Utubaa biyyaa kan ta’e damee dinagdee dadhabsiisuuf sochiileen daldalaa seermaleessa adda addaa diriirsuudhaan shira dinagdee uumuudhaan akka ummanni hadheeffatuuf darbees biyyi balaarratti akka kuftuuf shirri xaxamaa jira.
Sababa bu’uuraa tokko malee daldaltoonni seermaleeyyiin, omishtoonniifi raabsitoonni akkasumas faddaaltonni ummata rakkoof saaxiluuf shira dinagdee xaxamaa jiru kun adda waraanaa hundi keenya irratti hirmaachuu qabnuudha.
Ammaan tana daballiin gatii shaqaxootaafi qaala’inni jireenyaa garmalee dabalaa jira. Sababoonni bu’uuraa qaala’ina jireenyaa kanaas dhiibbaa dinagdee koviid-19 sadarkaa addunyaatti uume, dandeetiin waa bitu qarshii dadhabuufi hanqinni sharafa alaa, dhiyeessiifi fedhiin walsimuu dhabuu, akka biyyaatti tasgabbiin dhabamuu akkasumas omisha dhoksuufi to’annoofi hordoffiin sadarkaa sadarkaan jiru laafaa ta’uufaan ni eeramu.
Rakkoolee kanneen maqsuufis gareen qaala’ina jireenyaa kana furuuf federaalaa qabee hanga aanaatti hundaa’ee to’annoofi hordoffii taasisaa akkasumas tarkaanfii sirreessaa fudhatu hojiitti seeneera.
Gareen kun hoggantoota sadarkaa sadarkaan jiraniin kan durfamu yoo ta’u, seermaleeyyota to’annoofi hordoffiisaatiinirra qaqqaberrattis tarkaanfii seeraafi bulchiinsaas ni fudhata, raawwisaas ni hordofa.
Gareen kun sochiisaa hanga ammaatiinis mil’annaa qaamaa iddoowwan adda addaatti taasiseen zayitii, ruuzii, huccuufi sibiilota karaa seeraan alaa kuufaman qabee to’annoo poolisii jala akka oolan taasiseera.
Mootummaan kutattummaa qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuurratti qabuun qamadii, sukkaaraafi zayitii alaa bitee Fulbaana dhufurraa kaasee lammiileef dhiyeessuuf qophiirra jira.
Mootummaan naannoo Oromiyaas shira daldala keessatti uumamaa jiru to’achuuf magaalota hundarratti koree hordoffiifi to’annoo gabaa hundeessee tarkaanfii fudhachaa jira.
Kanarraa ka’uun jiraattonni tokko tokko akka jechaa jiranitti, tarkaanfii mootummaan gabaa tasgabbeessuuf fudhachuu eegale gaarii waan ta’eef ammasittifufiinsaan hojjetamuu akka qabu kan akeekuudha. Mootummaanis karaa ummata hirmachiseen hojichi walitti fufiinsa akka qabaatu gochuuf hojjechaa akka jiruudha kan eere.
Walumaagalatti qaala’ina jireenyaa waraana dinagdee wajjin walutubee biyyaafi ummata raasaa jirurra hatattamaan akka aanamuuf tarkaanfiiwwan eegalaman hawaasa hirmaachisuun nuffiifi harcaatii tokko malee cimanii ittifufuu qabu.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013