Booranni nagaya

Finfinnee: Shaneen nageenya ummataa boreessuuf yeroo yerootti tuttuuqaa bifa garagaraan taasiisus Booranni nagaa ta’uu Bulchaa Godina Booranaa Obbo Guyyoo Galgaloo ibsan.

Bulchichi ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, Godinnichi daangaarra jiraachuusaan nageenyi dhimma olaanaa ta’uufi haala qabatamaa amma jiruun nageenyi amansiisaa jiraachuu himaniiru.

Aanaalee godinichaa hunda keessatti namni kamuu sodaa nageenyaa tokko malee nagaan bahee hojjetatee gala jiraachuu eeranii, hojiileen misoomaa garagaraas haala barbaadamuun adeemsifamaa jiraachuus dubbataniiru.

Akka Obbo Guyyoon jedhaniitti, haalli nageenya godinichaa sadarkaa amansiisaarra jira wayita jedhamu tuttuuqaan hinjiru jechuu akka hintaanefi akkuma bara darbee nageenya godinichaa eegsiisuf opireeshinii garagaraa taasifamaa tureetti baranas dhimmi nageenya gaaffii akka hintaanetti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Humni ‘ABO Shanee’ ofiin jedhu naannoo daangaarrattii bahee mul’achuun ,ummata nagaarratti dhukaasun baqachuufi yoo danda’ame gutummaa nagaa ummataa boreessuuf yaaluun kan jiru ta’uufi ummanni yaaddoo nageenyaa tokko malee hojii misoomaa akka hojjetu motummaa xiyyefannoo olaanaan socho’aa jiraachuus ibsaniiru.

Ummannii Booranaa nageenyisaa daran waan mirkanaa’eef jireenyasaa horsiise bultummaa qofarratti daangeesse ture, wayita amma qajeelfama Oromiyaarraatti hundaa’un haala qabatamaa godinichaatiin jallisiifi rooba gannaan qamadii facaasuu eegaluus himaniiru.

Godinnichi horsiise bulaa ta’uus lafti heektaara kuma 90 ta’u qonnaaf ooluu akka danda’uufi kana keessaa heektaarri kuma 11 qotamuufi hawaasni callaa qonnarraa argatuun nyaataan ofdanda’ee gabaaf dhiyeessuun galii uumuu danda’urratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiras jedhu.

Walumaagalatti bara baajataa kana qofa akka godinichaatti marsaa jalqabaan pirojektoonni dhibba 136 qarshii biliyoona 2.2n bakka hoggantoonni olaanoo naannoo Oromiyaa jiranitti eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’uus beeksiisaniiru.

Godina Booranaa keessatti hoggansa nageenya ummaataa sadarkaa amansiisaarraan gahee, waan karoorsee hojiitti jijjiiru argachuun daran ulfaataa kan ture ta’uufi mootummaan jijjiiramaa foyya’insa gama hundaan biyyattif fideen godinichis fayyadamaa ta’uun hoggansa jabaa argachuun boqonnaa haaraatti cehuu himaniiru.

Bu’aan callaqisaa gama nageenyaafi misoomaan godinichatti argamee tattaaffii hoggansa qofaan osoo hintaanne ummata hoggansaan walta’ee misoomarratti miira olaanaan hirmaatuun ta’uus eeraniiru.

Godinni Booranaa aanaaleen 5 Biyyaa Keenyaan, aanaalee 5n naannoo Somaaleefi ummatoota kibbaan kan waldaangeessuufi aanaalee 13fi bulchinsoota magaalaa 2of keessatti haammata.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You