Irreechaa Birraa

Irreechi aadaa galateeffannaati. Waaqa dukkana gannaatii gara booqa birraatti nagaan isaan dabarse gamtaan malkaatti ba’un galata galchuudha. Ummatni Oromoo aadaa baroota dheeraaf Sirna Gadaa keessati kufate qaba. Aadaan immoo muuxannoofi yaadota bara dheeraa keessaa ilma namaan darbaa dabarsaan gara dhalootatti darbuudha. Aadaan Oromoo immoo kan hammatame Sirna Gadaa keessatti.

Gadaan Hawaasa Oromoo miseensa shanitti qoodee jiruufi jireenya isaanii akka sirnaan gaggeessaniifi waliif dabarsan gargaareera. Kunis yeroo isaatti sirna guutuu kan tureedha. Gadaan damee siyaasaa, damee dinagdee damee hawaasummaafi amantii qaba. Kana keessatti Gadaan damee amantii namoonni akkamitti akka waaqeeffataniifi dhugeffatan seera qaba.

Seerri kun Seeroota Ulfaa ja’an (6)n Gadaan lallabu keessa kan jiran (seera Waaqaafi Lafaa, Seeraa Abbaafi Hadhaa, Seeraa Malkaafi Tulluu jedhamu. Seeroonni kunniin akka kabajaman Gadaan ciminaan ni hordofa. Keessattuu jaarmiyaaleen warra qaalluu dhimma amantii kana kallattiin kan raawwachiisu ta’a. Irreechis maaliifi eessatti akka godhamu qabu ni tumsu. Ummani Oromoos dur ummata Waaqeffataadha. Akkuma ummatoota Kuush Waaqaa aduufi samii kan addunyaa kana uumeefi tokkichaa maqaa dhibbaa, gumgumaa garaa cabbii, leemmoo garaa taliilaa jedha. Kun immoo Aadaafi faaruu isaati.

Irreeffachuun galateeffachuudha. Galannimmoo umaama qabattee uumaa kadhachuudha. Kanaaf Oromoon marga jiidhaafi abaaboo qabatee Malkaa bu’eefi Tulluu ba’e irreeffata. Kun aadaa Waaqeffattootaati; aadaa namoota Waaqa tokkootti amananiidha. Kunis aadaa Oromoon Waaqaa isa uumee ittiin dhugeeffatuudha.

Aadaan ibsituu eenyummaa ilma namaati. Kanaaf dhaabbilee Sirni Gadaa Oromoon ijaare keessaa Irreechis isa tokkodha. Irreechi ka’uumsi isa lafa araaraafi galateeffannaa irraa kan ka’e jedhama. Kana malees ardaa ykn ”lafa awwaalaa” ykn namni jaalatamaan tokko itti awwaalamerraa eegalee jedhu.

Akka hayyuu beekamaa Tsaggaayee Gabramadiin Qawweessaafi maangudoonni Oromoo biroo jedhaniitti, ka’umsi Irreechaa waggoota kuma 12 dura akka naannawaa sulula Abbaayyaatti raawwatamaa turuusaa, qoodama maatiifi araara bu’een kan walqabatu ta’uu ibsu.

Oromoo ykn “Oro-MO” Hora ykn Ilma Kaam jechuudha. Seenaan isaa kana ta’e, waggoota kuma 12 dura “Asra” kan jedhamu mootonni Kuush /Fari’oon/ Ilmi Aduufi Samii /kan Waaqaa/ jedhee of moggaase. Ilmaan qabu “Oraa” kan jedhamu ilma Maanadhafi intala durbaa “Asesii” ykn Adbaar kan jedhamtu qaba ture. Maatiin kun waliin jireenya keessatti gaafa tokko walitti bu’anii obboleessi guddichi quxusicha rukutee ajjeese.

Gocha kanatti baayyee kan gaddite Asesii ykn Ateeteen iddoo obboleessi ishee Oraan du’eefi itti awwaalame sanitti biqiltuu Odaa dhaabde. Kana booda akka guddatu malkaa Abbayyaatii bishaan waraabdee kunuunsaa turte. Maatii wal ajjeesse jidduutti nageenyiifi araarri akka bu’u Waaqa “Aduufi Samiif” nageenya akka buusuuf kadhatte. Yeroo boodas Waaqayyoo dheekkamsa isaa nageenyatti jijjiree; Roobnis roobuu qabe, maatiin walajjeeses gaaddisa Odaa jalatti eebbifatani gumaan araaraman.

Gaaddisni Odaas iddoo araaraa malee falaasama ofii qaba. Kunis Odaa tokko ta’ee biqilee bakka lamatti addaan bahaafi boodas dameen isaa walitti deebi’uun tokko ta’e. Hiikni isaas maatii addaan ba’ee boodas araaraan deebi’ee tokko ta’e kan ibsu mallattoofi aadaa Oromoo isa ganamaa ibsuufi.

Kanaafis kadhaa Waaqaa kana Ateeteen Odaa jalatti gooteen akka raawwateefi Kanarra ka’uun yeroo sanaa kaasanii Odaan lafa seeraafi araaraa mariin Gadaa itti mari’atu ta’e. Ateeteenis Ayyaandaa nageenyaafi eegduu maatii akka jedhamtu taate. Ayyaandaa itti fufiinsa dhaloota ykn sanyii nageenyaafi haadha deessuu jedhamte. Hayyuu beekamaan Tsaggaayee Gabramadiin Qawweessaa gaazexaa Xoobbiyaarratti (1997) yaada kana yoo ibsu akkana jedha.

Dhugeeffannaa Oromootaa keessatti aadaafi duudhaa isa ganama yaadachuuf wayitii Irreechaa nalkaawwan gurguddaafi haroowwanitti irreeffachuufi siidaawwan dhadhaa muuduun /muuda/ icciitii armaan olitti ka’aa ture ibsuuf kan godhamudha jedha.

Abbootiin keenya gurraachonni dur Misiraafi Nuubiyaa keessa jiraataniifi ammallee darbanii darbanii sanyiin isaanii Gibtsiif Sudaan keessa jiran Kushoonni otoo weerara Giriikotaafi waraanni Pershiiyaa, akkasumas weerara Otumaan Turkiifi Arabootaan hinrukutamanii dura gara kibbaatti otoo hinsocho’iin /gara Abbayyaa jidduu gala/ Nuubiyaa, Maraweefi Saabaa biyya jedhamuufi lafa naannawaa mudhii / sabbata lafaatti/ hinbaqatiin dura waggaa waggaan ayyaana Irreeffannaa /galata/ gaggeessaa turan. Kan nama dinqisiisu akkuma yeroo ammaa biyya keenyatti baatii Fulbaanaa keessa /Iyyoo Ababaayee/ jennee gammachuu keenya ibsinu isaan immoo malkaan Abbayyaa guutee qonna isaaniif haalli mijaa’uu baatiidhuma kana keessa waggaa waggaan ayyaana guddaa qabu. Haala kanaan baatiin Fulbaanaa ummata duriifi ammaatiifis yeroo ayyaanni guddaan bifa walfakkaatuun kabajamudha.

Kunis akkuma kitaaba qulqulluu keessatti obboleessi guddichi ”Qaa’eel” obboleessa isaa quxusuu ”Abeel” ajjeeseefi haatisaani boonyaan Waaqayyoo ilma eebbifamaa kenneefitti, kadhaafi qulqullina dubartiin gootu Waaqayyo akka dhaga’uun kan dubbatamuun walqabatudha.

Kan biraa seenaa kuushota Afrikaa keessatti kan ilaallu waayee lafaafi biyya Afrikaa yoo ta’u, innis kan uumame jechoota kuushotaa sadiirraa ta’a. Isaanis ”Afa”, Ra’fi ka ; jechuun lafafi kan lafarra biqilu yoo ta’u, ”Afii” ykn ”Afaa” jechuun immoo kan lafarra margaan, sanyii jechuudha. ”Ra” jechuun immoo mootii jechuudha. Kanarraa ka’uun ”Ka” jechuun immoo Waaqa kan jedhu ta’ee, ”Afriika jechuunis lafa mootii Biiftuu” filatame ykn muudame jechuudha. /The Ejiptian Mistreary ……./

Asirratti ifa ta’uu kan qabu Misira duriifi biyyoota isaa gadi jiran kan bulchaa turan ”mootota lafaa” Fari’oon jechuun kan moggaafameefi Ijipti gara irraafi kan dakaa walitti qabuun kan bulchaa ture Minaas gurraachoota kuushota keessaa isa tokkodha. /The stolen legacy… /

Tamsa’ina amantii Oriitiitii dura gurraachonniifi kuushoonni ykn Itoophiyaa Misiraa, Suumeeroota, Baabiloon, Nuubiyaafi Saabaa hundumtuu walitti makama kuushotaafi seemootaa waan ta’aniif afaaniifi haalli amantiisaanii, akkasumas duudhaafi fayyaa isaan qaban walumaagalatti tokko jechuu baannus baay’ee kan walfakkaatudha. Ummanni Oromoos qaama ummata kuush waan ta’eef seenaa kana keessatti akka hammatame hubachuun barbaachisaadha.

Kuushotaafi dhaala aadaa isaaniirraa dhufan kan mul’isuufi sabni Oromoos qaama kanaa ta’uu isaa kan ifa godhu, ulfinaafi duudhaa dubartootaaf sabni kun kennudha. Abbootiin Oromoo iddoo tokkoo ka’uun malkaa ce’anii durbi duudaan akka maatiif marga hirtu ta’e eebbi abbaadhaan raawwata.

Kanarraa ka’uun dubartiin mallattoo nageenyaafi lalisummaa yoo taatu, araaraafi mallattoo waliigaltee maatii tokkoo akka taateetti fudhatamti. Hubannoon kunis aadaa Oromoo Jaarmiyaa Siinqee Ateeteefi duudhaa eegumsa maatii wajjiin kan walitti hidhamudha. Irreechis ta’e Ateeteen aadaa lubbu qabeeyyii ummata Oromoo keessatti mul’atudha. Irreechis duudhaa kana otoo hinmaqsiin hanga ammaatti kan mul’atudha. Haaluma kanaan Irreechi akka hambaa aadaa, seenaafi amantii Oromootti kan yaadatamuudha.

 Alamaayyoo Haayileetiin (Hayyuu Seenaa)

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You