggeeffamuu qaba.
Wal’aansi jalqabaafi daran barbaachisaa ta’e dhangala’aa qaama keessaa ba’e bakka buusuudha. Kunis kan bakka bu’u ‘Oral Rehydration Solution (ORS)’ kan namni kamuu mana qorichaatii bitatee bishaaniin bulbulee dhuguu danda’uudha. Bulbulli (solution) kun elektiroolaayitoota armaan olitti dhukkubni kun nama keessaa gadi guuruufi dhangala’aa ba’u bakka buusuudhaan carraa lubbuun darbuu nama koleeraadhaan qabamee gara dhibbantaa tokkootti gadi buusuu danda’a.
Kana jechuun yoo dhangala’aa kana kan fudhatan ta’e namoota koleeraadhaan qabaman 100 keessaa hanga nama tokkoo qofatu lubbuun darbuu mala jechuudha.
Yoo sadarkaan dhangala’aa qaama keessaa gadi ba’ee olaanaa ta’e immoo mana yaalaattii karaa ujummoo dhiigaan dhangala’aa ga’aan kennamuufii qaba. Qorichi farra baakteeriyaa (antibiotics) kanaas mana yaalaarraa nikennamaaf. Qorichi kun garuu turtii dhukkuba sanaa hir’isuuf malee lubbuu baraaruurratti ga’ee guddaa hinqabu.
Dhukkubni koleeraa akkamiin ittifama?
Dhukkubni koleeraa kun kan dhufu walumaagalatti rakkoo qulqullina bishaanii, nyaataa, naannawaafi nama dhuunfaarraa waan ta’eef qulqullina eeguurratti xiyyeeffachuun dhukkuba kana ittisuu keessatti ga’ee olaanaa qaba. Haaluma kanaan maloota ittiin qulqullina eegan keessaa kanneen armaan gadii shanan koleeraa nurraa dhorkuuf ga’ee olaanaa waan qabaniif keessumaa yeroo ammaa yeroo dhukkubichi namoota hedduurratti argamaa jirutti fayyadamuun lubbuu ofiif kunuunsa ga’aa gochuu qabna.
- Yeroo mana fincaanii deemnee deebinu, nyaata qopheessuu dura, nyaata qopheessuun booda, nyaata nyaachuun dura, nyaata nyaachuun booda, akkasumas nama dhukkuba kanaan qabameef kunuunsa yeroo kenninu harka keenya saamunaafi bishaan qulqulluudhaan dhiqachuun dirqama.
- Bishaan maddi isaa qulqulluu ta’e yoo arganne fayyadamuu yookaan ammoo keemikaalaafi danfisuudhaan ququlleessinee dhuguun ofirraa ittisuudha.
- Yoo bobbaa ba’an mana fincaanii qofatti ba’uu yookaan boolla bobbaan itti ba’amu qopheessuun itti fayyadamuu, bakkee irrattiifi maddeen bishaanii cinaatti tasumaa bobbaa ba’uu dhiisuu.
- Nyaata seeraan bilcheessanii nyaachuu, yoo kan olkaa’an ta’e sirriitti qadaadanii kaa’uu, utuu hedduu hinturin ho’aatti nyaachuu.
- Qulqullina naannawaa, kan mana keessaa, kan mana fincaanii, bakka uffata miiccaniifi kkf eeguu.
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014