Finfinnee: Wayita ammaa rakkoo waloo addunyaa wantoota ta’an keessaa oduun sobaa isa ijoodha. Keessumaa babal’achuu miidiyaa hawaasaa waliin walqabate guyyaatti oduuwwan sobaa kumaatamaan lakka’aman omishamanii tamsaafamaa oolu.
Dhimmichi akka yaadeessu wantoota taasisan keessaammoo oduuwwan sobaa tamsa’an kanneen namoonni hedduu jaallachuufi qooddachuusaaniiti. Kanarraa kan ka’e amanamummaan miidiyaa idilee hir’achaa dhufuun namoonni ija shakkiin akka ilaalan ta’aa jira.
Akka itoophiyaattis rakkoon oduu sobaan ummata burjaajeessaa dhufuun isaa mootummaan labsii dubbii jibbaa dhiheenya kana baasuun akkaawuntiiwwan sobaa adda baasuun akka haqaman ta’eera.
Rakkoo addunyaa ta’e kanaaf furmaata itti kennuuf jecha haqa qulqulleessuun (fact checking) xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu eegaleera. Dhaabbileen dhimmicharratti hojjetan hundaa’aa jiru; miidiyaan idilees gaazexeessitoota cinaatti ogeessota haqa qulqulleessan mindeessuun dhimmichi akka of danda’e itti hojjetamu taasisaa jiru.
Dhaabbanni Miidiyaa Marsaa jedhamus ka’umsa kanaan waggoota sadii dura hundaa’uun hojiin haqa qulqulleessuu ajandaa miidiyaa akka ta’u darbees, dhaabbileen dhimmicharratti hojjetan akka babal’ataniif hojjechaa turuu daarektarri dhaabbatichaa Obbo Henok Sammaagzeer ni ibsu.
Daarektarichi waltajjii leenjii dheengadda Akkaadaamii Docha Valee waliin ta’uun gaazexeessitootaafi ogeessota haqa qulqulleessu (fact checkers)f kennamerratti akka jedhanitti, dhaabbatichi labsiiwwaniifi danbiiwwan garagaraa haqa qulqulleessuuf fayyadan akka fooyya’aniifillee sochii taasisaa tureera. Keessumaa labsiin dubbii jibbaarratti ba’e mirga dubbachuu lammiilee akka hindhiibneef qorachuun yaada ogummaa irratti kenneera.
Dhimmoota biyyaa nageenya tasgabbeessuu, koviid-19, filannoofi kkf irrattis gaazexeessitootaafi ogeessoota haqa qulqulleessuu 500 ta’aniif leenjii kennuu eeranii, kunis hubannaan jiru akka cimuuf fayyaduusaa kaasu. Adaduma haqni qulqulleeffamaa deemeenis, ummanni oduu hunda fudhachuurra aadaan dhugaa barbaaduu akka horatuufis jalqabbii ta’uu ibsa.
Ogeessi Misooma Miidiyaa Gaazexeessaa Asraat Siyyuum waraqaa marii dhiheesseen akka ibsetti, babal’achuu miidiyaa dijitaalaafi hawaasummaarraa kan ka’e oduun sobaa baay’ate biyya diiguuf waan deemeef haqa qulqulleessuun dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaadu ta’uusaa hima. To’atamuufi qindaa’u dhabuun odeeffannoo, akkasumas qorannoon dhiibuunsaammoo dhimmichi akka hammaatu taasisuu ibsa.
Yoo haqni qulqulleeffame biyyii diigamu, ummanni walitti bu’iinsarraa hafee abbootiin siyaasaas ta’e mootummaan waan gaafatamu qaban irratti akka gaafataman akka taasisu eeree, hojichi garuu ifaajjiifi kutannoo olaanaa kan barbaadu ta’uu dubbata.
Haqa qulqulleessuuf wantoota rakkoo ta’a turan keessaa hanqinahumna namaa, meeshaafi bajata olaanaa barbaaduu, sooftiweeriin odeeffannoowwan sobaa ittiin adda baasan argachuun ulfaachuu, dhaabbileen dhimmicharratti hojjetan muraasa ta’uun isaan ijoo ta’uu kan himu gaazexeessaa Asraat, fuulduraaf garuu amma dhimmichi xiyyeeffannaa argachuu eegaluufi fedhiin haqa qulqulleessuu akkasumas odeeffannoo haqaa argachuu dabalaa waan jiruuf bu’aa gaariin irratti argamuu danda’a.
Haqa qulqulleessuu dhabuun waldhabdee qofa osoo hintaane namni, dhaabbanni ykn biyyi faayidaa ittiin dhabuu akka dandeessu eeree, haalli biyyoonni Ameerikaafi Awurooppaa, Itoophiyaarratti agarsiisan akka fakkeenyaatti kaaseera.
Gaazexeessaa Toleeraa Fiqiruu Dhaabbata haqa qulqulleessaa ‘Peca Check’ jedhamutti ogeessa haqa qulqulleessuuti. Dhaabbatichi waggoota shanan darban biyyoota garagaraa 15tti hojii kana hojjechaa jiraachuu kaasee, kanaanis odeeffannoowwan sobaa 500 caalan adda baasuun ummata biraan ga’uu ibsa.
Dhimmichi amma xiyyeeffannaa argachaafi dhaabbileen irratti hojjetan dabalaa dhufuun rakkoo oduu sobaatiin dhufu hambisuurratti bu’aa olaanaa waan qabuuf jajjabeeffamuu qabas jedha.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013