Kutaa 7fa
Asirratti toorri qaaccessa keenyaa hariiroon ummattoota Afrikaa bahaa jaarraa 16fa booda bu’aa seenaa hariiroo jaarraa eerame kana dura tureeti. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne waraanni mootummaa Habashaafi Islaamaa “Waraana Giraany” gidduutti jalqaba jaarraa 16fatti raawwatame bu’aa hariiroo jaarraa sadii (13fa-16fatti) isaan gidduutti tureeti. Seenaa hariiroo sana keessatti tokko isa biroo injifachuun olaantummaa walirratti agarsiisaa turaniiru.
Hariiroo sana keessatti milkaa’inni Mooticha Zaaraa Yaa’iqoob walakkeessa jaarraa 15fa keessa Mooticha Ifaat Ahmad Badley ajjeesee boqonnaa haaraa ture. Seenaa sana keessatti yeroo SulxaaneetiinShawaa barbadaa’etti giddugaleessa mootummaatu jijjiirame malee hawaasni iddoodhaa hingodaanne.
Godaansi ummataa yoo jiraates kan bulchiinsa (masaraa) mootummaa waliin socho’u namoota muraasa turan. Kana jechuun sababoota rakkoolee haala siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin ummattoonni iddoodhaa iddootti hinsochoone jechuu miti. Qabxii ijoon garuu sochii wiirtuu siyaasaa yeroo hunda sochii hawaasaa hordofsiisa jechuu miti.
Haaluma walfakkaatuun xiyyeeffannaan daangaa babal’ifannaa bulchiinsa Solomoonawaa mootummaa Islaamaa barbadeessuutti aansee ummattoota giddugaleessa Itoophiyaa har’aa gabbarsiisuu ture.
Enumaayyuu tarsiimoo mootummaa Islaamaa barbadeessuu keessatti dursa ummattoota giddugaleessa Itoophiyaa gabbarsiisuun deeggarsa walitti qabachuu ture. Adeemsicha keessatti walitti aansee dhiibbaan siyaasaafi amantii yoo xiqqaate jaarraa lamaaf Oromoorratti aggaamame gosoota Oromoo muraasa gabbarsiisee, amanitiisaanii jijjiirsisee ture. Kiristaanomuun gosoota Oromoo Yaayyaafi Galaan Abuna Takla Haymaanotiin (1215-1312) jalatti raawwatame kana keessatti eeramuu danda’a.
Dhiibbaawwan amantii yeroo dheeraa sun akka wiirtuuleen Gadaa Oromoo handhuura Oromiyaa har’aa irraa suuta suutaan gara Odaa Roobaatti akka socho’u taasiseera. Adeemsa sana keessatti hawaasni Oromoo hundi gara Odaa Roobaattiifi boodas gara Madda Walaabuutti hingodaanne. Humni mootummaa Kiristaanaa itti fufinsaan sana raawwatus hinturre. Kanaaf dhiibbaan irra haaga’u malee akkasumas maqaa kan biroon haa beekamu malee hawaasni Oromoo Shawaadhaa hanga Booranaatti Harargee hanga Wallaggaatti akka qubachuun ture tilmaamama. Kanas karaa hedduu mirkaneeffachuun ni danda’ama.
Tokkoffaa Mootolee Yekunoo Amlaak, Amdatsiyooniifi Libna Dingil yoo xiinxallu loltoota Oromoo akka gargaaramaa turan ragaan ni ibsa. Ragaan inni lammaffaan jalqaba jaarraa 16ffaa irraa eegalee gareen Oromoo sochiin walabummaa gaggeesse gurmuu Booranaafi Bareentuu yoo ta’u, garee kana keessatti kan hinhammatamin Orom Duroon akka turan ni beekama. Isaanis bara sochii Booranaafi Bareentuu sana seera moggaasaafi meedhachaan akka itti makaman himama.
Gareen Gadaa haaromsatee duula walabummaa jalqabe kunis sababa malee wiirtuu Gadaa ofii Madda Walaabuu maggaafatee biyya hinbeeknetti gurmaa’ee sochii walabummaa hingaggeessu. Kana immoo ragaa isa sadaffaatiin jabeessuun ni danda’ama. Innis seenaa odaalee kan akka Odaa Nabee, Odaa Roobaa, Odaa Bultum, Odaa Bisiliifi Caffee Bulluq waliin walqabatee qorannoon hanga ammaatti gaggeessame wiirtuuleen kun seenaa jaarraa 13ffaafi 14ffaa waliin walqabate akka qaban dubbatama.
Wiirtuuleen kunis sochii waraana bilisummaa jaarraa 16ffaa dura akka haaromsaman dubbatama. Karaa biraatiin Oromoon jaarraa 16ffaa gurmaa’ina gurguddoo lamaan beekama. Isaanis gurmaa’ina Sirna Gadaafi ijaarama gosaati. Sirni Gadaa kunis amala duraan qabu caalaatti jaarraa 15ffaa keessa akka haaromsameefi akka gara sirna walxaxaatti guddate eerama. Haaromsi sunis Sirna Gadaafi aadaa Oromoo ammayyaaf bu’uura akka ta’e himama.
Sirna Gadaa gadi fageenyaan kan qorate Pirofeesar Asmaroom Laggasaa akka eeranitti, gurmaa’inni Sirna Gadaa jaarraa 16ffaa irraa eegalee bifa walmadaalaa lama qaba: kan siyaasaafi kan amantii. Caasaan siyaasaa Abbaa Gadaan yoo hogganamu, amantiin immoo Abbaa Muudaatiin (Qaalluutiin) hogganama. Seenaa sochii Orommoo jaarraa 16ffaa kan sakatta’an Marid Walda Aragaay hawaasa Oromoo yeroo sana ture akkasitti ibsan.
They were a unified nation sharing a common religious leader, who was at the same time the source of political power. ….political organization was based on the Gada or age-set system. Yet though essentially democratic, no elected Luba or governing age-set began its office until it had received formal confirmation from the Abba Muda.
Hiikni isaas Oromoon hawaasa tokkummaa qabuufi hogganaa amnatii madda humna siyaasaa ta’e qabu. Gurmaa’inni siyaasaa Sirna Gadaarratti hundaa’a. Gadaan dimokraatawaa yoo ta’eyyuu lubni hoggansaaf filatame hanga beekkamtii Abbaa Muudaa argatuutti hojii bulchiinsaa gaggeessuu hindanda’u. Yeroo sanatti Oromoon heera ittiin bulmaataa akka tumateefi sirna walqixxummaa deeggaruun akka bulaa ture ni himama. Itti haa dabalamus, haa hir’atus malee aadaa Oromoon jaarraa 16ffaa ittiin jiraateefi kan si’anaaf bu’uuradha. Gadaan walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa haaromsame jedhamus bu’uura Sirna Gadaa ammayyaati.
Akka ragaan seenaa ibsutti, Oromoon waadaa guddicha waliif qabu (Kakaa Oromoo) kan inni Madda Walaabuutti raawwate jalqaba jaarraa 16ffaa ta’uu akka hinoolledha. Kakaan sunis bu’uura olaantummaa seera Gadaa akka tureefi seera walitti bu’iinsa Oromoo gidduu kamiyyuu daangessedha. Kaayyoon Kakaan Oromoo inni guddaanis tokkummaa Oromoo mirkaneessuufi faayidaa waliin hojjechuu akka ture himama.
Seera tokkoof bitamuun eenyummaa walfakkaatu qabaachuu, nageenyaafi tokkummaa qabaachuuf bu’uuradha. Ragaaleen hanga ammaa guyyaa itti waadaa ykn Kakaan Oromoo raawwatame yoo addeessuu baateyyuu bara itti Seera Gadaa haaromfamee Caffee Oromootti tumame ta’uu akka hinoolle tilmaamama.
Kakaan Oromoo hojiirra oolmaa seera Caffeef bu’uura waan tureef dhimma hawaasummaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba. Akka ragaan afoolaa ibsuttis, walitti dhufeenya gosoota Oromoo gidduu ture keessatti waadaan ykn kakaan Oromoo shoora olaanaa akka qabu himama. Gosti tokko kan biroo akka hin hacuucne, kan humna qabu isa humna hinqabne irratti olaantummaa akka hinagarsiifneef waadaa ykn kakaan Oromoo wabii ture jedhama.
Kakaan Oromo hanga yeroo ammaatti hawaasa Oromoo Sirna Gadaan bulu biratti cimaa akka ta’e himama. Uumamuun gurmaa’inni konfedereesii tokkummaa cimsuu caalaatti milkaa’ina bulchiinsa Sirna Gadaaf ta’uu akka hinoolle himama. Seenaan gurmaa’ina Gadaafi konfedereesii Booranaafi Bareentuus tarsiimoo hojiirra oolmaa bulchiinsa Sirna Gadaa waliin walqabata. Dabalataanis yeroo itti konfedereesiin Booranaafi Bareentuu uumame sirriitti eeruun yoo ulfaates adeemsa keessa jaarraa 12ffaa-14ffaa ta’uu akka hinoolle ragaaleen ni eeru.
Kunis adeemsa guddina Sirna Gadaafi gurmaa’ina hawaasummaa Oromoon tokkummaa uumuuf taasise ta’uu danda’a. Gosoonni Oromoo gurguddoon kan akka Sabbo-Goona, Kontomaa-Daarimu, Maccaa-Tuulama, Karrayyuu (Baasoofi Dullacha), Arsii (Siikkoo-Mandoo), Raayyaafi Yejjuu akkasumas Ituufi Humbannaa jaarraa16ffaa dura haa hundeeffaman malee caalmaatti gurmaa’anii seera qabeessaan walabummaa ofii tikfachuutti kan ciman jaarraa eerame kanatti ture.
Karaa biraatiin, biyya Oromoo ilaalchisee yaada barreeffama Abbaa Baahiree fudhatee kan ibsa itti kenne Alam Isheetee biyya Oromoo jaarraa 16ffaa duraa gammoojjii Booranaafi Kaaba Keeniyaa akka ta’etti ibsa. Kitaabni Baahiree mataduree “Seenaa…{Oromoo}” jedhamu kun kan barreeffamee xumurame bara 1593 yoo ta’u, kaayyoon isaas waa’ee Oromoo Mooticha Abisiiniyaa Sartsa Dingiliif gabaasuu ture.
Barreeffamicha keessatti Baahireen bara Mooticha Wanaag Saggad (1508-1540) Libna Dingil karaa Lixaa biyya isaaniirraa laga biyya isaanii galaana ce’anii dhufan jedha. Alam Isheetee dabalataan biyya Oromoo si’a sanaa mirkaneessuuf kaartaafi xiinxala Almeedaa, Biraawkamperiifi Cheerulii akka ragaatti dhiheessa. Jibbinsa saba Oromoof qaburraa kan ka’e Alam Isheeteen hortee Kuushummaa Oromoo haaluu yaala.
Qorattoonni seenaa bara giddugaleessaas jalamuranii mootummaa yookaan ummata giddugaleessa Itoophiyaa hanga jaarraa 16ffaatti qubatee ture kanadha jechuu hindandeenye. Barreeffamoonni tokko tokkos giddugaleessa Itoophiyaa har’aa ragaa quubsaa malee mootummoota adda addaa maqaa dhahu.
Ummattoota sochii Booranaafi Bareentuu dura turanis akka waan sochii sana keessatti Oromootti makamanii eenyummaan isaanii liqimsameetti barreessu. Kun kaayyoo lamaaf. Inni duraa abbaa biyyummaa Oromoo haaluu yoo ta’u, inni lammaffaa sochii Booranaafi Bareentuu keessatti Oromoon ummata hedduu moggaasaafi guddifachaan waan ofitti makeef Oromoo qulqulluun baay’ina akka hinqabneefi Oromoon eenyummaa isaatti akka shakku taasisuuf. Ragaaleen tokko tokko immoo giddugaleessa Itoophiyaa qubsuma ummataa malee akka waan lafa duwwaa turetti fakkeessuu yaalu.
Haata’u malee seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa seenaa ummattoota Afrikaa Kaaba Bahaarraa gargar baasnee ilaaluu hindandeenyu. Sochiin Booranaafi Bareentuu jalqaba jaarraa sana keessa eegale bu’aa hariiroo ummattoota jaarraa sana dura tureeti. Keessattuu hundeeffamni mootummaa Kiristaanaafi duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa sadiif (13ffaa-16ffaa) gaggeessame addatti hortee Kuush irratti dhiibbaa olaanaa geessiseera. Dhiibbaan sunis hortee Kuush addatti immoo Oromoo, Hadiyyaafi Sidaamaa giddugaleessaafi Kibba Bahaa Itoophiyaarraa gara Kibbaatti dhiibeera.
Jijjiirama Wiirtuu Siyaasa sirna Gadaa
Ummata Oromoo jaarraa 16ffaa dura wiirtuulee siyaasaafi hawaasummaa Fugugiifi Odaa Nabee taasifatee Sirna Gadaan bulaa ture irratti sababa dhiibbaa siyaasaafi amantii irraan gaheef wiirtuu Gadaa Tuulamaarraa gara Kibbaatti akka jijjiirratan dirqisiiseera.
Dhiibbaan kun bara bulchiinsa Mooticha Zaraa Yaa’iqoob (1434-1468) waan itti jabaateef Oromoon bara 1449 Madda Walaabuutti Sirna Gadaa haaromsatee diina cabsuun walabummaa gaggeesseera. Baruma kana waraanni mootichaa ummata mootummaa Ifaat, Sidaamaafi Hadiyyaa irratti waan cimeef Ifaat mootii isaa Ahmad Badley yeroo dhabu Sidaamaafi Hadiyyaan mootichaaf gabbaruuf dirqamaniiru.
Ittifufa…
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013