Finfinnee: Badii shororkeessaa ABUTirraa dhufu qolachuuf qophii gahaa gochuusaa Naannoo Amaaraatti bulchiinsi Godina Saba Oromoo beeksise.
Ittigaafatamaan Qajeelcha Dhimma Nageenyaa godinichaa Obbo Alii Mahaammad Bashir ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, shororkeessaa ABUT gocha yeroowwan adda addaatti Itoophiyaa bittinneessuuf raawwatuun badiiwwan garagaraa qaqqabsiisaa tureera.
Gocha badii shororkeessichi ummataafi birmadummaa biyyaarratti bane dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa godinichaa deebii barbaachisu kennaa jiraachuus eeranii, keessumaa godinichi humna namaa leenjisee bobbaasuu beeksisaniiru.
Dhalattoota godinichaa keessaa obbolaawwan akkasumas, ilmiifi abbaan adda waraanaa tokkorratti diina wajjin falmaa jiraachuus ittigaafatamtichi himanii, kunis kutannoo hawaasni biyyasaa garee badii kanarraa eeguuf qabu olaanaa ta’uu kan agarsiisu ta’uu agarsiisa jedhan.
Bulchiinsa magaalaa Kamiseefi naannawasheetti qaamolee shororkeessaa ABUTf dalaganiifi odeeffannoo daddabarsuun shakkaman qulqulleessuurratti humnoota nageenyaa waliin hojjechaa jiraachuus Obbo Aliin nutti himaniiru.
Gareen hidhataa kun karaa Aanaa Warra Baabboo (Walloo Kibbaa) lohee akka hinseenneef adda waraanaa tokko hundeessuun humnoota nageenyaa godinicharraa walitti babbahan 400-500 ol qindeessuun eegumsaafi dahoo ta’aa jiraachuus ibsaniiru. Aanaalee Affaar godinicha daangessan, keessumaa karaa Cifraatiin lohee akka hinseenneef eegumsi taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Gama biraatiin naannawa ollaa aanaalee godinichaafi Shawaa Kaabaa, Magaalaa Axaayyeetti walitti bu’insa kanaan dura uumamee ture tasgabbeessuufi hawaasni akka kanaan duraatti jiruu idileesaatti akka deebi’uuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan.
Naannawichatti sabaafi sablammiilee hedduun waliin kan jiraatan akka ta’e kan kaasan itti gaafatamaan kun, gareen shororkeessaa ABUT carraa kanatti fayyadamuun har’as hokkorri naannawichatti akka ka’uuf wixxirfataa jiraachuu himanii, gocha garee badii kana hawaasni akka hubatuuf waltajjiileewwn adda addaa qopheessuun akka hubatu taasifameera jedhan.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014