Sirnoonni cunqursaa atseewwanii dhufanii darban marti ilmaan Oromoofi sabaafi sablammoota garagaraatti harqoota gabrummaa fe’uun maxxantummaan jiraachaa, gola lammiilee golgoleessaa abbaa lafaa lafasaarratti abbummaa dhabsiisuun maqaa ‘ciisanyaa’ jedhu itti moggaasuun saamaa qorqalbii eenyummaa sabootaa jaamsaa turaniiru.
Sirni Dargiis ilaalchaafi raacitii sirna atseewwaniin of bokoksee saamicha qonnaan bulaa Oromoo akkasumas dhiittaa mirgaafi eenyummaa qaqqabsiisuun Oromoofi Oromummaan liqimfamee akka badu hojjetaa tureera. Kun ta’us sirnoonni maxxantuufi saamtuu kunneen haaluma walfakkaatuun humna qeerroon diigamuun ijaaramuu sirna ADWUIf bu’uura buusaniiru.
Sirni ADWUI murna bicuu wayyaaneen durfamaa ture dimokiraasii lafan qabsiisa jedhee aangootti bahes bifasaa jijjiirrachuun hanna ammayyoomsee lammiilee burjaajessee dargaggoota laamshessee qe’eef gola lammiilee golgoleessuutti wayita taa’u diddaa qeerroorraa isa mudateen umrii dargaggummaasaan unkutaa’eera.
Sirni saamtuufi hattuu akkanaa kun akka hindeebineef qeerroofi qarreen Oromoo har’allee wareegama qaalii kaffalaa kan jiran yoo ta’u, akka Bulchiinsa Magaalaa Burraayyuutti fayyadamummasaanii mirkaneessuuf maaltu hojjetamaa jira isa jedhuuf gaafdeebii Kantiibaa Ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Burraayyuu Obbo Addisuu Kabbadaa waliin gaazexaan Bariisaa taasise akkaataa armaan gadiin isiniif dhiyeessineerra.
Bariisaa: Sirna jijjiiramaa ammaa kana fiduu keessatti qooda dargaggoonni Oromoo taphatanii akkamiin ibsitu?
Obbo Addisuu: Sirni jijjiiramaa yeroo ammaa aangoorra jiru kun bu’aa dhiigaafi aarsaa qaalii qeerroofi qarree Oromooti. Dargaggoonni keenya lubbuusaanii qaaliif osoo hinwaakkatiin addasaanii rasaasaaf kennanii murna hattuufi saamtuu ABUT hundeedhaa diiganiiru. Dargaggoonni keenya kunneen abdii biyyasaanii ta’uu qabatamaan agarsiisaniiru.
Bariisaa: Injifannichi kansaanii erga ta’ee tikfachuurrattoo hirmaannaa isaan yeroo ammaa agarsiisaa jiran maal fakkaata?
Obbo Addisuu: Akkuman sila siif kaase jijjiiramichi bu’aa dhiigasaanii waan ta’eef har’allee shira gantummaa murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate qolachuuf adda waraanaatti bobba’uun tarkaanfii fudhachaa jiru.
Bariisaa: Murni ABUT aangoorraa ari’ame aangootti deebi’uuf weerara gaggeessaa jira humnoonni kunneen weerarasaanii akka hin babal’isne qeerroon magaalaa keessanii hirmaannaa attamii taasisaa jira?
Obbo Addisuu: Humnoota weerartuu biyya diiguuf kaka’aa jirtu kana qolachuuf akka bulchiinsa magaalaa Burraayyuutti dargaggoonni kuma tokkoofi 200 ol gara Raayyaa Ittisa Biyyaatti fedhiin makamaniiru. Jalqabuma yaada raayyaatti makamuu wayita kaasnu dargaggoonni hedduu kan galmaa’an yoo ta’u, warreen ulaagaa hinguunne wayita keessaa calalaman imimmaan buusanii kan boohanillee jiru.
Bariisaa: Dargaggoota kana maaltu isaan boossisa?
Obbo Addisuu: Sirni jijjiiramaa kun bu’aa dhiigasaaniiti, murni kaleessa isaan dhiigsaafi ajjeesaa ture deebi’ee aangoo qabachuuf wayita jedhutti ulaagaa raayyaatti makamuufi dhaqanii loluu dhabuusaaniin aaraniiti kan boohan.
Darbee dargaggeessi keenya har’aa kun boquu harqoota gabrummaa tole jedhee isaaf baatu waan hinqabneef biyyasaaf waardiyyaa dhaabatee murna finxaaleyyii biyya diiguun humnaan aangootti deebi’uuf wixxifatan gab gochuuf kutannoofi murannoo olaanaan kan guutamedha.
Bariisaa: Murni finxaaleyyii ABUT Dargaggoo Oromoof maalidha? Ummata Oromoofoo?
Obbo Addisuu: Kaleessa Raayyaa Ittisa Biyyaa waggoota 20f waardiyyaa ta’ee boolla jeedalaa keessa taa’ee isaan eegaa ture ganuun duubaan waraananii haala suukanneessaan kan fixan har’a qeerroofi qarree Oromoof jaalala qabu jennee yaaduun of gowwomsuudha.
Murnuma wayita aangoorra jiru ilmaan Oromoo hiraarsaa tureetu deebi’uuf afaan tolaa jira, isa kanaafimmoo qeerroon gurra hinqabu kaleessa dhagaan aangoorraa buuseera har’ammoo hidhatee birmadummaa biyyasaafi sabasaa eegsisa.
Kaleessa obboleessasaa of biraa dhabeera, qaamni obbolaasaa murnoota kanaan hir’ateera kanaaf dargaggeessi Oromoo gantoota faana hiriiru hinjiru.
Bariisaa: Dhaloonni bara kana garbummaa tole jedhee simatu jiraa laata?
Obbo Addisuu: Dhaloonni Qubee yeroo ammaa kun miira garbummaarratti hadheeffatee qabsaa’uufi gaafa xiiqiis kutatee loludha. Murna ABUT kaleessa obboleeyyansaa adda babahiirratti ajjeesaa, qaama hir’isaafi biyyaa baasaa ture yoomuu hin keessummeessu.
Dhaloonni kaleessa qe’eefi qabeenyasaarratti abbummaa dhabee hiraarfamaa ture humna isa nyaachuuf itti aggaamu ofirraa qolachuun alatti filannoo biraa hinqabuufi.
Kanaafuu waamicha birmadummaa biyyaa eegsisuuf taasifame tole jedhee fudhatee leenjii garagara afudhachuun kaan komaandoon, kaan raayyaa ittisa biyyaan, kaan humna addaan kaanimmoo milishaa ta’uun sabasaafi lammiileesaa tajaajila jira.
Bariisaa: Hirmaannaa qeerroon taasisaa jiru cinatti kan hawaasaa akkamiin ibsitu?
Obbo Addisuu: Dhugaa dubbachuuf sirni finxaaleyyii ABUT gola hawaasa keenyaa golgoleessaa ilmaan hawaasa keenyaa rasaasaan bobeessaa kaan qaama hir’isaa tureera. Sirni kun akka deebi’ee isatti dhufu kan hinbarbaanne hawaasni keenya qabeenya qabuun Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabachaa jira. Inni hinqabnemmoo ilmaansaa hiriirsaa jira; kana caalaa jaalala biyya ofiif qaban agarsiisuun hinjiru.
Bariisaa: Jijjiiramichi bu’aa qeerroofi qarree Oromoo erga ta’ee akka bulchiinsa magaalaa Burraayyuutti hudhaa dargaggoota kanaa furuuf hammam hojjetaa jirtu laata?
Obbo Addisuu: Akkuma beekamu Burraayyuun wiirtuu dargaggoonni hedduminaan keessatti argaman keessaa ishee tokkodha. Kanaafimmoo sababa kan ta’e Burraayyuun wiirtuu indastiriiti, carraa hojii uummachuufis bakka mijataadha jedhamee yaadama.
Dargaggoonni achi keessa jiraatan hedduun kanneen dhaabbilee barnoota olanaarraa eebbifaman yoo ta’an irri jireessisaanii hojii dhabeeyyiidha. Rakkoo hojidhabdummaa hudhaa dargaggootaa ta’e kana furuuf akkasumas dargaggoonni jijjiiramicha dhiigasaaniin fidan fayyadamoo akka ta’aniif karoorsinee hojjetaa turreerra.
Baajata pirojektootaaf qabame miliyoona 601 keessaa sadiin alatti dhibbantaa 70 ol dargaggoonni keenya gurmaa’anii ijaarsawwan garagaraarratti akka hojjetan taasisaa jirra.
Bariisaa: Dargaggoonni gurmaa’anii hojjetan kun pirojektoota akkamiifaarratti bobba’aa jiru laata?
Obbo Addisuu: Pirojektoota ijaarsaa garagaraarratti bobba’anii akka hojjetan yoo taasifaman pirojektoonni kunneenis qulqullinaafi yeroo qabameefii keessatti qisaasama tokko malee akka raawwataniif hordoffiifi to’annoon ni gaggeeffama.
Gama kanaan rakkoon qulqullinaafi harkifannaa akka hinmudanneef ogeessota ga’umsa qabaniin deggaramanii akka hojjetan taasifamaa jiru. Dargaggooni kunneen of kennanii hojjennaan bu’a qabeessa ta’uunsaanii waan oolu miti.
Bariisaa: Haalli kenniinsa liqaa kanaan dura ture rakkoo akka qabu himama amma bifa kamiin laatamaa jira?
Obbo Addisuu: Rakkoo kanaan dura ture madaalleerra. Kanarraa kan ka’e haala mijataa uumuun ilmaan qonnaan bulaallee osoo hinhafiin fayyadamaa akka ta’an taasisneerra.
Fakkeenyaaf kaardii magariisaa abbaa qabeenyummaa lafaa wabii godhachuun ijoolleen qotee bulaa liqicha argataniiru. Kanneen kaartaa manaa qabanis akkasuma, kanamalees warreen biroommoo wabii qabatamaa ta’e dhiyeeffachuun liqaa hojiif oolu akka argatan haalli mijataa uumameera.
Bariisaa: Waggoota lama dura liqaan dargaggoonni hojii haa uummataniif laatame hojiirra oolmaarratti rakkoo akka qabuufi kanneen maallaqa fudhatanii badanillee akka jiran himama quba qabduu?
Obbo Addisuu: Sirriidha, haalli kenniinsasaas rakkoo kan qabu ture,dargaggoonni kutannoon hojjetan hedduunsaanii maallaqa fudhatan hojjetanii deebisuun warreen biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru. Kanneen fudhatanii badanis jiru, isaan hafanimmoo hordoffii taasifamaa tureen to’atamanii seeratti kan dhiyaatan jiru.
Bariisaa: Liqaa amma laatamaa jiru kanaaf wabiin jiru maalidha dogoggorri darbe mudachuu hindanda’uu laata?
Obbo Addisuu: Dogoggorri darbe akka hindeebineef rakkoo isa darbee madaaluun isa ammaaf haal duree mijeessineerra. Kan ammaa kun wabii qabatamaan kan deeggarame waan ta’eef callisanii maallaqa qofa fudhatanii deemuu osoo hintaane hojiilee hojjetamani mararratti hordoffiifi deeggarsa taasisuun dargaggoonni keenya fayyadamoo akka ta’an ofirra darbanii kaaniifille carraa hojii akka uuman hojjetamaa jira.
Bariisaa: Carraa hojii dhaabbiin uumuurrattoo hojiin bara kana akka magaalaa Burraayyuutti hojjetamaa jiru maal fakkaata?
Obbo Addisuu: Bara kana akka magaalaa keenyaatti dargaggoota kuma sagaliif carraa hojii uumuuf karoorfannee kuma afuriifi 200 dhaabbiin akka qacaraman taasisneerra.
Gama kanaan ammallee hojiin guddaa akka nu eeggatuufi nus kutannoon hojjennee fayyadamummaa dargaggoota keenyaa qabatamaan mirkaneessuuf hojjetaa jirra. Kana cinaatti IMXn gurmaa’aniis carraa hojii yeroo akka banataniif deggarsi barbaachisaa taasifamaa jira.
Haala kanaan dura hinbaramneen maallaqa guddaa ramaduun carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira. Kun ta’us hunduu deggarsa mootummaan qofa milkaa’a jedhanii yaaduun sirrii miti. Kanaaf shoora gama kanaan abbootiin qabeenyaa taphataa jiran olaanaadha.
Bariisaa: Magaalaan Burraayyuu wiirtuu indastiriiti, carraa hojii uumuurratti shoora abbootiin qabeenyaa taphataa jiran akkamiin ibsitu?
Obbo Addisuu: Akka biyyaatti indastiriiwwan baay’inaan kan argaman magaalaa Burraayyuu keessattidha. Indastiriiwwan 700 ol magaalattii keessatti kan argaman yoo ta’u, dargaggoota kumaatamaaf carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuun aantummaasaanii qabatmaan agarsiisaa jiru.
Bariisaa: Indastiriiwwan kunneen ulaagaa invastimantii guutuun tajaajila barbaachisaa hawaasa naannawaaf laachuurratti hojii isaan hojjetaa jiran akkamiin ibsitu? Invastaroonni jiran kan misoomawaatimoo fakkeessitootadha?
Obbo Addisuu: Invastaroonni magaalattii keessa jiran harki caalaa invastaroota misoomawaati jechuun ni danda’ama. Kunis sochiifi bu’aalee isaan galmeessisaa jiran irratti hundoofnee ibsuu dandeenya.
Abbootiin qabeenyaa indastiriiwwan miira aantummaan faayidaa mataasaaniifi hawaasasaanii giddugaleeffatanii deeman jiru. Akka fakkeenyaatti bara kana keessatti mana barumsaa sadarka lammaffaa Ifa Boruu qarshii miliyoona 36n ijaaruun baruu barsiisuun akka eegalu taasisaniiru.
Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa indastirii tokko tokko tajaajila daandii keessoo hanga warshaasaanii geessullee osoo hinijaariin hawaasa rakkisaa, dhukkee itti kaasuun ganna lolaan akka miidhaman taasisaa kan jiran jiru. Kun faaydaasaanii qofa giddugaleeffatanii deemuu hinta’uu laata?
Obbo Addisuu: Dhugaadha, abbootiin qabeenyaa hawaasasaaniif dhimmamanii hojjetan akkuma jiran kanneen faayidaa dhuunfaasaanii qofa giddugaleeffatanii deeman jiru, isaan kana hordoffii goonee hojiitti akka seenan kallattii keenyeerra.
Abbootiin qabeenyaa kunneenis yaadichatti walii galuun yeroo gabaabaa keessatti komii gama daandiin walqabatee ka’u furuufi fayyadamummaa hawaasaarratti hojjechuuf fedhii agarsiisaniiru. Waadaa galaniifi ulaagaa invastimantiin gaafatu akka guutaniif hordoffiifi deeggarsi walirraa hincinne ni taasifama.
Bariisaa: Warshaaleen maqaa invastimantiifi misoomaan dhaabbatan akkuma jiran ergama biraaf kan oolanillee jiraachuutu himama, keessumattuu mana kuusaa meeshaa waraanaa seeraan alaa ta’aa akka jiran ka’a isin maal jettu?
Obbo Addisuu: Sirna Wayyaanee keessa indastiriiwwan hedduu kaampii waraanaa ta’anii tajajilaa turaniiru, mankuusaa meeshaa waraanaas turaniiru, kun hundi amma akka hinmudanneef hordoffiifi sakatta’insi barbaachisaa taasifamaa jira.
Bariisaa: Lafti kanaan dura sirnuma wayyaanee keessa invastimantii omishaalee gara garaaf laatamaa ture gatii gadi aanaaniifi darbaa fudhatamaa akka ture ka’aa ture amma maalirra jira?
Obbo Addisuu: Lafti invastimantiif sirna darbe keessa laatamaa ture gatii gadaanaan dabarfamaa tureera, kanamalees darbaa lafaallee dallaa akka itti ijaarratan ta’ee ture. Sun hundi irra deebi’amee ilaalamee darbaan lafaa akka deebi’u ta’ee jira. Kanamalees abbootiin qabeenyaa naannawaa warshaasaanii magariisa akka uwwisan kallattii taa’een jiijiiramoonni mul’ataa jiran jajjabeessoodha.
Bariisaa: Sirna jijjiiramaa kana keessa lafti invastimantii indastiriiwwaniif kennamaa jiru komii kanaan dura ture furaa jiraa laata? Keessumaa beenyaa wajjin walqabatee ?
Obbo Addisuu: Kan kanaan duraa sadarkaa saantimaatti shallagamee tola dabarfamaa ture jechuun danda’ama. Amma garuu karaa fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneesseen akka raawwatu ta’eera.
Kuni ta’us lafti invastimantiif jecha haaromsaa as kenname muraasadha. Irra jireessaan indastiriiwwan amma hojiirra jiran marti warra dur ijaaramaniifi abbootii qabeenyaaf bittaan darbanidha.
Bariisaa: Lakkoofsi dargaggoota hojidhabeeyyii yeroorraa yerootti dabalaa jira. Simannaan invastimantiif mijatee jiru maalitti jira?
Obbo Addisuu: Akkuma beekamu rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa humna mootummaan qofa furuuf yaaluun fagoo nama hindmeesisu. Kun waan ta’eef hirmaannaa abbootii qabeenyaa kan gaafatudha.
Kanaaf abbootiin qabeenyaa invastimantii garagaraarratti bobba’uu barbaadaniif karra banneerra. Yeroo ammaattis galmaa’anii misoomaaf qophaa’oo ta’anii warreen argamaniif eeyyama laachuuf naannoo wajjin mariirra jirra.
Murtee achii darbu hordofuun hojiitti akka galaniif haala mijeessaa jirra. Babal’achuun misoomawwan indaastirii hudhaa hojidhabdummaa dargaggoota keenyaa hiraarsaa jiru furuu keessatti bakka olaanaa waan qabuuf cichinee irratti hojjetaa jirra.
Bariisaa: Indastiriiwwan teessumnisaanii magaalaa keessaan keessa jiran amanamummaan gibiraafi taaksii mootummaa kaffaluurratti maal fakkaatu quba qabduu laata?
Obbo Addisuu: Gibraafi taaksii amanamummaan kaffaluu wajjin walqabatee abbootiin qabeenyaa indastiriiwwan magaalaa Burraayyuu keessa jiran hedduu fakkeenyummaan kan ka’an jiru.
Isaan kunneen amanamummaa gama kanaan agarsiisaniin mootummaa naannoorraa badhaasaafi beekamtii fudhataniiru. Nus gama keenyaan hojmaata akkasii jajjabeessuun alatti invastaroota misoomawaa faayidaa ummataafi kan mataasaanii giddugaleeffatanii deeman qabaachuun fedhii keenyadha. Fuuldurattis cimnee irratti hojjenna.
Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa tokko tokko warshaansaanii magaalaa Burraayyuu keessa osoo jiruu gibira naannoo Oromiyaaf kaffaluu osoo qabanii magaalaa Finfinneetti kaffalu kun maaf ta’e ?
Obbo Addisuu: Abbootiin qabeenyaa teessumnisaanii Finfinnee ta’eefi warshaansaanii Burraayyuu keessatti argamu walakkaan Finfinneetti kaffalu, walakkaan Oromiyaa jalattidha. Kun sirrachuu akka qabu marii taasisneen deebi’anii Oromiya jala akka galan kan ta’an jiru. Kanneen hanga ammaa Finfinneetti kaffalanis jiru.
Warshaan kun hamma Burraayyuu keessa jirutti naannawicha fayyaduun irra jiraata. Kanas ta’e sana gibirri kaffalamu kamuu hinhatamiin malee asittis achittis kaffalame kanuma; mootummaati akka waliin hindhahamneef garuu hordoffiin ni taasifama. Fuulduratti garuu hordoffiif akka tolutti kallattii walfakkaatuun akka socho’uuf irratti hojjenna.
Bariisaa: Warshaaleeniifi manneen namoota dhuunfaa tokko tokko ergama diinaa milkeessuuf wiirtuu ta’anii tajaajilan hinjiranii laata?
Obbo Addisuu: Gama kanaan eeruu ummatni nuuf kennaa ture quubsaadha jechuun danda’ama. Keessumattuu bakkeewwan shakkiin jiruufi sakatta’insi barbaachisa jedhamee qorannaan mirkanaa’erratti hordoffii walirraa hincinne taasisuun bu’aan galmaahaa jira.
Isa kanaafimmoo sababa kan ta’e argannoowwan kanaan dura turan yoo ta’an bakkeewwan shakkiin itti hammaatu sa’aa 24 hordofama. Naannawaa indastiriiwwan hedduminaan itti jiraniifi ergama diinaa kanneen baatanirratti sakatta’insa taasifameen rasaasni kuma tokkoofi 800 argame eeruu uummataa giddugaleeffateetidha.
Kanamalees qarshiin foorjidii hedduu eeruu ummanni magaalichaa kenneen to’atamee hordoffiin dabalataa irratti gaggeeffamaa jira. Kanas ta’e sana shira diinni karaa garagaraa xaxuun nageenya uummataa booressuuf yaalu kamuu ummata jalaa waan hindhokanneef seecca’aa seeratti butaa deemna.
Kanamalees, jaladeemtonni ergamicha raawwachuuf bobbahanii jirran tokko lamaan funaanamanii seera jala oolaa jiru. Hordoffii yeroo ammaa taasisaa jiruun kana booda murni ABUT ta’e Shanee magaalaa Burraayyuu seene deebi’ee bahuu hindada’u jechuun danda’ama.
Bariisaa: Labsii Yeroo Hatattamaan walqabatee humnaa ol aangoo fayyadamuun miidhaan akka hingeenye akkasumas maqaa labsiin alseerummaan akka hinbabal’anne hordoffiifi deeggarsi jiru maali?
Obbo Addisuu: Labsiin Yeroo Hatattamaa bahe kun isa seera kabachiisuufis ta’e hawaasa bal’aaf walqixa kan dhaabate yoo ta’u hunduu daangaa seeraa taa’eefii keessa akka socho’u kan godhudha.
Qaamni seera kabachiisus ta’e inni kabajuu qabu, daangaa seeraa keessa ta’ee socho’a. Qaamni faallaa seera deemu yoo jiraate seeratti dhihaata jechuudha. Kanaafuu seerichi isa raawwachiisuufis isa raawwachuu qabuufis giddugaleessaafi walqixaan kan tajaajiludha.
Bariisaa: Labsii Yeroo Hatattamaan dahoo godhachuun miirri haaloo bahuufi sobaan maqaa walgurraachessuu hinjiruu laata?
Obbo Addisuu: Qaamni seera kabachiisu labsicha dahoo godhatee haaloo akka bahu kan isa taasisu hinjiru, shaakalee argamnaan seeraan gaafatama. Namoonni waldhabdee dur qabanis sobaan maqaa walgurraachessuun eeruu sobaan walqabsiisuun kan calaqqisu yoo ta’u, hordoffii taasisneen kan irra geenye jira. Kanas ta’e sana kan sobaafi haaloo duriisaa bahuuf sobaan abaluun akkasidha jedhee maqaa xureesses itti gaafatamummaa jalaa hinbahu.
Ilaalchi akkanaa kun akka hinuumamneef hojiin hubannoo uumuu kennamaa kan jiru yoo ta’u, lammiileen yakka akkasiirraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu kallattii keenyeerra.
Bariisaa: Yeroo ammaatti hordoffiifi sakatta’insi taasifamu bifa kamiin gaggeeffamaa jira laata?
Obbo Addisuu: Qaamni nageenyaafi caasaaleen wayita eeruu argatan qorannaafi ragaa qabatamaan deeggaramanii seeratti kan butan yoo ta’een alatti jette jettee fi olola sobaan to’annaan akka hingaggeeffamne ta’aa jira. Hawaasnis hojmaata badaa sobaan wal to’achiisuuf yaalamu keessaa bahuu qaba.
Bariisaa: Tarii namoonni jibba waliif qabaniin maqaa wal yakkuun wal to’achiisan yoo mudatanoo akkam ta’a?
Obbo Addisuu: Eenyumtu shakkamee yoo dhiyaate dhimmisaa yeroorraa yerootti koree mataasaa danda’een qoratamaa madaalamaa deema. Yoo jette jetteen kan to’atame ta’es hatattamaan furmaata akka argatu ta’a. Kanaaf abaluun akkasidha jedhanii sobaan maqaa gurraachessuun sirrii miti.
Bariisaa: Eeruu ummataafi sakatta’insa tasaa taasifamuun meeshaaleen waraanaafi ragaaleen argamaa jiruu laata?
Obbo Addisuu: Eeruu sirrii ummatni laateen meeshaaleen waraanaa, rasaasnifi kkf to’annoo jala oolaa jiru. Isa kanaafimmoo hawaasniifi caasaaleen nageenyaa galata guddaa qabu. Nageenya waloosaanii mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuunsaanii bu’aa buusaa jira.
Bariisaa: Finxaaleyyiin kun lo’anii akka hinseenne hordoffiin sa’aa 24 keessatti taasifamu akkamiin ibsama?
Obbo Addisuu: Sa’aa 24 seensaafi ba’umsa magaalaa Burraayyuu kallattii arfaniin eegamaa jira. As keessatti qeerroon, caasaaleen nageenyaa, hawaasni dabareefi qindoominaan hojjetaa jiru.
Qorra, aduu jedhee osoo hinnuffiin nageenya magaalattii qabatamaan mirkaneessuuf yoomuu caalaa cichamee hojjetamaa jira. Gabaabaatti hawaasni ilmaansaa biramadummaa biyyaa kabachiisuuf dirree lolaatti bobbaase qe’eefi golasaa ofii eeggachaa jira.
Bariisaa: Munri ABUT kana booda osoo dhufe amala bare sanaan jiraachuufi ummata Itoophiyaa biratti fudhatama qaba jechuun danda’amaa?
Obbo Addisuu: Ummanni murna kanatti gaddeera, Raayyaa Ittisa Biyyaa gaachana ummataa ta’e ganee rasaasaan kan akaa’e Itoophiyaaf ilaalcha gaarii qaba jechuun hindanda’amu. Kaleessaa aangoorraa qabsoo qeerroofi qarreen ari’amuunsaa ilaalchaafi gocha ofittummaan guutamuusaati. Dhaloota cunqursaa darbe deebisee baachuuf fedhii qabu argadha jedhanii yaaduun dogoggoradha.
Bariisaa: Ummanni Magaalaa Burraayyuu jibbaafi diddaa murna gantuu ABUT kanaaf qabu akkamiin agarsiisaa ture, ammahoo?
Obbo Addisuu: Yakka gantummaa finxaaleyyiin kun raayyaa ittisaarratti raawwatanirraa kan ka’e ummanni xiqqaa guddaa beekaa wallaalaa osoo hinjedhiin hiriira nagaa bahee balaaleeffateera.
Kanamalees murni kun lamuu aangootti akka hindeebineef ilmaansaa hiriirsee waardiyyaa dhaabuunifi qabeenya qabuun deggaruun nageenyasaa eegsifachuuf kutannoon hojjeechaa jira.
Bariisaa: Yeroo ammaatti weerara murni ABUT raawwataa jiruun walqabatee dargaggoonni gara dirree waraanaatti bobba’aa jiru. Xiyyeeffannoon gama misoomaan jiru akka hindagatamneef kallattiin taa’e jiraa laata?
Obbo Addisuu: Jiraachuufis ta’e lolanii diina ofii hurreessuuf dinagdeen of utubuun barbaachisaadha isa kanaafimmoo damee misooma qonnaa keenya cimsuunifi deggaruun nurraa eegama. Kun yoo hintaane hudhaa dabalataa waan ta’uuf murna finxaaleyyii bicuu kana qolachaa misooma ofiis si’eessaa imaluun barbaachisaadha.
Hiyyummaanis ta’e murni ABUT diina ummataafi farra jijjiiramaa ta’uu beeknee harka tokkoon ofirraa qolaa harka biraanimmoo dinagdeen humnaahuuf hojjechuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Jiraataan magaalaa Burraayyuu irri jireessi ykn dhibbantaan 75 dargaggootadha, isaan keessaa harki caalu kanneen hojii barbaadanidha. Dargaggoota hamma kana qabaachuun carraa moo yaaddoodha?
Obbo Addisuu: Akkuman dura siif kaase dargaggeessi gaachana gaafa xiiqiiti, humnaafi lafee dugdaa biyyaati. Humna kana kunuunsanii haalaan yoo itti fayyadaman ijaarama biyyaaf murteessitootadha. Dargaggoonni kunniin rakkoo keessa jiranirraa kan ka’e ormaaf meeshaa akka hintaaneef gama mootummaanis ta’e gama miti mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisuun dinagdeen akka humnaahan taasisaa jirra.
Kanneen hafanis rakkoosaanii caalaa lola murni ABUT bane qolachuuf waakkii malee dirree waraanaatti bobba’uun biyyasaaniif haara galfiin akka ta’u taasisa jiru. Kanaafuu dargaggootaan guutamuun carraadha malee yaaddoo miti.
Yaddoo kan inni ta’u dargaggoota ofirraa kan dhiiban yoo ta’edha. Nuyimmoo sochii misoomaa, hawaasummaafi siyaasaa mara keessatti dargaggoota hirmaachisuun abbummaa inni biyyasaaf qabu hojiitti akka hiiku taasisaa jirra.
Bariisaa: Dargaggoota ofitti qabanii wajjin hojjechuun walqabatee haalli waggaa sadii dura tureefi ammaa akkamiin ibsama?
Obbo Addisuu: Waggaa sadii dura qeerroo wayita jedhamu akka humna badiitti lakkaawamaa ture. Kana malees dhimma siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa keessatti qooda akak fudhatu hinjajjbeeffamu ture. Sun hundi mootummaa haaromsaa kana keessatti hafeera.
Dargaggoonni dhimma biyyasaanii keessatti gama siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaa keessatti hirmaannaa akka taasisan haalli mijataa uumameera. Fakkeenyaaf mootummaa ofii filateen akka bulu ta’eera, mirga paartii barbaadu filachuu argateera, dhiibbaafi gadi qabaa jalaa baheera.
Siyaasa keessattis aangomanii akka hojjetan ta’aniiru. Egaa sirna kana keessatti qeerroon humna badisaa osoo hintaane humna misoomaati. Kanarraa kan ka’e caasaalee nageenyaa waliin hiriiruun nageenya magaalaasaanii eegaa jiru, darbees fedhiin raayyaa waraanaatti makamuun gaachana sabaa ta’aa jiru.
Dargaggoonni kunniin mootummaa haaromsaa kana waliin akka dhaabatan wanni isaan taasise inni guddaan faayidaa argatanii osoo hintaane jijjiiramichi bu’aa dhiigasaanii waan ta’eefidha.
Bariisaa: Gama nageenya, siyaasaafi dinagdeetiin qindoominaan hojjetamaa akka jiru kaastaniittu. Hudhaa biraa biyya keenyaa kan ta’emmoo fayyaadha. Tatamsa’ina vaayirasii Koronaan walqabatee humni oomishaa ta’e kun akka hinsaaxilamneefi gaaga’amni fayyaa akka hinuumaneef kallattiin taa’e maalidha? Miirri of dagannaa hinjiruu laata?
Obbo Addisuu: Hudhaa biraan hawaasa keenya qoraa jiru vaayirasii koronaati. Dagannaan of eegganoorratti jirus yaaddoodha. Rakkoo gama kanaan qaqqabaa jiru jalaa lammiilee keenya baraaruuf haguugduu afaaniifi funyaanii fayyadamuun akkuma jirutti ta’e talaallii alana kennamurratti hunduu hirmaachuu qaba.
Talaalliin Koviid-19 akka biyyaatti Sadaasa 13 kan eegalu akka ta’e beeksifameera. Hawaasni magaalaa keenyaas dhimma kanaaf xiyyeeffannoo laatee of baraaruu qaba.
Dargaggoonni humna oomishaa ta’an adda durummaan talaallicha fudhachuun balaa gama kanaan dhufu jalaa of baraaraa misoomasaas, duula murna finxaaleyyiirratti gaggeessaa jirus waliin adeemsisuu qaba.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa hawaasa Magaalaa Burraayyuufi ummata biyyattiif qabdan yoo jiraate?
Obbo Addisuu: Sirni kun bu’a dhiiga qeerroofi qarree kumaatamaati. Isa kanammoo seera qabeessa godhachuuf filannoo haqa qabeessa marsaa jahaffaa gaggeeffameen bilisummaan mootummaa barbaadu filateera.
Murnoonni finxaaleyyii faallaa jijjiiramaa ta’an kunneenimmoo sirnicha humnaan diiguun aangootti deebi’uuf gorari’aa waan jiraniif qabsoon waloo eegalee jiru waloon finiinee itti fufuu qaba. Hunduu humna qabuun tumsa eegale jajjabeessee itti fufuu qaba.
Inni biraan qabsoo murnoota finxaaleyyii dhabamsiisuuf taasifamu cinatti gaaga’ama dinagdeen dhufu jalaa baraaramuuf warraaqsa msioomaa cimsuun damee misooma qonnaarratti jajjabeessuun hojjechuun barbaachisaadha.
Kun akka hingufanneefimmoo dhaloota fayyaalessa qabaachuun murteessaa yoo ta’u, balaa vaayirasii koronaan qaqqabuu danda’urraa of baraaruuf talaallii Koviid-19 fudhachuun oomishaafi oomishtumma guddisuuf hiyyummaa seenaa gochuuf hojjechuun dirqama lammummaa bahuu qabna.
Bariisaa: Aarsaa yeroo keessaniif maqaa gaazexaa Bariisaan galatoomaa isiniin jenna.
Obbo Addisuu: Isinis haala yeroo biyyi keenya keessa jirtu hordofuun deggarsa ogummaafi hubannoo hawaasaa uumuuf birmannaa taasistaniif galatoomaa; horaa bulaa jenna.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014