Yeroo ulfaataa kan ce’uuf tokkummaatu furmaata

Itoophiyaan rakkoolee yeroo garagaraatti ishee mudachaa turan tokkummaa ilmaansheetiin ce’uu dandeessetti. Yommuu rakkinni tokko biyyattii mudatu lammileenshee addaddummaa sanyii, amantii, ilaalchaa, umuriifi kanneen biroo dhiisanii akka gurmuu kannisaa wal ta’uudhaan yeroo ulfaataa hedduu darbaniiru.

Wayita ammaas haalli Itoophiyaan keessa jirtu ulfaataafi walxaxaa ta’uusaatiin kana keessaa ba’uuf yoomiyyuu caalaa tokkummaatu barbaachisa.

Dhimma kana ilaalchisuun Ministirri Muummee biyyittii Doktar Abiyyi Ahmadis ergaa kan dabarsan yoo ta’u, “Yeroon kun yeroo qorumsaa, rakkooleen itti walwalirratti dhufaniidha. Qorumsichi hamma darbutti namni hunduu qoramuunsaa hinhafu. Hamma rakkooleen keenya dafanii furmaata argatanii gara jireenya idileetti deebinutti hundi keenya haala jireenya keenyaa kan yeroo qorumsaaf mijatu taasifnee turuu qabna” jedhu.

Akka isa yeroo nagaa haalonni mijataa akka ta’an eeguun yeroo nagaa kan fageessu ta’a malee tasumaa hindhiyeessu jedhanii, Labsiin Yeroo Hatattamaas kan labsame yeroo rakkinaa kana gabaabsuufi yeroo furmaataa dhiyeessuufi ta’uu ibsu. Kanaafuu lammiileen akka yeroonsaa gaafatu ta’uudhaan, qajeelfamoota labsichi ajaju kabajuudhaan, qaamoleen seera kabachiiftotaa hojiisaanii si’aayinaan akka raawwatan tumsuufi deeggersa barbaachisaa gochuudhaan hundumtuu gaheesaa akka bahu waamicha dhiheessu.

Hunda caalaammoo tokkummaa cimsachuudhaan yeroo qormaataa kana gabaabsuun gahee lammilee hundaa akka ta’e dhaamu.

Lammileen biyyattii hundis miira sodaafi naasuu keessaa ba’uun wantoota adda isaan baasan osoo hintaane kanneen tokko isaan taasisanirratti xiyyeeffachuun biyyattii fuulduratti ceesisuutu irra jiraata. Ajandaa adda isaan baasuufi wal isaan mormisiisu yeroodhaaf olka’aachuun amma biyyattii oolchuudhaaf irree tokkoon dhaabachuun dirqama nama hundaa ta’uu qaba.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You