Finfinnee: Faayidaan mudurarraa argamu olaanaa ta’ee osoo jiruu misooma kuduraa kanaaf garuu hanga yeroo dhihootti xiyyeeffannaa gahaa osoo hinargatin turuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ibse.
Ammaa garuu ganna kana qofa biqiltuu muduraa miiliyoona 4.4 dhaabuuf karoorfame keessaa sochii hanga ammaatiin biqiltuu muduraa miiliyoona 3.6 dhaabamuu biirichatti Daariktarri muduraa Obbo Taganyi Irranaa Gaazexaa Bariisaatti himan.
Biqiltuun muduraa hanga ammaatti dhaabame kun lafa hektaara 4665 ta’uu kan ibsan Obbo Taganyi, waliigalaan immoo qonnaan bulaan kuma 53fi 509 ta’u biqiltuu dhaabame kanarraa kan fayyadamu ta’uus dubbataniiru.
Akka ibsa Obbo Taganyitti; akaakuuwwan muduraa ganna kana irra jireessaan naannichatti dhaabuuf qabaman keessaa avokaadoo, maangoo, paappaayyeefi muuziin kanneen ijoodha.
Avokaadoo qofa fudhannee yemmuu ilaallu ganna kana biqiltuu avokaadoo miiliyoona 1.7 ta’u kilaastara 531n dhaabuuf kan karoorfamee, hanga ammaatti biqiltuu kumni 900 dhaabameera.
Qonnaan bulaan omisha avokaadoo kana keessatti hirmaachuun dhaabate immoo kuma 33 caala. Biqiltuu maangoos miiliyoona 1.5 dhaabuuf qabamee hanga ammaatti miliyoonni 1.6 dhaabameera.
Yeroo ammaa fudhatamni mudurri qonnaan bulaa biratti qabu yerorraa yerotti dabalaa jiraachuu kan himan Obbo Taganyi, dhaabuu qofa osoo hintaane qonnaan bulaan hundi mudura dhaabe sirnaan kunuunfachuu akka qabus dhaamaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013