Ololli, (Piroppogaandaan) yaada, odeeffannoofi kkf dhaabbata tokko, namaafi haala jiru gargaaruuf ykn miidhuuf kan tamsa’uudha. Inni kun addumaan yeroo waraanaa daran kan hammaatu akka ta’e biyyoottan akka Iraaq, Afagaanistaan, Sooriyaatii eegalee hanga waggoottan hedduu dura bara warraaqsa Ameerikaatti gadi fageenyaan yoo ilaalle arguun nidandaa’ama. Isa kana keessatti biyyootni akka Ameerikaafi Awurooppaa haala jiru hanga barbaachisuu olitti olola tamsaasuun akka biyyootni garagaraa biyyasaanii edaa’atee waan isaan dubbatan malee haala jiru akka hinsimanne gochuu akka yaalan addumaan bara keessa jirru kana argaa jirra. Furmaanni isa kanaa bifa qindaa’aa ta’een olola jiru secca’uun abaqii jiru hawaasatti mul’isuun ofiis irraa of qoqqobbachuun murteessaadha.
Namni maqaan isaa ‘Adolf Hitler’ jedhamu waa’ee ololaa yeroo dubbatu “Propogaandaan sirriitti qindaa’ee yoo tamsa’e mootummaa Waaqayyoo si’ool gochuun jireenya jannataa ammoo manca’aa fakkeessuu nidanda’a” jedhe. Ololli kaansarii hawaasa keessa faca’uudha. Ololli sammuu namaa to’achuun sodaa lapheetti naqee waan hinjirre akka jiruutti, dadhabaa akka jabaatti, gaarii akka hamaatti, sirrii akka dogongoraatti agarsiisuun ilaalchaafi amantaa dogongoraa akka namni qabaatu taasisa. Keessumatti guutummaan olola jiruu soba yoo ta’e rakkoo hinqabu. Salphaatti adda baafachuun nama hindhibu.
Rakkoo guddaan sobni yeroo dhugaa makatee faca’u namootni eessatti dhugaa akka ta’eefi eessatti ammoo akka sobni jiru adda baafachuun ni rakkisa. Dogoggorris eessatti akka ta’e adda baafachuun nama danqa. Inni kun akka dharri erga namoota hedduu cina taree booda namootni hubannaa qaban adda baafachuu danda’u. Kun miidhaa danuu qaqqabsiisa. Meeshaa lolaa isa hamaadhas. Yeroo baay’ee waa’ee meeshaa lolaa yeroo kaafnu tarii qalbiin keenya hatattamaan gara qawwee, taankii, dhuka’aa, xiyyaarota lolaa, bidiruu galaana keessaan loluufi saatalaayitii garaa garaatti deemuu danda’a. Haa ta’u iyyuu malee bara duriitii eegalee tarsiimoo cimaa kan ta’e ololaafi tekniikota xiinsammuurratti dhiibbaa geessisuun sodaa namatti naquun akka isaan hatattamaan mo’aman taasisuudha.
Ololli garuu loliisa hamaa, firii gaarii agarsiisu, meeshaan lolaa inni dhokotaan kan namootni ijaan hinagarreedha. Inni kun ammoo malli ittiin soba kalaqaniifi namoota gidduutti facaasan hojii shororkeessummaa cimaa uumuudhaan akka isaan mo’amuu isaanii amanan, namootni tumsuuf cina dhaabatan akka ittii adda ba’an, diinni qofaatti akka hafu taasisuun dhuma irratti injifachuudha. Isa kana hundumaa irra biyyi keenya agarteetti. Ololaan namoota hedduu naasisuun akka naannoofi biyya isaanii gadi dhiisanii baqatan, akka qabeenyi isaanii saamamuufi irbaata hattuu taa’an ta’eera. Isa kana keessatti miidiyaan garagaraafi olola burqaan isaa hinbeekamne qofa utuu hinta’in soba dhugaa keessa makuun nama raasuun amala olola hamaati.
Olola diinaa injifachuuf wanti godhamuu malu inni guddaan kallattii addaa addaan wal’aansoo jiru utuu hinlaaffisin, ololli jiru akka dhara ta’e agarsiisuun barbaachisaadha. Inni guddaan olola tamsa’u qofa utuu hinta’in dhugoomee argamuu isaatu miidhaa guddaa qaba. Namootni olola sobaa dhagaa’anii itti aansuun yoo dhugaa ta’uu isaa mirkaneeffatan rakkoon isaa inni guddaan boris dhara sana caalu yoo ta’e illee amanuuf yeroo isaan hinfudhatu. Darbees olola diinni nurratti geggeessu qofa utuu hinta’in diina mo’uuf olola cimaa deebisanii irratti geggeessuunis barbaachisaadha.
Haa ta’uyyuu malee ololli geggeeffamuu malu kun kan diinaa caalaa kan humna qabuufi injifachuu kan danda’u ta’uutu irra jira. Wanti nama dhibu yoo jiraate olola sodaa namatti naqu hawaasa keessa tamsaasuun olola nama jajjabeessu tamsaasuu caalaa salphaadha. Wallaalummaa facaasuun beekumsa facaasuu caalaa salphaadha. Kanaaf loliisa keessatti ololli salphaatti tamsa’a. Utuu ololaan hinjeeqamiin sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Ogummaa irratti bifa hundaa’een ilaaluun daran murteessaadha.
Fakkeenyaaf miidiyaan burqaa olola isa cimaadha. Sababiin isaa isaan kun bifa qindaa’aa ta’e olola tamsaasuun akkaataa itti biyya lafaa ykn haala tokko ilaalluufi achi keessatti akkataa itti of ilaallu daandii addaa addaan jijjiiruuf yaalii nitaasisu. Yaada keenyarratti dhiibbaa mataasaanii dandeessise fiduuf yaalii cimaa taasisu jechuun nidandaa’ama.
Akka hawaasaatti addumaan bara amma keessa jirru kana keessatti olola garagaraa haala jiran sababeeffachuun tamsaa’an miidhaa cimaa qaqqabsiisuusaanii hubachuun of eeggachuun barbaachisaadha. Olola tamsaa’an, odeeffannoo jiran mara gadi fageenyaan sababarratti karaa hundaa’een qorachuun dhugaa sobattii adda baasuun gaariidha. Oduu nuti dhageenyu ykn odeeffannoon garagaraa miidiyaa hawaasummaan tamsaa’an yeroo agarruufi dhageenyu gammaduus ta’e na’uun dura burqaa isaa, ololli kun haala jiru sirriitti bakka bu’uu danda’uu isaa, dhugaan jiru waan nama rifaasisu tamsa’aa jiru kana bakka bu’uusaa namni ykn miidiyaan haala nama raasu kana maaliif maxxansuun akka isaan barbaachise hubachuuf yaalii gochuu, namootni olola kana tamsaasan namoota attamii akka ta’an adda baafachuuf yaaluu, ergaan isaanii inni guddaan maal akka ta’e hubachuu, kaayyoon isaa maal akka ta’e gadi fageenyaan itti yaaduufi kkf. irratti hojjechuun barbaachisaadha. Inni kun rakkoo hedduu jalaa nama baraara. Dhugaa utuu hinhubatin raafamuun, jeeqamanii nama kan biraa jeequun barbaachisaa miti.
Tarii gaaffilee kanaan olitti ka’an kanaaf deebii yoo arganne, maaliif akka maxxanfame yoo hubanne ergaa miidiyaa hawaasaarratti maxxanfame kana akka nucina darbe nama biraa hinqaqqabneef yaalii gochuun, utuu itti hinbu’in irraa maquun barbaachisaadha. Namootni hedduun bara keessa jirru kana maxxansasaanii ilaaluun, hiruufi ajajachuun galii cimaa bara itti argatan keessa jirra. Kaaniis ammoo dhimma siyaasaaf itti fayyadamuun namoota jeequufi naasisuun dhimma fedhan raawwachuuf nifayydamu. Isa kana injifachuun, sodaa duguuganii of keessaa baasuun murteessaadha. Waan guddan beekamuu qabu yoo jiraate tarii kan nuti dhageenye naanu nama yoo ta’e nama akka keenyaa ta’uu isaa dagachuun barbaachisaa miti. Akkuma ati naatu innis nina’a. Kanaaf sodaa of irraa molqanii gatuun barbaachisaadha. Raafamuus injifachuun gaariidha.
Si’a tokko tokko miidiyaan garagaraa mata duree irratti “simbirtuu” jechuun dhiyeessu. Haa ta’uyyuu malee mata duree qofa ilaaluun tilmaamuu utuu hinta’in qabiyyee isaa gadi fageenyaan dhaga’uun, gadi fageenyaan xiinxaluun, ergaan jiru kun dhaggeeffachuun ykn nama kan biraa bira yoo ga’e gaariidha jennee kan yaadnu yoo ta’e hiruun nidandaa’ama. Karaa kan biraas olola akkaataa itti laphee keenya argatutti itti yaadamee kan tamsa’u sababa ta’eef utuu simannee nama kan biraan hinga’in itti yaaduun barbaachisaadha.
Haa ta’uyyuu malee, olola hamaas ta’e olala dharaa bara keenya kana keessa tamsaa’an to’achuuf gartuun garaa garaa waliin hojjechuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf mootummaan gama isaatiin gaazexxessitoota beekumsa cimaa qaban, haala jiran kana gadi qotanii dhara jiru yerootii gara yerootti ifatti baasan qabaachuu, oduu sirrii haalota jiran irratti bifa qabatamaa ta’een akka namootni yeroon argatan gochuu, oduu hawaasni amanuu danda’u kan dhiyeessan, hawaasnis jecha isaaniitti kan amanu, oduu sobaa kan saaxilan, odeeffannoo dogoggoraa utuu yeroo hinfudhatiin kan saaxilan, dhaabbileen teknolojii garagaraa odeeffannoo sobaa meeshaalee adda baasanii saaxiluun galii sobdootaa xiqqeessan irratti hojjechuu, itti gaafatamummaa odeeffannoo karaarraan (online) tamsa’eef akka namootni fudhatan taasisuu, namootnis waa’ee oduu tamsaa’anii ilaalchisee akka beekumsa barbaachisaa argataniif dhama’uu, hawaasnis oduu dhaga’uufi dubbisu callisee kan simatu utuu hinta’in akka shakku, dhugaa jiru secca’ee akka ilaaluufi soba dhugaa irraa akka adda baafatu taasisuun barbaachisaadha.
Sababiin isaa ololli dharaa bara keessa jirru kana akka addunyaatti faca’aa jiran rakkoo guddaatiif dhaloota saaxilaniiru. Namootni hedduun ittiin gowwomsamaniiru. Fakkeenyaaf waggaa tokko dura utuu kirkirri lafaa biyya Jaappaan keessa hinjiraatin kirkira lafaa 3.11 kan ta’e biyya Jaappaan keessatti nama miidhe jechuun oduu dharaa uumameef yoo xiqqate namootni 80,000 (kuma saddeettama) ta’an sirreessuuf yaalii cimaa taasisaniiru. Haa ta’uyyuu malee yeroo hedduu ololli sobaa uumamee yeroo faca’u rakkoo guddaa biyya keessatti uuma. Jeequmsaaf namoota kakaasa. Sodaa itti naquun akka namootni jeeqaman taasisu. Akka namni hojjetee hinbulleef shora guddaa taphata. Keessumatti yeroo amma keessa jirru kana miidiyaa garagaraatti fayyadamuun namootni olola addaaddaa kan tamsaasan humna xiqqoon guutummaa biyya lafaa yeroo itti faalan waan ta’eef isa kanarratti jabaatanii hojjechuun, namoota dandeettii sirrii qaban gama kanaan kaa’uun, akka hawaasni oduu sirrii argatu taasisuun barbaachisaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014