Murnoota ergamtuus ta’e ergituurratti ammas tokkummaan duuluu

 Baruma dhufaa gareeleen maqaa saboota cunqurfamoo diratanii nan qabsaa’aaf jedhan hedduu yoo ta’an, yoo keessoofi akeeknisaanii saaqamee ilaalame garuu kan argamu summii dammi irra dibameedha.

Tokko tokko maqaadhuma saboota cunqurfamoo kanaan daldaluun madda galiisaanii gabbifatu, ittiinis of jiraaachisu. Murnoota akkanaatiif nagaan bu’e jechuun maddi galiisaanii gu’e jechuu waan ta’eef tasumaa nagaan akka bu’u waan hinbarbaadneef karoora jeequmsaafi hokkaraa wiixinaa bulu.

Kaan ammoo oggaa ummanni hacuuccaa jalaa bahuuf lubbuusaa marartuufi kan ijoolleesaa gabbaraa turetti otoo diinatti rasaasa tokkollee hindhukaasin amma wayita ummanni bu’aa qabsoosaa dhandhamuu eegalutti daboo walwaamanii (kunuu diina biyyaafi ummata deegsaafi diigaa turee wajjin) badiif hiriiruun maal baasuuf dhama raasu nama jechisiisa.

Taateen kun dhugaa biyya keenyatti waggoota sadan darbanitti qabatamaan mul’ateedha. Akka ummanni torbanuma kana keessa hiriira mormii shororkeessitootarratti bahe, “Warri har’a daboo owwaatu oggaa ummanni daboo isa waamachuun irbaata qawwee ta’aa ture daggalatu irratti margee ture moo?” jechuun gaafate, gocha badiitiif alaa keessaa walwaamanii biyya diiguuf wixxirfachuun akkasumas ummata boqonnaa dhorkuun herreguma kamiinuu fudhatama hinqabu.

Gochi Shanee ummata Oromoofin qabsaa’a jedhuus qabatamaan kan mul’isu kanuma. Gareen kun dararaafi miidhaa yeroowwan adda addaatti ummaticharraan ga’aa ture callisee amma diina Oromoo ajjeesaafi buqqisaa turee wajjin hiriiruunsaa kaayyoosaa ifatti kan saaxileedha.

Akka hayyoonni siyaasaa ibsanittis, garee kun uumamusaarraa kaasee kaayyoo ergamtummaa malee kan ummatatummaa waan hinqamneef Oromoo kan bakka hinbuune ta’uu hojiisaarraa qabatamaatti hubachuun ni danda’ama. Murnichi injifannoo Oromoon qabsoosaatiin har’a argate gufachiisuuf warra gumaa wajjin halkanii guyyaa wixxirfataa jira.

Shaneen garee ABUT waggaa 27f ummata Oromoo ajjeesaafi qabeenyasaa saamaa turee wajjin tokkoomuun mootummaa Oromoofi ummanni biyyattii kuun wajjin hundeeffatan dadhabiisuuf ifatti beeksifatee diina biyya kanaa ta’uu ibseera.

Kaayyoo guddaan garee shororkeessitoota kanneenii dhimma aangoofi faayidaa dhuunfaa malee kan sabaa akka hintaane ummanni keenya hubachuun irratti qabsaa’uu qaba.

Shaneen har’as Oromoof qabsaa’uuf osoo hintaane Oromiyaa keessatti ergama ABUT fudhatee galmaan ga’uuf hojjechaa waan jiruuf ummanni Oromoo sirriitti hubatee tokkummaan irratti qabsaa’ee of keessaa baasuufi bakka jirutti qaama nageenyaa wajjin naannawasaa qulqulleessaa eeggachuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You