Finfinnee: Yaaliin roodmaappii (kallattii barnootaa barnootaa haaraan bara 2014 irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta’u, Ministeerri Barnootaa ibsa torban kana baaseen beeksiseera.
Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO)n roodmaappicha hojiirra oolchuufi hojii baruu barsiisuu bara 2014f haala mijeessuuf qophiilee barbaachisan xumuraa jiraachuufi barattoota miliyoona 11.7 simatee barsiisuuf Hagayya 26 hanga jalqaba Fulbaanaatti barattootaa galmeessaa jiraachuu ibse.
Hogganaa Ittaanaa biirichaa Obbo Efireem Tasammaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, daa’imman umuriinsaanii barumsaaf ga’eefi barattoonni hundinuu yeroon galmaa’anii gara mana barumsaa akka dhaqaniif maatiin, jaarsoliin biyyaa, hawaasni naannawaa, dhaabbileen amantaafi miidiyaaleen kakaasuufi jajjaeessuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Jaarraa 21fan bara saayinsiifi teknolojii waan ta’eef barnootni baay’ee barbaachisaa ta’uu eeranii, kanaafuu daa’imman abdii egeree biyyattii ta’aniifi umuriinsaanii barumsaaf ga’e hunda gara mana barumsaatti erguun dirqama lammummaa ba’achuu akka ta’es himaniiru.
Boqonnaa qophii duraatiin hojiilee gurguddoon hojii baruu barsiisuu bara dhufuu milkeessaniifi haala mijeessan hedduun hirmaannaa ummataafi abbootii qabeenyaatiin raawwatamaniiru kan jedhan Obbo Efireem, hojiileen tola ooltummaafi tajaajila lammummaatiin gama sektara barnootaatiin kutaa qophii duraa keessatti raawwataman qarshii biiliyoona 25tti kan tilmaamamu ta’uus eeraniiru.
Roodaappii haaraa qophaa’erratti hundaa’uudhaan manneen barnootaa bu’uura boruu kuma sadii deggersa ummataa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee miti mootummaatiin ijaarauf yaaliin taasifamaa jiraachuu himanii, boqonnaa qophii duraatiin lafti manneen barnoota bu’uura boruu itti ijaaraman kuma lamaafi 608 adda baafamuufi kana keessaa kuma lama kan ta’urratti ijaarsi jalqabuu dubbataniiru.
BBOn barsiisota dubartootaa dippiloomaadhaan leenji’anii ‘COC’ darbanii hojii hinqabne kuma sadii dorgomsiisee leenjisaa jiraachuu eeranii, barsiisonni kunneen akkuma leenjii xumuraniin mana barumsaa bu’uura boruutti hojii kan jalqaban ta’uu himaniiru.
Gara fuulduraatti mana barumsaa kana gandoota Oromiyaa mara keessatti babal’isuudhaaf kan hojjetamu ta’uu ibsanii, dizaayiniin mana barumsichaas ogeeyyii BBOfi qaamolee gara garaatiin qophaa’ee hojiirra oolaa jira jedhan.
Hojiilee boqonnaa qobbii duraatiin manneen barnootaa dullooman kuma 12fi 670 haaressuuf kan karoorfame ta’uus eeranii, karooraa ol manneen barnootaa kuma 13fi 953 hirmaannaa uummataatiin haareffamaniiru jedhan.
Dareewwan dabalataa kuma sagaliif 770 ijaaruuf karoorfame keessaa dareewwan kuma torbaafi 098 ijaaramaniiru. Bara 2013 dareen dabalataa kuma 34fi 248 hirmaannaa uummataatiin ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuus himaniiru.
Qophii barnootaa bara 2014f taasifamaa jiru keessaa tokko sassaabbii kitaabolee wabii barnootaati kan jedhan Obbo Efireem, kitaabolee wabii miliyoona sadii sassaabuuf karoorfame keessaa hanga Roobii darbeetti kitaaboleen wabii miliyoona 1.2 ta’an deggersa dhaabbilee miti mootummaafi qaamoleen gara garaatiin walitti qabamuu ibsaniiru.
Roodmaappichi Oromiyaatti manneen barnootaa filatamanitti hojiirra kan oolu ta’uu himanii, kanaafis kitaabonniifi muujuliin qophaa’eera. Roodmaappii barnootaa kana kutaa 1fa hanga 8fatti hojiirra oolchuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jira jedhan.
Roodmaappiin barnootaa haaraan hanqinaalee damee barnootaa keessa jiran guutuuf kan gargaaru ta’uufi yaaliin hojiirra oolmaa roodmaappichaa bara barnootaa 2014 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’uu Ministeerri Barnootaa ibsa torban darbe baaseen beeksiseera.
Ministirri barnootaa Doktar Injineer Geetaahun Makuriyaa akka jedhanitti, roodmaappichis hanqinoota sirna barnoota darbee kan guutuufi qorannoorratti hundaa’uun qophaa’e. Roodmaappichi qulqullina barnootaa mirkaneessuu, barattoonni naamuusa gaarii horatanii akka guddatan taasisuu, sirni barnootaa dinagdee waliin akka walsimuufi saayinsiif teknolojiidhaan akka walsimuufi deggeramu taasisa.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013