Kutaa 6fafi isa xumuraa
Sirni Muudaa sirna walta’insi Oromoo karaa aadafi seeraa ittiin mirkanaa’uudha. Kadhannaa, eebba, seerota qaacessuu, Muudaa wantoota sirna Muudaarratti raawwatamaniidha. Aadaafi seera konfedereeshiniin ittiin walbulchan ni sakkatta’ama. Seerri dabe ni fooyya’a. Abbaan Muudaa Aadaa qajeelcha. Jila eebbisee adda keessa Muudaa. Sunis mallattoo eebbaati. Qumbii jila dhandhamachiisa ykn alalfachiisa. Qumbii nyaachuun dhugaa dubbachuufi qulqulluu ta’uuf waadaa galuu agarsiisa. Xumurarratti Abbaan Muudaa jilli aadaafi seera gurmuu Oromoo ykn konfedereeshinii naannoo keessatti akka sirriitti kabachiisan, murtii haqaa akka kennaan, seera Gadaa ala bulchiinsa kamiyyuu akka hindeeggarre gorsa.
Bakka deemanittis fakkeenya nageenyaa, araarafi eebbaa akka ta’uu qaban itti hima. Jilli aadaafi seera qofa utuu hintahiin muuxannoo akkaataa ittiin aadaafi seerri dirqisiifamu, sirni amantii ittiin raawwatamu sirna Muudaarraa hubatu. Jilli bulchiinsa caffeefi caffee waliigalaa gidduu hojjetu. Adeemsi kun hanga xumura jaarraa 19faatti akka ittifufe himama. Jilli aadaafi seera Sirna Gadaa naannootti yuuba gorsitoota ta’uun tajaajilu. Isaanis maqaa waliigalaa ‘’Maalimaa”n beekamu. Caffee (konfedereeshinii) naannootti hayyuu aadaafi seera ta’uun tajaajilu.
Haata’u malee, suuta suutaan giddu galeessummaan Madda Walaabuu laafaa deemuusaa ragaaleen ni ibsu. Innis sababa hir’ina walquunnamtii irraa akka ta’e himama. Fageenyi caffeen naannoo Madda Walaabuurraa qabu rakkoo isa guddaa yoo ta’u, innis yeroo yerootti walarguufi aadaafi seera irratti marii’achuu hindandeenye. Sirna akka Gadaa dimookiraatawaa ta’e keessatti hirmaattonni yeroo barbaachisutti walagranii aadaafi seera dabe qajeelchuun murteessaa ture.
Yeroodhaa gara yerootti walga’uu dhabuun immoo bulchinnsa Gadaa konfedereeshinii adda addaatti garaagarummaa sirnoota tokko tokkoo uumuu danda’eera. Sanarrattis bulchiinsa gidduugaleessaummaan konfedereeshinoota ciminaan gaggeessuu dhabuun jijjiirama aadaaf qaawwa baneera.
Sirni Muudaa Maccaa irraa, Raayyaafi Karrayyu irraa Siikkoofi Maandoo irraa, Ituufi Humbannaa irraa Madda Walaabuutti Muudaa jaarraa 16faa-19faatti geggeeffamaa ture, akkuma hordoftoonni amantii Kiristaanaa Yeerusaleemitti taasisaniifi Muuslimonni Makkaatti Hajii taasisan waliin walfakkaata jedhama. Jilli kun sodaa tokkummaa Oromoo fida jedhamuun labsii mooticha Minilikii II tiin bara (1900) baaheen dhorkame.
Waraana daangaa babal’ifannaa Minilik jaaraa 19faa booda Muudaa deemus ta’e sirni Abbaa Muudaa akka hinraawwanne dhorkame. Sababni isaas walitti dhufeenyi Oromoo tokkummaa Oromoo cimsee fedhii Minilik faallessuu danda’a jedhamee waan shakkameef ture. Akka ibsa ‘Huntingford’tti, “To the Abyssinians, however, they were not so much religious act as opportunities for stirring up… (Oromo) patriotism and forming plans of rebellion for men of all the … (Oromo) tribes met at Walaabuu.” Kana jechuun Abisiinotaaf sirni Muudaa amantiif utuu hinta’in gootummaa Oromoo dadamaqsuufi fincila kakaasuu danda’a. Gumiin Paan-Oromoo Madda Walaabuu tokkummaa Aadaafi eenyummaa Oromoo walta’iinsa siyaasaa akka fiduu danda’u shakkuurraa kan ka’e ture kan Minilik labsii irratti dabarse.
Sababa kanaaf gosoonni Oromoo gama Bahaafi Kibba Oromiyaa amantii Nafxanyaan fide jibbuurraa kan ka’e amantii Isilaamaa simachuun irraa darbaniis jila (Muudaa) Dirree Sheek Hussen bakka Madda Walaabuu durii buufataniiru jedhama. Kun tooftaa waan alaa itti fe’ame mormuu haata’u malee addaan ciituun jilaa aadaafi siyaasaa walitti dhufeenyaafi tokkummaa Oromoorratti dhiibbaa guddaa fideera.
Karaa biraatiin, Maccaa keessaa Oromoon Jimmaafi Tuulama keessaa Gullalleen kan fedhii guddaa horatan hanga bara 1920tti jila gara Boorana Areerootti deemuu akka itti fufan eerama. Garuu jila deemtonni akka duraanii ulaagaalee aadaafi seeraan filatamanii miti. Sababni isaas yeroo sanatti bulchiinsi Sirna Gadaa waan laafeef. Bulchiinsi Sirna Gadaa haa laafuu malee hanga hara’a seeronni Gadaafi safuu biyyaa keessattuu kanneen bara Makkoo Bilii, seera biyya yookaan seera ganamaa jedhamanii beekamu.
Afoola Oromoo Maccaa keessa hanga yeroo dhihootti, tumaa seerota durii kan akka seera Makkoo Bilii, tumaa seera Oda Bisil, Seera odaa Nabeefi Burqaa Mormoriifi Seera Walaabuu ni yaadatamu. Isaan kun immoo akka Wiirtuu Muudaa gosootaatti tamsa’e hubachuu danda’ama.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014