Mootummaan: Shororkeessitootatti ulaa cufuuf keessoosaa sirnaan sakatta’uu qaba

 Akka Oromiyaatti karoorri imala badhaadhinaa waggaa kudhanii qophaa’ee erga hojiirra oolee waggaa tokko xumuramee waggaa lammaffaan jalqabameera.

Raawwiin karoora maniiwwan jiruufi jireenya nama dhuunfaa geeddaruurraa hanga badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuutti qabu kanaa, kurmaanota hundarratti qorachuufi xumura waggaarrattis madaalamaa jira.

Raawwii hojii mootummaa keessatti ciminootaafi hanqinoota adda baasuu qofa osoo hintaane, madda isaanii waliin agarsiisuufi miidhaa isaan geessisan xiinxaluudhaan kallattii sirreeffamaa akeekuun akka eegalameedha ibsi tibban mootummaa BMNO irraa kenname kan eeru.

Haaluma kanaan, xiinxala kahumsaa karoora bara 2014 keessatti rakkoon bulchiinsa gaarii sababa kenna tajaajilaatiin uumamaa jiru ammas danqaa hojii mootummaa ta’ee kan ittifufeefi tarkaanfii addaa fudhachuu kan barbaadu ta’uunis akeekameera. Hoggansaafi raawwataan caasaa mootummaa sadarkaalee hundatti argamuu, ergama mana hojiifi gahee dhuunfaan bahachuu qabu adda baafachuun raawwachuutu irraa eegama.

Ta’us hoggantoonniifi raawwattoonni gahee irraa eegamuuf hinamanamne, harka fuudhiin tajaajila kennuu, hannaafi saamicha keessatti qooda fudhachuufi hariiroo hinmalle uumuudhaan maxxanaa ta’anii qaxxaamuraan tajaajilamuu keessaa hinbaane jechuunis eera ibsichi.

Baay’inni namoota tajaajila mootummaa faayidaa dhuunfaatiif oolfachaafi ummata hiraarsaa jiranii fuula duratti adda bahee kan ibsamu ta’ee, ammas seekteroota mootummaa tajaajila ummataa kennanitti rakkoon hintuffatamne kan jiru ta’uu mootummaan mirkaneeffateera.

Kanaafis, seekteroota mootummaa hojii guyyuutiin ummata tajaajilan giddugaleessa godhachuun qorannoon adeemsifamaa jira. Qorannoon tajaajilamtootaafi raawwattoota mootummaa hirmaachisee geggeeffamaa jiru kun kallattii tarkaanfiin sirreeffamaa itti fudhatamu kan agarsiisu akka ta’etu abdatama.

Mootummaan naannichaa bu’aa qorannichaarratti hundaa’ee tarkaanfii addaa fudhachuufi ummata gidiraa walitti hidhamiinsa caasaa shororkeessitootaafi hattoota ofittummaan machaa’aniitiin hiraarfamaa jiru boqochiisuuf hojjechaa jiraachuu eereera.

Carraa kanaan, ‘tajaajilamtoonni waa hiixadheen dhimmakoo ariitiin xumuradha’ jechuun caasaa mootummaa hannaafi saamichaaf afeertan ammumarraa eegaltanii akka of sirreessitan waamicha dabarsina jedha ibsichi.

Ummanni bal’aan sirna haqaan isa tajaajilu ijaarrachuuf kallattiilee hundaan tumsaa jiran qaamolee faayidaa dhuunfaaf jecha hannaafi saamicha keessatti qooda fudhataniifi nageenyaafi tasgabbii naannoofi biyyaa booressaa oolan akka saaxilus waamichi dhiyeeteera.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You