Oromoon Irreechaa biraafi arfaasaa qaba. Irreechi birraa har’a sirna ho’aadhaan geggeeffamu aadaa galateeffannaati. Sirna Uumaan dukkana gannaa keessaa gara booqa birraatti nagaan nama ceessise uumamne qabatame ittigalateeffamu.
Irreeffachuun galateeffachuudha. Galanni immoo Uumama qabattee Uumaa kadhachuudha. Kanaaf Oromoo margaa jiidhaafi abaaboo qabatee Malkaa bu’eefi Tulluu yaabee irreeffata. Kunis Aadaa Oromoon waaqaa isa uume ittiin dhugeeffatuudha.
Oromoon Ayyaana Irreechaa kana waggaa waggaan kabajatu “Waaqa nu uume kadhanna! Uumamaan Uumaa raajjeeffanna!” jechuun aadaa uffataa nyaata, qabachuun akkuma aadaafi duudhaasaa ganamaatti Waaqasaa ni galateeffata ni faarfata. Yeroo ammaas kanas Hora Harsadirrattis kan raawwatamu aadaafi duudha saba Oromoo keessa tureefi iddoowwan adda addaatti raawwatamudha.
Ayyaanni Irreecha har’a Hora Finfinneetti, boru ammoo Hora Harsadeetti nagaan kabajamee milkiin akka xumuramuuf abbootiin Gadaa yeroo kamuurra bakkuma jiranitti nagaa lallabaa, haadholiin Siiqqees dubartootaafi shamarran gorsaa turan; hundumtuu irreecha waan duudhaansaa eeyyamu qofa qabatee ayyaanicharratti haa hirmaatu jechuun.
Mootummaanis miidhaginaafi milkaa’ina ayyaanichaatiif keessumaa barana xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechuunsaa daran kan nama jajjabeessuudha. Tattaaffii mootummaan duudhaafi aadaa ummataa keessumaa Irreecha ibsituu Oromummaa ta’e guddisuuf kenne kun ammoo ummatichumaafi dhimmamtoota hundaan utubamuu qaba.
Akka abbootiin Gadaa jedhanittis, ayyaanni Irreechaa waltajjii araaraa, nagaafi walargaati. Nageenyi nagaa, tolli tola, jaalalli jaalala fida. Nuti nagaadhaan deemna nagaatus barbaadama. Hayyee barri bara nagaa, misoomaa, barnootaafi milkii haa ta’u.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014