Seenaa Oromoofi hubannoo dhalootaaf ta’u

 Kutaa 9fa

Atsimeen uumeen Walaabuu baate kan jedhamu seera Gadaa akka ta’e hubachuu hindandeenye. Sababni isaas Walaabu akka nama ykn haadhaatti waan fudhateefidha. Kan biraa Atsimeen yaada olitti ibse kanarraa adda kan tures barreesseera. Kitaaba Toleeraa Tasammaafi Hundaasaa Waaqwayyaa keessatti Atsimeen akka caqafametti, Oromon dur biyya Faransaay ture jedha. Biyyicha keessa gosti Gool jedhamu jira. Kanaaf, Oromoon achii dhufe jedha.

Seenaa barreessaan Yihudii namni ‘Father Baltezar Tellez’ jedhamu tokkommoo, jecha maqaa Oromoo jedhuuf hiika yeroo itti kennu, Hibiruurraa akka moggaafameef Ummanni Oromoos jalqaba Kolonii Israa’eel akka turan dubbata. Dur ummanni kun adii ture. Bara Israa’elonni addaan faffaca’an ummanni kun Afrikaatti ce’anii naannoo Afrikaa Kaaba Bahaa keessa qubatan jedhee barreesseera.

‘G.W. B. Huntingford, J.S. Trimingham’ yaada isaanii yeroo booda hanga jijjiiranitti Oromoon jalqaba biyya Eeshiyaatii ykn Arabiyaan Peensulaarraa Afrikaa akka seenan ibsaniiru. Namtichi ‘D. Abbide’ jdhamu tokkommoo, sanyiin saba Oromoo ijoollee durbaa obbolaa sadii turan. Isaanis dubartoota Iyyaruusaalem, booda sanyiin isaanii walhoranii baay’annaan mootummaa Kibba isaanii (Arabiyaa) jiru weeraran. Sana booddee ‘Baabeel-El-Mandabiin’ gara Afrikaatti cehan jedha.

Kanaa olitti wanti kaasuuf yaalame barreeffama hayyoota adda addaa kan madda Saba Oromoo Afrikaa alaatti akeekan keessaa kan hayyoota muraasaati.

Kana malees, maddaafi qubsuma Oromoo Afrikaa keessa naannoo ykn golee tokkotti barreessitoota hidhuu barbaadan akka itti aanutti haa kaafnu. Kana keessatti jalqaba hanga bara 1963tti yaaxxina (theory) bakka madda Oromoo mul’isu bifa haaraan osoo hinmul’atin dura kan jiru haa ilaallu.

Ragaaleen barreeffamaa madda Oromoo ilaalchisee hanga bara 1963tti jiru akka mul’isutti, bakki maddaafi qubsuma Oromoo qarqara Kaaba Somaaliyaati kan jedhu ture. Ragaaleen akkasiis akeeka, ‘E.Cerulli, I.M Lewis fi wkf. ture.

Faallaa kallattii kanaatti madda Oromoo kan akeeke barreessaan biroommoo namticha ‘Scots James Bruce’ jedhamu yoo ta’u, innis maddi saba Oromoo Sudaan keessa bakka Sinaar jedhamuudha jedheera.

Yaanni kunis kan Oromoonni tokko tokko bakka madda isaanii himatan waliin walitti dhufa. Ammas akeeka faallaa kallattii madda Oromoo kan olitti ka’e kanaan ala kan jedhanis, ‘Charles T.Beke’ nama jedhamu yoo ta’u, innis “Oromoon karaa Kibba Lixaa laga Baaroon gamarraa Wallagga seene jedha.

Qorannoon yeroo dhiyoo keessa godhame akka mul’isutti immoo, maddi Saba Oromoo Itoophiyaa keessa naannoo Baaleefi Sidaamooti ykn Boorana jedhu. Akeeki kunis kan ‘H.S Lewis, Erike Haberland, U.Braukamper Mahammad Hassan’. Wabiin barreessitoota kanaas kitaaba Abbaa Baahiree “Zenahu La [Oromo]” kan jedhu ture.

Barreessaan Seenaa Oromoo jalqabaa Abbaan Baahirees madda Saba Oromoo Kibba Itoophiyaa bakka hinbeekamne ta’uu ibseera. Waa’ee qomoo Oromoo, Sirna Gadaafi sochii Oromoon jaarraa 16ffaa keessa adeemsiseerratti qormaata isaan gaggeessan ture. Kunis, seenaa Oromoo dabsee akka barraa’u ta’eera. Barreessitoota olitti kaafneef ragaa kan ta’e Abbaan Baahiree madda Oromoo yeroo ibsu akkas jedhee ture. “The Oromo came from the west and crossed the river of their country, which is called Galana, to the frontier of Bali, in the time of the Hate Wanag sagad” jedha.

Kunis Afaan Oromootti yoo hiikamu: Oromoonni bara Atsee Wanag Sagad karaa Lixaa daangaa Baaliitiin Galaana kan jedhamu laga biyyasaanii ce’anii dhufan jechuudha.

Itti dabaluudhaanis Abbaan Baahireen, Those of the Boran except those who stayed at home the rest of them came out of their country by way of Kuyera; that was at the time when Fasil attacked them and was killed by them. At that time the author of this history prophesied and said, ‘I fear him who killed Fasil, for he has tasted Christian blood.’ And they devastated the two districts of Batera Amora and Waj, and…laid waste his country, which was called Gamo.”

Kunis Afaan Oromootti yoo hiikamu: Duubatti hafanii kan turan Booranni karaa Kuyyaraa dhufan. Kun kan ta’e Faasil isaan waraanuuf yeroo isaanitti duuleefi yeroo isa ajjeesanidha. Yeroo sanatti warri dhiiga Kiristaanaa dhandhamatan kun sodaatamuu qabu jedhee ture. Sana booda Waajiifi Batira Amooraa rukutan. Abbaa Baahireetiinis arihanii biyya Gaammoo jedhamu saaman jedhan.

Yaanni kanaa olitti ka’e tilmaammii waa’ee maddaafi qubannoo Oromoo ilaalchisee yaada “hayyoota” adda addaa hanga tokko dhiyeessuuf kan yaalame. Yaanni kunis bifa gadi fageenya qabuun ilaalamee barreeffama adda addaafi afoola manguddoo Oromootiin deeggaramee Oromoon biyya kanaaf jiraataa jalqabaa ta’uu isaafi (indigenous people) seenaa bara dheeraas akka qabu sakattaana.

Ummanni Oromoo saboota Kaaba Baha Afrikaa keessa jiraataa turan keessaa tokko ta’uun ibsameera. Akkasumas Itoophiyaa keessas jiraachaa turuun isaa barreessitoota adda addaatiin mirkanaa’eera. Kanaaf, yaadawwan hayyoota kanaa gaggabaabsinee kaasuun barbaachisaadha.

Isaan keessaas namtichi ‘C. Ehret’ jedhamu Sabni Kuush, giddugala baddaa Itoophiyaa dhaloota Kiristoosiin dura bara 3500 jalqabee hanga 1000tti qubatanii akka jiraataa turan ibseera. Yaaduma kana kan deggaranis garee Kuushotaa kana keessaa, sabni Oromoo tokko yeroo ta’u, sabni kunis jalqaba Kaaba Itoophiyaa keessa jiraachaa achiis gara kallattii adda addaatti godaanuu ykn babal’achuu ni danda’u kan jedhan qorattotaa hedduudha. Keessumaayyuu Sabni Oromoo saboota Kaaba Baha Afrikaa jiraataniif hundee ta’uufi tariis saboonni hedduun saba kanarraa fottoquu akka hinoolle ibsaniiru.

Itti dabaluudhaanis barreessituun lammii Ingilizii ‘Perham jedhamtu, warri Seem gara ardii Afrikaa osoo hinseenin dura saboonni Kuush Kaaba Baha Afrikaa keessa, kan jiraataniif kana keessaas Oromoon tokko akka ta’an ibsitee turte. Yaaduma kana kan cimsu barreeffama ‘Paulitschketi’. Innis bara mootummaan Aksum aangoorra ture, Sabni Oromoo Kaaba Baha Afrikaa keessatti kan argaman ta’uu ibsanii jiru.

Barreessitoonni biroos yaada Oromoon biyya kanaaf keessummaadha jedhu mormuudhaan Oromoon dhalootaan akka ture addeessu. Kana keessaa ‘Greenfield’ namtichi jedhamu yoo xinnaatee xinnaate Oromoonni jaarraa 10ffaa keessa naannoo Shawaa akka turan ifa godhaniiru. Boodarras jaarraa 14ffaa keessa naannoo Haroo Xaanaatti tasgabbaa’anii akka jiraataa turan tuqaniiru.

‘R.Pankhurst’, afoola darbaa dabarsaa warra Laastaarraa dhufe eeruudhaan akka ibsetti, ilma Solomoon kan ta’e ‘Miniliik I’ karaa Bahaa goree Abisiiniyaa seene. Biyyi kunis (kan inni seene) biyya Oromoota Raayyaafi Asaboorraan gama jirudha jedhaniiru. Afoolli waa’ee Seenaa Minilik jalqabaa ibsu, seenaan biyya kanaa akka xaxamu kan taasiseefi barreessitoota seenaatiif bowwoo mataa yoo ta’eyyuu, afoolli dhufaatii Miniliik ibsu dhaloota Kiristoos dura waan ta’eef yeroo inni as seenes Oromoo Raayyaa Kaaba Itoophiyaa keessa akka jiraataa ture ifatti mul’isa jechuudha. Barreeffamni kunis afoola Oromoota Raayyaa, Marrawwaa, Yejjuu, Wallooirraa walitti qabameen walfakkaata.

Akka afoolichaattis, Oromoonni jalqaba Kaaba Itoophiyaa keessa jiraataa turan jedhu. Kanas kan mirkaneessan bakkeewwan maqaa Oromootiin moggaafamanii bakka adda addaatti waamaman ragaa tokko. Kana keessaa maqaa Ona jedhu naannoo Aksum keessatti irra deddeebi’amee kan waamamu yoo ta’u, kunis Ona Nugus, Ona Nagasti, Ona Zagawii jedhamuun kan beekamanidha.

Egaa jechi ‘Ona’ jedhu kun maddi isaa eessa? Jechi Ona jedhu kun, Afaan Oromootiin bakka dhaloonni Oromoo dur irra jiraataa turee yeroo booda irraa godaanee lafa (mana) ona ykn duwwaa ta’e jechuudha. Haata’u malee, Ona ‘Zeuge’ kan jedhamu naannoo Aksumitti kan argamu yoo ta’u, jechi kunis Zaaguwee (warra Agaw) waliin wal fakkaata.

Kanaafuu, jecha ona jedhu kana Sabni Agaw itti dhimma ba’uufi hinbaane wanti beekamu yoo jiraachuu baates Agawoonni naannoo Walloo Kaabaafi Raayyaa keessa jiraatan hiika maqaa kanaaf deebii hinqaban. Garuu, warri Afaan Tigree dubbatan hiika maqaa ‘ona’ jedhu kanaaf waan jige tokko akka ta’eefi qeyee duwwaa ykn adiyyoo akka ta’e dubbatu. Hiikni maqaa ‘ona’ jedhu kun Afaan Oromoofi Tigreetiin hiika walfakkaatu qaba. Kanaafuu maqaa ‘ona’ jedhamu kana Oromoodhamoo Tigreetu moggaase kan jedhu gaaffii ta’uu danda’a.

Moggaasa maqaa ‘ona’ jedhu kana sabni Kuush qubsuma Seem dura Kaaba Itoophiyaa keessa dursanii akka jiraataa turan ragaaleen mirkaneessan hedduu waan ta’aniif maqaan ona jedhu kun irra caalaa maqaa saba Kuush keessaayyuu Afaan Oromoo ta’uu danda’a. Kana malees ragaan amma dhiyoo argame akka ifa godhutti, lafa Nuubiyaatii kaasee hanga Aksum gahu’tti Mootota Aksum keessa dhaloota Kiristoos dura bara 320tti Mootii Fantaalleen naannoo sana akka bulchaa turan himama. Kunis Oromoonni durii qabee naannoo san akka jiraataa turan hubachuun nidanda’ama.

Akka jecha manguddoota naannoo Tigraay Kibaatti yookiin Waajiraat Oflaa ykn (Haroo Ashangee) ibsutti, dhaloota abbaa torbaan booda hundee dhaloota isaanii yoo lakkaawwatan Oromootti galu. Yeroo ammaa saboota lama gidduu hidda dhalootaatiin walitti dhufeenyi yoo jiraate afaan isaanii hagam walitti dhufeenya akka qabuufi walirraa ergifachuu akka danda’u tilmaamuun nama hindhibu.

Boqonnaa darbe jalatti qaroominni Aksum qaroomina Kuushotaarratti hundaa’ee akka ijaarame kaafneerra. Kanarraa wanti hubatamu, maqaan ‘ona’ jedhamee bakka taa’umsa mootota Aksumiif kennameefii irra turan kun, bu’aa qaroomina warra Kuush ta’an keessaa hambaa moggaafama ragaalee maqaa ta’uu ni danda’a. Kanaaf jechi ‘ona’ jedhu Afaan Oromoorraa madde inni jedhu kan ulfina kaasu fakkaata.

Ittifufa…

 Obbo Alamaayyoo Hayilee : Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You