Riippoortara gaazexichaatiin
Finfinnee: Hariiroon shororkeessaan Shanee shororkeessaa ABUT waliin taasisee ergamummaasaa kallattiin kan itti agarsiiseefi diinummaasaa ummata Oromootti itti ifoomsedha jedhu Obbo Taayyee Danda’an.
Ittigaafatamaa Kominikeeshinii Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa akka jedhanitti, Shaneen har’a qofa osoo hintaane yommuu ummatni Oromoo humna ABUT aangorraa kaasuuf qabsaa’a turretti hojii basaastummaa ABUTif hojjechuun qaama qabsoon ummata Oromoo akka ija hingodhanne gochaa tureedha.
Qaamni kun kaleessa shororkeessaa ABUT aangoorra tursuf har’ammoo aangootti deebisuuf qaama socho’aa ture ta’uu ibsanii, dhukaasus kan jalqabe gaafa qeerroon harka duwwaa shororkeessaa ABUT irratti duulaa ture osoo hintaane erga murnichi aangoo gad lakkisee booda ta’uu dubbatu.
Akka Obboo Taayyeen dubbatanitti jijjiirrama dura yeroo ummatni Oromoo mirgasaaf qabsaa’aa turetti hojiin shororkeessaa Shanee qabsaa’oota Oromoo ajjeesuu ykn immoo shororkeessaa ABUT dabarsee kennuu akka tureefi kanammoo isaan akk adhuunfaatti durumaa kaasanii akka beekan ibsaniiru. “Shororkeessaa Shaneen wayyaanee Afaan Oromoo dubbatudha. Garichi kaleessas raawwachiiftuu hoii shororkeessaa ABUT malee qaama dantaa ummata Oromoof hojjetuu miti. Michiimunsaanis, ABUT ummata Oromoo lafaafi qe’eesaa irraa buqqisaa turuun gochaa raawwataa ture anis harkan keessaa qaba jechuu isaati” jedhu.
Shororkeessitootni lamaan kunneen hariiroo qabaachuu ifatti ibsuun isaanii ummata biyya kanaaf keessattuu immoo Oromoof faayidaan inni qabu guddaa ta’uu eeranii, kunis shaneen diina ummata Oromoo ta’uusaa warri shakkii qaban akka adda baafatan gochuuf akka gargaaru kaasaniiru.
“Shaneefi ABUT diina ummata Oromooti; lamaan isaaniyyuu yeeron isaan itti bol’aa lixan dhihoodha; soddoomnisaanis soddooma milkii hinqabneedha. Ummatni Oromoos kana adda baasee waan beekuuf har’a Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbatee deggarsa isaa kallattii hundaan kennaa jira. Dargaggoonni kumtaatamaan lakkawaman fedhiisaanitiin RIBtti makamaan sababuma kanaafidha” jedhu.
Gorsaan Tarsiimoofi Hayyuu Dureen ABO Jaal Ibsaa Nagawoo gamasaaniitiin, gareen shororkeessaa ABUT bara ce’umsaa saba Oromoofi Amaaraa waliitti buusuuf jedhanii Baddannootti ofumaa namoota bollatti naqanii kaameeraan waraabaa ummataan ABOdha jechaa turuu kaasu.
“Kana paartiileen Oromoo dagatanii ammas diina Oromoota hafan fixuuf karoora qabatee socho’u waliin hojjeechuuf yaaduufi balaaleffachuu dhisuun kufaatii siyaasaa fida. Osoo Raayyaan Ittisa Biyyaa hinjiraanneeyyu Ummanni Itoophiyaa diina akka ABUT kana ofumaa ofirraa faccisee jiraata malee waan taa’ee ilaalu miti” jedhu.
“Oromoon seenaa baandummaa hinqabu. Warri seenaa akkasii qabutu sanummatti jira. Qorqalbiin namoota Oromoo tokko tokko walxiqqeessuu waan ta’eef qabsoosaas akka harkifatu taasiseera. Qaamoota qorqalbii akkasii qaban osoo diina waliin dhaabatee miidhama hinfidiin dhawaata akka hubatan taasiisuu, maddi rakkoo kanaa inaaffaadha. Yaada ‘‘Ana yoo ta’e malee biyyi biyya hintaatu’’ warra jedhudha” jechuun ibsu.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013