Jaalala biyyaa qabatamaan mul’ataa jiru

Biyyi tokko biyya jedhamtee waamamuuf daangaa, ummata, walabummaafi mootumaa mataa ofiishee qabaachuu qabdi. Daangaan biyya tokkoo galaana, gaara ykn sarara yaadaa ta’uu danda’a. Ummanni ammoo lammiilee alaafi keessaa ta’ee mirga namummaafi dimokraasii kan qabuudha.

Mootummaan qaama biyya bulchuufi aangoo harkaa qabu yoo ta’u, walabummaa jechuun biyya Dhaabbata Mootummoota Walta’aniin beekamtii qabaachuun tuttuqqiifi dhiibbaa kamuurraayyuu walaba taatee alaabaa, faaruufi sirna bulchiinsa bilisaa qabduudha.

Jaalalli biyyaa jaalala lammiileenshee hojii qabatamaan agarsiisaniin ifa. Agarsiiftuun biraa ammoo of ta’uudha. Ofta’uun ummanni eenymmaasaatti boonu cimee hojjechuun biyyasaa guddisuu keessatti qooda qabuuni. Wantoonni jaalala biyyaa ibsan baay’ee ta’anis biyya ofiitiif aarsaa ta’uunis agarsiisuu biraati.

Lammiiwwan biyyasaanii jaalatan waan hunda dura biyyasaanii ofitti aansu. Warri biyyasaanii jaalatan rakkoofi gadadoo keessa jiraataniyyuu jaalalli biyyaaf qaban hinhir’atu. Biyya ofii jaalachuun yeroo gammachuus ta’e rakkootti waliin dhaabachuudha. Balaan uumamaas ta’e namtolchee yoo biyyatti dhufe ofiisaanii dabarsanii kennuun biyyasaanii badiirraa baraaru. Biyya ofii malee kabajni hinjiru yaada jedhutti amanu.

Addunyaarratti lammiileen Itoophiyaa warra biyya ofii jaalatan jedhamuun beekamu. Kanaafis hirmaannaa lola Aduwaarratti taasisaniifi injifannoo galmeessantu ragaadha.

Faranjiin meeshaa ammayyaa qabattee dhufan lammiileen Itoophiyaa onneensaanii akka abiddaa boba’uun biyya dabarsinee diinaaf hinkenninu jechuun meeshaalee waraanaa duubatti hafoodhaan injifannoon galmeessan seenaadhaan yaadatama.

Faallaa kanaatiin baandonni faayidaa biyyaarra kan dhuunfaa dursan hinjiran jechuu miti. Ummanni garuu baroota dhufaa darbaa alagaa alaa dhufuufi baandaa biyya keessaa diina tumsu qolachuun har’allee qabatamaatti tokkummaan dhaabbataniiru.

Dhaloonni har’aa biyya birmadummaashee eeggatteefi jaalatamtuu abbootiisaarraa dhaalan kunuunsanii dhaloota ittaanutti dabarsuuf hojiiwwan boonsaa hojjetaa jiru.

Kanneen keessaa haadha ilmaanshii lamaa sadii eebbistee adda waraanaatti ergite, maatii tokko keessaa haati, abbaafi ilmi hanga namoota afuuriitti juuntaaa ammaan tana biyya weerare barbadeessuuf duuluun gocha gootummaa gootummaa oliifi jaalala biyya q a b a t a m a a n mul’ateedha.

Gootonni kunniiniifi dargaggoonni diina keessaafi alaa walguuree biyya qorquuf ilkaan qaratu qolachuuf daangaa hanga daangaatti RIBtti makamaa jiraachuun agarsiiftuu jaalala biyyaati.

Keessumaa qarreefi qeerroon Oromoo biyya rakkoo keessaa baasuun jijjiirama kana fidan aarsaa guddaa kaffalaniiru. Jijjiiramicha tikfachuuf har’as diina dura dhaabbatanii diina waraanaa jiru. Kunis kaleessas ta’e har’a gootonni Oromoo biyya kana ijaaruu keessatti gumaacha olaanaa qabatamaan kan agarsiisuudha. Jaalalli biyyaa qabatamaan malee afaan qofaan akka hintaane gochi boonsaan akkanaa ragaa jiraataadha.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You