Seenaa Oromoofi hubannoo dhalootaaf ta’u

Ragaan biroo Afaan Oromoo wajjin hariiroo qabus bara amantiin Islaamaa tamsa’e jalqabame, miiltonni Mahammad Abdallaafi (Nabiyyicha) intallisaa qureeshota biyya isaaniitiin ari’amanii biyya Habashaatti ergamanii mooticha Habashaa Nagaasii (Ahmad al Nagaash) yeroo dubbisan mootichis, Ashamaa! Ashamaa! Ashamaa! jedhanii keessummoota isaanii harka akka fuudhan ni himama.

Jechi ashamaa! jedhu kun, ammas Afaan Oromootiin nagaa fuudhuudha. Hiikaa qaba. Haa ta’u malee, jechi ashamaa jedhu kun, saboota Afaan Kuush dubbatan tokko tokkoon ni dubbatama. Fkn, jechi ashamaa jedhu kun Ummata Sidaamaa, Kambaataa, Hadiyyaafi Geedi’ootiinis kan dubbatamuufi hiikuma Afaan Oromootiin qabu ibsa.

Haa ta’u malee, Kuushota gara Kaabaa jiraatan: Agaw, Affaar, Saahoofi Beejaan jecha kanatti dhimma ba’uufi hinbaaneen wanti mirkaneeffanne hin jiru.

Haa ta’u malee, yeroo dhufaatii miiltota Mahammad (Nabiyyichaa) bakka taa’umsa mootichaa Sabni Kuush akka jiraataniif mootichis afaan kana dubbachuun isaa yookaan saba Oromoo ykn Afaan Kuush dubbatan keessaa kan gosa tokkoo akka ta’aniifi tarii irra jireessa Oromoos ta’uu akka danda’an tilmaamuutti nama geessa.

Jireenya Oromoo Kaaba Itoophiyaa keessa jaarraa 16fan dura kan mul`isu maqaa moggaasa lafaafi xiinqooqaa qofa miti. Oromoonni yeroo dheeraaf laga Takkazee gararraa (upper Takkaze) akka jiraataa turaniifi Oromoon Raayyaa naannoo Waajiraat jiraatan Tigrootaan liqimfamaniifi kiristaana akka ta’an barreeffama adda addaa keessatti ibsameera.

Kana malees, Oromoonni Marrawwaa Kaaba Itoophiyaa keessaa jaarraa 16fa dura yeroo hinbeekamneef jiraachaa turuusaaniifi jarreen kanas dogoggoraan ummata Falaashaa jedhamurraa adda baasuuf rakkachaa akka turan barreeffama adda addaarratti mul’ata. Oromoonni akka Walaqaa, Liiban, Oflaa Iggu’i, gara Kaabaas Marrawwaafi Oromoon naannoo Sudaan Bahaa Tulluuwwan Jabal Obaafi Guraaraa biratti argaman wabii ta’u.

Fkn. barreeffama kitaaba Nagaasoo The Oromo of Sayyoo jedhu keessatti ibsame tokko yoo ilaalle: “The Marrawwa Oromo who were confused with the Falasha, may have lived in the region of upper Takazze for an unknown period of time before the 16thc” jedhaniiru.

Kunis Afaan Oromootti yoo hiikamu yeroo baay’ee Falaashaarraa adda baasuu kan rakkatan Oromoonni Marrawwaa jaarraa 16fan dura yeroo dheeraaf Laga Takkazee gararraa qubatanii jiraatu jechuudha.

Akkasumas ragaan biroo Oromoon Kaaba Itoophiyaa keessa jaarraa 16an dura jiraachaa turuu isaanii barreeffamni ibsu seenaa mooticha Amdatsiyoon irratti (1314- 44) barreeffameera. Barreeffamni kun ragaa seenaa bara giddugaleessaa ta’uun yeroo baay’ee ifa ta’u akkawoon Mootii kanaa Hawwiin Intala Azaachii Caalaa ta’uu ishee hinkaasan.

Barri kunis bara walitti bu’iinsi hordoftoota amantii Kiristaanaafi Islaamaa jabaatee ture. Walitti bu’iinsa amantoota lamaaniirraa kan ka’een Oromoonni tasgabbii dhaban bakka jiraatanraa gara kibbaatti godaanaa akka turaniifi kan amantii kana fudhatanis achumatti akka hafan ragaa kanarraa hubachuun ni danda’ama.

Fkn. Abbootii waraanaa kan mooticha Amdatsiyoon qaban keessaa namni ykn Tuuta maqaan isaa Gadaa jedhamu garee waraanaa tokko hogganee duula mootota Islaamaa Sabreediinitti ergamuun ibsameera. Egaa, namtichi Gadaa jedhamu kun Oromoo amantii Kiristaanaa fudhatee babal’ifannoo mootummaa Kiristaanaaf falmaa turan keessaa isa tokko akka ture wal nama hin gaafachiisu.

Inumaayyuu Mootichi Amdatsiyoon kun haati manaa isaa kan duraa maqaan ishee Daadhii akka taatedha. Ishiinis maqaa kabajaa Daadhii Mogosaa akka jedhamtudha. Ragaan kuunis hagam akka yeroo san sabni Oromoo achi ture mul’isa. Barreeffamni Mootummaa Amdatsiyoon akka mul’isutti, mootichi Guraandhala 18 bara 1329 Sabreediinitti akka duuleefi Bitootessa 2, 1329 Dawwaaroo akka seene ibsameera.

Ittaansuudhaanis, Ebla 23, bara 1329 Mootichi kun biyya Dawwaaroo keessa kutanii biyya Oromoo akka seenan kitaabicha keessatti ibsameera. Barreeffama seenaa waa’ee Amdatsiyoon kanarraa akka hubatamutti, maqaan Dawwaaroo jedhamu tuqamuunsaafi Dawwaaroon kutanii biyya Oromoo seenan kan jedhu kun Dawwaaro kam akka ture kan wal nama gaafachiisu ta’uusaati.

Sababiin isaas Dawwaaroon bakka adda addaatti akka argamu kitaaba adda addaa keessatti waan ibsameef Dawwaaroon bakka adda addaatti yoo argamellee, akka kaartaan kitaaba “Victory of Amdatsiyoon” fuula 52 irraa mul’atutti, Dawwaaroon inni kutee keessa darbe, Kaaba Itoophiyaa Walloofi Kibba Tigraay keessatti kan argamu ta’uu hin oolu. Sababiinsaa Dawwaaroo keessa baheen Ifaatiin dhaqe inni jedhu, akka kaartichi agarsiisutti Dawwaaro Kaaba Itoophiyaatti argamu fakkaata.

Dawwaaroo Harargeefi Baalee keessatti ibsame yoo ta’es bara mootummaa Amdatsiyoon dura Oromoonni Harargeefi Baalee keessatti akka argaman agarsiisa malee kaayyoo kaaneef faallaa hinta’u. Ragaan biroommoo Mootichi Amdatsiyoonis Oromoota Maccaa ta’an simatee gidduu Haroo Xaanaafi Daamooti akka qubachiise barreeffama tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama. Kunis, kan dhugoomsu Oromoon bara mootummaa Amdatsiyoon dura Kaabaafi Kibba Itoophiyaa keessa bakka adda addaatti babal’atanii akka jiraatanidha. Ammas taanan naannoon galaana Xaanaa aanaa Maccaa jedhamee waamama.

Kaanaan alatti odeeffannoon naannoo Yejjuurraa argames Oromoonni Jaarraa 14fa dura Kaaba Itoophiyaa keessa jiraachaa akka turan ragaaleen tokko tokko ni mul’isu. Fkn, kitaaba waa’ee ka’umsaafi kufiinsa mootummaa Yejjuurratti barreeffame tokko akka ibsutti, jalqaba Yejjuu kan qubatan gosa Oromoo Dooraniifi Boqojjii jedhamu turan. Booda garuu, Boqojjiin Warra Shee kan jedhamaniin bakka bu’an.

Lafa Boqojjii kanarra jalqaba warri qubatanis, Qumbii Marsoo Shokaa, Abbaa Dimbar Maliyyee, Gammadaafi Ilmaan Oromoo warra jedhaman turan. Qumbiin biyya Machaaree jedhamu saaqee qabate. Bakki kunis Kibba Waldiyaatti argama. Lafti Gubbaa Laaftoo jedhamus Abbaa Dimbar Maliyyeetiin qabamee ture. Kunis kan mul’isu jalqaba gosti Oromoo Dooraniifi Boqojjii jedhamu lafa Yejjuu kan saaqee qabate yoo ta’u, maqaan namoota eeramanii garuu warra yeroo booda mootummaa qabatanii aangoo isaanii jabeeffatanii abbaa biyyaa jedhanii of waaman fakkaatu.

Kanaa olitti barreeffama dhiyaateen alatti hayyoota seenaa biratti kitaabni fudhatama qabu jaarraa 16fa keessa ‘Fatuh al Habash:’ Weerara Abashaa mata duree jedhu keessatti ‘Shihab Alada-din’ ykn maqaa masoo Arab Faaqii galmeessaa seenaa Ahmad Giraany ture. Innis Oromoonni Yejjuu osoo waraanni Ahmad Giraany hinka’in dura Ifaati keessatti akka argaman galmeesseera. Oromoonni Yejjuus, amantii kana fudhatanii waraana kanarratti hirmaachuudhaan hordoftoota amantii Kirstaanaarratti waraana bananiiru. Waraana kanarrattis warri Musilimotaa Afaan Yejjuu akka dubbatan barreeffameera.

Afaan Yejjuu jechuunis Afaan Oromoo ta’uu ni hubatama. Mahammad Hassan kitaaba Arab Faaqii eeruun yaada olii kana akkaa armaan gadiitti cimsa; …when Imam Ahmed invaded Ifat in 1531, his forces came to a district called Qawat….This fertile land was inhabited by a sedentary people called El-Ejju, who spoke a different language from that of the Muslims and the Christians. After his victory the Imam sent Kalid Al- Waradi and Garad Othman Ben Jawher to bring Islam to the people of Qawat.

The Muslims managed to convert three of their leaders: Hizon, Dalon, and Dabalaa, who accepted Islam sincerely. And their people followed suit. This El-Ejju people then furnished the Muslim force with a large contingent of cavalry and infantry. The El- Ejju who were recruited to the Muslim army in mass, followed the Jihadic war to Beta Amhara.

Yaanni kunis Afaan Oromootti yoo hiikamu: Imaam Ahmad Ibraahim yeroo Ifaatiin weerare loltonni isaa Qa’owaatiin qubatanii turan. Lafa magariisaa kanarra ummanni jiraatus El-Ejjuu jedhama. Afaan El-Yejjuun dubbatan kun afaan warri Kiristanaas ta’e Islaamaa dubbatanirraa adda. Imaamichis erga Ifaatitti mohatee booda ummanni El- Yejjuu kun amantii kana akka fudhataniif hordoftoota isaa keessaa Kalid al-Waradiifi Garad Othman Ben Jawheriin gara Qawaatitti erge.

Warri ergaman kunis namoota Yejjuu sadii gara amantii Islaamaatti jijjiiran. Warri amantii kana fudhatanis dura buutota ummata Yejjuu turan. Isaanis Hizou, Daloufi Dabalaa jedhamu. Warri Yejjuu kunis hordoftoota isaanii duukaa amantii kana fudhachuu isaaniirrayyuu lakkoofsaan baay’ee kan ta’e fardeeniifi waraana dhiyeessaniif. Kana booda Beeta Amaaraatti duulan.

Ragaan olitti ka’e kun afoola walitti qabne wajjin walsima. Fkn. Odeeffataan Yimar Abagaaz jedhamu, sanyiin isaanii dur Gamaa Galii kan jedhamu ta’ee lafa Yejjuu akka qabataniifi hidda dhaloota isaaniis Gamaa Galiitti galchuun ibsaniiru. Hidda latiinsa Yimar Abagaaz gara duubaatti deebinee qorachuun jireenya ykn argama Oromoo naannoo Yejjuu keessa jaarraa 16fan dura jiraachaa turuu waan mul’isuuf bira darbamuun hindanda’amu. Fkn. Yimar- Abagaaz-Rattaa Yimar-Alii – Warqee- Asfawu Borushii- Alii Oshiyoo Wadaajoo Marsoo- Biiftuu Baareentu-Nya’aa-Soolee- Biiftuu -Hankoo-Soolee Qoree-Sibuu -Kallattuu – Gulummaa- Gamaa Galii.

Akka odeeffannoo manguddoo armaan olitti eeraman kanaatti, bara Hankoo Soolee jiraatan biyya isaanii (Yejju) Ahmad Giraany akka dhufan ni dubbatu. Bara sanatti Hankoo Soolee nama beekamaa ture. Yeroo boodas mootii biyya Yejjuu kan turan Hankoo Soolee naannoo sanatti beekamaafi Mahammad Giraanyiin gargaaranii lolarratti akka hirmaatan ni dubbatama.

Tilmaamaan Ahmad Giraany naannoo Yejjuu kan gahan bara 1533 ta’a. Hankoo Sooleerraa gara duubaatti hidda dhaloota nama jahaa umurii dhaloota nama tokkoo waggaa 30n (soddomaan) ykn 25n (digdamii shan) yoo herreegne 30×6= 180 ykn 25×6=150 ta’a, Kanaaf bara 1533-180 ykn 1533-150 yoo hir’ifne tilmaamaan gidduu bara 1353 hanga 1383 Oromoonni naannoo Yejjuu akka jiraatan ragaan odeeffannoo kunis ni mul’isa.

Ragaaleen jireenyaafi qubsuma Oromoo Kaaba Itoophiyaa (Christian Kingdom) keessa jaarraa kudha jahaffaan dura kaa’u kan olitti kaafne qofa miti. Kanaa alas hedduudha. Garuu barreeffamaan wal simsiifnee ibsuu hindandeenye. Haa ta’u malee, Oromoonni Dhaloota Kiristoos dura jaarraa 4fa dura naannoo Manzi keessa jiraachaa akka turan odeeffannoon manguddoota naannoo sanaa ni ibsa. Garuu yoomii jalqabanii akka achi turan ifatti hinibsan.

Ittifufa…

 Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.  

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You