Yeroo tokko namichatu akka tasaa lubbuun namaa harkatti bade jedhama. Namni kun seeratti dhiyaatee adabbii maluuf akka argatu ummanni mootummaa gaafata.
Manni murtiis gochichi aadmaleefi yakka ta’uu oggaa isa hubachiisu namni kun yakkicha dalaguusaafi yakki raawwates duudhaa kan faallesse ta’uu ibsa.
Yakki raawwate ija seeraatiin akka ilaalamuufii kan kaase himatamichi, gochicha ittiyaadee osoo hintaane seexanni isa dogoggorsee raawwachuusaa faccisa kenna. Abbaan murtii dhimma kana ilaalus keeyyata seexanni ittiin adabamu of harkaa dhabuusaatiin akka bilisaan akka lakkifamu murteessa.
Ummanni dhimma kana dhagahe heerri barreeffamaa dhimma kana hinfuru taanaan duudhaa ganamaatiin furachuu dandeenya jechuun abbaa murtiitti mormii kaase.
Mormichi hammaatee raafama abbaa murtii aangoorraa kaasisuu waan uumeef dhimmicha duudhaa ganamaatiin seenaafi seera qorachuun akka furatan taasisa.
Jaarsoliin biyyaa erga dhimmicha gadi fageenyaan qoratanii booda yakkamaa duudhaa faallesse seera gumaatiin adabuun isa yakkamemmoo hirphuun dubbii salphisan, abbaa murtii keeyyata yakkaa seexanni itti himatamu dhabes aangoorraa kaasan jedhama.
Jaarraa kana keessa ummanni Oromoos ta’e sabaafi sablammoonni Itoophiyaa kabajamuu olaantummaa seeraafi mirga qabeenyasaaniirratti abbaa ta’anii bulchuu qabaachuuf qabsoo taasisaa turaniiru.
Har’as akkuma kaleessaa kanneen hatanii, lubbuu baasanii, daangaa darbanii seexanatu nadogoggorse ilaalcha jedhuun ummata bilisummaa eenyummaafi qabeenyasaarratti abbaa ta’uuf qabsaa’aa turee gufachiisuuf wixxirfatan hindhabaman.
Dhimmi kun maaf ka’e jechuun hinoolu Jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Oromoon qabeenyaafi eenyummaasaa afanfajeessa kijibaa xibaartotaan jalaa sakaalamee ture bakkatti deeffachuuf qabsoo hadhaahaa taasisaa ture.
Gama kanaanis ilmaansaa qaalii kumaatama aarsaa gochuun sirnoota dhufaa darbaa boquu Oromootti ba’aa ta’aa turan akka lamuu hindeebinetti cabsaniiru.
Mootummaan ammaan tana aangoorra jiruufi filannoonis bakkicha qabate kun bu’aa dhiiga qeerroofi qarree Oromoo waan ta’eef kaayyoo qabsoo ilmaan sabaafi sablammiilee buqqisee baase kana dagata jedhamee hin yaadamu. Sababnisaas akkamiin akka dhalateefi maaf akka dhalate bareechee beeka jedhamee waan abdatamuuf.
Seeraqabeesummaasaa qabatamaan mirkaneessuufis filannoo waliigalaa gaggeeffameen sagalee bal’aan injifatee bokkuu aangoo kan of harka galfate sirni haaromsaafi badhaadhinaa kun imaanaa ummani bal’aan kenneef qabatee teessumatti olbaheeraa, bahaas jira.
Imaanaan lakkaa’amee kenname kun akka dinnicha ho’aa walwalitti dabarsuun qabbaneessuuf yaaluu osoon taane lakkaa’anii yeroon deebisuu gaafata.
Gaaffiilee Oromoon qabsaa’aafii ture keessaa ijoo ta’ee kan mul’atu waa’ee Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuuti.
Afaan Oromoon afaan Afrikaa keessattillee bal’inaan dubbatamuufi hanga sadarkaa doktireetiitti ittiin baratamaa waan jiruuf guddachuurraa waan isa dhorku hinjiru.
Afaanicha afaan hojii federaalaa gochuun akka Oromoon qe’eesaatti caalaatti mataasaa ol qabatee deemu, eenyummaasaa calaqqisiisu taasisa.
Kanaaf mootummaan qabsoo hadhaa’aa dargaggootaatiin har’a bokkuu bulchiinsaa qabateefi badhaadhina Itoophiyaaf hojjetu imala ka’e milkeessuufis ta’e gaaffii ummataa deebisuuf kutannoon socho’uun kan irraa eegamu yoo ta’u, gaaffii lakkaahee fudhate lakkaahee yeroon deebisuuf kutannoo qabu hojiitti hiikee agarsiisuun irra jiraata.
Gama kanaan Itoophiyaa badhaate ijaaruuf kan yaadame yoo ta’e farreen federaalizmii sabadaneessaa hurreessuun seeraafi duudhaa giddugaleeffatee haaluma amma paartiilee morkattootaa wajjin hojjechuuf waadaa gale hojiitti hiiku eegale kanneen biroo yeroo filannootti nan raawwadhe jedheef xiyyeeffannaa kennuu qaba. Ummannis mootummaa fedhiisaa guutuudhaan filate kana maddii obsaafi waan malu maraan dhaabachuu qaba.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014