Finfinnee: Dargaggoonni naaannoo Oromiyaa ambaasaaddara nageenyaa ta’uun birmadummaa Itophiyaa eegsisuu akka qaban dhaamame.
Ittigaafatamaan Waajjira Federeshinii Dargaggoota Oromiyaa Obbo Amantii Tolaa ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhetti, erga shororkeessaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) biyyattiirratti waraana labsee bakkeewwan hedduutti hokkorri akka uumamu yaaluufi birmadummaa biyyattiirratti qormaata ta’aa dhufeera.
Duula biyya baraaruu akka biyyaatti labsamerrattis dargaggoonni naannichaa si’aayinaan hirmaachuun waamicha mootummaan taasiseefiif deebii kennaa jiru jedhee, kallattii mootuummaan naannichaa kaa’erratti bu’uureffachuunis dargaggoonni leenjii gaachana sirnaa fudhachuun gandootasaanii keessatti hojii nageenya kabachiisuu akka hojjetaniifi naannawasaaniitti qaamolee farra nageenyaa sakatta’uun akka saaxilaniif hojjetamaa jiraachuu himeera.
Akka ibsa ittigaafatamtichaatti, rakkoo nageenyaa uumamuuf addadurummaan rakkoof kan saaxilamu dargaggoota waan ta’aniif, osoo rakkoon nageenyaa hinuumamiin dursa hojiin nageenyaa hojjetamuu qaba.
Kanaanis aanaalee rakkoon nageenyaa itti baay’atu muraasarraan kan hafe, godinootaafi aanaalee hunda keessatti leenjiin gaachana sirnaa kennamaa jira.
Daraggoonni naannawa itti jiraatanitti ambaasaaddara nageenyaa akka ta’aniif ganda tokko keessatti dargaggoonni dhibba shan akka leenjii fudhatan taasifamaa jiraachuufi. guyyoota walitti aanan 15f barnoota heeraa, tooftaa loltummaa, sosochii jabeenya qaamaafi meeshaa waraanaa hiikuufi hidhuu akkasumas, toftaalee riphee loltummaa bu’uuraa kennamaa jiraachuus dubbateera.
Bakkeewwan naannichaa adda addaatti sosochii duula seera kabachiisuu taasifamaa jiruun dargaggoonni naannichaa deeggarsa irraa barbaadamu taasisaa jiraachuufi qaamaaniis ta’e maallaqaan deeggarsa irraa barbaadamu gochaa jiraachuus himeera.
Kanaan dura lakkoofsi dargaggeeyyii Oromiyaa RIB keessatti miseensummaan makaman xiqqaadha kan jedhan itti gaafatamichi, yeroo ammaa miseensa RIB ta’uuf dargaggoonni onnachuusaaniitiin caalmaatti komileen ‘maaliif hinhirmaadhu’ jedhan baay’achaa jiraachuus dubbateera.
Haalli kuniis kan mul’isu lammiileefi dargaggoonni naannichaa birmadummaa biyyattii eegsisuuf fedhiin isaanii guddaa ta’uufi fedhii ogummaa raayyuummaaf qabani jedheera. Jijjiirama akka biyyaatti dhufeef gaheen qeerroofi qarree olaanaa ta’uu kan kaasan Obbo Amantiin, jijjiirama dhufe itti fufsiisuuf dargaggooon nageenya naannawasaanii xiyyeeffannaan tiksuu qabu jechuun dhaameera.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013