Oromiyaatti mootummaa haaraan har’a hundaa’a

Finfinnee: Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa har’a kan hundaa’u yoo ta’u, gaggeessaa miseensota Caffee shanaffaan booda, miseensoonni Caffee 6fa kan simataman ta’u Caffeen Oromiyaa ibse. Akkasumas, moggaasni qaamolee mootummaa sadeenii jechuunis kan seera baaftuu, hiiktuufi raawwachiiftuu kan gaggeeffamu ta’uunis himameera.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo sagantaa jiru ilaalchisuun ibsa dheengadda miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, caffee haaraa ja’affaan kun filannoo marsaa ja’affaatiin kan filatame yoo ta’u, yaa’ii duraa taa’uunis mootummaa haaraa hundeessa.

Bu’uura kanaanis afyaa’iifi ittaanaa/tu afyaa’ii, pirezdaatiifi pirezdaantii ittaana/tu akkasumas, pirezdaantiifi pirezdaantii ittaanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaafi miseensota kaabinee kan muudu ta’a.

Miseensonni Caffee haaraanis kaleessa Adaamaa kan seenan yoo ta’u, haala hojmaataafi naamusa miseensotaarrattis odeeffannoo gaggabaabaa fudhataniiru.

Guyyaa har’aas miseensonni Caffee shanaffaan hojii eegalan xumuruu waan qabaniif ajandaalee bulanirratti kan mari’atan ta’uu kan himan Aadde Loomiin, qaboo yaa’ii walga’ii idilee  14fa, Waggaa 6fa, bara hojii 5fa mirkaneessuun wixineewwn labsii qoratamaa turan lama dhihaachuun ni mirkanaa’u jedhaniiru.

Kunneenis wixinee labsii Gurmaa’ina, Naamusa Miseensotaafi Sirna Waliigalaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe Labsii lakkoofsa 201/2009 akkasumas, Wixinee Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoofi Hoji Isaanii Murteessuuf Labsii Lakkoofsa 199/2008 Fooyyessuuf Bahe ta’uu ibsaniiru. Dhumarrattis sirni gaggeessaa akka taasifamu kaasaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You