Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Bara haaraa 2014 har’a simanne sababeeffachuun Pirezidaantiin BMNO Obbo Shamallis Abdiisaafi ittaantuunsaanii Aadde Caaltuu Saanii erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Haaluma kanaan Obbo Shamillis, kabajamaa ummata naannoofi biyya keenyaa, duraan dursee, waqtii gannaa dabarsitanii baga ifa barii birraa agartan, baga geessan jechuun fedha. Waqtiin martinuu sona ofiisaa qaba.
Ganni rooba nu badhaasee, waan facaafanne magarseera.
Birraan aduu baasee miidhaan marge akka bilchaatuufi ija laatu godheera. Amma waan ganna guutuu itti dadhabaa baanetu firii argamsiisaa jira. Lagni guute hir’atee namni kan itti wal iyyaafatuufi asheeta boroofi balbalaa kan itti waliin qooddaturra geenyeerra.
Barri 2014 bara rooba gannaa qofa itti eeggannu miti. Misooma jallisii caalmaatti ammayyeessinee lageen keenyaan omishtummaa qonna keenyaa bara dachaan itti daballuudha. Dhiyeessii teknolojii qonnaa dabaluudhaan kilaastaraan oomishuu caalmaatti jajjabeessuu cinaatti, qonna carraa hojii bal’aa uumu ni mirkaneessina.
Barri kun bara duudhaa ummatummaa qabnu qabatamaan itti agarsiifnuufi eeggattummaa gargaarsaa jalaa itti baanu akka ta’u amantaa guutuun qaba. Hojii gaarummaa namaafi uumaa biratti gatii ol’aanaa qabu kana guyyaa ayyaana bara haaraatti akka eegaltaniif imaanaan isiniin jedha.
Qormaanni bara 2014tti nu faana darbe jiraatullee gargaarsi Waaqaa nu waliin jira. Ummata miiraafi qalbii guutuudhaan hidhatee, halkanii guyyaa nu waliin dhaabbataa jiruufi tarsiimoowwan hojii injifannoon nu ga’aa jiran qabannee ammas injifannoofi milkaa’inaan ni fullaana!
Sodaafi yaaddoo jiru hunda carraatti geeddaruuf humna qormaata keessatti ijaarranne qabaachuu keenya, diinonni keessaafi alaa hundi akka dhaga’aniif sagalee ol kaasnee labsina. Irree gamtoomeen hojjennee badhaadhina damdaneessa akka milkeessinu shakkii hinqabnu. Barri 2014 bara milkii, kan injifannoofi badhaadhinaa nuuf haata’u jedhan.
Barri haaraa 2014 har’a simannu ummata biyyattii hundaaf kan rakkoo itti argan osoo hintaane kan seenaa itti himan akka ta’uuf kan hawwan ammoo Pirezdaantii Ittaantuun Oromiyaa Aadde Caaltuu Saaniiti.
Aadde Caaltuu Saanii gaafdeebii addatti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin, barri haaraan kan milkii, kan namni waan dhabe hunda itti argatu, kan gammachuu, kan badhaadhinaa, bara iji boossse hundinuu imimmaan irraa itti haqamu, bara haqaan ummata itti tajaajilan, bara Oromoon Oromummaasaatti deebi’ee hojiisaa itti hojjetu, akka ta’u hawwaniiru.
Barichis bara kenni tajaajilaa tuttuqaarraa bilisa ta’ee ummanni tajaajila quufsaa itti argatu akka ta’uuf xiyyeeffannaa olaanaan kennamuuf ta’uu eeranii, nama didee hattummaa filaterratti ammoo tarkaanfii seeraa fudhatamaa kan adeemamu ta’uu himu. Akkuma kanaan dura eegalames hojiin caasaa mootummaa keessa warra ‘ayyaana laallattuu’ ta’anii halbee lamaan nyaachuuf socho’an qulqulleessuun cimee kan ittifufu ta’as jedhan.
“Sabboonummaan ta’anii argamuu, ummata tajaajiluu, waan danda’an quuqmaafi aantummaadhaan raawwachuudha malee Afaan Oromoo dubbachuu qofa miti. Beekumsaafi dandeettii malees oduu qofaan hallayyaatti nama oofuunis sabboonummaa waan hintaaneef miira kanaan socho’uun barbaachisaadha” jedhan.
Gama carraa hojii uumuutiin bara 2013 karooraa ol hojjetamee lammiilee miliyoona 1.5 carraan hojii dhaabbiifi yeroo uumamuu kaasanii, fuuldurattis yommuu sochiiwwan dinagdee hundi hojiirra oolan akkasumas, seektaroonni dhuunfaa hundi hojiitti seenan carraan uumamu dachaa waan ta’uuf dargaggoonni miira abdii kutannaa keessaa ba’anii, aadaa hojii boodatti hafaa ta’e fooyyeeffachuun carraa naannawa saaniitti uumamutti hirmaachuuf of qopheessuu akka qaban dhaamu.
Gama nageenyaatiinis, bara Oromoon biyya bulchaa jirutti Oromoon akkamiin of ilaalu qaba kan jedhu kaasuu akka barbaachisu himanii, bara kaleessa qeerroon Oromoo harka duwwaa ba’ee karaarratti dhiigisaa akka dhiiga saree jigaa ba’e sana kan rasaasa tokkollee hindhukaasiin, har’a gaafa Oromoon biyya hogganu “Oromoofin dhaabadha” jechuu ummanni haalaan ilaalee akka madaaluu dubbatu.
“Amma isa ormi nurratti dalagu caalaa isa maqaa Oromootiin walirratti dalagutu rakkoo uumaa jira. Ifatti dubbachuuf kaleessa gaafa daraggeessi Oromoo dhiigsaa akka hintaane ta’u Shaneen eessa ture? Gaafa Oromoon maqaa ABOtiin dararamaa ture eessa tureetu har’a mirga Oromoofin dhaabadhe jechuun eessaa dhufe isa jedhu madaalanii ilaaluun kan ummataati.
Keessumaa murna duguuggaa sanyiitiin Oromoo lafarraa fixuuf socho’aa ture waliin bakka tokko dhaabachuun maal jechuu akka ta’e namaa hingalu. Qabsoon daldala miti. Warri qabsoo Oromoo daldala siyaasaa taasifatan bara haaraa kanatti dhaabatanii of ilaaluu qabu” jedhan.
Nageenyi waan mootummaan barbaadeef qofa dhufuu hindanda’u kan jedhan Aadde Caaltuun, ummannis mootummaa cinaa hiriiree nageenyasaa eegsifachuuf hojjechuu akka qabu hubachiisu.
Qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuufis tarkaanfiiwwan hedduu fudhatamuu kaasanii, keessumaa deggarsa ummataafi abbootii qabeenyaatiin bu’aa jajjabeessaan argamuu himu. Ta’us, daldaltoonni muraasi osoo biyyi rakkoo keessa jirtuu “biyyi gubattus ani nan jiraadha” jedhanii murtoo gowwaa fudhatanirratti tarkaanfiin barbaachisu fudhatamaa jiraachuus ibsu.
Haala kanaan ammallee hanqinoonni tokko tokko jiraatanis, jijjiiramni jiraachuufi gatiin baay’ee gadi bu’uu baatullee bakka jirutti akka dhaabbatu ta’uu kan kaasan pirezdaantii ittaantuun tun, adeemsa keessammoo haala gatii madaalawaadhaan gurguruun danda’amu kan itti hojjetamaa jiru ta’uus ni himu.
Akka waliigalaatti Oromoon waan argate jabeeffatee, kaan malaafi mariidhaan barbaaddachuuf waliigalaa jira jedhanii, kana keessatti namni kaayyoo biraa qabate har’as akka waan gaaffiin ummata Oromoo bu’uurarraa hindeebineetti ajandaa uummatu jiraachuu eeru.