Gaaffilee takaallaan maali? Takaalamaafi takaalaan eenyu? Ogummaan ykn beekumsi takaalamuu ni danda’aa? jedhan deebisuuf duraan dursinee akkaataa argama beekumsaa, eessaafi maal akka beekan adda baasuun dirqama ta’a. Barreeffamni kun taateewwan omisha beekumsaafi qulqullina barnootaa danqan irra jireessaan magaalaa Dambi Dolloofi naannawaashee erga ilaalee ceepha’ee booda akka itti aanutti kan qindaa’eedha.
Addunyaan faallaa wanta nutti argamtuu ykn beekamuu ta’uu ishee
Altokko tokko addunyaa kanarratti wantootni mul’ataniifi raawwatan faallaa ilaalcha nuti kanaan dura qabnuu ta’anii argamu. Isaan keessaas: mo’amuu warra mo’atanii, ukkaamamuu dhugaa, dhiibamuu haqaafi takaalamuu ogummaa ykn beekumsaati. Addunyaa faallaan guutte kana keessatti takaalamuun ogummaafi beekumsaa hunda caalaa kan ‘ajab!’ ‘safuu!’ kan nama jechisiisuudha. Sababiin isaas biyyi lafaa jalqabumayyuu ogummaafi beekumsarratti waan ijaaramteefi.
Jechi ‘ogummaa” jettu kun afaan Ingiliffaan “Wisdom” (Wisdam) jedhamuun haa beekamu malee afaan Girikiitiin bakka gurguddoo lamatti qoodama. Isanis: “Soofiyaa” (“Sophia”)fi “Firoonefis” (“Phronesis”) kanneen jedhamaniidha. “Soofiyaan” (Sophia) beekumsa sadarkaa yaadaatti (sammuu ykn qalbii) keessatti argamu yoo ta’u, firoonesis (Phronesis) immoo ogummaa harkaafi amala gaarii qabachuu kan of keessaa qabuudha. Beekumsi tokko beekumsa guutuu jedhamuuf lamaan isaanii of keessatti haammatee kan argamu ta’uu qaba.
Beekumsaawwan kunneen karaalee adda addaa argamu. Isaaniis: uumamaan sammuu (qalbii) keessa kan jiran, karaa qaamota miiraa kan argamaniifi mudannoo (muuxannoo) guyyaa guyyaatti nama quunnaman irraa kan horatamaniidha. Karaan (daandiin) guddichi beekumsi ittiin argamus ‘barnoota’ qofaani.
Barnooti maali?
‘Barnooti” meeshaa guddaa dhalli namaa jireenya isaa ittiin injifachuuf uumeedha. Barnooti meeshaa ittiin beekumsa sammuu namaa keessa dhokatee jiru qotanii bakkee baasanii itti fayyadamaniidha. Barnooti agarsiiftuu daandii beekumsaati. Kanaafuu, kaayyoon barnootaa dhaloota qaree baasuudha. Kaayyoon barnnootaa omisha warshaafi qonnaa waliin walfakkaata.
Akkuma warshaan cabeefi hojiin qonnaa sirnaan hin hojjetamne omisha gaarii argamsiisuu hindandeenye, barnooti qulqullina hinqabneefi imaammanni barnootaa kaayyoo (xiyyeeffannaa) dhabe beekumsa ga’aafi dhaloota beekumsa ga’aa qabu horachuu hindanada’u. Qulqullinni barnootaa mirkanaa’uu dhabuun ammoo beekumsi akka takaalamu taasisuudhaan dhaloonni wallaalummaa keessatti akka hafu taasisa.
Haala qabatamaa amma biyya keenya keessatti mul’atuun adeemsi omisha beekumsaa, ogummaafi amala gaarii waan manca’e fakkaata. Kanaaf ammoo hiyyummaa hamaan, (gadadoon), qaala’iinni gabaa, hojidhabdummaan, lolli, malaammaltummaan, saamichiifi kan kana fakkaatan agarsiiftuudha. Takaalamuun ogummaa (beekumsaa) hiyyummaa kan hordofsiisu ta’uun wal nama gaafachiisu. Akka hayyoonni dinagdee jedhanitti, akka namoonni matta’aa fudhatan kan godhu hiyyummaadhuma.
Rakkoo qulqullina barnootaa biyya keenyaan walqabatee barattoonni yunivarsitiiwwaniifi kollejoota adda addaarraa eebbifaman beekumsaafi ogummaa gahaa ofiisaanii, biyya isaaniifi addunyaa jijjiiru horatanii waan hinbaaneef hedduun isaanii hojidhabeeyyiidha. Akka namoonni tokko tokko natti himanitti, gita hojii duwwaa ba’e tokko beekumsaafi ogummaa qabaniin dorgomanii hojii argachuun hafee qarshii kuma 20 hanga kuma 70tti kaffaluun baratamaa dhufeera. Kana jechuun qabeenyi beekumsaa (intellectual property)fi mirgi qabeenya beekumsaa (intellectual property right) biyya kanatti bakka dhabuusaa argisiisa.
Namni tokko bakka dandeettiifi beekumsasaa maleetti hojjechuun harca’iinsa dhalootaa (generation gap) fida. Dhaloota ajjeesuu jechuun rasaasa qofaan osoo hintaane qulqullina barnootaa balleessuudhaani. Kanaafuu qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhimmi akka laayyootti ilaalamuu qabu miti.
Biyyi keenya hiyyummaafi wallaa lummaa keessaa baatee wabii nyaataatiin akka of dandeessu taasisuuf keessumaa qulqullina barnootaarratti hojjechuun dhimma ijoo ta’uu qaba. Dhibaa’ummaa, yeroo ofiitti sirriitti fayyadamuu dhiisuufi araada adda addaatiin qabamuufi qarshii argatan sagantaa malee baasuunis wantoota hiyyummaaf nama saaxilaniidha. Hiyyummaa keessaa ba’uuf yeroo ofiitti seeraan fayyadamanii hojjechuunis barbaachisaadha.
Beekumsi (ogummaan) qabeenya guddaa hin hatamne sammuu keenya keessa jiruudha. Kanaafuu barattooni mana barnootaa yeroo deeman qabeenya hin hatamne kana horachuuf akka manaa ba’an hubachuudhaan barnootasaanii sirriitti hordofuu qabu. Barattoonni barnootasaaniitii milkaa’uuf wantoota armaan gadii irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Isaanis:
* Hiriyootasaanii ilaaluu dhiisanii kaayyoosaanii ilaaluu;
* Qormaata hatuufi hachisiisuurra of deebisuu;
* Barsiisaa sirriitti dhaggeeffachuu;
* Hojii manaa isaaniif kenname hojjechuu,
* Barnootasaanii sirriitti dubbisuu,
* Waan isaaniif hingalle gaafatanii hubachuufi waliin mari’achuu;
* Yeroo hunda of danda’aa ta’uuf qophaa’uu;
* Dorgomaa ta’anii argamuuf barnootasaanii sirriitti hordofuufi qo’achuu;
Addunyaa tekinoloojiin dagaagde keessatti namni kamiyyuu dorgomaa ta’ee argamuu qaba. Addunyaarratti kalaqi haaraan yeroo yeroon argamaa akkuma deemu waldorgommiinis daqiiqaafi sekondii keessatti nama gataa deema. Yeroo nuuf kennametti hojjechuu yoo baanne yeroon nurratti kan hojjetu ta’uu hubachuu qabna.
Addunyaa wantoota lama jala jirtu (addunyaa yaadaa ykn dhokataafi addunyaa qabatamaa (ijaan argamu) keessatti taateewwan faallaa ta’antu argamu. Filoosooferri (hayyuun) Girikii durii Heeraakiliitas (Heraclitus) jedhamu akka ibsutti: “Wanti faallaa dhabe hinjiru. Akkuma karaan olgeessuufi gadigeessu walitti bahuu hindandeenye akkasuma wantootni faallaan walittii bahuu hindanda’an” jedha.
Mo’aan kan jiraatu yoo mo’amaan argameedha. Haqaaqamuun haqaafi ukkaamsamuun dhugaas akkasuma addunyaa irratti bal’inaan kan mul’ataniidha. Haa ta’u malee takaalamuun ogummaas yeroofi haalaan haa argaman malee ogummaan ykn beekumsi tasumaa takaalamee hafuu hindanda’u.
Akka Sooqiraaxiis (Socrates) jedhutti, “Wanti gaarii qofa ta’e beekumsa yoo ta’u; wanti gadhee qofa ta’e immoo wal’aalummaadha.” Cancala wal’aalummaafi fuuncaa sibiila hiyyummaa cicciree gatuuf aboo kan qabu beekumsa (ogummaa) qofa waan ta’eef ogummichi (beekumsi) tasa takaalamuu hindanda’u. Gabaabumatti, ogummaan adeemsa omisha beekumsaa yoo ta’u, takaalaan isaa immoo hiyyummaa ykn gadadoo biyyoonni guddinaan boodatti hafan keessatti argamaniidha.
Furmaati isaas wantoota xixiqqoo ijaan mul’atanirratti wal loluu ykn qoccoluu dhiisanii qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota qaruurratti hojjechuudha. Qulqullina barnootaa mirkaneessuufi dhaloota qaruu irratti xiyyeeffannee yoo hojjenne wal’aalummaan ni kufa; beekumsi itti fufa.
Barreessaan: Lalisaa Daani’eel
Yunivarsitii Dambi Dollootti, Barsiisaa Kolleejii Saayinsii Hawaasummaafi Namummaa Muummee Siiviksiifi Qorannaa Amala Gaarii (Xiinsafuu).
Ii-meeyilii: lelisa.daniel10@gmail.com
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014