Hariiroon qaamni shororkeessaa Shanee fakkattiisaa shororkeessaa ABUT wajjin raawwate ergamummaasaa kallattiin kan agarsiiseefi diinummaa ummata maqaa dha’atuuf qabu caalaatti kan ifa baaseedha.
Shororkeessaa Shaneen har’a qofa osoo hintaane yommuu ummatni Oromoo gitasaa ABUT aangorraa kaasuuf qabsaa’a turetti hojii basaastummaa hojjechuufiin qaama qabsoon sabichaa akka ija hingodhanne gochaa tureedha.
Akka hayyoonni siyaasaa jedhanittis, qaamni kun kaleessa shororkeessaa ABUT aangoorra tursiisuuf har’ammoo aangootti deebisuuf qaama socho’aa tureefi jiruudha. Qaawwee dhukaasuus kan jalqabe gaafa qeerroon shororkeessaa ABUT wajjin harka duwwaa qabsaa’aa ture otoo hintaane erga fakkaattiinsaa, ABUT aangoo gad lakkiseeti.
Jijjiirama dura yeroo ummanni Oromoo mirgasaatiif qabsaa’aa turetti gochi shororkeessaa Shaneen qabsaa’ota Oromoo ajjeesuu ykn ajajaasaa ABUTf dabarsee kennaa ture. Kana ummanni Oromoo bal’aaniifi qeerroofi qarreen qabsicharra turan sirriitti hubatu.
Shororkeessaa ABUTs qaama Shaneefi miseensotasaa akkasumas namoota qulqulluu ilaalcha deggarsaa qabuuf jedhu maqaa shorokeessaa jedhamu itti moggaasee isnaayperiidhaan haleelaa ture. ‘Likkiitti’ galchina, humna qabna jechaas ture.
Murni kun Lafa dhiitus dhagaafi ulee qeerroon lafa erga dhahee har’a ABO Shanee kaleessa shororkeessaa jedhee arrabsaa ture harka naqabi waliin duulla yaanni jedhu ka’uun lamaanuu dhidhima laaqii keessaa hinkaane seenuusaanii agarsiisa.
Keessumaa warraaqsa diddaa gabrummaa murna shororkeessaa ABUT diiguuf qeerroofi qarreen Oromoo taasisaa tureen walqabatee Geetaachoo Raddaa ABO Shanee waanbadee, jeeqxota, shorokeessitoota isaan kana likkiitti galchuuf mootummaansaanii tarkaanfii barbaachisaa fudhata jechaa dhaadachaa ture.
Akkuma jedhanis ilmaan Oromoo hedduu maqaa ABO Shaneetii haamsisaa kan ture yoo ta’u, madaa hinqoorreefi godaannisa hindagatamne kaa’eera, kaa’aas jira.
Walumaagalatti qaamonni shororkeessitootaa hariiroo duramaanuu qabaachaa turan ifatti ibsuunsaanii ummata biyya kanaatiif bu’aa qaba. Kunis warri murnoonni kunniin diina ummata biyyattii ta’uu shakkaa turan akka adda baafatan gochuuf waan gargaaruuf. Silas walfakkaattiin walbaraaddi jedhama mitiiree!?
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013