Finfinnee: Gaazexaan Bariisaa Ayyaana Masqalaa, Irreechaafi hundeeffama mootummaa haaraarratti Hayyuu Gadaa Tuulamaa Naggasaa Nagawoo Badhaadhaa wajjin dheengadda ayyaana gaafdeebii bal’aa taasiseera.
Gaafdeebicha keessaa qabxiilee muraasa akka armaan gadiitti dhiyeessuu keenya eeraa, guutummaasaatiif ammoo maxxansa torban dhufuurratti akka nu eegdan ibsina.
- Abbaan Gadaa tokko bara aangoosaa keessa ummata barsiisa, akka seerri Gadaa hincabneefi hinbanne, daandiin hincufamne, malkaafi tulluu kabachiisa, yakki hinumamne eega; nama walitti bu’e ni araarsa.
- Sirni Gadaa akka laafu kan taasise mootota, masaafintootaafi mokaanintoota. Aadaafi malkaan akka laafus taasisaniiru. Sirni Gadaa ammaa kan waliigalaa ta’eera. Gumiin Abbootii Gadaa Oromoos hundaa’ee waliin hojjetaa jiru.
- Ja’an Galaan Hora Finfinnee, Hora Hulluuqaa, Hora Jijjigaa, Hora Hadhoo, Hora Arsadiifi Hora Kiilolee ilmaasaatiif kenneera. Hora ja’an Galaan keessaa Horri Finfinnee kan waliigalaati.
- Sirna Gadaa keessatti biqiltuun, odaan, birbirsi, ejersi, waddeessi seera qaba. Muka sorooroon akkuma argametti muruun dhorkaadha; nama muka sorooroo muru waan hamaatu itti dhufa jedhamee amanama.
- Oromoon waggaa saddeet saddeetiin oggaa caffeetti godaanu Bibirsa Odaa Nabee jala dhaaba. Akkuma aangoon Gadaa waggaa saddeet saddeetiin darbu, Birbirsis waggaa saddeet saddeetiin daraara.
- Horri Finfinnee Hora Ja’an Galaan keessaa isa tokkoofi kan Oromoon hundi itti irreeffatuudha. Irreechi Hora Finfinnee waggoota 150 dhiibameefi dhorkamee ture bara 2012 deebi’e.
- Ayyaanni Irreechaa ayyaana nagaa, jaalalaafi galateeffannaa waan ta’eef sibiila, waraana, seenxii, cuubee qabatamee hindhaqamu.
- Irreechi amantiidhas aadaadhas. Ummanni Oromoo uffannaa aadaafi faayawwan aadaatiin miidhagee ayyaanicharratti hirmaachuun aadaadha jechisiisa. Waaqa dachee, samii, Odaa, bishaan, nama uumeefi dukkana gannaa keessaa gara booqaa birratti nu baase galateeffachuun ammoo amantiidha jechisiisa.
- Irreechi araara, nagaafi jaalala waan ta’eef warri ayyaana irreechaa waltajjii siyaasaa, lolaa, waraanaafi walitti bu’iinsaa gochuu barbaaddan nurraa dhaabbachuu qabu. Nuti nagaa barabaanna. Waaqayyos nagaa nuu kenna.
- Ayyaanni Irreecha baranaa nagaan kabajamee milkiin akka xumuramuuf abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee bakkuma jiranitti nagaa haalallaban. Foolleefi dabballeenis nageenya ayyaanichaa sirriitti eeguu qabu.
- Mootummaanis keellaawwan sirriitti eegee haato’atu. Nama harka qulqulluufi nagaa ayyaanicharratti hirmaachuuf deemu nu jalaa hinqabin. Kan yakka dalage ammoo qabee seeratti haadhiyeessu.
- Ayyaanni Irreechaa waltajjii araaraa, nagaafi walargaati malee waltajjii siyaasaa miti. Kanaafuu warri ayyaana irreechaa waltajjii siyaasaa gochuu barbaadan gocha akkasiirraa of deebisuu qabu.
- Saboonniifi sablammoonni gurmaa’anii ayyaanicharratti nu waliin hirmaatan obboloota keenya; isaan ni kabajna, ni jaalanna, Waaqayyos isaan haa kabaju.
- Keessummaan dhufa beeka, geggeeffachuu abbaatu beeka. Kanaafuu keessummootaa keenya simannee, kabajnee ni geggeeffanna.
- Weerarri dhibee bara itti ka’u qaba. Waan kaaseef ammoo Waaqatu beeka. Kanaaf namoonni ayyaana Irreechaarratti hirmaatan hundi malawwan ittisa vaayiranii kornaa ofirraa ittisuuf gargaaran maratti fayyadamuu qabu. Akka Waaqayyo vaayirasicha nurraa kaasuufis ni kadhanna.
- Ayyaanota Oromoon kabaju keessaa Ayyaanni Masqalaafi Irreechaa hariiroo guddaa qabu. Oromoon ayyaana Masqalaatiin mootii ayyaanaa jedha. Ayyaana Irreechaatiin ammoo mootii amantii, jaalalaafi kennaati jedha.
- Ayyaanni Ireechaa aadaafi duudhaa uffannaafi faayaawwan aadaan Oromoo addunyaatti beeksisuu keessattis iddoo olaanaa qaba. Sochiin ayyaana Irreechaa ‘UNESCO’dhaan galmeessisuuf jalqabame cimee ittifufuu qaba.
- Akka carraa ta’ee mootummaa haaraan burumtaa ayyaana Irreecha Hora Arsadiitti Fulbaana 24 bara 2014 hundaa’u waantota danuu ni sirreessa jennee abdanna. Mootummaa Waaqatu filata. Nama Waaqni fedhe namni filata. Waaqayyo mootummaa nagaa nuuf haa hundeessu.
- Barri kun bara nagaa, araaraa, misoomaa, milkii nuuf haata’u. Bara waan tolaa itti hojjetu nuuf haata’u.
- Natsaannat Taaddasaatiin
- Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014