“Ragaa lafaa sirnaan osoo hinqabatiin waa’ee hannaa dubbachuun rakkisaadha” -Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee: Bara 2014tti ragaa kaadastara lafa magaalaa fooyyessuurratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uu Pirezdaantii Ittaantuun Oromiyaa ibsan.

Pirezdaantii Ittaantuufi Qindeessituun Kilaastara Lafa Magaalaa Aadde Caaltuu Saanii gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, qabiinsa ragaa lafaa magaalootaa waliin walqabatee rakkoo bal’aan jiraachuu kaasanii, bara 2013tti jiru gaarii ta’uus ammayyuu kan xiyyeeffannaa barbaadu ta’uu ibsu.  

“Ragaa lafaa sirnaan qabachuu jechuun akka nama maallaqa baankii kaa’atee sirnaan dabtaraa herregaa qabatuuti. Bakka ragaa lafaa sirnaan qabachuu hindandeenyeetti waa’ee hanna lafaa dubbachuun rakkisaadha. Bara 2013  hojii kaadastaraa eegalameen parsilii kuma 53 ol galmeessuun danda’ameera.  Kun tarkaanfii cimaa ta’uus kanaa oliitti deemuun barbaachisaadha” jedhu.

Gama biraatiin ilaalchi kenna tajaajilaa kan ummanni itti gammadu akka ta’uuf irratti kan hojjetamu ta’uu kaasanii, “aangoon amaanaa ummanni namatti kennudha. Ummanni tajaajilaaf si filachuun mataansaa amaanaadha. Namni baay’een garuu sadarkaa kanaan hin yaadu. Namoonni itti yaadanii of kennanii, sabaafin jiraadha jedhanii amananii dhalootaaf ergaa dabarsaa deemuu qabu.

Jaalannus jibbinus iddoo kana turuu hindandeenyu; jiruun galaana. Ani waanin jaaladhe qofaaf bakka kana turuu hindanda’u. hamman turu kanattimmoo namoota naannawa koo jiraniifi maatii ofii dabalatee waan gaarii keessatti uumaafi facaasaa deemuun narra jiraata” ilaalchi jedhu uumamuu akka qabu dubbatu.

Akka Aadde Caaltuun jedhanitti, “dhalonni wayita ammaa wanti dubbattuufi wanti gootu tokkomoo tokko miti jedhanii si madaalu. Abbaan warraafi haatii warraa si madaalu. Abbaa warraa hattuu haati warraa itti qabsaa’uu qabdi, “dafqa namaa natti hinfidiin, cubbuu ijoolleekootti hingalchiin” jettee gochasaarraa dhaabsisu danda’uun irra jiraata. Abbaan warraa yoo haati warraa hattuu taate (yeroo baay’ee haatillee hattuu miti)  irratti qabsaa’uutu irra jiraata”.

Hoggansi yeroo tokko tokko waan maayikii qabate qofaaf waan hinhojjenne odeessuu osoo hintaane sabakoof maaliin hojjedhe jedhee dhaabatee of ilaaluu akka qabu eeranii, gadi jedhanii ummata tajaajiluun quuqamaafi amaanaa fudhachuurraa akka ka’uufi namni miindaafi garaa qofaaf hojjechuu akka hinqabne hubachiisu.

“Carraan naa kennamee gaafan gara aangoo dhufu ummatakoo tajaajiluun qaba jedhee amanuun qaba. Asii haatee achii haatee mana meeqa ijaarrattus sireen irra ciisu tokkuma, waanti nyaattus tokkuma. Utuu ta’ee tokkicha sana nyaattee nagaadhaan sii sifaa’ee ofitti gammaddee waan gaarii hojjettee jiraachuutu wayya. Ilaalcha akkanaa hogganaafi hojjeta keenya hundarratti fiduuf qabsoo guddaa nu gaafatuus kallattii bara kanaa ta’ee irratti hojjetama” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You