Guyyoonni 365 akka nurratti hinhojjenneef irratti haa hojjennu

 “Nyaata malee hojii hinbulchatan” jedha Oromoon. Miirri kutannoo jijjiiramaaf dhalli namaa qabu gara gara yoo ta’u, inni kaan yeroo qabutti haalaan fayyadamee humna guutuun hojjetee dinagdeesaa yoo fooyyessu kaanimmoo boru jechaa hiyyuma ofirratti goobsa.

Rakkoo keenya kaleessaa ilaallee barri dhufu bara luqqaas ykn quncaas jennee tilmaamuu dandeenya ta’a. Amma jireenya keenya kan jijjiiru tilmaama osoo hintaane miira kutannoo nuti jijjiiramaaf qabnudha malee ilaalcha duubatti hafaa rakkoo lallabu miti.

Waan kaleessa sii milkaa’uu dideef gadduu dandeessa. Kanarraa ka’uun hawwiifi fedhiin ati jijjiiramaaf qabdu laafa. Kanamalees mul’ata ati egereekeef qabdu haphachuun eeggattummaa jalatti akka kuftu sitaasisa.

Milkaa’uu dhabuunkee kaleessaa sindinqiin. Kaleessi seenaadhaa irraa baratta, har’i guyyaa hojiitii hojjedhu ni jijjiiramtaa. Inni dhufu bara mul’ata haaraan itti of ijaartuufi hawwiinkee itti milkaa’u waan ta’eef abdiidhaan eeggadhu jedhu hayyoonni kalaqaa.

Seenaan akka irraa barattuuf kan sigargaaru malee sakaallaa bara baraa ta’ee laaqii hiyyummaa keessatti kan sakaalee sihambisu gootee hinilaaliin. Kanaaf har’a ati nama addaati. Hojjennaan yerookeetti haalaan fayyadamnaan namoota of gahanii jiraatan keessaa tokko sihi.

Namni kamuu dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan caalee argamuufis ta’e fakkeenya ta’uuf yeroo qabutti haalaan fayyadamuun murteessaa ta’ee osoo jiruu yeroo akka salphaatti ilaaluun Itoophiyaatti aadaa ture.

Yeroon warqiidha jedhama. Albuuda gatijabeessaan madaaluu fakkaata. Ta’us albuuda gatijabeessaa ol bu’aa guddaa qabaachuunsaa kan baramu namoota haalaan yeroosaaniitti fayyadamanii guddatan fakkeenya godhachuuni.

Akkuma biiftuu jirtuu suksuku jedhamu yeroo humna qabanitti yeroo yeroon namaa kennetti sirriitti fayyadamuun barbaachisaa waan ta’eef guyyoonni 365 fuldura keenya jiran guyyaa itti hojjennee dinagdeen caallee argamnu akka ta’uuf tokko jennee eegaluu qabna.

Kaleessi seenaa kan irraa baratan waan ta’eef isa darbeef gaddaa hafuun isa dhufu nama harkaa waan bittinneessuuf akka risaa of haaressinee, akka bofaa muuxannee dhaloota haaraa mul’ata haaraan ijaarameefi badhaadhe taanee argamuuf yeroonsaa amma.

Bakka dhalli namaa jiru waldhabdeen jira. Bakka waldhabdeen jiru jijjiiramni jira akkuma jedhamu waldhabdee keenya mariin furuun garaagarummaa jiru dhiphisuun lammiilee hunda hammattuufi walqixa tajaajiltu ijaaruuf guyyoota 365tti haalaan itti haa fayyadamnu.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014

Recommended For You