Itayya: Kilaastaraan qotuufi galteewwan qonaatti fayyadamuun omishaafi omishtummaan keenya dachaan akka dabalu taasiseera jedhu qonnaan bultoonni Godina Arsii, Aanaa Loodeefi Heexosaa.
Kilaasteroonni qamadii aanaalee lamaanitti galteewwan qonnaa fayyadamuun omishaman dheengadda hoggantootaafi ogeessota sektara qonnaa sadarkaa sadarkaan jiraniifi garee gaazexeessitootaatiin daaw’atameera.
Qonnaan bulaa Aanaa Heexosaa ganda Guchii Habeebaa Dosaa Obbo Fayyisaa Buttaa akka jedhanitti, kilaastaraan qotuufi galteewwan qonnaatti fayyadamuu erga jalqabnee omishaafi omishtummaan keenya dachaadhaan dabaleera. Kilaastera qamadii baranaa ammoo galteewwan qonnaa guutuufi qoricha farra aramaa ‘Paalaas Supper’ jedhamu kan akaakuu aramaa hundumaa balleessu waan fayyadamneef callaa waggoota sadan darban lafa heektaara tokkorraa argatanne caalaa ni argatanna jennee abdanna jedhu.
Waggaa sadii dura lafa utuu kilaastaraan qotuu hinjalqabin heektaara tokkorraa callaa qamadii kuntaala 25 hanga 30tti argachaa akka turan eeranii, waggoota sadan darbanii as erga kilaastaraan qotuufi galteewwan qonnaa fayyadamuu jalqabanii as garuu lafa heektaara tokkorraa callaa qamadii kuntaala 60 ol argachaa jiraachuu dubbatu.
Qonnaan bultoonni aanichaa kilaasteraan qotuu erga jalqabanii waggoota sadii ta’eera kan jedhan qonnaan bulaan kun, hojiin kilaasteraan qotuufi galteewwanx qonnaa guutuu fayyadamuu aanichatti babal’chaa jiraachuus eeraniiru.
Hogganaa Ittaanaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Arsii Obbo Musxafaa Huseen akka jedhanitti, aanaalee godinichaa 25 keessatti qamadii, garbuufi baaqelaan midhaanota gurguddoo bal’inaan qotamaniidha. Godinichatti qonna ganna kanaatiin lafti heektaara kuma 608 ol midhaanita gosa gara garaatiin uwwifameera. Qoricha farra aramaafi ilbiisotaa midhaanota kunneenitti biifuudhaan kunuunsi barbaachisu taasifamaafii jiraachuus himaniiru.
Aanaalee godinichaa keessaa 18 keessatti qamadiin bal’inaan kan qotamu ta’uu himanii, lafa heektaara kuma 600 keessaa qamadiin lafa heektaara kuma 257 irratti qamadiitu misooma. Omisha kanarraa qamadii kuntaala miliyoona 11, akka godinichaatti ammoo omisha ganba baranaatiin kuntaala miliyoona 20.5 argachuuf kan karoorfatan ta’uus himaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aanaa Loodee Obbo Adam Qaasoo akka jedhanitti, lafa heekraara kuma 126fi 83 omisha midhaanota gosa adda addaatiin uwwifame keessaa %70 kan ta’u omisha qamadiitiin uwwifameera. Aanichatti midhaanonni akka qamadii, garbuufi baaqelaa kilaastera kuma 19fi 83n kan omishaman ta’uu himaniiru.
Korporeeshinii Hojiiwwan Qonnaatti, Raawwachiisaa Hojii Damee Galteewwan Qonnaa Obbo Gissillaawu Tulluu akka jedhanitti, korporeeshinichi galteewwan qonnaa kanneen akka xaa’oo, sanyii filatamaa, keemikaalota farra aramaafi ilbiisotaa akkasumas meeshaalee qonnaafi qorichoota beelladootaa qulqullina qaban
gatii madaala’aadhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessuufi raabsuudhaan damee qonnaa deggeraa jira. Fedhiifi ittifayyadamni keemikaalotaa qonnaas waggaa waggaan dabalaa jiraachuu himaniiru.
Galteewwan qonnaa korporeeshinichi dhiyeessaa jiru omishaafi omishtummaa qonnaa biyyattii guddisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu eeranii, qorichi farra aramaa ‘Paalaas Supper’ jedhamuufi gosoota aramaa hunda balleessuuf gargaaru dhaabbata Keem Teeks waliin ta’uun dhiyeessines qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuusaaa jiraachuu daawwannaa taasifneen mirkaneeffanneerra jedhu.
Dhiyeessi farra aramaa ‘Paalaas Supper jedhamuus sadarkaa fooyya’aarra jiraachuu himanii, yeroo ammaa keemikaalota qonnaa biiliyoona 1.1 ol galchaa jiraachuufi fedhiin keemikaalota kunneenii kan waggaa dhufuu walitti qabamaaa jiraachuus dubbataniiru.
Korporeeshinichi tajaajila mekkaanaayizeeshiniis kan kennu ta’uu himanii, meeshaalee qonnaa fooyya’aniifi galteewwan qonnaatti fayyadamuun baasiifi humna qonnaan bulaa qusachuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014