Qubsuma Oromoo Itoophiyaafi Keeniyaa keessa jirudeebi’ee ibseera. Akka inni barreessetti, Itoophiyaa keessatti sadarkaa sabaarra kan gahan ummata Amhaaraafi Tigree qofa. Ulaagaa isaa immoo bal’inaan ibsuu irraa ofqoqqobeera.
Haaluma walfakkaatuun Mootichi Hayilasillaaseen qomoo Oromoo yoo qabaatullee maallaqa guddaa ramaduun seenaa barreessitoota biyya Isiraa’eliifi biyyoota Awurooppaa adda addaa mindeeffachuun duula seenaa xureessuufi eenyummaa Oromoo balleessuu bal’inaan geggeesseera.
Jaarraa 8fa-16fa dura yeroo Oromoon giddugaleessa Itoophiyaa qabate jedhumu dura saboota kamtu ture gaaffii jedhuuf immoo akka isaanitti deebiin hinjiru.
Karaa biraatiin lammiin Iskootish Jamsi Birus bara 1769 Itoophiyaa kaabaa, Aksum, Gondoriifi biyya Oromoo Hara Xaanaa gara Kibbaa daaw’ate yaada Oromoon biyya Sudaan keessaa gara Itoophiyaa har’aatti babal’achuu hinoolu jedhu ibse.
Haata’u malee, yaada kana kan caalmaatti gabbisu ragaa seenaa afoolaa ykn arki’ooloojii hindhiheessine. Yaadni Birus dhiheesse garuu xiinxala hariiroo Oromoon hortee Kuush waliin qabuufi seenaa hortich qarooma laga Naayil ykn Abbayyaa waliin qaba jedhamuuf bu’uura ta’a.
Barreeffama seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti ilaalchi madaalamaan akka hinjirre barreeffamoota adda addaarraa hubachuun ni danda’ama. Seenaan sochii Oromoo Bareentuufi Booranaa jaarraa 16fa akka godaansaatti yoo barreeffamu, walitti bu’insi mootummaa Abisiiniyaafi Islaamaa jaarraa 16fa sababa ka’umsa waraanichaa Mootummaa Islaamaa taasisuun waraanichi weerara Ahmad Giraanyiin (Ahimad Ibrahim Aligaaz) moggaafame.
Weerarriifi aggaammiin mootummaa Sanyii Salamoonawaa jaarraa 13fa irraa eegalee hanga xumura jaarraa 16fatti taasifame ummattoota Gaanfa Afrikaa nagaa dhorkate garuu akka hojii qulqulluu biyya ijaaruuf taasifametti fudhatame. Kanaaf barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti kaan abbaa biyyaa kaan immoo keessummaa taasisanii barreessuun waanuma baratameedha. Oromoonis ummattoota abbaan biyyummaasaanii barreeffama seenaatiin haalamuu yaalame keessaa tokko.
Barreeffamoonni Itoophiyaatti saboota akka Oromoorratti ilaalcha kana keessatti barreeffaman caalaatti ilaalcha tuffii koloneeffattoonni Awurooppaa Afrikaarratti calaqqisiisan wajjin walfakkaata.
Qorataan afaanii lammii Ingiliz ‘Ulendroff’ keessa bahee “Oromoon bu’aa qarooma biyya Itoophiyaaf buuse hinqabu; aadaa qabatamaafi sadarkaan gurmaa’innisaanii ummata ollaasaaniitiin gadi” jedhee barreesse.
Cimina gurmaa’ina Sirna Gadaafi dandeettiifi hoggansa waraanaa Oromoo yeroo sanaa kan Abbaan Baahiree irra deddeebi’ee faarse haaluu yaalu. Kana malees, rakkoo siyaasa Abisiiniyaa jaarraa 16fa booda dhalateef sochii Oromoo sababa taasisa.
Barreessitoonni yaada kana liqimsamanis Oromoo akka lammii Itoophiyaa alaa dhufeetti ibsu. Barreeffamni Alaqaa Taayyee bara bulchiinsa Minilik barreeffame seenaa Oromoof boqonnaa tokko kenneera. Haata’u malee, guutummaan guutuutti ilaalcha aadaa Amaaraan waan guutameef akka waan Oromoo Itoophiyaa kaabaa hundi eenyummaansaa jijjiirameetti ibse.
Barreeffamni Atsimees karaasaa Oromoo akka weerartuu addaatti ilaaluun “Utuu Amaarri Goojjam, Dambiyaafi Tigraay hinittisuu baatanii Oromoon akka dambalii bishaanii biyya Misiraa akka weeraruu danda’u eeree, humni waraana Oromoos bara bulchiinsa Minilik burkutaa’e” jedha.
Barreeffamni Ullendrof, Alaqaa Taayyeefi ‘Huntingford’ barreeffama seenaa Itoophiyaa keesatti qorannoon seenaa ummataa ilaalcha giddugaleessaan (center-periphery) haguuggamuu isaanii calaqqisa.
Ilaalcha sana keessatti raawwiin Mootummaa Kiristaanaa yookaan ummata Habashaa akka biyya ijaaruutti yoo ilaalu gochi saboota kan biroo keessattuu sochiin konfederaasii Booranaafi Baarentuu akkasumas bulchiinsi Giraany akka biyya diiguutti ilaalamaa turan.
Keessattuu sochiin konfederaasii Booranaafi Baaarentuu barreeffama Itoophiyaa keessatti akka raawwii dhala namaa utuu hin ta’iin akka balaa uumamaa adabbiif mootummaa Kiristaanaatti ergameetti ilaalame. Ilaalchi barreessitoota akka Alaqaa Taayyee, ‘Huntingford’, ‘Ullendroff’, Geetaachoo Hayileefi Masfin Waldamaariyamiin calaqqise barreeffama seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti bo’oo ilaalcha seenaa dabee babal’iseera.
Haata’u malee, haala kana keessa otoo jiruu qorannoon Asmaroom Gadaa irratti bara 1973 gaggeesse akka waliigalaatti ummata gama Kibba Itoophiyaaf xiyyeeffannoon akka kennamu taasiseera.
Kitaabichi xiyyeeffannoo bulchiinsa Gadaaf, keessattuu Oromoo Booranaaf xiyyeeffannoo kennuunsaa qorannoo seenaa keessatti kallattii kan jijjiireedha. Ilaalchaafi aadaa seenaa barreessuu Itoophiyaa cabsuu irra darbee qorannoo hawaasa seenaan isaa dagatmeef xiyyeeffannoo waan kenneef qorannoo ummataa keessatti bu’uura ta’e.
Deebiin qorannoo kanaaf gama ilaalcha giddugaleessummaatiin kenname barreeffama ittisaati. Garuu, addatti qorannoon Donald Levine bara 1974 maxxanfame xiyyeeffannoo qorannoo ummataa giddugaleessarraa gara ummattoota kana dura carraa qorannoo hin arganneetti taasiseera.
Kana malees, ilaalcha giddugaleessummaa xiinxaluun seenaa hawaasummaafi aadaa ummata Itoophiyaa gara Kibbaa kan qoratan Wendy Jamesfi ‘Donald Donham’ qorannoo fuulduratti adeemsifamuuf karaa baneera. Ragaa barreeffamaa gita bittootaafi ragaa afoolaarratti hundaa’uun seenaa ummattoota kana dura hinqoratamiin qorataniiru.
Jijjiiramni guddaan gama qorannoo Oromootiin mul’ate karaa beektota Oromooti. Keessattuu baroota 1980moota irraa eegalee qorannoon seenaafi aadaa Oromoorratti mala qorannoo haaraan dhihaatan ilaalcha barreeffama seenaa Itoophiyaa xiinxaluufi diiguu danda’aniiru.
Kanneen keessaa qorannoon Dhinsaa Laaphisaa, Lamuu Baay’isaa, Nagaasoo Gidaadaa, Mahammad Hasan, Tasammaa Taa’aa, Abbaas Hajiifi kan biroo bu’uura qorannoo Oromoo tahaniiru.
Kanneen keessaa qorannoon Nagaasoofi Mahammad Hassan dhaha Sirna Gadaarratti hundaa’ee barreessan bu’uura qorannoo Oromooti. Qorannichi aadaa seenaa barreessuu Itoophiyaa haalaan kan xiinxale yoo ta’u, gama seenaa Oromootiin kallattii seenaan sabichaa ittiin barreeffamuu qabu ifatti agarsiiseera. Dhaabbataan hariiroo Oromoon Maccaa, Tuulamaa, Bareentuufi mootummaa Shawaa, Goojjam, Turkii, Misiraafi Amiirota Harar, akkasumas Poorchugaalawajjin qabu haalaan ibsa.
Qorannoon Tasammaa Taa’aa waraana gita bittoota Abisiiniyaafi Mootolee Maccaa gidduu jaarraa 19fa keessa ture mul’isa. Qorannoonsaa deemsa jijjiirama hawaas dinagdeefi siyaasaa Oromoo Maccaa, waldorgommii mootoleen humna jabeeffachuuf qabiyyee daangaarratti qabaniifi akkaataa adeemsi sun kufaatii Sirna Gadaaf sababa ta’e haalaan ibsa.
Xiyyeeffannoo qorannoo kanaa kan ta’e kan biroon xiinxala waraana daangaa babal’ifannaa jaarraa 19fafi adeemsa bulchiinsa mootummaa giddugaleessaa Itophiyaa waliin tureedha. Toora walfakkaatuun qorannoon Martitin ‘Pe,Salviac’fi Abbaas Hajii seenaa qabsoo Oromoon Arsii sirna Nafxanyaa ofirraa ittisuuf waraana Raas Daargeerratti taasise sirriitti ibsa.
Kana malees, qorannoon seenaa Lammiilee Xaaliyaaniin Truilzifi Marco Bassi Oromoo Maccaafi Boorana irratti gaggeessan guddina qorannoo seenaa Oromoo keessatti gahee olaanaa qaba. Boqonnaa kana keessatti hariiroo Oromoon saboota Afrikaa bahaa kan biroo wajjin qabu ibsuu yaalla. As keessattis walfalmii Oromoofi mootummoota akkasumas hawaasa Afrikaa bahaa waliin qabaataa ture xiinxalla.
Ragaan seenaa ummattoota Baha Afrikaa keessattuu kan bara gidduugaleessaa qabatamaafi bifa quufsaa ta’een ibsu hinargamne. Seenaan kennamus ragaa qabatamaatiin waan hindeeggaramneef amansiisaa miti.
Barreeffamoonni karaa mootummaa Habashaafi Sulxaanota Islaamaa jiranis ibsa waa’ee mootummaa Kiristaanaa, Islaamaafi ummattoota kan biroorratti yaada madaalamaa hinqaban.
Garee ofii faarsuu, garee kan biroo immoo abaaruun, waraana daangaa babal’ifannaa ofii hojii eebbifamaa akka ta’e barreessaan biroo immoo hojii jinnii taasisuun barreessan. Adeemsa akkasii keessatti ummanni tokko lammii, kaan immoo biyya kanaaf alagaa taasifamee barreeffame.
Kanaaf akka waliigalaatti beekumsi seenaa ummattoota Itoophiyaa keessattuu kan Oromoo jaarraa 16fafi isa dura jiru loogiin kan guuttameedha. Kunis sababoota guguddoo lamaaf ta’a: dhabiinsa aadaa barreeffamaafi qorannoo seenaa Itoophiyaa keessatti dagatamuu ykn irra darbamuuti.
Oromoon seenaafi aadaa ofii barreeffamaan utuu hinta’iin argaa dhageettiidhaan dhalootarraa dhalootatti dabarsa. Aadaan kunis afoola guddisuu keessatti shoora olaanaa haa qabaatu malee seenaan hawaasichi dabarse qabatamaan katabamee akka dhalootatti darbu taasisuu hindandeenye.
Sababa kanaaf hanga guyyaa bilisummaa Afrikaatti (1960tatti) afoolli akka ragaa seenaa qabatamaatti waan hinfudhatamneef ummattoonni afaan barreeffamaa hinqabaatiin seenaa hinqaban jedhamaa ture. Kun immoo kaayyoowwan biroo dabalatee qorannoo seenaa Itoophiyaa keessatti seenaan Oromoo akka irra darbamuu ykn dagatamuuf sababa ta’eera.
Sababii lammaffaan ta’e jedhame seenaa Oromoo bira darbuufi ummata gama siyaasaa, dinagdeefi hawasummaa ijaaramasaarratti loogii hojjetamaa ture ta’uusaati. Qorannoowwan hanga ammaatti mul’ataniinis haala seenaa waliigalaa yeroo sanaarratti hunda’uun tilmaama ofii kaa’uurraa kan hafe ibsa quufsaa hinkennan. Barreeffamni seenaa Oromoo ibsus akkuma armaan dura eerame ilaalcha madaalamaa hinqabu.
Waa’een Oromoos kan barreeffame dhimma mootummaa Habashaa keessatti barbaadamee wajjin walqabsiifameeti. Akka waliigalaatti garuu kallattiinis ta’e alkallattiin barreeffamoonni seenaa Oromoo jaarraa 16fa ibsan seenaa cimina gurmaa’ina Oromoofi Sirna Gadaa utuu hinjaalatiin ragaa bahu. Seenaa barreeffamoonni kunniin ifaan ifatti haalaniifi deebii hinargatiin hangaafi biyya Oromoo jaarraa 16fatti. Kun immoo kaayyoo siyaasaatiif jecha akka ifatti hinbaane barbaadameeti.
Utuu hariiroo Oromoofi ummattoota Afrikaa Bahaa yeroo sana turetti hincehiin gaaffii “Oromoon jaarraa 16fa hawaasa attamii ture? Eessa jiraataa ture?” jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Oggaa gaaffilee kunniin deebii argatan “Biyyi Oromoo eessa? Oromoon ummattoota kam waliin hariiroo attamii qabaachaa ture” jedhuuf deebii taha.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013