Kutaa 11fa
Araddaa Shawaa jedhamuuf qubsuma Oromoo
Mootummaan Sulxaanota Shawaa bara 896/7 keessa hunddeeffamee hanga bara 1270 woggoota 400 caaluuf turuunsaa ni yaadatama. Dhugaan kun garuu dhokatee akka turu ta’era. Bara mootummaa Aksumii jalqabee Manzi kan beekamtudha jedhama. Keessumaayyuu Atsibihaa kan jedhamu Mootiin Aksum teessoo isaa Manzi akka godhatee ture barreeffama tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama.
Qorannoon mana amantii Misihaala Maariyam jedhamurratti adeemsifame tokko akka mul’isutti, manni amantichaa bara mootummaa Baa’ida Maariyam (1468-1478) Manzi bakka Geeraa Qayaa jedhamutti hundeeffame.
Atsee Baa’ida Maariyamis bakka kana teessoosaa akka godhatee ture ni himama. Mana amantii kanarraa gara Lixaatti adeemsa miilaan daqiiqaa digadama boodarratti kan argamu manni amantii biroommoo Ambaa Gabre’eel kan jedhamtu argama. Manni amantii Gabre’eel Ambaa mana amantii Misihaala Maariyam dura bara Mootii Atsee Yukunoo Amlaak (1270-1285) akka hundeeffame ni himama. Manzi maqaan jedhus Afaan Arabaatiin Manzumaa (faaruu) jechuudha.
Amma seenaa Oromoota naannoo Manzi keessa jiraataa turan osoo hinkaasin dura seenaa Atsee Yukunoo Amlaak gabaabinaan kaasuun barbachisaadha. Haata’u malee kaayyoon qormaata kanaa seenaa Yukunoo Amlaak barreessuu miti. Seenaa barreessitoonni Habashaa yeroo hunda seenaan Oromoo ifa akka hinbaane waan barbaadan tokko of keessatti waan qabuuf kaasuu barbaanne. Kunis eenyummaa Yukunoo Amlaaki.
Akka qorattoota tokko tokkootti hundeen madda dhalootasaa ifa akka hintaane ibsu. Yukunoo Amlaak bara mootummaan Zaaguwee ture mootummaa Zaaguwee isa dhumaarraa aangoo fudhachuuf falmii guddaa kan godhedha. Kaayyoo siyaasaaf bara lolaa turettis haata’u erga aangoo qabatee booda hiddi latiinsasaa karaa abbaa jiru mootummaa Aksumirraa darbaa kan dhufe ta’uu dubbataniiru.
Kun garuu kaayyoo siyaasaaf jecha yoo ta’e malee ragaa seenaatiin hinmirkanoofne. Asirratti xiyyeeffannaan keenya hidda dhalootasaa karaa haadhaa kan jirurratti. Seenaan Yukunoo Amlaak karaa haadha isaa jiru yeroo baay’ee irra dibamee darbama. Haala kanaan Taaddasaa Taammiraat waa’ee haadha Yukunoo Amlaak yeroo ibsan: “His mother is nevertheless said to have been one of the slaves of a rich Amhara chief in Sagarat” jedheera.
Kunis Afaan Oromootti yeroo hiikamu: Haati isaa garboota Sagaraatitti sooressa Amaaraaf bulan keessaa ishii tokko. Taklatsaadiq Makuriyaas yaaduma Taaddasaa Taammiraat kana deeggaru. Kitaaba “Gadla Taklahayimaanot” keessattis waa’een haadhasaa yeroo ibsamu ‘Yichiiwu kabaaroochu hulu yakabbarachi nat’ jedhu.
Kunis gara Afaan Oromootti yoo hiikamu; Ishiinis ‘Garboota hunda caalaa kabajamtudha’ jechuudha. Yaada Taaddasaa Taammiraatis ta’e kan Taklatsaadiq Makuraa hir’ina tokko qaba. Kunis garboota beekamtoota Amaaraaf bulan jechuu malee maqaa Sooressichaa hindhoofne.
Kunis tarii waan dhoksuu barbaadan tokko ifa isaan jalaa baasa waan ta’eef. Yaada kanarratti barreessaan seenaa biyya Xaaliyaanii ‘Conti Rossini’ jedhamus waa’ee haadha Yukunoo Amlaak yeroo ibsu, garbittii “Azaachi Caalaati” jedheera. Kanarraa wanti nama hawwatu jira. Kunis kan mul’isu maqaan Caalaa jedhu yeroo sanatti kan beekamuufi Caalaanis Oromoo ta’uu akka danda’u nama agarsiisa.
Azaachi Caalaanis yeroo sana aangoo gita olaanaa warra qaban keessaa isa tokko akka ta’e namatti agarsiisa. Nutis qormaata gooneen haati Mootii Yikunoo Amlaak Intala Azaachi Caalaa kan maqaan ishee Hawwii jedhamtu akka turteefi abbaanis Ajajaa waranaa mootummaa Zaaguwee akka turaniidha.
Waa’ee eenyummaa Yukunoo Amalaak hangas erga jennee booda gara qabxii olitti kaafneetti yoo deebinu Yukunoo Amlaak bara 1270tti aangoo qabatanii Ambaa Gabre’eel osoo hin hundeessin dura bakka sana (Manzi) manzumaa ykn faarfannaan Sheekotaa itti gaggeeffamuudha.
Manzi bakka adda addaatti kan argamu yoo ta’u, yeroo dhihoo keessa qorattoonni Arkii’oloogii qorannoo naannawichatti gaggeessaniin lafeewwan namaafi loonii, meeshaalee bareedinaa kan akka callee, gumee miilaafi harkaa, meeshaalee supheewwan adda addaarraa harka namaan hojjataman, kaabii dhagaa keessaa argamaniiru.
Akka qorattoota kanaatti, umurii meeshaalee kana gidduu jaarraa 8fa-10fa akeekaniiru. Qormaanni kaabii dhagaa keessumaayyuu meeshaalee supheewwaniifi calleewwan irratti adeemsifame amantiin Kiristaanaa barsiifamuu osoo hineegalin dura Manzi keessa saboonni sadarkaa guddina hawaasa adda addaarra jiraatan meeshaalee kanatti fayyadamaa akka turan ni ibsa.
Kunis kan manguddoonni jaarraa 4ffaa dura Oromoon Manzi keessa turan jedhu sun dhugoomsa. Sababiinsaas calleefi faayaan Ateeteef godhamu jalqabnisaa kan Oromoo ta’uu akka danda’uufi saboonni biroos Oromoorraa akka barataniifi itti fayyadamaa akka turantu himama. Booda amantiin Kiristaanaa meeshaalee kanarratti dhiibbaa gochuun akka badu taasise jedhu.
Jaarraa 4fa jalqabee Oromoonni amantii Kiristaanaa hinfudhanne akka gadi dhiibaman taasifamaa turan jedhu. Lolli kun itti fufuudhaan bara mootummaa Yukunoo Amlaakis walitti bu’iinsi Oromootaafi Kiristaanotaa akkasumas hordoftota amantii Islaamaa gidduu ture cimuudhaan Oromoota naannoo Manzi jiraatan gara Kibbaatti dhiibbamaniiru. Kunis Oromoonni amantichatti makaman mooticha gargaaraa akka turan himama.
Manzi keessatti ragaalee olitti kaasuuf yaalame kanaan alatti ragaaleen xinqooqaa lafa Geeraa Midir jedhamu keessatti bakka adda addaatti ni argama. Fkn, maqaan Girja jedhu maqaa ganda konyaa tokkoo ta’ee aanaa Geeraa keessatti argama. Kunis, afaan birootiin hiika kan hinqabneef Afaan Oromoo keessatti keessumaayyuu Oromoota Gujii biratti wiirtuu amantiifi siyaasaa ta’ee tajaajilaa kan tureefi barreessitoonni hedduun Gujiin Girjaa dhufe jedhanii barreessaa kan turaniidha.
Ammallee Gujii keessatti maqaan Girja jedhu bakka ykn lafa naannoo tokkoo qofa ta’uu saarrayyuu, maqaa dhuunfaa nama tokkoo ta’uun yeroo baay’ee moggaafama. Gara Kaabaatti ammoo faayaa Oromooti.
Maqaaleen akkasii kun ammas Kaaba Shawaa naannoo Ankoobar keessatti ni argama. Bakki kunis Waadaraa jedhama. Kunis Gujii keessatti maqaa aanaa tokkoo ta’ee argama. Ammas kan agarsiisu sochiifi godaansa Oromoo waliin wal qabatee maqaan irra deddeebi’amee moggaafamuu isaati. Sanarra darbee, maqaa mootota biyya Manzi Geeraa, Laaloo, Maammaa ta’uu barreeffama tokko tokkorraa ni hubatama.
Fkn. namtichi Geeraa jedhamu jalqaba Manzi keessatti abbaa biyyaa akka tureefi ilmi isaa Illaay kan jedhamu Nagaasii Kiristoosiin (1696-1703) biyya Geeraa seensisuu dhoowwee waraana akka itti bane himama. Akka odeeffannoo manguddoota kanaattis Illaay obboleessa Nagaasii Kiristoos Gabra Sillaasee kan jedhamu jalaa ajjeese. Booda Geeraafi Nagaasii Kiristoos wal lolan.
Kana booda Geeraafi Nagaasii Kiristoos lafa addaan kan qooddatan yoo ta’u, Geeraaf Gadanboo, Duwota, Qawullaa, Sooriyaafi Dawosiin kennaniif. Nagaasii Kiristoosiif ammoo, Qayaadhaa kaasanii Angaachaa dabalatee hanga Gowaassaatti kennaniif; jedhama. Nagaasii Kiristoos gara abbaa isaan Oromoo akka ta’e ragaan qormaataa ni ibsa.
Karaa biraatiin barreeffamni Atsime Giyoorgisiin waa’ee Laaloo irratti barreeffame kan ololaan guutame ta’uu hubanna. Innis sanyiin Oromoo Laaloorraa akka maddu fakkeessee dhiyeessa. Akka jecha isaattis bara Mootummaa Amdatsiyoon beelli hammaatee jennaan dubartiin beela kanaan hubamte tokko naannoo Faxagaar jiraataa turte. Yeroo sanatti bulchaan Faxagaariifi Dawwaaroo kan turan Azmaach Indiriyaas jedhama.
Innis garbicha Laaloo jedhamu qaba. Dubartiin beelaan hubamte kunis mana Laalootti galtee hojjechaa turte. Laaloonis niitii kana fuudhee ijoollee torba irraa argate. Booda ijoolleen kun hattuufi shiftaa ykn gaadduu taatee biyya rakkifnaan Laaloon ilmaan isaa qabatee nama Gabaxoo jedhamutti baqate.
Booda Laaloofi Azmaach Indiriyaas walitti bu’anii Laalooniis mo’amee bosonatti baqate jedhama.
Odeeffannoon Atsimeedhaan olitti caqafame kun odeeffannoo darbaa dabarsaa dhufame tokko kan dhoksedha. Haata’u malee, ragaan isaa waan bu’uura ta’e dhugaa seenaa kan of keessatti hammatedha. Yeroo baay’ee afoolli dhugaa tokkorraa erga maddee booda of keessatti waan xaxame tokko qabaachaa dhufa. Haaluma kanaan afoolli Atsimee ragaa dhugaatti dhiyaate waan lama of keessaa qaba.
Haaromsaaf cinna Gadaa, falmmii lafa offti deebi’u Oromoo
Oromoon Sirna Gadaan Of bulchaa, heerriifi seerri Gadaas sirnchuma keessatti kan kuufameedha. Amantaan isaas waaqa tokkichatti ta’ee booda garuu gara amantii kiristaanaafi Isilaamatti qoodame. Bara mootummaa Amdatsiyoonrraa jalqabee lolli Oromoo amantii ofiin jiraatuufi Kiristaana gidduu jiraachuu isaa agarsiisa.
Karaa biraa mootii Nagaasii Kiristoos wajjin walqabatee ragaan afoolaan himame Geeraa, Laaloofi Maammaa kan jedhaman naannoo Manzitti mootonni Oromoo kan jiraatan akka afoolaan himame osoo hintaane bara mootummaa Amdatsiyoon dura naannoo Manzi kan jiraataa turan ta’uu akka hinoolledha.
Afoolli naannoo Manzirraa walitti qabame kan biroommoo Yoodit, Isaatoo, jedhamtee maqaa adda addaatiin dubartiin beekamtu gara Manzi akka dhufteefi booda gara naannoo Jirruutti akka dabarte himu. Boodas Oromoo Jirruu wajjin waraana banteen loltoonni ishii hedduun akka jalaa dhuman dubbatu. Faayidaan afoola kanaa akka agarsiisutti yeroo Yoodit jiraatte Oromoonis naannoo sana kan jiru ta’uu isaati.
Obbo Alamaayyoo Hayilee Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014