Haaromsa Gadaa Odaa Roobaa

Kutaa 5fa

Ragaa qabatamaan yaada kana mirkaneessu Qaalluu Gujiifi Oditu Booranaati. Qaalluun Odituufi Karrayyuutti akkauma sirna duriitti gahee abbaa Muudaa bahaa turan. Seenaa dhufaatii Qaalluurratti afoolli iddoo baay’eetti Waaqa waliin walqabsiisa. Akka ibsichaatti, Qaalluun ilma Waaqaati. Amantii Waaqeffannaa Oromoo keessatti Qaalluu inni duraa yeroo waaqayyo nama duraa (Horoo) uume dhalate jedhama. Innis ergamaa Waaqarra aadaa, safuufi seera qabatee ergamedha jedhamee amanama.

Seera Caffee Oromoo keessatti Qaaluun ganama, Qaalluun Waaqarraa bu’e, Qaalluun hangafa, Qaalluun Abbaa Oromooti, Qaalluun Qulqulluudha, Qaalluun Abbaa Muudaati (madda eebbaati). Ibsa armaan oliirraa akka qaaluun amantiifi Sirna Gadaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa qabu ifaadha. Kanaaf Abbaan Muudaa Waaqaafi nama gidduutti nageenyaafi badhaadhinaaf hojjieta. Asirratti wanti hubatamuu qabu Abbaan Muudaa toora amantii aadaa, safuufi Sirna Gadaa tiksuu malee dhimma siyaasaa keessatti qooda hinqabu. Haata’u malee, Abbootiin Gadaa aangootti dhufan kan eebbisee muudu Qaalluudha. Filannoo miseensa Gadaa kan mirkaneessus isaaniidha.

Seenaa Oromoo keessatti sirni Muudaa akkuma bulchiinsa Sirna Gadaa Odaa jalatti raawwatama. Jecha kan biraatiin Maddi Walaabuu wiirtuu siyaasaafi amantii Oromoo ture. Sababni isaas bulchiinsi Sirna Gadaa tooraan akka raawwatamu gaheen Abbaa Muudaa Olaanaadha. Kunis tokkummaa aadaafi syaasa Oromoo konfedereeshinii duraafi boodaa agarsiisa. Erga konfedereeshiniin bulchiinsa Gadaa gosoota Oromoo hedduu biratti hundeeffamee hirmaannaan gosoota Oromoo isaanii itti fufe. Innis waggaa saddeet-saddeetitti karaa bakka bu’oota isaanii raawwatama. Sababa hirmaannaa kanaaf hanga xumura jaarraa 19faatti Aadaan Oromoofi bulchiinsi Sirni Gadaa haala walfakkaatuun gaggeessamaa ture.

Sababa seenaan siyaasaafi amantii Oromoo yeroo dheeraaf madda walaabuu waliin hidhata qabuuf aadaa keessatti Maddi Walaabuu akka lafa dhalootaatti fudhatamaa jira. Seenaan Madda Walaabuun walqabatu kunis bara 1450 booda yoo ta’u, iddoon sun seenaa hawaasa Oromoo keessatti qaburraa madde. Yaada kana Alula ‘Pankhurst’ akkasitti ibasa, “Any region possessing a certain cultural, linguistic or ethnic unity often corresponding also to an area of economic interdependence, tend to become at once a political unit and a pilgrimage catchment area.” jedha.

Maddi Walaabuu iddoo itti bakka bu’oonni gosoota Oromoo walargan ture. Bakka bu’oonni Muudaa dhufanis jila jedhamu. Gosooti Oromoo Arsii, Maccaa, Tuulamaa, Karrayyuu, Ittuufi Humbanna, Booranafi Gujii hoggantotoota amantii haaqabaatan malee sirna Muudaa Madda Walaabuutti jilisaa turan. Kanaaf hanga xumura jaarraa 19faatti gara madda walaabuutti jilaaf bakka bu’oota ergaa turan.

Muudaan ayyaana waggaa saddeet saddeetiin kabajamudha. Jechi Muudaa gocha abbootiin Gadaa mana qaalluutti (Muudaan)irraa madde. Sunis yeroo itti abbootiin Gadaa eebbaafi beekkamtii Qaalluurra argataniidha. Yeroon isaas waggaa saddeet keessatti yeroo Qaalluuf hoggantoonni Gadaa walarganiidha. ‘Donald Levine’ barreeffamasaa keessatti muudi seenaa hortee Kuushiifi Seem keessatti aadaa ta’uusaa ibsee kallattii aadaa, afaan ykn amantiin gaggeessamuu akka danda’u ibse. Alulaan immoo karaa isaa humna sirni Muudaa walitti hidhamnisa hawaasaa fidu eeree eenyummaa Oromoo yeroo dheeraaf akka tiksaa ture ibse.

Oromoon tokkummaa hundee, aadaafi seenaa ofii ykn Oromummaa karaa hirmaannaa sirna Muudaan akka ibsachaa ture himama. Kana malees jilli gara Abbaa Muudaatti taasifamu madda kaka’umsaafi badhaadhinaati jedhama. Kaayyoon hirmaannaan sirna Muudaa inni guddaan eebbaaf haata’u malee hirmaannaan gosoota Oromoo kallattii adda addaan Madda Walaabuutti taasifamu tokkummaa siyaasaa, aadaafi eenyummaa saba Oromoo mul’isa.

Ragaan barreeffama Abbaa Baahiree waa’ee Abbaa Muudaa ykn sirna Muudaa jaarraa 16ffaafi isa dura ture hineeru. Garuu walitidhufeenyi Oromoo waliigalaa dhimma siyaasaafis ta’e amantii karaa Muudaa raawwatamaa ture. Gumiin waliigalaas tahe sirni Muudaa waggaa saddeettitti raawatamu walitti dhufeenya tokkummaa Oromoo (Pan- Oromoo) karaa siyaasaafi amantiiti. Dhimma Muudaa irratti barreeffamni Azzaaj Xinnoo ykn Fayyisaan gorsaa mootii Gondoor kan Susiniyoos jaarraa 17ffaa ragaa murteessaadha. Ibsa Muudaa Oromoon keessattuu Oromoon Maccaa gara Madda Walaabuutti tasisan Azzaaj Xinnoon barreesse Mohaammed Hasan akka armaan gadiitti ibseera.

“ .…Besides their belief in one Waqa, the Oromo believe in one single person whom they call messenger of God or Abba Muda. As Jews believe in Moses and Muslims in Mohammed, the Oromo believed in their Abba Muda. They all go to him from far and near to receive his blessings.” jedha.

Hiikni isaas Oromoon Waaqa tokkichatti amana, dabalataan Abbaa Muudaas akka ergamaa Waaqaati amanu. Akkuma uummanni Jewshi ykn Isiraa’el Muuseetti, Musiliimni immoo Mohaammadiin waaman Oromoon Abbaa Muudaa waama. Isaan hundi dhihoofi fagoorraa eebba isaa fudhachuuf isa bira dhaqu.

Muudi gara Madda Walaabuutti taasifamaa ture dirqama akka tureefi kaayyoon isaa inni guddaan eebbaafi beekamtii Abbaa Muudaa argachuu akka ture qorttoonni qorhawaasummaa ni ibsu. Akka ‘Knutsson’ ibsetti “…the journey to Abba Muda is made to honor him and partly to receive his blessings and anointment, which qualify the pilgrims to ritual functions in their own home region ….” Akka ibsa kanaatti, Abbaa Muudaatti jila taasisuun qofti madda ulfinaafi eebbaati. Bakki bu’oonni gosaa waggaa saddeet saddeetiin Muudaa deemanis Jila yoo jedhaman qe’een Abbaa Muudaa sirni Muudaa itti gaggeessamu ardaa jilaa jedhama. Akka aadaatti kan fedhii qabu hundi jila deemuu hindanda’u.

Ulaagaalee namni tokko guutuu qabu hedduutu jiru. Duraan dursee bakka bu’aa gosaa ta’uuf ulaagaa barbaachisuun filatamuu qaba. Ulaagaa ilaalchisee Oromoo Maccaafi Tuulaamaa keessatti kan jila deemuuf filatamu Boorana qulqulluu warra heeraafi seera fudhatee bulu tahu’u qaba. Jaarraa 17faa keessa bara Azzaaj Xinnoon waa’ee Muudaa barreesse hawaasa Oromoo keessatti Booranummaan dhalootaanis amantiidhaanis hangafummaa mul’isa. Kana jechuun Gurmuu ykn konfedereeshinii bulchiinsa Gadaa keessatti hoggantoonni amantiifi jila deemuuf ulaagaa kan guutan Boorana qulqulluudha.

Ulaagaan kan biroon ammoo bakka bu’aan Muudaa deemu kan buttaa raawwatee luba ba’eefi gaa’elan godoo ijaarrate ta’uu qaba. Kana malees nama aadaafi seera beekuufi erga Muudaa raawwatee deebi’ees ga’umsa Aadaafi seera qooduu kan qabu ta’uu qaba. Jecha biraan ulaagaan jilaa beekumsaafi muuxannoo Sirna Gadaa ykn hayyuu ta’uu dirqisiisa. Beekumsiifi muuxannoon aadaafi seeraa ibsa bakka Muudaatti dhimma raawwii isaarratti kennamuuf gargaara. Kunis tooftaa ittiin Abbaan Muudaa kabajamuu seera Waaqaafi Gadaa ittiin mirkaneessudha. Dabalataan jila deemtonni hawaasa keessatti nama balleessaafi yakka hindalagne ta’uu qaba.

Namni walittibu’iinsa namoota kan biroo waliin qabuufi araara hinraawwanne jila deemuuf ulaagaa hinguutu. Gabaabaadhumatti jila deemtonni Waaqa waliinis ta’e nama waliin nagaa qabaachuu qabu. Karaan deemamus cimina qaamaa waan barbaachisuuf jila deemtonni jabeenyaafi qaama guutuu ta’uu qabu. Ittigaafatamummaan jila deemtota filachuuf kan caffee naannoo waan ta’eef ulaagaalee sirriitti to’achuun dirqama caffee naannooti. Oromoo Ittuufi Humbannaa biratti bakka buutonni jilaaf filataman Leemmoo (namoota) ulfinaafi qulqullummaa qaban jechuudha. Leemmoo jechuun nama yakkaafi balleessaa hinqabne jechuudha. Oromoo Arsii birattimmoo Wayyuu gurraacha jedhamu. Maccaafi Tuulama Birati Wallaab galeessa ykn Sammaloo jedhamaa. Bulchiinsa gadaa Oromoon Arsii wiirtuu Odaa Roobaa ta’uunsaa ni yaadatama.

Akka ragaalee seenaatti, waqtiin ayyaana ykn jila Muudaa yeroo hunda kan gaggeeffamu ykn dhaabbataadha. Sababni isaas hirmaattoni konfedereeshinii adda addaarraa dhufan odeeffannoo walfakkaatu akka qabaataniif. Fakkeenyaaf Muuda deemtonni Oromoo Maccaa Madda Walaabuu ga’uuf ji’a lamaa hanga sadii tursiisuu danda’a. Deemsa irratti jila deemtonni mallattoo waan qabaniif Oromoon kamiyyuu keessummeessee galaa naqee akka geggeessu aadaatu dirqisiisa.

Sirni Muudaas waqtiin gannaa darbee birraa keessa taasisama. Birraan waqtii abdii namatti horu ta’ee akka jalqaba waggaa haaraattis ilaalama. Akka barreeffama ‘Huntingford’tti, Tuulama keessaa kan deeman dursa Gullallee, Gombichuu, Galaaniifi kan biroo irraa Caffee bulchiinsa Gadaa Odaa Nabeetti filatamanii jila Madda Walaabuutti gaggeessamu. Muuda deemtota Tuulamaa walumatti dhaqaa gala jila ta’anii deebi’uuf turtii ji’a sadii fudhata. ‘Huntiingford’ kana haa jedhu malee gara muudaatti kan godaanamu gosa hunda keessaa kan filatamu waan ta’eef gosa Tuulamaa Galaan, Bachoofi Jillee akka jirutti bakka bu’oota isaanii ni ergatu.

Lammii biyya Faransaay kan ta’e ‘D’ Abbade’s waa’ee Muudaa giddugaleessa jaarraa 19faa baroota 1840-1850 gabaasee ture.

Innis taateewwan guyyaa jalqabaa hanga jila deemtonni deebi’anitti raawwatamu ibseera. Akka gabaasichaatti, jila deemtonni nama Waaqaa jedhamu; nagaafi eebbaaf waan deemaniif meeshaa waraanaa kamiyyuu hinqabatan. Sana immoo kan ibsu hoolota ofdura oofanii deemu. Korma Abbaa Muudaa ittiin Muudaanis qabatanii deemu. Jila deemtonni hanga imala jilaa xumuranitti ala malee mana hinbulan. Hanga jila deemtonni deebi’aniitti haati warraa isaanii dhadhaa hindibatan, lafa ciisu.

Sirni Muudaa sirna walta’insi Oromoo karaa aadafi seeraa ittiin mirkanaa’uudha. Kadhannaa, eebba, seerota qaacessuu, Muudaa wantoota sirna Muudaarratti raawwatamaniidha. Aadaafi seera konfedereeshiniin ittiin walbulchan ni sakkatta’ama. Seerri dabe ni fooyya’a. Abbaan Muudaa Aadaa qajeelcha. Jila eebbisee adda keessa Muudaa. Sunis mallattoo eebbaati. Qumbii jila dhandhamachiisa ykn alalfachiisa. Qumbii nyaachuun dhugaa dubbachuufi qulqulluu ta’uuf waadaa galuu agarsiisa. Xumurarratti Abbaan Muudaa jilli aadaafi seera gurmuu Oromoo ykn konfedereeshinii naannoo keessatti akka sirriitti kabachiisan, murtii haqaa akka kennaan, seera Gadaa ala bulchiinsa kamiyyuu akka hindeeggarre gorsa.

Bakka deemanittis fakkeenya nageenyaa, araarafi eebbaa akka ta’uu qaban itti hima. Jilli aadaafi seera qofa utuu hintahiin muuxannoo akkaataa ittiin aadaafi seerri dirqisiifamu, sirni amantii ittiin raawwatamu sirna Muudaarraa hubatu. Jilli bulchiinsa caffeefi caffee waliigalaa gidduu hojjetu. Adeemsi kun hanga xumura jaarraa 19faatti akka ittifufe himama. Jilli aadaafi seera Sirna Gadaa naannootti yuuba gorsitoota ta’uun tajaajilu. Isaanis maqaa waliigalaa ‘’Maalimaa”n beekamu. Caffee (konfedereeshinii) naannootti hayyuu aadaafi seera ta’uun tajaajilu.

Itti fufa

Madda Walaabuu Odaa Oromoo Waliigalaa 1450- 1801tti

 Obbo Alamaayyoo Hayilee

Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You