“Barri 2014 biyya keenyaaf seenaa ta’a jedheen yaada. Kunis mootummaan ummataan filatame kan itti hundaa’uudha. Mootummaan kunis imaanaa itti kenname fudhachuun fedhii ummataa guutuuf ni hojjeta jedheen yaada. Sadarkaa mootummaan tajaajila itti kennuufi hawaasni irra jiru walgituu qaba. Hawaasni amma jiru daran dammaqaadha. Waan namni dubbatu osoo hintaane isa dubbachuuf yaaduyyuu ni beeka. Akkasumas, barri keessa jiramu bara odeeffannoo waan ta’eef mootummaan kanneen ilaalcha keessa galchuun haala fedhiisaa guutuurratti xiyyeffate hojjechuu qaba.
Akkasumas haalli nageenya biyyattii tasgabbaa’ee hawaasni hundi hojii misoomaatti akka bobba’uuf rakkoolee bakkaa bakkatti mul’atanirratti xumura taasisuu qaba. Hawaasni mootummaa cinaa dhaabachuun nageenyi waaraa akka dhufuuf hojjechuu qaba.
Harka caalaa ummata biyyattii kan ta’an dargaggoota ta’uun beekamaadha. Kanammoo carraatti jijjiiruun dirqama; sababnisaa humna omishaa waan ta’aniif. Kanaaf hojii indastiriifi maanifaakchariingii babal’isuun dirqama. Akka kun ta’uuf ammoo hidha haaromsa guddicha xumuruun dirqama.
Gama seektara fayyaatiinis xiyyeeffannaa olaanaa kennamee hojjetamuu qaba. Yoo fayyaan hawaasaa eegamaa ta’eedha biyyi kan guddattu, lafa yaaddes geessu. Akkasumas, fayyaan hawaasaa eegamaa taanaan baasiin wal’aansa garagaraaf ba’u misoomaaf ooluu danda’a.
Wantoota kanneen hunda hojjechuuf waa hunda caalaa abdiitu barbaachisa. Namni abdii hinqabne waa’ee guddinaafi misoomaa yaaduu hindanda’u. mootummaarrattis amantaa hinqabaatu. Kanaaf ummanni miira abdaa kutannaa keessaa ba’uun mootummaa cina dhaabachaa, gorfachaafi sirreeffachaa deemuun waliin ce’uu barbachisa.
Barri haaraan simanne kun kan gammachuu badhaadhinaafi waan yaadne hundu akka ta’uus gamanuma hawwiikoo ibsachuun barbaada.”
- Obbo Abduraazaaq Ahmad Ittigaafatamaa Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa
“Mootummaan haaraa hundaa’u waggaa haaraatti hojiiwwan gama hawaasummaatiin hojjetaman irratti xiyyeeffate hojjechuu qaba. Keessumaa dhimmi fayyaa dhamma lubbuu namaa waliin walqabatu waan ta’eef dursa kennuufi barbaachisa. Fayyaan meeshaa misoomaati. Hawaasa fayyaa qabutu waa’ee misoomaafi jijjiiramaa hawwuu danda’a. Fayyaan siyaasa; sababnisaa hawaasa fayyaa qabutu siyaasa gaggeeffata.
Walumaa gala hawaasni fayyaa qabu waa’ee hawaasummaafi siyaasa dinagdee hawwa waan ta’eef xiyyeeffannaa olaanaan kennamuufi qaba. Keessumaa weerara koviid-19 wajjin walqabate dagannaan amma jiru sirratee haala miidhaan itti xiqqaaturratti hojjechuu barbaachisa.
Barri haaraanis bara dhibee hamaan amma addunyaa dararaa jiru badee, hawaasni fayyaafi nagaa ittiqabaatu akka ta’uun hawwa.”
- Obbo Adaanaa Kabbadaa Ittigaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014