‘’Gochi gara jabinaa shororkeessaan ABUT Gootcha Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate ajjeechaa jumlaa Naaziirraa adda miti ’’ -Meejar Jeneraal Mardaasaa Leellisaa

Finfinnee: Gocha gara jabainaa shororkeessaan ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti Onkoloolessaa 24 bara 2013 raawwaatte ajjeechaa jumlaa Naaziin raawwaaterraa addummaa hinqabu jedhu Meejar Jeneraal Mardaasaa Leellisaa.

Qondaala waraana Itiyoophiyaa duraanii Meejer Jeneraal Mardaasaan yaaddonnoo gocha gara jabinaa shororkeessaan ABUT gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwaatte waggaa tokkoffaa ilaalchisuun Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, birmadummaafi tokkummaa biyyaa eeguuf Raayyaa Ittisa Biyyaa Izii kaaba biyyattii maadheffatee ummata Tigiraay eeguurra darbee deggersa hawaasummaa taasisaafii turerratti gocha shororkeessaa gara jabinaan guutame raawwachuun diinummaa murnichaa agarsiisa. Gochi murni shororkeessaa kun Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate seenaa Itiyoophiyaa keessaatti seenaa gur’aacha ta’uun barabaraan dhalootaan yaadatamuu qaba jedhu.

Gochi gareen shororkessaa kun Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummafi tokkummaa biyyaa eeguuf ergmasaa bahachaa jirurratti raawwate diina ummata Itiyoophiyaa ta’uusaa ifatti kan agarsiisse ta’uu himanii, gocha gara jabinaa seexanummaa raayyaa ittisa biyyaarratti raawwateen alas ummata biyyattii ajjeesaafi saamaa jiraachuu eeraniiru.

Erga gochi gara jabinaa kun raawwatee asi dhiitamuu mirgoota namoomaa, dubartoota gudeeduun, qabeenya barbadeessuufi saamuun, lammillee nagaa ajjeesuun gocha ciigaasisaa murna kanaan raawwatamaa jiru yakka waraanaatiin himatamuu akka qabus ibsaniiru.

Murnichi maqaa uummata Tigiraayiin kakachaa maanguddoo, daa’imman, dubartoota ulfaa utuu adda hinbaasin dirree waraanaati bobbaasuun du’a hintaane akka du’an taasisaa jiraaachuu himanii, kana qofa utuu hintaane daangaalee ollaa ce’uun weerara geggeessuun biyya diiguuf kutatee ka’uusaa gochi shororkeessan haga ammaatti raawwate agarsiistuudha. Kanaaf, ummati Tigiraay daldala maqaa isaan geggeeffamaa jiru hubachuudhaan ijoolleesaaa ibiddatti oofuu dhiisuun murna shororkeessaa kanatti diddaa agarsiisuu qaba jedhaniiru.

Shororkeessaan kaayyoo birmadummaafi tokkummaa biyyaa diiguu qabatee ka’e galmaan ga’achuuf daldalaa, qonnaan bulaa, barataa fakkaatee hawaasaa keessa socho’aa waan jiruuf hawaasin olola sobaatiin osoo hiraafamin bakka jiraaturraa utuu hinbuqqa’in of eeguu qaba. Akkuma Raayyaan Ittisa Biyyaa ergamasaa raawwachaa jiru mootummaan tokkummaa hawaasaa cimsuun of eegaa deggersa raayyichaaf taasisu itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You