Onkololeessa 24 guyyaa Itoophiyaan itti ganamtee waraana hamaaf saaxilamte

Seenaa gurraacha maqaa ummattoota biyyattii xureesseefi guyyaa gaddaa jara lubbuu ofii kennee biyya eegu biyyeen itti nyaatte guyyaa fafaati.

Warri waggoota 30 maaf waliin biyya eegaa ture eeboosaa walitti garagalfatee guyyaa itti wal gaade, gaafa warri waggoota hedduuf waliin nyaataa ture itti wal nyaate guyyaa gadda guddaa ture.

Siyaasni Itoophiyaa raafamee dhadhaa bahaafi dhagaa bahaan osoo adda hin bahiin bubbuluunsaa gara waraana idileetti ce’ee biyyattii daandii misoomaa si’ataa irraa gara laamsha’uutti ce’e. Biyyi ofirra dabartee nageenya biyyoota afrikaatiif wabii ta’aa turte yeroo ammaa nageenya ofiishee kabachisiisuun itti ulfaate mata duree oduu miidiyaalee Addunyaa ta’uuf dirqamte.

Mootummaan qabsoo ummataatiin gara aangootti dhufe wantoota hedduu sirreessuuf yaalus wantoota yaalamuu hin qabneefi yeroo barbaadan yeroosaatiin alatti yaaluun isaanis gatii kanfalchiisee imala diinagdee biyyaa gufachiisee hawaasa biyyattii hedduus mufachiise.

Warri waggoottan 27f aangoo irra tures gaafa fincila ummataatiin aangoo irraa bu’an qaamota ce’uumsaa qabsoo ummataatiin gara aangootti dhufan kana karaa adda addaatiin sakaalanii rakkoo biyyi har’a keessa galteef saaxilani.

Qaamni aangoo dur ittiin kan fedhe hidhee kan fedhe immoo ajjeessaa ture, akkasumas ittiin biyya saamee bu’aa garee muraasaa kabachisiisaa ture gaafa aangoo sana dhabe mootummaa ce’uumsaatiif gufuu hamaa akka ta’e waan wal nama gaafachiisuu miti.

Wanti wal nama gaafachiisu garuu, qaama aangoo ittiin biyya goodaa ture dhabuun gufuu mootummaa jijjiiramaa ta’e sana malaafi qaroominaan taphaan ala gochuun osoo danda’amuu karaa jarri barbaadaniin deebii kennuudha.

Waldhabdeen siyaasaa waggoottan sadeen darbanii keessatti uumamaa ture deebii siyaasaa argachuu dhabuunsaa gara wal dura dhaabbannaa diree waraanaa dhalee biyyattiin rakkoo keessa akka galtu taateetti.

Onkololeessi 24 immoo guyyaa waldhabdee siyaasaa mootummaa giddu galeessaafi naannoo Tigraay giddutti taasifamaa ture gara wal dura dhaabbannaa waraanaatti itti ce’eedha. Raayyaa Ittisa Biyyaa waggoota dheeraadhaaf naannawaa sana turerratti tarkaanfii fudhachuu garee ABUT tiin kan eegale waraanichi, har’a waggaa tokko guutee yaadannoon waroogamtoota gaafasiif sadarkaa federaalaa hanga naannootti kabajamaa jira.

Hunda caalaa kan nama gaddisiisu garuu, jallina siyaasaa furmaata qajeeltoo dhabeen humni nageenyaafi tasgabbii biyyaa eegu, biyyattii weerara garaa garaa irraa eeguun birmadummaa biyyattii mirkaneessu, biyya dura ofii du’uuf of kennee halkanii guyyaa waardiyyaa biyyaa ta’e bakka inni rafutti tasa garee Shororkeessaa ABUT tiin rukutamuusaati.

Nama waliin waggaa dheeraa hojjataniifi waliin nyaataa dhugaa turan dhiisi diina fedhes taanaan bakka namni rafaa jirutti ykn osoo namni sun quba of hin qabne rukutuun hamilee namaatiifuu qormaata guddaadha.

Jarri dheebuun aangoo macheessee miirri namummaa irraa hdeesse garuu hojii gara jabummaa kana raawwachuudhaaf duubatti osoo hin deebi’in hiriyyaasaanii isa durii bakka rafutti akka hoolaatti qalanii geeraraa meeshaa isaaniis irraa hiikkatani.

Duudhaa biyya kanaa keessatti nama tokko bakka rafetti haleeluuniifi nama du’e ykn reeffarra meeshaa hiikkachuun safuu ta’ee osoo jiruu kun hundi hafee seenaan safuu kana hunda cabse raayyaa ittisaa irratti raawwatame.

Har’a yeroo miseensota raayyaa ittisa biyyaa hojii gara jabeenyaafi fokkisaa ta’e kanaan lubbuusaanii dhaban yemmuu yaadanu kanattis biyyattiin rakkoo gaafas eegalame keessaa hanga ammaatti akka hin baane hubachuun barbaachisaa ta’a.

Duuti dhala namaa gaafas eegalame sun har’as akkuma itti fufutte jiraachuusaafi dhimmi kun furmaata siyaasaa bakka hin argannetti lubbuu dhala namaa hedduu galaafachuu akka danda’us tilmaamuun salphaadha.

Walumaa galatti, waraana waggaa tokkoof adeemsifamaa ture kanarraa Itoophiyaan maal argatte? Gaaffiin jettu deebii sirrii barbaaddi. Naannoon Tigraay hoo waraana raayyaa ittisaa biyya eegaa jirurratti dukkana dawoo godhatee eegale kanarraa maal buufadhee deebi’ee of gaafachuu qaba.

Dhugumaan namni Itoophiyaa jaalatu yoo jiraate ummanni biyyattii gatii kana caalu osoo hin kanfalle fala rakkoo kanaa barbaaduun dirqama lammummaafi namummaa qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You