“Mariin biyyaalessaa ummattoota kallattii tokko qabsiisuuf taanaan gaariidha” Jaal Toleeraa Adabaa

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaan Bariisaa akkuma kanaan dura namoota ciccimoo muuxannoofi mudannoosaaniirraa baratamu dubbistootasaatiif dhiyeessaa ture maxxansa kanaanis nama gameessa, mirga Oromootiif waggoota dheeraaf of kennanii qabsaa’aniifi ammas qabsaa’aa jiraniidha. Keessummaan keenya Dubbi Himaa Adda Bilisummaa Oromoo ‘ABO’ Jaal Toleeraa Adabaa yoo ta’aan, turtiin isaan wajjin taasisne kunootii dubbisa gaarii.

Gaazexaa Bariisaa: Mee caalaatti dubbistoota keenyaan wal haabarruutii, Jaal Toleeraa Adabaa eenyu, yoom, eessatti dhalatan? Barumsa hoo eessa eessatti hordoftan?

Jaal Toleeraa: Dhimma kanarratti jalqabaafin haasa’a. Waan qabsoo keessa turreef waan akkanaa dubbannee hinbeeknu. Aadaasaas hinqabnuu gaggabaabseetuman sitti hima. Bakki dhaloota koo Wallagga Bahaa, bakka Caalsis jedhamee beekamuufi Magaalaa Naqamteerraa kiiloo meetira 20 fagaatee argamtutti. Kanin guddadhe Magaalaa Naqamteetti. Maatiin sababa hojiitiin bakka Arjoo jedhamu turan. Ani garuu gara caalu magaalaadhuma Naqamteettin dabarse. Barumsa hanga sadarkaa lammaffaatti achuma, Magaalaa Naqamteettin hordofe.

Bariisaa: Barumsa sadarkaa lammaffaa booda hoo? Haala akkamiitiin qabsootti makamtan?

Jaal Toleeraa: Akkan barumsa sadarkaa lammaffaa xumureen hojiilee adda addaan hojjetaa ture. Ministeera Barnootaas seeneera. Dargii keessatti kaadirummaadhaan na filatanii hamma tokko hojjedheera. Erga Paartiin Hojjettoota Itoophiyaa hundaa’ee booda haalichi natti toluu didnaan qabsootti makame. Bara 1973/74 jechuudha.

Bariisaa: Akka qabsootti seentaniin jalqaba eessa deemtan?

Jaal Toleeraa: Otoon qabsootti hinmakamiin dura waraqaaleen dhoksaa dhoksaadhaa Oromiyaa bahaarraa deddeebi’aa turan. Waraqicha dubbisanii gurra nu bubbuunis tureera. Isaanis ifatti bahanii namatti dhiyaachuuf haala rakkisaatu ture. Hafuurrisaa garuu naannawa Wallaggaa, Magaalaa Naqamteefaa keessa tureera.

Namoota ABO hundeessuu keessatti ‘pirominaanti’ ta’antu bulchitoota kutaa, Awuraajjaa (konyaa) ta’anii argamu. Miidiyaarratti ni dubbatu. Waan hojii mootummaarra jiraniif ammoo nuti kana hinjedhan. Sanuma sana keessa kallattii bahaatii dhaabni wayii qabsoo hidhannoorra akka jiru akka oduutti dhaga’aatuma turre dhoksaadhaan. Waraqaan darbee darbee dhoksaadhaan nu qaqqabaa ture. Namoota muraasa biraa oduun nu qaqqabaa ture. Utuma kanaan jirruu paartiileen siyaasaas turaniiru. “Me’esoon, Ihaappaa, EDU” jedhamanfaan turaniiru. Sana keessatti kanneen ishuu Oromoo kaasan hammana miti. Maqaa dha’uun garuu tureera.

Ihaappaafi Me’esoon wiingii Oromoo qabuuyyu. Irra jireessi miseensasaanii ijoollee Oromoo turan, hoggantoonnisaaniis akkasuma. Sana sana keessa egaa hafuurri Oromummaa kun hanga tokko ol ka’aa dhufe.

Dargiinis gara jalqabarratti walqixxummaan sabootaa ni kabajama jedhee labsee Afaan Oromootiin dubbachuun, raadiyoon gadi ba’uun, qubee kaaniin haa barreeffamu malee gaazexaanis mumul’achuun fedhii naashinaalizimiif jiru guddisaa dhufa jechuudha. Sanuma keessa egaa waan kontaaktiin rakkisaa ta’eef calliseetuman ture.

Booda karaa Qeellam Wallaggaa ammaatiin sochiin jalqabame jechuudha. Balaan wayiis mudatee ture; summiidhaan nama galaafachuu. Gaafan sana dhaga’u Finfinnee ture. Yoo xiqqaate karaa sanaan sochiin jira jedhamaa ture. Naannawa sana nan beeka. Maaliif hinijaarru jedheen achumaan gara Sudaanitti deeme. Achumaanis isaan argadhe.

Bariisaa: Jireenya qabsoo akkam ture, akkamiin qabsicha geggeessaa turtan?

Jaal Toleeraa: Jireenya qabsoo baay’ee bareedaadha; oggaan akka nama tokkootti fudhadhu. Achi keessatti akka dhuunfaatti sitti dhaga’ama. Rakkooleen gara garaa, beela’uun dheebochuun, dhukkubsannaan wal’aansa ga’aa dhabuun mudachuu danda’a. inni kun garuu rakkoo dhuunfaati.

\Ati garuu akeeka isa caaluuf waan kaateef isaan waanti duubatti jettuuf hinjiru. Haalichi nama tokkotti kan akeekkate miti. Yoo beelofte, rakkattes, dadhabdes waliini. Gara jalqabaa rakkoo akkasii tureera. Garuu rakkoon sasalphachaa, furamaa fooyya’uu danda’e jechuudha.

Tokkoffaa qabsoo keessatti akkuma dhuufaattuu ati bilisa taatee bakka itti jiraattuudha. Sodaa malee jiraatta. Maalin ta’a hinjettu. Kanirratti qabsooftu fuullee kee jira. Isarrattis xiyyeeffatta malee kan bitaa mirgaan ykn fuulduraa duubaan dhufee si dhiphisu hinturre. Qabsoo keessa jaalalatu jira. Namuu walabdata, waliif irkoodha. Waa hunda waliin hojjeta. Walamantaa guddaatu jira. Walshakkiin hinjiru. Walhamachuun hinjiru. Jireenyi qabsoo keessaa akka waliigalaatti jireenya kaanirraa adda; bareedaadhas.

Bariisaa: Sudaanuma turtan moo garam deemtan mee?

Jaal Toleeraa: Ani egaa kanin Sudaan dhaqeef barbaacha ABOti. Akka hiree ta’ee yerooyyuu natti hinfudhannee isaanis daangaarraa nama qabu turanii akkuman dhaqeen sekuriitii Sudaanitti harka kennadhee isa booda intarviiwu na godhanii daangaarraa gara waajjira ABO Biluu Naayilitti argamutti na dabarsan. Isaanis ni simatanii, na haasofsisanii hanga eenyummaa koo adda baasanitti na tursiisan. Dhugaatti isaanumtuu yeroo sana keessatti oggaan dhaqu jeequmsa keessa turan.

Akkuma sila sii ibse lola biyya keessa tureen summii fa’iin humni jiru keessaa bahee reefu jalqabu isaanuu, humna nama 20, 25 hincaalu yeroo sana. Isa keessaa walakkaan balaa sanaan hojii ala ta’e; wareegame. Yeroo sana keessatti warri Sudaan keessa turan jeeqamaafi gara abdii kutannaatti deemaa turan.

Sababa ana fudhachuufi dhiisuurrattuu walfalmaniiru. Maaliif yoo jette, isaanuu qabsicha dhiisanii deemuu barbaadu. Biyya biraa deemuufis murteeffatanii turan. Anaanis kanuma naan jedhan, nuti qabsoo kana ittifufuu hindandeenyuu dhiisnee deemuu barbaadnaa atis nu wajjin deemi jedhan.

Lakki ani biyya biraa deemuuf otoo hintaane qabsoofin dhufeen jedheen. Murtii keessa waan taeef isin deemuu dandeessun jedhee hafe. Booda hoggantoonni Kaartuumirraa dhufanii na haasofsiisan. Ammaaf nuu turi jedhanii dirqama natti kennan. Akkasitti qabsootti dabalame jechaadha. Kallattiin leenjii hinfudhanne.

Hanga namoota walittiqabatanitti haala anjeeffatanitti na tursiisan isa booda. Isa booda dirree qabsoo dhaqne jechaadha. Achitti dokumantoota barbaachisanirratti leenjii ji’a sadii fudhadheera. Akkuma eebbifamneen biyya keessa socho’aa turre jechuudha.

Erga hanga tokko biyya keessa sochoonee booda gara namoota 30 taanee akka ogummaa dabalataa fakkeenyaaf ani raadiyoo kominikeeshinii akkan baradhuuf sadii taanee gara Tigraayitti nu ergan. Erga achitti hamma tokko barannee booda deebi’ee hanga tokko hojjedhee ijoollee leenjisnee isaanitti kennine.

Ani ammoo warra haaraa dhufan leenjisuurrattin bobba’e. Otoo kanaan deemaa jiruu bara ALA bara 1987 walga’iin jila qabsaa’otaa jedhamu tureera. Akkuma beekamu ABOn bakka lama ture; tokko karaa dhiyaa, tokko ammoo karaa bahaa. Inni bahaa Harargee qabatee Arsii, Baalee keessa hojjeta.

Inni karaa dhiyaa garuu Wallaggatti hojjetaa ture jechuudha. Kanaaf hoggansa sana tokkoomsuuf asitti hoggansi filatamuu qaba kedhamee walga’iin jilaa akka geggeeffamu ta’e walga’icharratti baharraa diligeeshiniin dhufee hirmaateeraa. Warreen biyyoota Arabaa, Awurooppaafi Ameerikaatti kominitiidhaan gurmaa’anis hirmaataniiru.

Walga’ii jila qabsaa’otaa kanarratti egaa akka qaama hoggansaatti filatame. Isa boodaa guddoo hinturree yeroo gabaabaa keessatti akka hiree ta’ee mootummaa Sudaan wajjin neegosheet taasifamee buufata raadiyoosaaniitti akka dhimmi baanu waan nuu eeyyamameef gara Kaartuumitti deebi’e, ALA bara 1988 hanga bara 1991 as dhufnuutti jechaadha. Achitti ittigaafatamaa Sagalee Bilisummaa Oromoorran hojjechaa ture.

Bariisaa: Erga bara 1991 as dhuftanii hoo maalirratti bobbaatan?

Jaal Toleeraa: Asitti gara chaartaraatti dhufame. Oggaa gara chaartaraatti dhufamu ittigaafatamni naa kenname Gaazexaa Bakkalcha Oromoo jedhamaa ture akkan qopheessee maxxansiisuudha. Akkasumas hawwisoo asitti gurmaa’eefi kan dhaabaa kan turan walitti walitti akka geggeessun ramadame. Kanaanis hnaga tokko tattaafanne jechuudha. Hawwisichaan hanga tokko hawaasaa dadammaqsuunis

 yaalame. Hawwisichi kallattiilee adda addaatti imaluun akka ummata dadammaqsu taasifameera. Hojiileen adda addaa biroonis hojjetamaatuma turan. Haa ta’u malee mootummaan ce’umsaa yeroo sanaa olaantummaa Wayyaaneetiin ogganamaa ture; waan barcuma gara caalu qabaniif.

ABOn hariiroo ummata Oromoo wajjin qabu jabaataa dhufuufi fudhatama argachuun isaanitti hintolle. Isaan yaaddesses. Ummanni Oromoo jalqabumattuu Wayyaanee hinfudhanne, ummatichi dhaabbilee isaan wajjin socho’aa turanittis gammadaa hinturre. Ummanni jaarmiyaa walaba barbaada. Kanarraa kan ka’e ummanni waliigalaan jechuun ni danda’amaa gara kana ykn gara ABO ture jechuudha.

Sana jidduutti utuma wallolaa, walhidhaa, walajjeesaa deemamuu waanti isnaap illeelkshin jedhamu dhufe; filannoon wayii. Kanaanis kan Oromiyaa dhiisnee kanuma magaalaa kanaallee (Finfinnee) yoo fudhanne sagalee ABOn argate bakka hin yaadamnetti isaan caalaa sagalee argate. Kunis guddaa isaan arse. Bakka ABOn jirutti akeeka keenya guuttachuu hindandeenyuu; ummata Oromoorrattis olaantummaan keenya mirkanaa’uu hindanda’uu ykn ammoo akkan barbaadnetti akeeka keenya hojiirra oolfachuu hindandeenyuu kan jedhu murteeffatan.

Kanaaf mallisaa akka ABOn chaartara keessaa ba’u gochuudha. Kanaafis ABOfi ummata Oromoorratti lolli labsame. Haala kanaan chaartara keessaa bane jechuudha. Oggaa chaartara keessaa baanu ani dhiyattin deebi’e. Oggaa haalli hammaataa dhufu, bara 1983 as deebi’e liidarshiippii jiru wajjin ‘kontaaktii’ uummachuuf. Finfinnee dhufnaan lakkii gara Keeniyaatti bahi naan jedhan. Keeniyaan dhaqe. Ergan achi deemee waldhabdeen Itoophiyaa Ertiraa uumame.

Hangasitti egaa warri Ertiraas mootummaa kana wajjin hariiroo bareedaa qabuuyyu. Nu waliin qunnamtii wayiituu hinqaban. Nuti isaanirraa komii qabna. Wayyaanee wajjin taatanii nu miitan, siyaasa isin hinilaallanne keessa seentan jennee komanne. Gaafa haalli kun dhalatu garuu nu barbaadan. Isa durii dhiisnee kana booda akkamitti waliin hojjennaarratti haa xiyyeeffannu jedhan. Yeroo sanatti humni keenya laaffateera. Isa booda ‘deligeeshinii’saanii erganii keenyas ni dhaqee ni haasofne. Haallitti nu gargaaruu danda’an tokko yoo jiraate miidiyaatti dhimmi bahuu, miidiyaadhuma mootummaa ta’ee Afaan Oromootiin ergaa keenya dabarfachaa isaanis akka dabarfataniif waliigallee sadii taanee Asmaraa deemne.

Raadiyoosaaniirra gara waggaa shanii hojjedheera. Sana booda asin dhufe. Waggaa sadii dura akkuma hoggansaatti murteeffannee mootummaa amma jiru wajjinis haasofnee dhufne. Yeroo sana gama mootummaatiin kan nu haasofsiisan ministira dhimma alaa yeroo sanaa Doktar Warqinaa Gabayyoofi pirezidaantii Oromiyaa tibba sanaa Doktar Lammaa Magarsaati. Karaa nagaa wajjechuuf ni mari’annee waltaanee haala kanaa dhufne. ABOn qabsoo hidhannoo lagateetu karaa nagaatiin qabsaa’uuf dhufne.

Bariisaa: Akeeki isin ganamarraa kaatanii Oromoof qabsooftan har’a irra teessanii yoo yaaddan ija godhateera jechuu ni dandeessuu?

Jaal Toleeraa: Bareeda. Waa’een qabsoo ani sitti dubbachaa jiruu kun waggaa 40 ta’eera. Waggaa 40 dura Oromoon maal ture jennee ilaaluun barbaachisaadha. Nuti Afaan Oromoo raadiyoodhaan dhageenyeerra. Gaazexaa Afaan Oromootiin maxxanfamus agarreerra. Oromoota waggaa 40 dura qabsoo kana jalqabaa yoo ilaalte garuu Oromoo jechuun zeeroorraa ka’e. Akki itti ummanni Oromoo of beeku adda ture. Ummanni Oromoo naannoosaatii fagaatee hindeemu.

Amantiisaatiin ala namni biraa jiraachuu quba hinqabu. Oromoon Wallaggaa akkuma Wallaggaatti, Oromoon Shawaa akkuma Shawaatti, inni Harargee akkuma Harargeetti, inni Jimmaas akkuma Jimmaatti of ilaalaa ture. Ummanni Oromoo aadaa, afaaniifi bakka qubsumaa tokkicha walitti isa hidhu qabaachuusaa quba hinqabu. Qabsoon Oromoo haala akkasiirraa jalqabe.

Nuti warri boodarra dhofnee qabsoo Oromootti makamne bakka sosso’aa turretti Afaan Oromootiin ati Oromoodha yoo jetteen waan arrabsite itti fakkaata. Ani Oromoo miti kan jedhullee tureera.

Ati Oromoodha jettee amansiiftee of cinaa hiriirsitee akka inni mirgasaatiif falmatu taasisuu jechuun daran ulfaataa ture. Namoonni baay’een kana ni dagatu. TPLF waggaa 17 keessatti, Shaabiyaan waggaa 30 keessatti bilisoomte. Oromoon waggaa 40fi 50 keessatti hinbilisoomne siin jedhu.Yeroo warri Shaabiyaa qabsoo jalqaban ummanisaanii sadarkaa har’a ummanni Oromoo irra gaherra ture.

Ertirummaasaarratti gaaffii hinqabu. Musliima haata’u ykn baddaafi gammoojjii haajiraatu Ertiraa ta’uusaa fudhateera. Shaabiyaan ummata kana hiriirseetu mirgasaatiif akka falmatu taasise. TPLFs yoo fudhatte akka ummata Oromoo rakkisaa hinturre, cunqurfamus saamamus Tigrummaasaatiin waliin hiriiraa ture. Inni kun hojii siyaasaa laaffiseefii namni dhufee akka qabsootti dabalamu taasiseef.

Kan keenya garuu dura Oromoo ta’uusaa barsiisuufi mirgasaatiif akka falmatu taasisuun qabsoo keenya nutti dheeresseera. Qabsoon keenya Oromoon inni bahaa, inni kibbaa, Oromummaasaa akka baru taasiseera, biyya tokkicha waliin qabaachuusaa amanee fudhateera.

Afaaniifi aadaa walfakkaataa qabaachuusaa amanee fudhateera. Hiree tokkicha qabaachuusaa hubatee waliin deemaa jira. Oromoon sadarkaa kanarra ga’uuf wareegama ulfaataa lubbuufi qabeenyaa gaafateera. Kanaafuu bu’aan qabsoo ummata Oromoo Adda Bilisummaa Oromootiin jalqabamee har’a ga’e kun firii guddaa argamsiiseera jennee fudhanna gama keenyaan. Qabsoo Oromoo kana keessatti sabboontonniifi jaarmiyaaleen hirmaannaa guddaa taasisanis jiru.

Bariisaa: Gareeleen qabsoo hidhannootti amanan jiruutii furmaanni qabsoo hidhannootiin dhufa jettanii yaadduu?

Jaal Toleeraa: Sadarkaa duraarratti qabsoon hidhannoo maaliif barbaachisa isa jedhuuf namni lolaaf dhalate hinjiru. Namni kamuu nagaan jiraatee, hojjetatee bilisummaan jiraachuu barbaada malee namni lolatti adeemuufi lola akeeka godhatu hinjiru.

Kan lolatti sigeessu dirqama. Humna biraa si dirqisiisutu lola akka filattu si taasisa malee ati ofii keetii lola hinfilattu. Kanaaf ABOn jalqabaafi dhufiinsisaayyuu sochii Oromoo keessaa dhufe. Warra Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti qooda fudhachaa turantu ABO hundeesse. Dhimmiifi rakkoon Oromoo karaa nagaadhaan furamuu qaba. Kaayyoon ABO Oromiyaa misoomaan duubatti hafte ummata hirmaachisuun misoomsuudha.

Gama siyaasaatiin ammoo mirga, afaaniifi aadaa ummatichaa kabachiisuufi mirga gurmaa’uu argachuu qaba inni jedhu qaama xiyyeeffanoot. ABOn gaafa sadarkaa kanarra ga’u mootummaan Hayilasillaasee dhaabni kun garamitti deema jedhee sodaate. Sirnicharratti jijjiirraan dhufe malee badhaadhinniifi guddinni akka hindhufne hubatamaadha. Waldaa Maccaafi Tuulamaa walgargaarsaaf ijaarameefi waan ummataaf tolu hojjechaa ture cufuu jechuun maal jechuudha? Kana jechuun ummanni Oromoo mirga gaafachuu hinqabu, nu jalatti buluu qaba jedhanii murteeffatanii waan turaniifi.

Eenyuyyuu mirgasaaf waan falmatuuf ABOn mirga ummatichaatiif falmuuf waldicha keessaa dhalate. ABOn mootummaa sana jalatti qabsoo hidhannootiin malee karaa nagaatiin qabsaa’uun hindanda’amu waan jedhameef Elemoo Qilxuu Harargeerraa qabsoo hidhannoo jalqaban.

Isa booda mootummaan Dargii dhufe. Mootummaan Dargiis amala mootummaa Haylasillaasee waliin walfakkaataa qaba. Mootummaa Dargii keessatti garaagarummaa jiru karaa nagaan taa’anii mari’atanii furuun hinturre. Dargiin furmaanni qawweedha jedhee amana. ABOnis carraa mootummaa waliin taa’ee mari’atee rakkoo furuu waan hinqabneef qabsoo hidhannoo filmaata taasifate.

Wayyaaneenis waggoota 27f ejjennoodhuma Dargii ittifufe. Wayyaaneen dhalootumasaarraa jaarmiyaa walaba ta’e waliin hojjechuu hindanda’u, fedhiis hinqabu. Jaarmiyaalee isa waliin hojjetanis kan isa jalatti bulaniifi isaaf ajajaman waan turaniif ABOn Wayyaanee wajjin hojjechuufi mari’achuu hindandeenye.

Isa booda humna haaraa jijjiirama kana itti fufsiisutu biyyattiitti dhufe. Humni haaraan ykn mootummaan jijjiiramaa kun qabsoon hidhannoo maaliif barbaachise? Garaagarummaa keenya teenyee mari’annee karaa nagaadhaan furachuu dandeenya jedhee waltajjiisaa banaa godhe. Namni ilaalcha isaatiin yakkamuu hinqabu jedhame.

Nuti waggoota dheeraadhaaf qabsoo hidhannoo yaalleerra. Jijjiiramni waggaa sadii dura biyyattiitti mul’ate hangam ABO fayyadu danda’a isa jedhus ilaalleerra. Ilaalcha biyyoonni ollaa Oromoof qabaniifi hariiroo isaan mootummaa Itoophiyaa waliin qabanis ilaalleera.

Ummanni Oromoos ABO waliin baroota dheeraaf wareegama ulfaataa kaffaleera, lubbuufi jireenya itti dhabeera, qe’eesaa keessa jiraachuu dadhabee baqataa ta’eera. Kun ittifufuu hinqabu jechuudhaan ummata keessatti wareegamaa karaa nagaadhaan qabsoo keenya ittifufuu qabna jennee gara biyyaatti deebine.

Namni hundi yeroo hunda yaada tokkicha qabaata jechuun hindanda’amu. Namni kamuu yaadaan garagara ta’uu danda’a. Namni walitti dhukaasaa, wallolaafi waldura dhaabbataa ture ammoo altokkotti walamanee, walfudhatee, walduukaa deema jechuunis rakkisaadha. ABOn oggaa biyyatti deebi’u hoggansisaas deebi’ee dhufe. Miseensonni ABO hundi waan kanatti gammadoo miti, kanneen mootummaarraa shakkii qabanis turaniiru.

Warri shakkii qaban waraanni gariin alatti hafee karaa Kibbaafi Lixaa socho’aa ture naannawuma sana akka turu barbaadame. Kun nu keessattis ta’e mootummaafi ummata Oromoo gidduutti rakkoo uumaa dhufe.

Nuti karaa nagaadhaan qabsaa’uuf dhufne. Karaa nagaadhaan qabsaa’uun kunis rakkina qabaachuunsaa beekamaadha. Karaan diriiraa ta’uu dhiisuu mala. Gufachaatuma karaa nagaa itti haafufnu isa jedhu warri kaan didanii mootummaa kana humnaan jijjiiruu qabna yaada jedhu hordofaa jiru.

Warri qabsoo hidhannoo filatan utuu dhufanii lola biraatu dhalata malee biyyattiin tasgabbooftee, nagaan bu’uu, mirgi ummattootaa kabajamee nagaan waaraan ni bu’a yaada jedhu hinqabnu. Warri qabsoo hidhannootiin furmaata barbaanna jedhan nurraa adda ba’aniiru.

Bariisaa: ABO dabalatee paartiileen maqaa Oromootiin socho’an tokkoomuurra walgaareffachuutu irraa mul’ata. Sababuma kanaan ummanni Oromooyyuu tokkummaasaa dhabaa jira jechuun namoonni qeeqan jiruutii kanarratti maal jettu?

Jaal Toleeraa: Ani akka kootti isa “Ummanni Oromoo tokkummaasaa dhabaa jira” jedhu hinfudhu. Rakkoon ni jira, rakkinichaaf ammoo sababni jaarmiyoota siyaasaati malee ummata miti. Waanti hundi asii gadi itti dhim’isa. Asii dhaqa malee ummata bira rakkoon jiraatee miti. Amma jaarmiyoonni maqaa Oromootiin socho’aniifi boordiin filannoo beekamtii kenneef sadii hincaalan.

Isa dura baay’ee ture. Yeroos walitti dhufuuf hedduu tattaafatame. Paartii amma biyya bulchaa jiru dabalatee yaalii taasifameen waantota hedduurratti waltaanee turre. Ajandaalee waa’ee biyyaas ta’u ummata Oromoo ilaaluun walqabatee qabxiilee 16 irratti waltaaneerra. Isaa booda hojiirra oolchuurratti hanqinoonni garagaraa jiraatanis kan wal nu dhabsiisan hinturre jechuudha. Garaagarummaa muraasa jiraatummoo akkasuma mariidhaan hiikaa deemaa turre.

Maalis ta’u ejennoo paartiin qabaatu kan tokkummaa ummata Oromoo diigu, miirga ummatichaatti kan bu’u ta’uu hinqabu. Isa kanarratti waltumsuun ummata ofii dammaqfachuun, waan haalota garagaraatiin tokkummaa qoodanirratti jabinaan fuuldura dhaabachuun gaariidh. Isa kaan haasaadhaan hiikuun ni danda’ama; yerooniyyuu waan walitti nama fiduuf.

Yeroo ‘Ihaadeeg’ waliin marii taasisuuf dhufne sana takkaa yeroon akkanaa ni dhufa jennee yaadnee hinbeeknu. Haalaafi yerootu fide malee. Kanaam jaarmiyaaleen Oromoo warri walitti makamuu danda’an walitti makamuu danda’u. Inni “lakkii jaarmiyaadhuma kootiinin qabsoo ittifufa” jedhus mirgasaati.

Bariisaa: Tokkummaan akka cimuuf mootummaan waltajjii waliigaltee biyyaalessaa jedhu qopheessaa akka jiru quba ni qabdu jedheen yaada. Paartiin keessan kana akkamiin ilaala, hammamis qophiidha, faayidaa maalii fida jedhes amana?

Jaal Tooleeraa: Waliigalteen biyyaalessaa kun ajandaa maaliirratti akka gaggeeffamu hinbeeknu. Dhimma maaliirratti mari’atama, eenyufaatu irratti hirmaata, marichi jaarmiyaalee qofamoo dhaabbilee siiviikii, maanguddoota, hayyoota, murni hawaasaa garagaraafi kanneen biroo irratti hirmaatu isa jedhu waan beeknu hinqabnu.

Mariin biyyaalessaa kun garuu ummattoota kallattii tokko qabsiisuuf deemama yoo ta’e bareedaadha. Isa kanarratti mormii hinqabnu, barbaachisaadhas jennee amanna. Garuu wanta seeraafi sirnaan deemamurratti haasa’ama taanaan rakkooodha. Namoonni kaan akkaataan itti ilaalaa jiran waan uume qaba. Kanneen “mootummaa kana keessatti hirmaachuu qabna” isa jedhurratti mari’atama taanaan ni deemsisa jedhee hin yaadu.

Sababnisaas filmaanni adeemsifamee, ummanni nama na bulcha jedhu bakka buufatee, mootummaan ijaaramee raawwateera. Utuu kun seerawaa ta’ee jiruu gama morkattootaatiin ilaalcha jedhameen deemuu taanaan bu’aa qaba jennee hin yaadnu jechuudha.

Biyya kana keessa garaagarummaafi waldhabdeewwan furmaatawwan guguddoo barbaadan hedduutu jiru. Kanaaf maalirratti waltaana, Itoophiyaa akkamii ijaarra, akkamittimmoo waltaanee ijaaruu dandeenya isa jedhurratti mari’achuun gaariidha. Kanaachi inni kaana walga’iidhuma kanaan heera biyyattii achumatti ciree deemuu yaada, kaan immoo waa itti dabaluu ykn irraa hir’isuu kan yaadu jira. Kan akkuma jirutti haa taa’u jedhus akkasums. Kanaaf deemama taanaan keessaayyuu hinba’amu. Sababnisaas, mirga sana kan qabu ummata qofa waan ta’eef. Kunis kan ta’u paarlaamaadhaani.

Namni alaabaarratti waldhabaa jira. Kanaaf marichi hundeen Itoophiyaa maalirratti ijaaramuu qaba isa jedhurratti yoo xiyyeeffate malee, fedhii paartii ykn jaarmiyaa tokkoo guutuuf adeemsifama yoo ta’e sirrii natti hinfakkaatu. Waliigaltee uumuudhaaf wanti walitti nu fidu maayinni, garaagarteen keenya maali, inni booriif olkaa’annee amma irratti mari’achaa deemnu kami jedhanii adda baasuun sanarratti walta’iinsa uumuuf hojjechuun gaariidha.

Bariisaa: Hundeeffama mootummaa dhiheenya adeemsifame waliin walqabate, mootummaan hanga danda’ametti morkattootas hirmaachisuu yaaleera. Isa kana akka jalqabbiitti akkamiin ilaaltan?

Jaal Toleeraa: Ani akka nama tokkootti wantan waggaa sadan kana keessatti arge seenaadhuma biyyattii keessattuu waanti ijaaraan kan mul’ate amma kan jedhun qaba. Waanumti hanga tokko walitti fidu, jibbiinsaafi walirraa fagaachuurra gara walbarbaadutti kan geessuu waanuma waggaa sadan kana mul’ateedha. Kunis hawaasuma keessattuu mul’ateera.

Filannoon bara darbe adeemsifame maal akka fakkaatu ilaaluun ni danda’ama. Kanneen biyyi kun akka hintasgabboofne barbaadan hundi filannoon sun ni adeemsifama jedhanii hin yaadne. Yoo adeemsifamemmoo nagaa hinqabaatu jechaas turan. Ummatichu jireenyasaa keessatti dhiibbaa tokko malee akkanaan ba’ee kaninni filate isa kana natti fakkaata.

Kanneen kana duraa argaan ture. Kan bara Hayilasillaasees, kan Dargiis ni beekna, nama filatuyyuu hinbeektu. Nama argiteeyyuu hinbeekne filatta. Kan Dargiimmoo paartiitu si ramada, namni dhaqus bakka dhaqee itti filatamu qubayyuu hinqabu. Filachuufis ajajaan dirqamaan deemtee kaardii buuste dhufta.

Bara Hayilasillaaseettis namoota maallaqaan ykn ‘baalaabbatoota’ hawachuun filamaa ture jechuudha. Kanaaf inni kun halkan dabalatee fedhiisaatiin filachuun mallattoo tokko jechuudha. Kanarratti tokkoffaa mirgasaa beeke, lammeessoommoo naman filadheenin bula jedhee tarkaanfii akkasii fudhachuusaa argita jechuudha.

Sanaan ala hanga ta’eyyuu waa dubbachuufi socho’uurratti wanti jiru fooyya’eera. Ilaalchaan waladamsuun xiqqaateera ken jedhuun qaba. Kanarra darbee morkattoota waliin hojjechuun xiqqaateera jedheen yaada. Warri walmorman waan walta’an irratti waliin hojjechuuf bakka walii kennuun kabajaadha, beekamtii walii kennuudha.

Lammeessoommo isa bu’uura jechuudha. Ilaalchaan garaagara taateeyyuu waliin hojjechuun biyya ijaaruu, guddisuu akka dandaeessu akeeka. Kanaaf inni morkotaanis gaafa qaama mootummaa ta’u qeequu qofa osoo hintaane, keessa seenee hojjetaa waan jiruuf sanaan qabamee hintaa’u.

Gaafa qaama mootummaa taatee qeeqxu ofis ni qeeqxa jechuudha. Kanaaf murtoo walitti nama fidu malee walirraa nama fageessu miti. Akka paartiileen waliin hojjetaniif fakkeenya ta’a. Warri alatti hafan immoo dhimma biyyaa tokko isaan taasisurratti akkamiin waliin hojjechuu akka danda’an kan agarsiisuudha.

Bariisaa: Haala rakkoo nageenya biyyattii keessa jiruun walqabate namoonni hedduu sodaa qabu. TPLF’s bakka kaleessaatti deebi’uun cunqursaa ummatichaa dheeressa sodaan jedhus jira. Isin akka nama siyaasaa tokkootti kanarratti maal jettu?

Jaal Toleeraa: Ummatichi waan jiila qabuuf sodaata. Jireenyasaa guutuu hamma dhaloota ammaatti nagaan maal akka ta’e hinargine. Sirna kamuu jalatti nagaan ba’anii galuun yaaddoodha. Sababiinsaas hidhamuu, ajjeefamuufi buqqaatiitu jira.

Warri dantaa ofiif deeman immoo nagaa kanarraa bu’aa hinqaban. Sababnisaas nagaa sana keessatti bakka waan hinqabneef bakka mul’ataniifi fedhiisaanii itti guuttatan aangoo mootummaa barbaadu jechuudha. Warri TPLF bara aangoorra turan waan hojjechaa turnan hundi keenyayyuu beekna. Ummatoonni Itoophiyaas kana beeku.

Waan beekaniifis “si jalatti hinbullu” jedhaniiti kan ofirraa kaasan. Murni ummanni akkasitti ofirraa kaase akkamiin humna qawweetiin “dhufeen si bita” jedhee dhufa! Kana jechuun ummata isa jibbutti humnaan dhufaa jira jechuudha. Inni kun akkuma argaa jirru walajjeechaa, dhumiinsa namaa, barbaadaa’ina qabeenyaa malee biyyattiif nagaa hinfidu, Wayyaaneen immoo yoomiyyuu nagaa fiduu hindanda’u. Qaamni humnaan dhufe kamuus nagaa buusuu hindanda’u.

Kanaaf akka ilaalcha keenyaatti warri TPLF humna duraanuu ummataan jibbamee, tufamee, ari’ameedha. Yoo isaan waliin dantaan walitti hidhame malee namni as dhufuusaa barbaadu tokkoyyuu hinjiru. Kanarraa kan ka’e hireesaa bakka duraatti deebi’uu daran dhiphaadha. Sababiinsaas ummatatu rogawwan afran biyyattiirraa irratti duulaa jira waan ta’eef.

Har’aaf jabaa fakkaatus humnisaa dhumataafi laafataa deema. Ummanni isa waliin hiriiruus dammaqaa yoo deemu ni dhumataaf jechuudha. Sanaan ala immoo namoota isaan waliin hojjetan itti dhimma ba’e biyya kana jeequuf ofitti firoomfachuufi qabeenya ykn meeshaadhaan waldeggaruun jiraachuu mala. Akkuma arginu Oromiyaa keessaa murni Shanee jedhamu itti firoomee bakkeewwan garagaraatti jeequmsa uumuun ni mul’ata.

Inni sun garuu ummata Oromoo biratti fudhatama hinqabu. Waa sadii irraati. Tokkoo, hariiroon Wayyaaneefi ummata Oromoo gidduu ture maal akka fakkaatu ni beekna. Sababa sanaan ummatichi murni kun dhabamuusaa malee guddachuusaarraa dantaa hinqabu.

Kanaafis ilmaansaa waraanatti akkasumas fedhiisaatiin ofiisaa waraanatti makamaa jira. Lammeessoo, humni kaleessa jaarmiyaa Oromoo keessattuu ABO dhabamsiisuuf miseensotasaa ajjeesaa, hidhaafi bakka buuteesaanii wallaalchisaa ture akkasumas harkasaarra dhiigni jiru waliin walta’uun ummata Oromoo caalaatti aarse, dallansiise.

Jaarmiyaan sin bilisoomsa siin jedhe tokko sababni itti si ajjeesuu, saamuufi doorsisu hinjiru. Kanaafuu yeroof rakkinni ni jiraata. Waan inni uumerraa ka’uunis salphaatti keessaa waan baanu hinfakkaatu. Miidhaan siyaas dinagdeerratti qaqqabaa jirus laafaa miti. Kun mootummaafi ummatarratti ba’aa ta’a.

Yaaddoon ummataas kanumarraa ka’a jechaadha. Ummatichi qe’eesaa keessatti nagaa dhabaa jira. Humni kun yoo ol ba’emmoo miidhaan kana caalu waan itti dhufuufis yaadda’a. Kun garuu ni milkaa’aa jedhee hin yaadu. Isarra akkamiin yaaddoo sana ofirraa dhabamsiisna, akkamiin gabaabsina isa jedhurratti fuulleffachuu wayya.

Bariisaa: Wanti kun dhuma akka ragatuuf waan utuu akkana ta’ee jettanii kaastan qabduu?

Jaal Toleeraa: Jaarmiyoota warra achi ba’anii ummataafi mootummaa lolan daandiitti deebisuuf karaa dheeraa waan deemame natti fakkaata. Wayyaanee gara nagaatti deebisuuf maanguddoonni, abbootiin amantii, dubartoonni utuu hinhafeen tattaaffii hedduun tattaafatameera. Sanarra darbaniitu yakka takkaa dhalli namaa namarratti hraawwatee hinbeekne kan isaan raawwatan.

Warra Shanee jedhamus karaa nagaatti deebisuuf karaa abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi namoota babbeekamoo yaaliin taasifameera. Kanaaf kana booda mootummaan warra akkanaatiif deebi’ee waamicha gochuun rakkisaadha. Miidhaa isaan geessisan keessumaa humna isaaniif gaachana ta’ee diina irraa ittisaa turetti garagalanii of cinaatti ajjeesuun hadhaa namatti uuma.

Siyaasa keessatti obsuun inuma jiraata. Ta’us inni kun karaa qabachuu kan danda’u humni badiif ka’e kun yoo dhabamsiifameedha. Inni kun dhiifamee itti fufa taanaan rakkoon biyyattiis ittuma fufa jechuudha. Isa ummanni yakka waggaa 27 dhiisee taa’aa nyaadhaa jedheyyuu dhiisanii yakka haaraa kan biraa geessisaa jiru. Kanaaf ani gama kiyyaan mootummaarraa kanatu hafe waanin jedhu hinqabu. Furmaanni isaan bira jira. Lola bakka hinbarbaachifnetti geessuun ummata miidhuurra, irraa of qusatanii gara nagaatti dhufuu qabun jedha.

Bariisaa: Dhumarratti, ABOn fuulduratti ummata Oromoof maal fida?Uummanni maal irraa haa eegu?

Jaal Toleeraa: ABOn akeeknisaa akeeka ummata Oromoo bulchuu miti. Akeeknisaa ummanni Oromoo mirgisaa haa kabajamuudha. Isas qofaasaa kabachiisa jennee hinamannu. Jaarmiyaan maqaa ummata Oromootiin socho’u kamuu kanarratti yoo hojjete hojiitu nuu salphate malee miidhaa hinqabu. ABOn rakkoolee garagaraa keessa darbee as, ga’e.

Asittis rakkoon garagaraa isa mudateera. Sababootuma nu keessatti uumamaniin filannoorratti hirmaachuu dadhabnuyyuu fuulduraaf of cimsinee, of jabeessinee, humna keenya faca’e walitti sassaabnee, ummanni Oromoo waltajjii irra bal’aa keessatti akka hirmaatu taasisu keessatti hojjennee itti dhihaachuu barbaanna.

Har’as, boris kan nuti jennu ummatichi isa argate jabeeffataa isa hafeef immoo walta’ee karaa nagaatiin tokkoomee qabsaa’uu qaba. Tokkummaasaa jabeeffachuu qaba. Waantota addaddaatiin afaanfajjaa’uu hinqabu. Ummata Oromoof Oromoo caalaa falmuufi kan danda’u hinjiru. Kanneen alaalaa isa hawwatanis of dura qabanii isa hacuucuufi saamuuf malee mirgasaa kabachiisuuf akka hintaane beekee, tokkummaasaa tikfatee, biyya irra wayyaa’aafi badhaatee argamsiisuutti fuulleffachuu qaba. Kana malees dinagdeedhaan mul’atee akka ba’uuf jabaachuu qaba. Nutis kanumarratti kan hojjennu ta’a.

Bariisaa: Galatoomaa jechaa, tarii utuun kana jedhee waan jettan yoo qabaattan carraa isinii kenna.

Jaal Toleeraa: Akka waliigalaatti ummanni Oromoo shirawwan addaddaa amma deemaa jirurraa of qusachuu qaba. Humni mootummaa kana mormu, mootummaa kana kuffisuuf tooftaa garagaraatti dhimma ba’a. Kana keessaa tokko ummattoota walitti buusuudha.

Ummanni Oromoo isa kanarraa ofeeguu qaba. Ummattoota kaan waliin shira xaxamaa jiruun akka wal hindhabneef dammaqee ofeeguu qaba. Jireenya nagaa gaggeeffachuuf ollaasaa waliin nagaan jiraachuun murteessaadha. Yoo haalli shakkisiisaa uumamellee walitti dhihaatanii mari’achuudhaan furachuuf hojjechuu malee qawwee walitti kaasuu ykn humnaan walitti gamuun barbaachisaa akka hintaane hubachuu qaba.

Kana malee humni nageenyi ummata Oromoo hinkabajamne ykn rakkoo akkasiitu jira jedhee balaaleffachuun isaaf kan dhaabbate fakkaatee dhihaachuuf kan yaalu jiraachuu mala. Kanaanis afaanfajjaa’uu hinqabu.

Mirgi ummata Oromoo dhibbaa dhibbatti guuteera ykn ammoo nagaa argateera hinjennu. Isa sanaaf daandiin isa baasu karaa nagaa qabsaa’uudha. Jijjiiramni qawweedhaan dhufu tokkoyyuu hinjiru. Humna yoo ta’ellee deebi’ee lola isa seensisa malee waan furmaata hinfidneef isa karaa nagaa jabeeffachuutu irra jiraata. Kanaaf humni alaalaa si hawatus sin farda si godhatee si yaabbatee gulufuuf malee bu’aa wayiituu hinfidu jedhee dhaamuufiin barbaada.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You